Siiraa-Lakk.18.1

Offline dubbisuf

Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunnamekutaa 2

3-Rakkoo Ammaar ibn Yaasir, Abbaa isaatii fi haadha isaa irra gahee
Abbaan Ammaar, Yaasir hundeen isaa Makkaan keessa osoo hin ta’in gosa Yaman irraa Banu Anas jedhamtu keessaayyi. Yaasiri fi obboleeyyan isaa lamaan Haaris fi Maalik obboleessa isaanii barbaaduf gara Makkaa dhufan. Haarisi fi Maalik gara Yaman ni deebi’an, Yaasir immoo Makkaan keessa jiraataa ta’uun ture. Innis Abu Huzeeyfah ibn Al-Mughiirah gosa Makhzuum irraa ta’e waliin ni gamtoome.  Abu Huzeyfaanis gabritti isaa maqaan ishii Sumayyah bint Khayyaax jedhamtu Yaasiritti heerumsiise. Ishiinis Ammaarin ni deessef. (Akka gadaa duritti gabrittin daa’ima yoo deesse, daa’imni kunis gabricha ta’a). Abu Huzeyfaan Ammaarin bilisa erga baase booda homaa osoo hin turin ni du’e. Ergasii Islaamni ni dhufe. Yaasir, Sumayya, Ammaari fi obboleessi isaa Abdullah ibn Yaasir Islaama keessa seenan. Kan isaan bilisa baase bani Makzuum irraa waan ta’eef maatiin Yaasir erga Islamaawanii booda, Banin Makhzuum adabbii gosa adda addaa isaan irratti roobsu jalqabde. Yommuu aduun walakkaa samii irra geessee garmalee hoo’itu gara ashawaa gammoojitti isaan baasun azzabu. Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu isaan azzaban isaan biraan darbuun akkana jedhuun, “Obsa yaa maatii Yaasir, dhugumatti bakki isiniif waadaa galame Jannata.” Abu Jahl gara Sumayyah dhufuun akkana ishiin jedhee, “Jaalala isaatiif malee Muhammaditti wanta biraatiif hin amanne.” Sumayyanis jecha isarratti jabeessite waqqaste. Abu Jahlis, qaama hormaata keessa xiyyaan waraanun ishii ajjeese. Sumayyaan (radiyallahu anhaa) Islaama keessatti nama jalqabaa shahiida taatedha. Wanta garmalee qaali ta’e, jireenya ishii ni wareegde. Haala kanaan Sumayyaan wareegamaa fi gootummaa guddaa karaa Rabbii keessatti goote dabarte. Kuni dubartoota Muslimaatiif fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Ishiin erga duute booda abbaan manaa ishiis Yaasir adabbii cimaa jalatti du’e.

Ergamaan Rabbii (SAW) maatii Yaasir gargaaru fi adabbi jalaa baraaruf dandeetti hin qabu ture. Maatiin barakaa qabu kuni dhaloota dhufuuf fakkeenya gaarii akka ta’uuf wanti inni gochuu danda’uu, Jannataan isaan gammachiisu, obsa irratti isaan jajjabeessu fi isaaniif du’aayi gochuu qofaadha.

Ammaar immoo haadha fi abbaa isaa booda yeroo dheeraa adabbii gosa adda addaa itti baadhatu jiraate jira. Inni garee dadhabdootaa maatii isaan eegu fi isaan irraa dhoowwu hin qabne keessatti ramadama. Qureeshonni namoota dadhabdoota kanniin akka amanti isaanii irraa duubatti deebi’aniif, walakkaa guyyaatiin ashawaa garmalee hoo’a ta’e irratti isaan azzabu (adabu). Ammaar hanga wanta jedhu hin beekne gahuutti azzabamaa ture. Mushrikoonni isa azzabuuf yommuu qaban hanga nabiyyii (SAW) arrabsuu fi sanama isaan gabbaran wanta gaariin faarsutti gadi isa hin dhiifne. Yommuu Ammaar gara Nabiyyii (SAW) dhufu, Nabiyyiin haala badaa fuula isaa irraa yommuu argan maal akka ta’e gaafatan. Ammaaris ni jedhe, “Sharriidha. Rabbiin kakadhee mushrikoonni gadi na hin lakkisne (na azzabu hin dhiisne) hanga waa’ee kee ilaalchisee wanta badaa dubbadhuu fi sanama isaan gabbaran immoo wanta gaariin kaasutti malee.” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Qalbii tee akkamitti argattaa?” (Kana jechuun yommuu isaan dirqamaan kana si jechisiisan qalbiin tee haala akkamii keessa jirtii?). Ammaaris ni jedhe, “Iimaanan tasgabboofte jirti.” Nabiyyinis ni jedhan, “Yoo isaan deebisan atillee deebisi.” (Kana jechuun qalbiin tee iimaanan tan tasgabboofte yoo taate, lubbuu tee baraaruf wanta isaan dirqiin si jechisisan jedhi.) Dhugummaa Ammaar wanti mirkaneessu Aayan Qur’aana ni buute:

Qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtu nama dirqisiifamee malee, amanuu isaa booda namni Rabbitti kafaree fi kufriif qoma isaa bal’ise, Rabbiin irraa dallansutu isaan irra jira, isaaniif azaaba (adabbii) guddaatu jira.” Suuratu An-Nahl 16:106

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haala fokkataa nama erga amanee booda kafaree dubbata. Namni kafare kuni haqa erga argee booda irraa jaame, erga dhagahee booda duudaa ta’e, erga qajeele booda jallinnatti deebi’e. Kufriif qoma ofii bal’isee. Kana jechuun kufritti ni gammade. Namoota akkanaa, Gooftaa Rahiim ta’e irraa dallansu cimaa ta’etu isaan irratti bu’a. Akkasumas, azaaba garmalee guddaa fi cimaa ta’etu isaaniif jira. Sababni erga amananii booda akka kafaran isaan taasise, “Aakhirah caalaa jireenya addunyaa waan jaallataniifi” Suuratu An-Nahl 16:107

Addunyaa gabaabdu fi biliclicii ishii dharra’uun, kheeyri Aakhirah immoo dhiisun Islaama irraa duubatti deebi’an. Yommuu isaan iimaana irra kufrii jaallatan, Rabbiin qajeelcha isaan dhoowwate, isaan hin qajeelchu. “Dhugumatti, Rabbiin namoota kaafira ta’an hin qajeelchu.” Erga amananii booda gara kufriitti deebi’un amalli isaanii kufrii (waakkachuu fi haqa fudhachuu didu) kan ta’e Rabbiin hin qajeelchu. [1].

Garuu namni kana keessa hin seenne, nama qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtuu, jecha kufrii akka dubbatu dirqisiifameedha. Kana jechuun qalbiin isaa iimaana irratti kan gadi dhaabbattee fi hin jijjiramne taatee osoo jirtu arraba qofaan jecha kufrii irratti dirqisiifame san yoo jedhe, kuni homaa rakkoo hin qabu. Garuu iimaama (hogganaa) namoonni baay’een hordofan yoo ta’e, jecha kufrii osoo dubbatu baate isaaf wayya. Kanaafi, imaamu Ahmad waa’ee Qur’aanatiif yommuu qoramu, namoonni isa waliin jiran, “Jecha kufrii kana jette maaliif lubbuu tee hin baraarre” jedhaniin. Garuu inni namoonni isa hordofan baay’ee waan ta’aniif jecha kufrii dubbachuu didee adabbii irratti obse. Sababni isaas, namoonni isa hordofuun jecha kufrii jedhu. Kuni immoo miidhaa guddaa fida. Gama biraatin, namni hordoftoota baay’ee kan hin qabne yoo ta’e, jecha kufrii jedhee lubbuu ofii baraaru danda’a. Garuu qalbiin isaa iimaanan tan tasgabboofte ta’uu qabdi. Akka fakkeenyaatti, Ammaar ibn Yaasir fudhachuu dandeenya. Qalbiin isaa iimaanan tan tasgabbooftedha. Lubbuu ofii baraaruf jecha kufrii irratti dirqiisifame arraba qofaan dubbate. Kuni homaa rakkoo hin qabu. “Qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtu nama dirqisiifamee malee

Namni erga amanee booda kafaree fi qalbii isaatiin kufrii jaallatee fi itti gammade, adabbiin isaa xiqqaa miti. Akka nama Islaaman booda peenxe ta’ee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala kana irraa nu haa tiiksu. Namoota akkanaa adabbii isaanii itti fufuun ni jedha:

Warri suni kanneen Rabbiin qalbii isaanii, dhageetti isaanii fi argituu isaanii irratti cufeedha. Isaan sun gaafiloota. Aakhiratti isaan kasaartota akka ta’an shakkiin hin jiru.” Suuratu An-Nahl 16:108-109

Yommuu isaan kufrii filatan, qalbii, dhageetti fi argituu isaanii irratti Rabbiin ni cufe. Kheeyrin isaanitti hin seenu, wanti isaan fayyadu isaan keessatti hin lixu. Gaflaan isaan haguuge.[2] Gaflaa jechuun wanta tokkotti xiyyeefannoo itti kennuu dhiisudha. Erga amananii booda waan kafaraniif, ammas Aakhiratti wanta mindaa guddaa isaaniif argamsiisuu fi adabbii jalaa isaan baasu xiyyeefannoo itti kennanii waan hojjachuu dhiisaniif, “Aakhiratti isaan kasaartota akka ta’an shakkiin hin jiru” Kasaaru jechuun wanta tokko dhabuu fi balleessudha. Namoonni kunniin yommuu mindaa guddaa dhabanii fi nafsee ofii adabbiif saaxilan kasaaraa guddaa kasaaranii jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kufrii kasaaratti nama geessu fi kasaaraa Guyyaa Sanii irraa nu haa tiiksu.

Sababni aaya tana daran ibsuu barbaanneef, namni rakkoo Bilaali fi Ammaar dabarsan ilaaluun iimaana irratti akka jabaatufi. Namoonni kunnin rakkoon isaan qunname garmalee haa guddatuyyuu malee taakku takka Islaama irraa duubatti hin deebine. “Nama osoo rakkoon hin qunnamin Islaama irraa duubatti deebi’e, adabbiin isaa akkam ta’inna ree laata?” jedhee namni tokko gaafachu danda’a. Aayaanni armaan olii adabbii kana ni ibsu. Kanaafu, kuni dargaggoota keenyaf qabeenyaa fi hasaasa peenxetin gowwoomun akka of hin kasaarsine yaadannoo fi akeekachiisa cimaa ta’a.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 523
[2] Madda olii
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 153-154, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/399-401

Siiraa-Lakk.18.2
Siiraa-Lakk.17.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply