Siiraa-Lakk.18.2

Offline dubbisuf

Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunnamekutaa 3ffaa
4-Sa’d ibn Abi Waqqaas (radiyallahu anhu)
Sa’d immoo haadha isaa kaafira taaten qorame. Hanga amanti ishiitti deebi’utti nyaataa fi dhugaati ni didde. Ibn Kasiir ni jedha, “Xabaraanin kitaaba “Al-Ashrata” jedhu keessatti ni jedha: Sa’d aayan tuni isa ilaalchiste akka buute ni dubbata:

Yoo isaan lamaan waan beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi. San booda deebiin keessan gara Kiyya, ergasii waan isin hojjataa turtan isinitti hima.” Suuratu Luqmaan 31:15

Sa’d ibn Abi Waqqaas ni jedha: Ani nama haadha tiyyaaf tola oolu ture. Yommuu ani Islaama keessa seenu, haati tiyya ni jette, Yaa Sa’d! Amantiin haarofti ati qabatte kuni maaliidhaa? Takkaa amantii kee kana ni dhiista takkaa immoo ani hanga du’utti hin nyaadhu, hin dhugu. Ergasi yoo ani du’e, sababa kiyyaan ni salphatta. “Yaa haadha ofi kan ajjeese” jedhama. Ani ni jedheen: Kana hin hojjatin yaa haadha koo! Ani homaafiyyuu jedhee amanti kiyya kana hin dhiisu. Guyyaa tokko fi halkan tokko osoo homaa hin nyaatin turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Garmalee tan dadhabdu taate bariisifatte. Yommuu kana argu ani ni jedhe: Yaa haadha koo! Ni beekta, Rabbiin kakadhe! Osoo ati nafsee dhibba (100) qabaatte, nafseen hundi takka takkaan si keessaa baate, amanti kiyya kana homaafiyyuu jedhee hin dhiisu. Yoo feete nyaadhu, yoo feete immoo hin nyaatin. Ergasii ishiinis ni nyaatte.”  (Tafsiir Ibn Kasiir 3/446)

Imaamu Muslim (Sahiih 1748) keessatti akka gabaasetti, Haati Sa’d hanga kafaruutti akka gonkumaa isa hin dubbisne, hin nyaannee fi hin dhugne ni kakatte. Akkana isaan jette: “Rabbiin haadha abbaaf tola oolu dhaama” jechuun odeessita. Ani haadha teeti, anis wanta kanatti si ajaja (kana jechuun akka Islaama irraa duubatti deebitu si ajaja).” Sa’d ni jedhe: Dadhabbii irraa kan ka’e hanga gaggabdutti guyyaa sadii ni turte.” Mucaan ishii Umaarah jedhamu gara ishii deemun wanta dhugamu kenneef. Sa’din abaaru jalqabde. Ergasii Rabbiin Qur’aana kabajamaa keessatti aayata tana buuse:

29:8

“Haadhaa abbaa isaatiif tola oolu namaaf dhaamne jirra. Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtan isinitti hima.” Suuratu Al-Ankabuut 29:8

Ammas aayah suuratu Luqmaan armaan olitti kaasne buuse: “Yoo isaan lamaan waan beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi. San booda deebiin keessan gara Kiyya, ergasii waan isin hojjataa turtan isinitti hima.” Suuratu Luqmaan 31:15

Dhugumatti haati Sa’d qormaata cimaa isa qortee jirti. Garuu inni ni obse. Kuni hangam iimaanni qalbii isaa keessatti akka gadi lixe agarsiisa. Hanga kana seena Sa’d erga ilaalle hiikni aayaata armaan maal akka ta’an mee haa ilaallu:

Aayaanni lamaan armaan olii kunniin kan wal guutanii fi akka sansalataa kanneen wal jajjabeessaniidha. Namni tokko akkana jechuun gaafachu danda’a, “Fitnaan (qormaanni) cimaan sababa amantiitin nama tuqu gara kaafiroota fira hin taanee irraa yoo namatti dhufe, wanti namarraa eeggamu obsaan  hanga danda’an isaanitti qabsaa’u fi ofirraa ittisuudha. Garuu fitnaan gara haadha abbaatin ykn isaan lamaan keessaa tokkoon yoo ta’ee hoo akkam godhanii? Rabbiin immoo isaaniif tola akka oolan ajaje jira.”

Gaafi kanaaf, deebiin gabaaban haala kanaan dhufe: “Haadhaa abbaa isaatiif tola oolu namaaf dhaamne jirra” kana jechuun ilma namaatiif haadha abbaa isaatiif hojii fi dubbiin tola akka oolu ajajne jirra. Waan gaarii akka isaan lamaaniif hojjatu dhaamnefi jirra.

Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.” Anaaf shariika ta’uu isaa wanta hin beekne akka Na waliin gabbartuuf (waaqefattuuf), haadhaa fi abbaan kee si dirqisiisuun ykn si kadhachuun yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin. Yoo kana keessatti isaaniif tole jettee isaan hordofte, kaafirota keessaa taata. Akkuma mushrikoota biroo Guyyaa Murtii Jazaa kufrii keeti Jahannam keessa yeroo hundaa turun argatta. Jechoota kana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhimma amantitiif beekumsi hundee akka ta’e ibsa. Ragaa sirrii ta’een wanti beekumsi mirkaneessu, itti amanamu kan qabuudha.

Rabbiin waliin shariikni akka jiru ragaan beekumsa sirrii irratti hundaa’e hin jiru. Inumaa shirkiin baaxila fi yaada sobaa sheyxaanni uume akka ta’ee ragaan beekumsa sirrii irratti hundaa’e ni ibsa[1]

Amma gara suuratu Luqmaan haa deebinu:
“Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu.” Waan gaarii isaanitti oolun, wanta badiin keessa hin jirre keessatti isaaniif ajajamuun isaan waliin jiraadhu. Garuu isaan wanta badaa akka kufrii, shirkii fi wantoota Rabbiin dhoowwe birootti yoo si ajajan, isaaniif tole hin jedhin, isaan hin hordofin.Laa xaa’ata limakhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessanii uumamtotaaf ajajamuun waan hin jirreef.)

 “Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi.” Kuni namoota Rabbitti, Malaykoota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Aakhiraatti fi Qadaratti amananii fi Gooftaa isaanitiif ajajamanii fi gara Isaatti deebi’aniidha. Namoonni kunniin Nabiyyootaa fi mu’mintoota (warra amananii) isaan hordofaniidha. Karaa isaanii hordofuun kan ta’uu, qalbiin gara Rabbii deebi’uu fi qaaman wanta Isa gammachiisu hojjachuun karaa isaan irra deemanirra deemudha.[2] Kanaafu, karaan isaanii karaa qajeela Natti geessu waan ta’eef karaa isaanii hordofi. Bitaa fi mirga karaa jallataa sheyxaanonni jinni fi namaa itti waaman hin hordofin. Karaa jallataa yoo hordofte, adabbii guddaaf of saaxiltaati.   

“San booda deebiin keessan gara Kiyya, ergasii waan isin hojjataa turtan isinitti hima.” Kana jechuun jireenya addunyaa keessatti imala qormaataa fi erga duutanii booda jireenyaa biraatti isin kaasa. Jireenya lammata tana keessatti deebiin keessan gara qorannoo, murtii dabarsuu fi jazaa hojii irra oolchu ta’a. Dhugumatti, jireenyi addunyaa tuni jireenya qormaatati. Jireenyi lammataa immoo jireenya jazaati. Guyyaa Qiyaamaa jireenya qormaataa keessatti wanta dabarsitaniif isin qorachuuf iddoo murtii Kiyya yommuu dhaabbattan, kheeyris ta’ee sharrii irraa, Anaaf ajajamuu ta’ee Na faallessuu irraa wanta hojjattan hunda isinitti hima.[3]

Jazaa (mindaa) namoota iimaana irratti gadi dhaabbatanii fi daandii qajeelaa hordofanii suuratu Al-Ankabuut keessatti itti aanse ni jedha:

29:9

Kanneen amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota keessa isaan seensifna.” Suuratu Al-Ankabuut 29:9

Kana jechuun warroota iimaana dhugaa sirrii ta’ee irratti gadi dhaabbatan, fitnaan (qormaanni) homaatu iimaana isaanii irraa kan isaan hin bunnee fi dhugaa iimaana isaanii hojii gaggaarii hojjachuun kan ibsan, Guyyaa Murtii garee namoota gaggaarii keessa isaan seensifna.[4]

Ibn Kasiir aaya tana ilaalchise ni jedha: [Abbaa fi haati kee] mushrikoota ta’anii amanti [shirkii] isaanii akka hordoftuuf yoo sitti qabsaa’an, of eeggadhu, of haa eeggatan, kana keessatti isaaniif tole hin jedhin. Guyyaa Qiyaama deebiin keessan gara Kiyya. Isaaniif tola oolu keetii fi Islaama irratti obsuu keetiif mindaa siif kafala. Osoo namoota hundarra addunyaa keessatti kan isaanitti dhiyaattu taateyyuu, garee haadhaa abbaa keeti waliin osoo hin ta’in* saalihota (warroota gaggaarii) waliin si kaasa. Guyyaa Qiyaamaa namni nama jaallatu waliin kaafama. Kana jechuun jaalala amantiiti. Kanaafi Rabbiin olta’e ni jedha: “Kanneen amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota keessa isaan seensifna.”[5]

*Kuni abbaa fi haati kaafira yoo ta’aniidha. Abbaa fi haati kaafira ta’anii yoo du’an garee kaafiraa waliin kaafamu. Ilmi mu’mina yoo ta’e immoo abbaa fi haadha irraa addaan bahuun mu’mintoota waliin kaafama. Gama biraatiin abbaa fi haati mu’mintoota yoo ta’an, garee mu’mintoota waliin kaafamu. Ilmis mu’mina yoo ta’e isaan waliin kaafama.

Guduunfaa
☛Qormaanni sababa amantiitiin nama tuqu nama alaa qofaan osoo hin ta’in maatii irraas nama tuqa. Qormaanni sababa amantiitiin haadhaa abbaa irraa yoo nama tuqe, qajeelfamoota madaallamo Qur’aana keessatti dhufan kanniin hordofuun wanta nama baasudha:
1-Dhimmoota addunyaan wal qabatan keessatti isaaniif tola oolu. Kanneen akka dubbii gaarii isaanitti dubbachuu, hojii gaarii isaaniif hojjachuu, isaan arrabsuu fi miidhu irraa of qusachuu. Isaaniif du’aayi gochuu fi kkf.
2-Yoo shirkii, kufrii fi hojii badaa Rabbiin dhoowwe akka hojjatan nama ajajan ykn hojii dirqamaa Rabbiin ajaje akka dhiisan yoo ajajan, isaaniif tole jechuu dhiisu. “Laa xaa’ata limakhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessanii uumamtotaaf ajajamuun waan hin jirreef.)”
3-Dhimma amanti keessatti haadha fi abbaan jallinna irraa yoo jiraatan karaa isaanii osoo hin ta’in karaa mu’mintoota (warroota amananii) hordofuudha. “Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi.” jedhu keessatti ni arganna.
4-Dubbii gaarii isaanitti dubbachuu-osoo jallinnaa fi dogongora irra jiraataniyyu isaan arrabsuu osoo hin ta’in dubbii gaarii fi laafaa ta’een isaan amansiisuf carraaqudha. Ragaa kanaas Qur’aana keessatti ni arganna: “Gooftaan keetis akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteesse jira. Osoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaani yookiin lamaanu yoo sadarkaa dulummaa irra gahan, jecha hifannaa [uff] isaaniin hin jedhin. Isaaniinis hin lolin. Jecha kabaja isaaniin jedhi.”  Suuraa Al-Israa 17:23
☛Akka fakkeenyatti Nabii Ibraahimin (aleyh salaam) ilaalu dandeenya. Abbaan isaa kaafira daangaa darbe ture. Abbaan isaa yommuu isa arrabsuu fi akeekachisuu, Nabii İbraahim, “Yaa abatii (Yaa abbaa koo)!…” jedhe jalqabuun gorsa bareedaa fi dubbii mi’aawaa itti dubbata ture.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/715
[2] Tafsiiru Sa’dii-761
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 11/718
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 15/228
[5] Tafsiir ibn Kasiir 6/48
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula154-155, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/402

Siiraa-Lakk.18.3
Siiraa-Lakk.18.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply