Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.5

Offline dubbisuf

D. Aasaara (Bu’aa) Maqaalee Rabbii “Mootii (Al-Malik)” fi “Qabaataa (Al-Maalik)” itti amanuun argamuu
Kutaa darbe keessatti hiikni maqaalee Al-Malik fi Al-Maalik maal akka ta’an ilaalle jirra. Al-Malik Mootii yommuu ta’u, Al-Maalik immoo Qabaataa ykn dhuunfataadha. Namni dhugaadhaan hiika Mootii fi Qabaataa yoo hubate, dukkanni baay’een isarraa saaqama. Mootii fi Qabaataan haqaa eenyu akka ta’e yoo beeke, eessarraa akka dhufe, maaliif akka jiraatu, akkamitti akka jiraatu fi gahuumsi isaa eessa akka ta’e beeka. Sababni isaas, Mootiin Haqaa kan isa argamsiisedha, namni maaliif akka jiraatu fi akkamitti akka jiraatu ibsuuf ergamtoota Kan ergee fi Kitaabban buusedha. Ammas, gahuumsi nama hundaa eesse akka ta’e ni beeksise. Namni kana hunda kan hubatu Mootiin maal akka ta’e yoo beekedha. Mee amma bu’aalee maqaa kana beeku fi itti amanuu irraa argamu muraasa isaa haa ilaallu.

1-Ajajamuu, harka kennuu fi Isaaf of gadi qabuu Akkuma kutaa darbe keessatti jenne Mootii jechuun kan ajajuu fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabuu, wanta fedhe kennuu fi dhoowwatuudha. Ammas, Mootiin aangoo ol’aanaa kan qabuudha. Maalik jechuun immoo qabaataa ykn wanta tokko kan qabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qabaataa (Maalik) fi Mootiidha. Akkuma beekkamu mootiin wanta tokko yoo qabaate fi too’ate aangoo ajajuu fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabuu, wanta fedhe kennuu fi dhoowwachuu horata. Akkasi miti ree? Mee amma haa xinxallinu, Mootiin wanta tokko yoo ofii hojjate fi argamsiise, wanti suni kan isaa ta’aa miti ree? Wanta hojjate fi argamsiise kana irratti aangoo qabaa miti ree? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiiwwan torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda Kan argamsiisee fi uumedha. Wantoonni Inni argamsiise fi uume kunniin hundi kan Isaa ta’u. Kanaafu, Aangoo isaan ajaju fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabuu, wanta fedhe kennuu fi dhoowwachuu qaba. Wanta fedhe mootumma Isaa keessatti hojjachuu danda’a. Amaloota kanniin kan qabu Mootii jennaan.

Namoota Kan uumee Rabbii Tokkicha. Namoota kan uume Isa erga ta’ee Mootiin Haqaa isaanii Rabbiidha jechuudha. Qur’aana keessatti:

Jedhi, “Gooftaa namootaattin maganfadha. Mootii namootaa [kan ta’e], Gabbaramaa namootaa [kan ta’e],” Suuratu An-Naas 114:1-3

Namni tokko, Mootiin Haqaa namoota hundaa Rabbiin ta’uu yoo beeke fi amane, haqa Mootiin isarraa qabu beekun galmaan gahuuf carraaqa. Akkuma duratti jenne Mootiin namoota ni ajaja, ni dhoowwa. Kanaafu, dirqamni lammilee irra jiru Mootiif ajajamuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii, dachii, namoota fi wantoota biroo Kan uume Isa waan ta’eef, kan Isaan dhuunfatee fi Mootii isaaniiti.

Wantoota armaan olii gaafi fi deebii A fi B jidduutti adeemsifameen ifa gochuu dandeenya:
A: Maaliif Rabbiif ajajamtaa?
B: Rabbiin Mootii kiyya waan ta’eefi. Mootiin kan ajajuu fi dhoowwu waan ta’eef dirqamni nama irra jiru Mootiif ajajamuudha. Dabalataan, namni Mootiif ajajamee fi wanta Isa gammachiisu hojjate, Mootiin mindaa guddaa isaaf kenna.
A: Maaliif wanta Inni dhoowwe dhiistaa ykn irraa fagaattaa?
B: Rabbiin Mootii samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hundaa waan ta’eef, nama mootummaa Isaa keessatti waan badaa hojjatee fi Isa faallesse adabbii cimaa adaba. Kanaafu, namni qaruuteen adabbii Mootii jalaa bahuuf wanta Mootiin haqaa dhoowwe irraa ni fagaata, wanta Inni itti ajaje ni hojjata.
A: Rakkooleen yommuu sitti bu’an maaliif harka kennitaa?
B: Mootiin mootummaa Isaa keessatti wanta fedhe kan hojjatuudha. Rakkoo yoo natti buuse takkaa badii ani hojjadheefi, takkaa immoo ana qulqulleessu fi fooyyessuufi, takkaa immoo ana qoruufi. Wanta hundaa ogummaa fi beekumsaan waan hojjatuuf, Mootiin haqaa wanta hojjatuuf hin gaafatamu. Dubbiin erga akkana ta’e, murtii Isaatiif harka kennuu fi obsuudha.
A: Ibaadadhaan maaliif Isaaf gadi jettaa?
B: Akkuma beekkamu Mootiin kan gadi jedhaniifi. Namoonni durii mootii namaatiif ni sujuudu, gadi jedhuuf, ni sodaatu. Garuu kuni Islaama keessatti dhoowwadha. Mootiin haqaa Rabbiin waan ta’eef Isa malee eenyufillee gadi of hin qaban, hin sujuudan, garmalee hin sodaatan. Kanaafu, Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef, Kan sujuudaniif, of gadi qabaniif, sodaatan, faarsanii fi kajeelan Isa qofa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

“Murtiin Rabbi qofaafi. Isa malee homaayyu akka hin gabbarre ajajee jira. Kuni amanti sirriidha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Yuusuf 12:40

2- Kitaabban, Ergamtootaa, fi Guyyaa Qiyaamaatti amanuuMootiin kan ajajuu fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabu erga ta’ee, karaaleen wantoota kanniin itti raawwatu jiraachu qabu. Akkasi miti ree? Ilmi namaa addunyaa tana keessatti Rabbiin ilaalu waan hin dandeenyeef, karaan hundarra gaariin isaan itti ajajuu fi dhoowwu Ergamtoota erguu fi kitaabban ajajoota Isaa of keessaa qaban buusudha. Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:

42:51


“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun namaaf kan ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:51

Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa hin dubbisu. Isaanis:
Karaa 1ffaa: Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa irratti darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.
Karaa 2ffaa: Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan Rabbiin arguu hin dandeenye.
Karaa 3ffaa: Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa erguudha. Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa Rabbiitti geessa. Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil ergaa Rabbiin irraa fuudhun Nabii Muhammad (SAW) itti geessa.

Ergamtoonnis haala kanaan ergaan ykn kitaabni Rabbiin irraa yoo isaanitti bu’e namootatti geessu. Kanaan ala namoonni, “Maaliif nuti Rabbiin hin agarre ykn kallattin maaliif nu hin dubbisne?” jechuun gaafi kaasan, gaafin isaanii gaafi haqa irraa fagaate fi daangaa darbeedha. Mee itti xinxalli, mootiin biyya tokko bulchu nama hundaa tokkoon tokkoon bira deeme wanta ajaju fi dhoowwu itti himu qaba moo ajajoota isaa akka namootatti geessaniif ergamtoota ergaa? Eeti, karaan salphaan ergamtoota erguun ykn xalayaa barreessun ykn beeksisa baasun namootatti ajajoota isaa geessudha.

Rabbiin Guddaan olta’e Mootii haqaa waan ta’eef namoota keessaa ergamtoota filachuun ergaa Isaa namootatti akka geessan taasise. Ergaan kuni ajajoota Isaa, wantoota Inni dhoowwe, seerota, odeefanno gheeybi (ijaan hin mul’anne) fi kan biroo of keessatti qabata. Kanaafu, namoonni ergaa Mootii isaanii irraa dhufe itti buluu qabuu miti ree? Namni kana yoo beeke, Ergamtoota fi Kitaabban Rabbitti akka amanu fi itti bulu isa taasisa.

Ajajuu fi dhoowwu booda wanti sammuu namaa keessatti dafee dhufu qorannoo fi jazaadha. Namni wanta tokkotti erga ajajamee fi wanta tokkorraa erga dhoowwame booda, qoratamee jazaa argachuu qabaa miti ree? Wanta itti ajajamaniif mindaan yoo hin jiraatin, wanta irraa dhoowwamaniif adabbiin yoo hin jiraatin, bu’aan ajajuu fi dhoowwu maali ree? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii haqaa waan ta’eef namoota erga ajajee fi dhoowwe booda dhumarratti isaan qorachuun jazaa isaaniif ni kafala. Garuu iddoo fi Guyyaan qorannoo fi jazaan kuni itti adeemsifamu murtaa’a ta’uu qaba. Namni tokko yoo qaxaramee, jiiyni mindaa itti kafalamu osoo hin gahiin mindaan ni kafalamaafi? Yeroo murtaa’e keessatti hojii isaa erga hojjatee booda mindaan ni kafalamaaf.

Rabbiin Mootii Ogeessa waan ta’eef Guyyaa fi iddoon mindaa nama hundaaf itti kafalu dursee murteessee jira. Guyyaa kanaan Guyyaa Qiyaamaa ykn Guyyaa Murtii jennaan. Iddoon immoo dirree wal-qixxaa’a bakka namoonni hundi walitti qabamaniidha. Dhugumatti kuni ogummaa fiixe ol’aanaa irra gaheedha. Namni hundi yeroo isaaf kenname keessatti wanta hojjatu hojjate dhumarratti bakka tokkotti walitti qabee qorachuun jazaa isaaniif kafaluun ogummaa cimaadha.  Qur’aana keessatti:

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)

Kanaafu, Rabbiin Mootii Haqaa ta’uu namni yoo amane, Guyyaan Qiyaamaa akka jiru ni amana. Sababni isaas, Mootiin haqaa mindaa namoota gaggaarii Isaaf ajajaman hin balleessu, akkasumas, namoota badii fi zulmii raawwatan osoo hin adabin hin dhiisu. Mootiin Haqaa cunqursaa fi cunqurfamaa jidduutti osoo hin murteessin akkanamutti ni dhiisaa? Kanaafi ni jedha:

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?
Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115-116

Maqdhaala Guddinna agarsiisu fayyadamuun Rabbiin olta’aan ni jedha: Yaa namoota! Akkanumatti kaayyoo tokko maleef waan isin uumne isinitti fakkaataa? Ni nyaattu ni dhugdu, ni bashannantu ergasii osoo isin hin ajajinii fi hin dhoowwin akkanumatti isin dhiifnaa? Ammas Guyyaa Murtii gara Keenyatti deebifamtanii osoo isin hin mindeessinii fi hin adabin akkanumatti waan isin dhiifnu seetu (yaaddu)? Rabbiin Mootii Haqaa ta’ee yaada akkanaa irraa qulqullaa’e olta’e.

3-Rizqii fi haajaa biroo Isarraa barbaaduMootiin waan hunda kan harkaa qabuu fi too’atu, wanta fedhe kan kennuu fi dhoowwatu erga ta’e, namni haajaa barbaadu Mootii Dureessa ta’e kana kajeela. Rakkoo keessaa akka isa baasu, soorata akka isaaf kennu Isatti hajama. Akkasi mitii ree? Akkuma duratti jenne, Maalik jechuun Qabaataadha. Rabbiin Qabaataa fi Mootii waan ta’eef mootummaa Isaa keessatti nama fedheef wanta fedhe kenna, nama fedhe immoo ni dhoowwata. Samiin, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran hundi kan Isaati. Mootii waan ta’eef wantoota kanniin hundarratti aangoo fi too’annaa qaba. Qur’aana keessatti:

Isaan ‘Hanga addaan bittinaa’anitti namoota Ergamaa Rabbii bira jiran irratti hin baasinaa’ kanneen jedhaniidha. Kuusaawwan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Garuu munaafiqonni hin hubatan.” (Suuratu Al-Munaafiquun 63:7)

Munaafiqoonni yommuu gamtoominnaa fi tokkummaa sahaabota Nabiyyii (SAW) argan, “hanga addaan bittinaa’anitti namoota Ergamaa Rabbii bira jiran irratti qabeenya keessan hin baasinaa” waliin jedhan. Akka yaada munaafiqotatti, osoo qabeenyi isaaniiti fi baasiin isaan irratti baasan jiraachu baate, silaa Muslimoonni Islaama gargaaruuf bakka tokkotti walitti hin qabamanii turan. Kuni yaada dogongoraa munaafiqonni odeessanii fi nama ajaa’ibsiisudha. Isaan namoota amanti balleessuu fi Muslimoota rakkisuuf carraaqan ta’anii osoo jiranu akkamitti yaanni isaanii kuni sirrii ta’aa? Nama dhugaa dhimmootaa hin beekne irraa malee yaanni akkanaa hin bahu. Kanaafi ni jedha: “Kuusaawwan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti” Nama fedheef rizqii ni kenna, nama fedhe immoo ni dhoowwata. Nama fedheef sababa rizqii itti argatu ni laaffisaaf nama fedhe irratti immoo ni jabeessa. Kuni hundi fedhii fi ogummaa Isaa irratti hundaa’a. “Garuu munaafiqonni hin hubatan.” Kanaafi jecha jedhan san kan jedhan. Akka yaada isaaniitti kuusaan rizqii harka isaaniitii fi fedhii isaanii jala jira. (Kuusaan samii fi dachii harka Rabbii akka jiru hin hubatan.)[1]

Wanti aayah tana ibsa waliin asitti kaafnef dhimmoota lamaafi.
1ffaa-Namoonni qabeenya qaban, kuusaan rizqii harka isaanii osoo hin ta’in harka Rabbii akka jiru beekun of tuulu fi of dhaadachuu irraa akka of qusataniif. Yommuu qabeenya irraa waa namaaf kennaan, kuusaan (kaaznan) kan isaanii akka ta’ee yaadun jecha munaafiqota akka hin jenne. Namoonni gariin yommuu qabeenya namaaf kennaan, “Ebaluun anatu akkana godheefii bakka kana gahe. Qabeenya kiyyaan guddate…” jechuun dhaadatu.

2ffaa-Kaaznan (kuusaan) samii fi dachii harka namaa osoo hin ta’in harka Mootii Haqaa akka jiru beekun, Isa kajeelu. Nama yoo kajeelte fi wanta barbaaddu siif kenne, sirratti of tuule gadi si xiqqeessa. Garuu Mootii Haqaa kuusaan qabeenya hundaa harka Isaa jiru yoo kajeelte fi kadhatte, kabajni sitti dhagahama. Eeti, Yaa Rabbii rizqii naaf hiri jedhanii Isa kadhachuu fi kajeelu waliin hojii hojjachuunis ni barbaachisa. Rizqiin sababaan waan walitti hidhameef. Gabaabumatti, Rabbiin Mootii Haqaa waan hundaa harka qabu fi too’atu ta’uu namni yoo beekee fi amane, waan hundaa Isarraa kajeela, rahmata Isaatirraa abdii hin kutu. Mootiin wantoota baay’ee kan qabuu fi aangoo kennu fi dhoowwachuu waan qabuuf, dhugumatti rizqii Isarraa kajeelun gabrootaaf gabra ta’uu irraa nama bilisoomsa.


[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 1019-1020

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.1
Suuratu An-Naas
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply