Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.1

Offline dubbisuf

Bismillah. Hundi keenya jireenya keessatti soorataa fi galii argachuuf halkanii guyyaa ni carraaqna. Akkuma carraaqqin namoota gargar ta’e galiin isaaniis garagara. Garuu yommuu kana jennu “Galiin isaanii carraaqqi isaanii qofarratti kan hundaa’udhaa? Yookiin madda galii isaanii mataa ofiitii maddisiisu danda’uu?” Dhugumatti kuni gaafi ijoo deebii gahaa barbaadudha. Yoo gaafin kuni furame, namni jireenya keessatti tasgabbii argata. Sababni isaas, wantoota tasgabbii namarraa ari’anii fi sammuu jeeqan keessaa rizqii dhabuu sodaachudha. Akkasi miti ree? Gaafi armaan olii kana deebisuuf, tooftaan jalqabaa nuti fayyadamnu “Madda” fi “Sababni” maal akka ta’an beekudha. Madda jechuun hundee ykn ka’uumsa wanti tokko irraa jalqabamuudha. “Sababa” jechuun immoo wanta tokko argachuuf karaa itti nama geessudha.

Fakkeenyaaf, bishaan lafa keessatti ni kuufama. Namoonni dhufuun bishaan kana ujumoo itti godhanii dhugaatiif itti fayyadamu. Asitti bakki bishaan bahuu “madda” ta’a, ujumoo itti godhuun dhugaatiif oolchun immoo “sababa” ta’a. Maddi bishaanii bakka kana haa jennu malee, kan bishaan bakka san kaa’e jiraachu qabaa miti ree? Samii irraa buusun lafa keessatti bishaan kan kuusu Rabbii olta’aadha.

Amma gara gaafi keenyaa haa dhufnu, akkuma namoonni bishaan samii irraa buusun lafa keessatti kuusu hin dandeenye, sooratas mataa ofii qofaan maddisiisun kuufachuu danda’uu? Bishaan samii irraa buusun biqiltoota biqilchuu danda’uu? Samii irraa bishaan buusun biqiltoota kan biqilchu Rabbiin qofa akka ta’e hundi keenyaa ni beekna. Kanaafu, carraaqqin ykn tattaaffin namoonni galii argachuuf godhan madda moo sababa ta’aa? Namoonni galii fi soorata mataa ofiitin dhabama irraa maddisiisu waan hin dandeenyef carraaqqin isaan godhan sababa (karaa itti argatan) ta’a. Fakkeenyaf, Ahmad qote bulaa yoo ta’e, raasaa (lafa) qotuu fi midhaan facaasun “sababa” ta’a. Kan midhaan biqilchee akka callaa kennu taasisu immoo Rabbiidha subhaanahu wa ta’aalaa. Kanaafu, maddi soorataa fi galii namootaa “Rabbiidha”. Jecha biraatin Kan namoota fi lubbu-qabeenyi hundaaf rizqii maddisiisu “Rabbiidha” jennee goloobu dandeenya. Ragaa kanaa Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

11:6

Lubbu-qabeenyin homaatu dachii keessa hin jirtu, rizqiin ishii Rabbiin irra yoo ta’e malee. Iddoo jireenya ishiitii fi iddoo kaa’amtu ni beeka. Hundumtu Kitaaba ifa ta’e keessa jira.” Suuratu Huud 11:6

Kana jechuun lubbu-qabeenyin dachii keessa deeman hundi rizqiin isaanii Rabbi irraayyi. Rabbitu isaan soora. Rabbiin subhaanahu iddoo lubbu-qabeenyin hundi jiraatanii fi itti galan ni beeka. Ammas iddoo kaa’aman ni beeka. Asitti “iddoo kaa’aman” jechuun “bakka itti du’anii fi iddoo itti awwaalaman” jechuudha.[1]

Maqaalee Isaa keessaa maqaan “Rabbiin kan rizqii maddisiisu fi karaa rizqii ittiin argatan namaaf laaffisu” ta’uu agarsiisu “Ar-Razzaaq, Ar-Raaziq” jedhudha. In sha Allaah, har’a ibsa maqaalee kanniini ni ilaalla. Namni ibsa maqaa kana yoo hubatee fi itti amane, maddi soorata fi galii isaa eessa akka ta’e beekun tasgabbii argata. Akkasi miti ree?

A-Hiika “Ar-Raaziq, Ar-Razzaaq”
Jalqaba, hundee maqaan kuni irraa fudhatame jecha “Rizqi” jedhu haa ilaallu. Rizqii jechuun jireenya keessatti wanti lubbu-qabeenyin itti hajaman ykn itti fayyadamaniidha. Kan akka nyaata, dhugaati, qilleensa, qoricha, uffataa fi kan biroo.[2]

Ar-Raaziq jechuun “kan rizqii uumu, kennu fi karaa itti argatan laaffisuudha”[3]

Ar-Raaziq fi Ar-Razzaaq hiikni isaanii “kan rizqii uumu, kennu fi karaa itti argatan laaffisu” haa ta’uu malee, Ar-Razzaaq baay’inna rizqii fi lubbu-qabeenyi rizqiin kennamuufi agarsiisa.[4] Rabbiin Ar-Razzaaq jechuun Inni lubbu-qabeenyi garmalee baay’eef rizqii baay’ee lakkoofsa malee Kan kennuudha. Maqaan Ar-Razzaaq jedhu Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Lubbu-qabeenyi lakkoofsi isaanii garmalee baay’atu kan razzaqu Rabbiin malee hin jiru. Mee itti xinxalli, uumama dachii fi samii irraa jalqabee lubbu-qabeenyi du’an, amma jiraatanii fi gara fuunduraatti dhufan lakkoofsi isaanii hangam akka ta’ee namni tilmaamu danda’aa? Garmalee baay’ee ta’uu irraa kan ka’e Rabbiin malee lakkoofsa isaanii kan beeku hin jiru. Hunda isaanitiif rizqii Kan uumu, kennu fi karaa rizqii itti argatan kan laaffisuuf Rabbii Tokkicha. Ammas, tokkon tokkoon isaaniitiif rizqii hangana hin jedhamne kan kennuuf Rabbiidha. Mee ilaali, qananiin Rabbiin nu qananiise hundi rizqii Inni nuuf kenneedha. Qur’aana keessatti ni jedha:

16:18

“Qananii Rabbii osoo lakkooftanii, lakkoftanii hin fixxan. Dhugumatti, Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu An-Nahl 16:18

Amma, hiika Ar-Raaziq ykn Ar-Razzaaq jedhu irraa kaane, gaafi jalqaba irratti kaasne caalatti ifa haa goonu. Gaafin sunis “Galiin namootaa carraaqqi isaanii qofarratti kan hundaa’udhaa? Yookiin madda galii isaanii mataa ofiitii maddisiisu danda’uu?” Galii jechuun maallaqa namni hojii isaa irraa argatuudha. Akkuma hiika rizqii irraa hubannutti, galiin rizqii irraayyi.

 Rabbiin Ar-Razzaaq waan ta’eef rizqii Kan uumu, kennu fi karaa rizqi itti argatan laaffisuudha. Kanaafu, galiin namoonni humnaa fi carraaqqi isaanii qofaan kan maddisisan osoo hin ta’in kennaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaaniif kenneedha. Carraaqqi fi humni isaanii sababa ykn karaa galii kana itti argatan malee kan maddisiisu ykn dhabama irraa argamsisanii miti. Fakkeenyaf, gaazi boba’aa (nadaaji) irraa galiin ni argama. Gaazi kana namootatu uumee dachii keessa godhe moo Rabbiitu uumee? Eeti, Rabbitu uume. Namoonni immoo gaazi kana lafaa baasun galii irraa argatu.

Wanti kana kaasu barbaannef, namni dhugaan, kan rizqii namaaf argamsiisu, maddisisuu fi kennu Rabbii olta’aa ta’uu yoo beeke, rizqii argachuuf Isa kadhata. Ammas, yommuu rizqii dhabu, “Kan rizqii kennuu fi fudhatu Rabbiin ta’uu” waan beekuf jireenya keessatti hin jeeqamu. Hanga danda’e carraaqun rizqii isaa Ar-Razzaaq irraa kadhata. Akkasumas, kan rizqii isaaf uumu, kennu fi karaa ittiin argatuun kan laaffisuuf Rabbiin ta’uu yoo beeke, rizqii bal’oo yommuu argatu of hin tuulu. Kana irra, Ar-Raaziqif galata galcha. Humni fi beekumsi isaa sababa rizqii itti argatu malee kan rizqii uumanii miti. Mee ilaali, namoota meeqatu garmalee carraaqu. Garuu rizqiin isaan argatan xiqqaadha. Ammas, namoonni xiqqoma carraaqanii rizqii baay’ee argatan ni jiru. Kuni kan agarsiisu Rabbiin rizqii kan kennu fi qoodu ta’uudha. Nama fedheef sababa rizqii laaffisuun ni bal’isaaf. Nama fedhe immoo sababa rizqii itti jabeessun rizqii isaa ni xiqqeesa. Kaayyoon kana duuba jiru, namoota qoruufi. Qur’aana keessatti:

Namni yeroo Gooftaan isaa isatti arjoomuu fi isa qananiisuun isa qore, “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha. Yeroo Inni hiree isaa itti xiqqeessuun isa qore immoo, “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha. Haa dhoorgamu!” Suuratu Al-Fajr 89:15-17

Gosoota Rizqii
Rizqiin Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaatiif kennu bakka lamatti qoodama:
1ffaaRizqii wali-galaa– kuni rizqii qaamni itti dhaabbatu fi jiraatu yommuu ta’u, nama amanee fi hin amanne, nama gaarii fi badaa, mu’minaa fi kaafira, beelladota fi bineensota hunda haguuga. Nyaata dhugaatin gosa rizqii kana jalatti ramadamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

29:60

Lubbu-qabeenyi irraa meeqatu rizqii isaanii kan hin baadhannetu jira. Rabbiin isaanii fi isin ni soora. Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:60

Kana jechuun lubbu-qabeenyi baay’etu rizqii isaanii walitti qabuu fi boruuf kuufachuu hin dandeenyetu jira. Mixiin, dagandaan, sinbiroo fi kkf soorata kuufachu hin danda’an. Garuu soorata argachuuf oli gadi ni deemu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa soorata barbaadan guyyaa guyyaan ni kennaaf. Sinbirreen ganama garaa qullaa baate galgala quufte galti. Rizqiin harkatti qabattee galtuun hin jiru.Lubbu-qabeenyin qilleensa keessa balali’an, bishaan keessa galan, dachii keessa jiraatan baay’een rizqii ofii hin baadhatan. “Rabbiin isaanii fi isin ni soora.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lubbu-qabeenyi kanninii fi isiniif rizqii ni kenna.

2ffaa-Rizqii addaa– Kuni rizqii qalbii fi ruuhi warra amanan (mu’mintoota) qofaaf ta’uudha. Rizqiin kuni iimaana, beekumsa Islaamaa fi hojii gaggaarii gara Rabbii nama dhiyeessaniidha. Dhugumatti kuni rizqii hundarra guddaa Rabbiin olta’aan gabrichaaf kennuudha. Akkasumas, rizqii halaala hojii gaggaarii hojjachuu irratti nama gargaaru fi rizqii Aakhirah of keessatti hammata. Dhugumatti qananiin Jannata keessa jiru rizqii hundarra kabajamaa fi yeroo hundaa turaa ta’eedha. Akkuma beekkamu Jannata kan seenu warroota amanan qofa. Mee qananiin Jannata keessa jiru rizqii ta’uu Qur’aana irraa haa ilaallu. Tarii rizqii turaa san dharra’uun gara hojii gaggaaritti fiigu dandeenya.

(49)Kuni yaadannoodha. Dhugumatti Muttaqootaaf deebii gaariitu jira. (50)Jannata qubsumaa kan balbaloonni isaaniif banaa ta’antu jira. (51)Ishii keessatti hirkatoo ta’anii fuduuraalee fi dhugaati achi keessatti ni waammatu. (52)Dubartoota argituu [ofii] gabaabsan, kan umriin wal-qixa ta’antu isaan bira jira. (53)Kuni waan Guyyaa Qorannootiif waadaa galamtaniidha. (54)Dhugumatti, kuni rizqii Keenya. Dhumti isaaf hin jiru.” Suuratu Saad 38:49-54

Aayaata kanniin dura waa’ee nabiyyoota darbanii, haalaa fi xumura gaarii isaanii ni dubbata. Ergasii dhumarratti ni jedhe, “Kuni yaadannoodha.” Kana jechuun nabiyyoota filatamoo kanniin dubbachuu fi amaloota isaanii kaasun Qur’aana kana keessatti yaadannoo namoonni yaadatan haala isaanii itti yaadataniidha. Erga yaadatanii booda amala isaanii faarfamaa ta’etti hidhachuuf dharra’u. Amaloota qulqulluu Rabbiin isaan badhaase fi namoota jidduutti maqaa gaariin faarfamu ni beeku. Ergasii itti aanse mindaa warra Rabbiin sodaatanii dubbate. “Dhugumatti Muttaqootaaf deebii gaariitu jira.”

Muttaqoota jechuun warroota amananii hojii itti ajajaman hojjachuu fi hojii irraa dhoowwaman dhiisun adabbii Rabbii irraa of eeganiidha. Deebii gaarii jechuun erga du’anii fi Guyyaa Qiyaamaa kaafamanii booda iddoo bareeda itti deebi’anii fi keessa qubataniidha. Ergasii haala iddoo deebii kanaa ni ibse:

Jannata qubsumaa kan balbaloonni isaaniif banaa ta’antu jira.” Jannata qubsumaa jechuun Jannata yeroo hundaa keessa turan, namni ishii seene keessaa bahuu fi jijjirraa kan hin barbaannedha. Yommuu muttaqoonni gara Jannataa deeman isaan kabajuu fi haala gaariin simachuuf balbaloonni Jannataa isaaniif banamu. “Ishii keessatti hirkatoo ta’anii fuduuraalee fi dhugaati achi keessatti ni waammatu.” Warroonni gara fuunduraatti Guyyaa Qiyaamaa Jannata seenan, sireewwan garmalee faayaman irratti hirkatu. Kaadimoota (tajaajiltota) isaanii akka firaafiree nyaatamu fi dhugaati isaaniif fidan ni ajaju. Hirkatanii taa’un wanta fedhan nyaachu fi dhuguun qananii fi tasgabbiin isaaniif guuttamu agarsiisa.[5]

“Dubartoota argituu [ofii] gabaabsan, kan umriin wal-qixa ta’antu isaan bira jira.” kana jechuun dubartoota ija isaanii abbaa warra isaanii irratti gabaabsantu isaan bira jira. Kunniin niitiwwan isaaniiti. Dubartoonni babbareedon kunniin abbaa warra isaanitiin ala nama biraa hin barbaadan, isaaniin ala nama biraatti ija hin dheeressan. Umriin kan wal-qixxaa’aniidha.[6]  

Kuni waan Guyyaa Qorannootiif waadaa galamtaniidha.” Yaa warra amantanii wanta itti ajajamtan hojjattanii fi wanta irraa dhoowwamtan dhiistan! Amaloota Jannataa keessaa wanti armaan olitti dubbanne kuni Guyyaa Qiyaamatiif wanta waadaa isiniif galameedha. Mindaan guddaan kuni waadaa Rabbiin muttaqootaaf galee fi Guyyaa Qiyaamaatiif kan tursiifameedha. Waadaa galuu jechuun “wanta kana siif godha” jedhanii namatti beeksisuudha. Rabbiin subhaanahu wanta hundaa irratti danda’aa fi dhugaa kan dubbatu waan ta’eef waadaa Isaa gonkumaa hin diigu. Asitti Guyyaan Qorannoo Guyyaa Qiyaamaa namoonni du’an erga kaafamanii booda itti qoratamanii fi ergasii jazaa itti argataniidha.

“Dhugumatti, kuni rizqii Keenya. Dhumti isaaf hin jiru.” Jannata qubsumaa keessatti qananiin muttaqootaaf kenninu kuni rizqii isaaniif kenninuudha. Rizqiin kuni gonkumaa hin dhumatu, addaan hin citu. Kana irra, yeroo hundaa kan turuu fi dabaluudha. Kuni Gooftaa arjoomaa, rahmaan, Dureessa, Mootii ta’e irratti ulfaata miti.[7] wanta tokko hojjachuu yoo fedhe, “Ta’i” jedhaan. Wanti sunis yoosu ta’a.

Guduunfaa
☛Ar-Razzaaq, Ar-Raaziq-jechuun rizqii kan uumu, kennu fi karaa ittiin argatan laaffisuudha. Ar-Razzaaq baay’innaan rizqii kennu agarsiisa.
☛Rizqii jechuun wanta namoonni itti hajamanii fi itti fayyadamaniidha. Rizqiin bakka lamatti qoodama: 1ffaa-rizqii qaamni ittiin dhaabbatu-kuni kan akka soorata, qilleensa, uffataa, qoricha fi kkf. 2ffaa-Rizqii qalbiin ittiin jiraattu-kuni iimaana, beekumsa fi hojii gaggaariidha.
☛Namni kan rizqii namaaf uumu, kennu fi karaa ittiin argatan namaaf laaffisu Rabbiin ta’uu yoo beeke, jireenya keessatti tasgabbii argata.
☛Rizqiin yeroo hundaa turu qananii Jannataati. Rizqii kana kan argatu muttaqootadha. Muttaqoota jechuun warroota amananii hojii itti ajajaman hojjachuu fi hojii irraa dhoowwaman dhiisun adabbii Rabbii irraa of eeganiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa muttaqoota keessaa nu haa taasisu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii-11/74
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -10/321
[3] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.61,62; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[4] Asmaa’ul Husnaa wa sifaatul Ulaa-fuula 49
[5] Tafsiiru Sa’dii-fuula 840
[6] Tafsiiru Xabarii-20/123
[7] Tafsiiru Sa’dii-fuula 841, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 3/595-606

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.2
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.5
Offline dubbisuf

Leave a Reply