Siiraa-Lakk.18.4

Offline dubbisuf

Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname–kutaa 5ffaa

7-Abdullah ibn Mas’uud (radiyallahu anhu)
Akkaataan Ergamaan Rabbii (SAW) namoota waliin jiraatan ogummaa fi gamnummaan kan guuttame ture. Namoota gurguddoo fi hoggantoota gosaa gaarummaa fi gara laafinnaan kan keessumeessan turan. Haaluma kanaan, ijoollee xixxiqoos. Kuni Abdullah İbn Mas’uud yommuu yeroo jalqabaatif Ergamaa Rabbiitiin (SAW) wal qunnamu gaarummaa isa irraa arge akkana jechuun dubbata: Ani yeroo ijoolle turetti Aqbah ibn Abi Mu’ayxiif hoolota tiiksaa ture. Gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW) fi Abu Bakr na biraan darban. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Yaa mucaa! Aannan wayii jiraa?” Anis ni jedhe, “Eeyyen. Garuu [hoolota tanniin eeguf] nama amaanan itti kennameedha.” Ni jedhe, “Hoolaan kormii ishii hin tuqne jirtii? (Kana jechuun hoolaan gur’uu ishii keessa aannan hin jirree jirtii? Yeroo baay’ee hoolan korpheessi irra hin baane aannan hin qabdu waan taatef.)” Anis hoola takka qabee itti fide. Nabiyyiin (SAW) gur’uu ishii ni haxaawan. Aannan ishii gadi dhangala’e, qodaa (qabee) keessatti elmuun ofii fi Abu Bakrin obaase. Ergasii gur’uun ni jedhe: “Sunturi.” Gur’uunis ni sunture. Kana booda ani isatti dhufee akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii! Jecha kanarraa na barsiisi.” Nabiyyinis mataa kiyya irra qaqqabuun, “Rabbiin rahmata siif haa godhu. Dhugumatti ati mucaa Mu’allam taatedha. (Kana jechuun nama gara wanta sirrii fi gaarii ta’eetti qajeelfameedha.)” (Bidaayah wa nihaayah-3/32, Siyyar A’alaami Nublaa’a 1/465)

Haala kanaan Islaamawu Abdullah Ibn Mas’uuditiif jechoonni lamaan gurguddoon sababa isaaf ta’anii jiru. 1ffaa-Mataa ofii irraa, “Ani nama amaanan itti kennameedha.” jechuu. 2ffaa: Jecha Nabiyyiin (SAW) isaan jedhaniidha: “Rabbiin rahmata siif haa godhu. Dhugumatti ati mucaa Mu’allam taatedha.” Jechoonni lamaan kunniin jireenya isaa keessatti dhiibbaa guddaa uumanii jiru. San booda sahaabota aalimman ta’an keessaa aalima hundarra beekkama ta’ee jira. Abdullah warroota yeroo jalqabaatif gara Islaamatti dursan keessa tokko ta’uu waliinu gara Habashaa fi Madiinaatti godaanee jira. Akkasumas, nabiyyii (SAW) walin lola Badri keessatti hirmaate jira. Nabiyyitti maxxanuun tajaajila ture.

Namni Jalqabaa Qur’aana ifatti baasee qara’e
Abdullah ibn Mas’uud gosa isa eegu kan hin qabne fi qaamni isaa dadhabaa, lukti isaa qal’oo haa ta’uyyuu malee gootummaa isaatiin Ergamaa Rabbii (SAW) booda namni jalqabaa Qur’aana ifatti baasee Qureeshota fuunduratti qara’eedha. Guyyaa tokko sahaabonni Nabiyyii (SAW) bakka tokkotti walitti qabamanii akkana waliin jedhan, “Rabbiin kakanne! Qureeshonni Qur’aana kana kan ifa bahee isaaniif dubbifamu hin dhageenye. Eenyutu isaan dhageessisaa? Abdullah ibn Mas’uud ni jedhe: “Ana” Isaanis ni jedhan, isaan sirratti sodaana. Nuti nama gosa isa eegdu qabu barbaanna.” Innis ni jedhe, “Na dhiisaa, Rabbiin na eegati.” Abdullah Ibn Mas’uudis ganamaan yommuu Qureeshonni walitti qabaman Maqaama Ibraahima bira dhaabbate, Suuratu Ar-Rahmaan qara’uu jalqabe. Innis gara Qureeshotatti garagalee sagalee olkaase qara’e. Qureeshonnis wanta inni jedhu itti xinxallanii akkana waliin jechuu jalqaban: Mucaan Umm Abd maal jedhee?”  Isaanis walitti deebisuun ni jedhan: Inni wanta muraasa Muhammad fide dubbisa.” Isaanis gara isaatti ka’anii fuula isaa irra rukutuu jalqaban. Innis hanga Rabbiin fedhe hanga gahuutti qara’u itti fufe. Fuula isaa miidhani osoo jiru gara sahaabotaa deebi’e. Isaanis ni jedhaniin: Kuni wanta sirratti sodaannedha!” Innis ni jedhe: Dur caalaa amma diinonni Rabbii na biratti gatii kan hin qabne ta’an. Yoo feetan borus haala wal fakkaatan isaaniif bariisifadha.” Isaanis ni jedhan: Si gaha. Wanta isaan jibban isaan dhageesistee jirta.”

Haala kanaan Abdullah ibn Mas’uud Ergamaa Rabbii (SAW) booda nama jalqabaa Qur’aana ifatti baasun qara’e ta’e.

8-Khaalid ibn Sa’iid ibn Al-Aas (radiyallahu anhu)
Khaalidiif wanti akka Islaamawu sababa ta’eef, yeroo Nabiyyiin (SAW) mul’atan abjuu arguu isaati. Abjuu keessatti caafi boolloo ibiddaa irra kan dhaabbatu ta’ee of arge. Naannawa kanatti nama isa itti dhiibutu jira, Nabiyyiin immoo akka boolloo ibiddaa tanatti hin kufneef isa qabu. Khaalidis abjuun kuni dhugaa akka ta’ee amanuun hirriba isaa keessaa ni dammaqe. Innis Abu Bakr Siddiiqitti odeesse. Abu Bakris ni jedheen: Kheeyriin siif barbaadame, Kuni Ergamaa Rabbiiti, kanaafu hordofi.” Innis gara isaa deemun ni Islaamawe. Abbaa isaa sodaachun Islaama ni dhokse. Garuu abbaan isaa yeroo baay’ee isa fuunduratti kan hin mul’anne ta’uu yommuu argu Islaamawu isaa ni beeke. Abbaanis obboleeyyan Khaalid yeroo sanitti hin Islaamofne akka isa barbaadan itti erge. Innis obboleeyyan isaa waliin ni dhufe. Abbaanis hanga mataa isaa irratti cabsutti ulee harka isaa jirtuun ni rukute. Ergasii Makkaan keessatti isa hidhe. Isa waliin akka hin dubbanne obboleeyyan isaa ni dhoowwe. Hojii isaatirraa isaan akeekachiise. Haala isatti dhiphisuun isa beelesse. Guyyaa sadiif bishaan irraa küte. Khaalidis kanarratti kan obsuu fi mindaa Rabbiin irraa abdatu ture. Ergasii abbaan isaa ni jedheen: Rabbiin kakadhe, soorata irraa si dhoowwa.”  Khaalidis ni jedheen: Yoo na dhoowwite, dhugumatti Rabbiin wanta ittiin jiraadhu naaf kenna.“ Ergasii isa jalaa miliqee gara Ergamaa Rabbii (SAW) deeme. Isa kan kabajuu fi isa waliin ta’aa ture. Yeroo Muslimoonni gara Habashaa yeroo lammatatiif godaanan Khaalidis isaan waliin godaane.” (Siiratu A’alaamu Nubalaa’a 1/260)

9-Usmaan ibn Maz’uun (Radiyallahu anhu)
Usmaan ibn Maz’uun yommuu Islaamawu gosti isaa Banu Jumh isatti diina taate. Isa ni rakkisan. Isaan keessaa namni hundarra isa rakkisaa fi azzabaa ture Umayyah ibn Khalaf. Rakkoo kana jalaa dheessun Usmaan gara Habashaa godaane. Yeroo muraasaaf Habashaa keessa erga turee booda Muslimoota gara Makkaa deebi’an waliin ni deebi’e. Garuu eeggumsa Waliid ibn Mughiraatin malee Makkaan keessa seenu hin dandeenye. Yeroo sanitti namni tokko eeggumsa nama beekkama tokko jala yoo seene namoonni isa hin tuqan. Usmaanis eeggumsa waliid jalatti tasgabbaa’a ta’ee jiraachu itti fufe. Garuu rakkoo sahaabota Nabiyyii (SAW) irratti roobu yommuu argu, nageenya isaa kana ofirratti jibbe. Ni jedhe: Rabbiin kakadhe! Balaa irraa wanti ana hin tuqne hiriyoota kiyyaa fi warra amantii kiyyaa karaa Rabbii keessatti isaan muudataa osoo jiru ani ganamaa galgala namticha warra shirkii irraa ta’ee jalatti nagaha ta’a. Kuni nafsee kiyya keessatti hanqinna guddaadha.”

Innis gara Waliid ibn Mughiirah deemun akkana jedheen: “Yaa Abbaa abdu shams (Kana jechuu Waliid) dirqama kee guuttee jirta. Eeggumsa kee siif deebisee jira.” Innis ni jedha: Maaliif yaa ilma obboleessa kiyyaa? Tarii ni rakkifamte yookiin mirgi kee ni sarbame.” Usmaanis ni jedhe, Lakki. Garuu eeggumsa Rabbii olta’aa barbaada. Isaan ala eenyurraallee eeggumsa hin barbaadu.” Ni jedhe: Gara Masjiidaa deemitii akkuma labsee eeggumsa siif kenne, akkasuma atis labsii eeggumsa ani siif godhu naaf deebisi.” Isaan lamaanu gara Masjiida deeman, namoota fuunduratti eeggumsa isaa deebiseef. Ergasii Usmaan gara iddoo Qureeshonni walitti qabamanitti garagalee. İsaan waliin ni taa’e. İsaan keessa nama walaleessa Labiid ibn Rabii’ah jedhamutu jira. Akkana jechun walaleessu jalqabe: “Dhugumatti Rabbiin ala wanti hundu soba.” Usmaan ni jedheen dhugaa dubbatte. Labiidis walaleessu itti fufee: “Shakkii hin qabu, qananiin hundi kan baduudha.” Usmaanis ni jedheen, sobde qananiin Jannataa hin badu. Labiidis ni jedhe, “Yaa tuuta Qureeshaa! Kana dura eenyullee nama isa waliin taa’e hin rakkisu ture. Kuni urga yoomiti isin keessatti dhalatee?” Namoota keessaa namtichi tokko ni jedhe: inni kuni namoota gowwoota isa waliin jiran keessaa tokko. Dhugumatti amanti keenya gadi dhiisanii jiru. Jecha isaatiif homaa hin yaaddawin.” Hanga dhimmi isaan lamaan jidduutti badaa ta’utti Usmaan isatti deebii deebise. Namtichi kuni olka’ee ija isaa keessa dhaye. Ijji isaas bulee taate. Wanta Usmaan irra gahee Waliid ibn Mughiirah dhiyoo irraa argaa ture. Akkanas jedheen: Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Ijji tee wanta ishii tuqee irraa duroomtudha. Eeggumsa kiyya jalatti tan eeggamtu turte.” Usmaanis ni jedheen: “Rabbiin kakadhe! Ijji tiyya fayyaan karaa Rabbii keessatti wanta akka obboleetti ishii (ija biraa) tuqetti garmalee hajamti. Yaa Abbaa Abdu shams kan si caalaa jabaa fi danda’aa ta’ee jalatti eeggumsa qaba. (Kana jechuun eeggumsa Rabbii si caalaa jabaa fi danda’aa ta’e jala jira.)” Ergasii Waliid yeroo lammataatif eeggumsa isaaf dhiyeesse garuu Usmaan ni dide.

Kuni kan agarsiisu ciminna iimaana isaatii fi Rabbiin biratti mindaa guddaa kajeelu isaati. Kanaafi, yommuu inni du’u, ummu Al-Alaa’a Ansaariyyah abjuu keessatti burqaa isaaf yaatu argite. Ishiinis gara Nabiyyii dhufte itti beeksifte. Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Suni hojii isaati.” (Sahiih Al-Bukhaari 7004)

Sahaabonni hanga ammaatti eerre akka fakkeenyaati malee sahaabonni biroo harka mushrikoota keessatti rakkatanii fi azzabaman baay’eedha. Rakkoo abbooti fi firoota isaanii irraa isaan haa qunnamuu malee da’waa Rasuulaatitti ni qajeelan. Islaama keessa seenun dura qananii argatanii fi wanta isaan adda godhu hunda ni wareegan. Mindaa guddaa Rabbiin bira jiruu kajeelun rakkoof ni saaxilaman, rakkoolee obsaan danda’an. Kuni nafsee keessatti hojii iimaanati. Yommuu iimaanni nafseen walitti makamu ulfaatinni hundi namarratti salphata.

Rakkoo fi azaan dhiirota qofarratti kan gabaabbate osoo hin ta’in dubartootas kan muudateedha. Dubartoonni akka Sumayyah bint Khayyaax, Faaximah bint Khaxxaab, Labiibah dubara Banu Mu’ammal irraa taate, Zinniirah Ar-Ruumiyyah, An-Nahdiyyah fi intala ishii, Umm Ubays, Humaamah haadha Bilaal fi kanneen biroo rakkoo fi adabbiif saaxilamanii jiru. Rabbiin isaan hunda irraayu haa jaalatu.

Kitaabban wabii:
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula159-162, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/409-423

Siiraa-Lakk.19
Siiraa-Lakk.18.3
Offline dubbisuf

Leave a Reply