Siiraa-Lakk.18.3

Offline dubbisuf

Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunnamekutaa 4ffaa
5-Mus’ab ibn Umeyr (Radiyallahu anhuu)
Makkaan keessatti Mus’ab ibn Umeyr ijoollee hundarra qanani’aa fi of faayu ture. Abbaa fi haati baay’ee isa jaallatu turan. Haati isaa Mali’at dubartii qabeenya baay’ee qabdu turte. Uffata hundarra gaarii fi laafaa ta’e isa uwwisti. Mus’ab warra Makkaa keessaa hundarra shittoo urgaa’a dibata. Kophee hundarra gaarii taate godhata. Haati isaa garmalee isa jaallachuu irraa kan ka’e, yommuu hirribaa ka’u akka nyaatuuf teemira, eeybi fi dhadhaa walitti makte kubbaayyaa keessa gochuun mataa isaa bira keetti.

Mus’ab Ergamaan Rabbii (SAW) namoota gara Islaamatti waamu yommuu dhagahuu, jireenyi isaa jijjiramuu jalqabe. Mus’abis Daarul Arqamatti gara Nabiyyii (SAW) deemun ni Islaamawe, ni dhugoomse. Achii erga bahee haadha fi namoota isaa irraa sodaachun Islaama ofii ni dhokse. Gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) dhoksaan ni deddebi’aa ture. Garuu dhoksaan kuni homaa hin turre. Gaafa tokko osoo Mus’ab salaatu Usmaan bin Xalah isa arguun haadha fi namoota isaatti beeksise. Isaanis isa qabanii hidhan. Hanga godaansa (Hijraa) tokkoffaa keessatti gara lafa Habashaa godaanutti hidhamaa ta’ee ture.  

Sa’d ibn Abi Waqqaas (radiyallahu anhuu) ni jedha: Mus’ab Islaama keessatti qabsoo cimaa akka qabsaa’e argee jira. Akka gogaa bofaa gogaan isaa kan quunca’u hanga ta’utti isa arge.” Ergamaan Rabbii (SAW) akkuma isaa yaadataniin ni jedhu: “Makkaan keessatti rifeensi isaa [cululuqaa] gurra irra gadi bu’u, uffata laafa uffatu, qananiin hundarra qanani’a ta’e Mus’ab ibn Umeyr caala eenyullee hin agarre.” Balaa fi qormaata qaamaa fi humna isaa muudatee fi namni hundarra isatti dhiyoo ta’e isatti roorrisuu fi garaa jabaachuu waliinu, Mus’ab kheeyri irraa wanta sahaabonni Nabiyyii (SAW) irra gahan irraa duubatti hin hafne. Hanga Guyyaa Uhud Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa shahiidummaan isa kabajuutti karaa Rabbii keessatti ni qabsaa’e.

Guddinni fi barsiisni Islaamni Mus’abiif godhe dargaggoota mijaa’inna keessa jiraniif, ilmaan dureeyyi qanani’oo ta’aniif, namummaa isaanitiin warroota of dinqisiifatanii fi jireenya addunyaa duuka fiiganiif fakkeenya gaarii ta’a. Islaamni Mus’abin dargaggeesa qananii keessatti akka fedhe ta’u irraa gara nama kaayyoo dhugaa jireenya keessatti qabuutti ceesise. Islaama isaa booda osoo hin ceem’inii fi hin dadhabin nama cimaa ta’ee dhaabbate.

Guyyaa amanti kana keessa seene irraa jalqabee boqonnaa fi mi’aa isaa darbe achi kaa’ee waadaa cimaa seene. Iimaanni isaa akka jabaatu fi yaqiinni isaa akka gadi fagaatuf leenji qormaataa keessa darbuun waan isaaf hin hafneedha. Mus’ab roorroo fi sodaachisni isaa haa marsuu malee,  rakkoon, hiyyummaa fi adabbiin isatti haa bu’anii malee, boqonnaa fi qananii haa dhabuu malee, jireenya isaa keessatti gammachuu fi tasgabbii kan qabu ture. Qormaata hiyyummaa, warra isaa biratti bakkaa fi sadarkaa dhabuu, beela, adabbii fi biyya keessaa bahuuf ni saaxilame. Hanga Guyyaa Uhud qormaata dhumaa darbutti qormaata kana hunda keessatti iimaanni isaa ni jabaate. In sha Allaah waa’ee isaa boodarra dabalataan ni ilaalla.

6-Khabbaab ibn Al-Aratt
Makkaan keessatti Kabbaab sibila tumaa ture. Rabbiin ganamaan qajeelcha isaaf fedhe. Daarul Arqam seenun dura Islaama keessa seene. Dadhabdoota amanti isaanii irraa akka deebi’aniif azzabaman (adabaman) keessaa tokko ture. Mushrikoonni dhagaa ibidda keessatti hoo’isuun qaama isaa dhagaa kanatti maxxansu.

Ergamaan Rabbii (SAW) Khabbaabin ofitti qabaa turan. Erga Islaamawe booda isatti ni deddeebi’u. Dubartiin isa bulchitu Umm Anmaar jedhamtu yommuu Islaamawu isaa beektu, sibiila hoo’istee mataa isaa irra keette. Khaabbis waa’ee kana Nabiiyyitti himate. Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Yaa Rabbii Khabbaabin gargaari.” Ergasii osoo homaa hin turin dubartiin tuni mataan ishii garmalee dhukkube.

Yommuu cunqursaan mushrikootaa Muslimoota dadhaboo ta’an irratti jabaatu, Khabbaab gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun ni jedhe, “Nuuf gargaarsa hin kadhattu? Rabbiin nuuf hin kadhattu?” Ergamaan Rabbiis fuulli isaanii kan diimate ta’ee ni jedhan: “Isin dura namticha dachii keessatti isaaf qotamee achi keessa godhamutu ture. Ergasi magaazin fidamee mataa isaa irra kaa’amuun bakka lamatti addaan murama. Kuni amanti isaa irraa duubatti isa hin deebisne. Filaa sibilaa lafee fi narvii isaa irraa foon kaasun (duguuguun) qaamni isaa ni filama. Kuni hundi amanti isaa irraa duubatti isa hin deebisne. Rabbiin kakadhee! Hanga namni geejjiba yaabbatu Rabbiin malee eenyulle kan hin sodaanne ta’ee ykn hoolota isaa irratti jeedala kan sodaatu yoo ta’e malee, Sana’aa irraa ka’ee Hadramawt deemutti Rabbiin dhimma kana ni guutuu (kana jechuun Islaama ol’aanaa taasisa.) Garuu isin ni ariifattu.” (Sahiih Al-Bukhaari 3612)

Khabbaab (radiyallahu anhu) boodarratti rakkoo fi sarbamuu mirgaa fi haqaa mushrikoonni isa irraan gahan muraasa ni dubbata. Ni jedha: Ani nama sibiila tumu ture. Al-Aas bin Waa’il irraa liqaa qabaa ture. Isatti dhufee akka naaf kafalu gaafadhe. Innis ni jedhe: “Lakki, Rabbiin kakadhe! Hanga Muhammaditti kafartutti malee liqaa kee siif hin kafalu.” Anis ni jedhe: Hanga ati duutee ergasi kaafamtutti ani Muhammaditti hin kafaru.” Innis ni jedhe: Erga du’ee booda ani ni kaafamaa?! Yoo suni ta’e ati natti dhufta. Ani achitti qabeenyaa fi ijoollee horadha, kanaafu [liqaa kee achitti] siif kenna.” Ergasii Rabbiin subhaanahu aayah tana ni buuse:

Keeyyattoota keenyatti kan kafaree fi “dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf kennamu” jedhe [san] argitee? Gheybi argee moo Rahmaan biratti waadaa fudhatee? Haa dhorgamu! Wanta inni jedhu ni galmeessina, adabbii irraas dabalti isaaf [malu] ni daballaaf. Wanta inni [nan qaba] jedhe hunda ni dhaalla, innis kophaa ta’ee Nutti dhufa.” Suuratu Mariyam 19:77-80

Sababni aayaanni tunniin itti bu’an Al-Aas bin Waa’il haa ta’uyyuu malee namoota akka isaa Aakhiratti kafaran hundaaf tan taatudha. Namni kuni aayatota Rabbitti kafaruu isaa waliinu yoo lamuu kaafame, dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf kennamu jedhee odeessa. “dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf kennamu” kan akkana jedhuuf oduu du’aan booda kaafamutti qoosuf ykn qishnuufi. “Akkuma isin jettan yoo kan lamu kaafamu ta’e akkuma addunyaa tana keessatti qabeenyi fi ilmaan naaf kennaman, erga kaafame boodas naaf kennamu.” jedha.

Namni kuni jireenya lammataa qorannoo fi jazaan itti adeemsifamu, jireenya addunyaa qormaanni itti adeemsifamuun wal bira qabe. Wal-bira qabiinsi kuni faasidaa fi soba kan ta’eedha. Jechi isaa kuni arraba warroota Aakhiratti kafaran irratti kan deddebi’uudha. (Ilaali suuratu Fussilat 41:50, Suuratu Al-Kahf 18:34-36)

Namoonni kunniin wanti guddaan dogongoran, “Jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaata ta’uu fi jireenya Aakhirah immoo iddoo qorannoo fi jazaa ta’uu” wallaalu isaaniti. Qabeenyi fi ilmaan isaan addunyaa tana keessatti argatan isaaniif qormaata. Aakhiratti immoo qormaata kana akkamitti akka dabarsan qoratamuun jazaan isaaniif kafalama.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama aayata Isaatti kafaree fi dhugumatti qabeenyi fi ilmi naaf kennamu jedhuuf akkana jechuun deebii deebisaaf: “Gheybi argee moo Rahmaan biratti waadaa fudhatee?” Gheeybi jechuun wanta namarraa dhokataa ta’ee ykn ijaan hin mul’anneedha. “Gheybi argee moo”? Kana jechuun sila wanta hin mul’annee Guyyaa Murtii taasifamu beeketiin du’aan booda yoo kaafame, qabeenyi fi ilmi akka isaaf kennamu dubbataa? Wanta du’aan booda taasifamu fi erga kaafame booda wanta isatti raawwattamu beeku dhiisiti wanta boru ta’uu hin beeku. Inni hundemaa du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef wanti inni tilmaamu soba ifa baheedha.

Rahmaan biratti waadaa fudhatee?” Mufassiroonni aayah tanaaf ibsa kana kennanii jiru: 1ffaa-namni kuni erga kaafame booda qabeenyi fi ilmaan akka isaaf kennaman Rabbiin waliin waadaa galee jiraa? Yommuu Murtiif si kaasu, Jannata si seensisa jechuun waadaa galeefi jiraa? [1]  2ffaa-Rabbitti amanee, wanta Inni ajaje hojjatee fi wanta Inni dhoowwe dhiisee jiraa? Yoo kana kan hojjatu ta’e, qabeenya fi ilma irraa wanta inni jedhu akka isaaf kennu Rabbiin biratti waadaan isaaf ta’a.[2]

 Erga kuni beekkame Aakhiratti wanti kuni naaf kennama jedhee odeessun isaa kuni dhimma lama keessaa hin bahu:
Takkaa dubbiin isaa kuni wanta hin mul’anne gara fuunduraatti taasifamu beeku irraa kan madde ta’uu qaba. Wanta Rabbiin ergamtoota Isaatti beeksiseen ala wanta gheybi Rabbiin malee eenyullee akka hin beekne beekkamaadha.

Takkaa immoo Rabbitti amanuu fi Ergamtoota Isaa hordofuun Isa biratti waadaa kan fudhate ta’uu. Rabbiin namoota Isatti amananii fi ergamtoota Isaa hordofan Aakhiratti akka isaan milkeessu waadaa galee jira. Nama kanarraa dhimmoonni kunniin lamaan waan dhabamaniif oduun isaa soba akka ta’e ni beekkama. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Kallaa”  Haa dhorgamu dhimmichi akka inni odeessu miti. Beekumsa gheybi hin qabu, kaafira waan ta’eef beekumsi Ergamtootaaf kenname homaa isa bira hin jiru. Waan kafaree fi amanuu dideef Rahmaan birattis waadaa hin fudhanne. Garuu faallaa wanta inni jedhee argata. Qoratamuu fi adabamuuf jechi isaa kan katabamuu fi eeggamuudha. Kanaafi ni jedha, “Wanta inni jedhu ni galmeessina, adabbii irraas dabalti isaaf [malu] ni daballaaf.” Akkuma inni jallinnaa fi kufrii dabalate, gosoota adabbi adda addaa isaaf daballa.[3]

“Wanta inni [nan qaba] jedhe hunda ni dhaalla” Qabeenya fi ilma isaa ni dhaalla, addunyaa keessaa kophaa ta’ee baha. “innis kophaa ta’ee Nutti dhufa.” Kana jechuun ilmaan isa jabeessan, gargaartota isa gargaaranii fi qabeenya kan hin qabne ta’ee Guyyaa Murtii kophaa ta’ee Nutti dhufa.[4]

Barnoota baay’ee asirraa baranna. Isaan keessaa: Kaafironni osoo kafaranii jiranu Jannata si seenna jechuun odeessu. Oduun isaanii kuni soba akka ta’e aayaanni kunniin ifa baasu. Sababni isaas, oduun isaanii ragaa qabatamaa hin qabu. Wanta gara fuunduraatti taasifamu hin beekan. Akkasumas, Rabbitti amanuun wanta Inni ajaje hin hojjatan, wanta Inni dhoowwe hin dhiisan. Ammas, wanti asirraa barannu, namni addunyaa tana keessatti qabeenyaan yommuu qananii’u Aakhiratti Rabbiin na qananiisa jedhee of gowwoomsu akka hin qabneedha. Wanti Aakhiratti isa baraarun qananii isaaf argamsiisu qabeenya osoo hin ta’in iimaana fi hojii gaggaarii hojjateedha.

Amma gara seena Khabbaabitti yommuu deebinu, Umar (radiyallahu anhu) yeroo bulchiinsa isaa Rabbiif jedhe wanta isa qunname Khabbaabin gaafate. Khabbaabis dugda isaa irraa ni saaqe. Madaa nama rifachiisu yommuu argu Umar ni jedhe: “Kana dura wanta akkanaa argee hin beeku.” Khabbaabis ni jedhe, “Yaa Amiiral Mu’miniin! Ibidda naaf bobeessan. Ergasii achi keessa na kaa’an. San booda namtichi tokko miila isaa laphee kiyya irra godhe. Lafti hin qorrine dugda kiyyaan malee. İbiddi sunis foon kiyyaan malee hin dhaamne.” (Rawdatul Anf 2/98)

Yommuu rakkoo isaan dabarsan kana arginu, nuttis yeroo rakkoon nu qunnamu, jabeenya fi obsa akka horannuuf fakkeenya nuuf hin ta’anii?


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 7/622, Tafsiiru Ibn Kasiir-5/257,Zaadul Masiir 896
[2] Tafsiiru Xabari-15/621
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 582
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 7/626
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 155-159, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/403-409

Siiraa-Lakk.18.4
Siiraa-Lakk.18.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply