Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.2

Offline dubbisuf

B- Bu’aa Maqaalee Ar-Raaziq, Ar-Razzaaq beeku fi itti amanuun argamuuKutaa 1ffaa
Kutaa darbe keessati Ar-Razzaaq, Ar-Raaziq-jechuun rizqii kan uumu, kennu fi karaa ittiin argatan laaffisuudha jenne turre. Ar-Razzaaq baay’innaan rizqii kennu agarsiisa. Rizqii jechuun wanta namoonni itti hajamanii fi itti fayyadamaniidha. Kanneen akka soorata, uffata, qilleensa, qoricha, beekumsa fi kkf. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lubbu-qabeenyi lakkoofsi isaanii hangana hin jedhamneef rizqii baay’ee daangaa hin qabne kan kennu waan ta’eef Inni Ar-Razzaaq dha. Namni maqaa kana sirritti itti xinxalluun yoo hubatee fi itti amane bu’aalee baay’ee argata. Isaan keessaa:

1-Rabbii olta’aaf ajajamuu, jaallachuu, Isaaf of gadi qabuu fi Isa galateefachuu–eeti nafseen namaa tuni kan tola ishitti oole jaallachuu fi isaaf ajajamu irratti uumamte. Garuu yeroo qalbiin namaa kan tolee itti oole beeku irraa haguggamte, namni qananii isaa ni waakkata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qananiin ilma namaa irratti oole lakkaawame hin dhumu. Garuu namoota lakkoofsan xiqqoo ta’antu qananii kana beekee Isaaf galata galcha. Kan hafan baay’een isaanii qananii Isaa ni waakkatu. Qur’aana keessatti ni jedha:

Gabroota Kiyya keessaa kanneen baay’innaan galata galchan xiqqoodha.” Suuratu Saba’a 34:13

 Galata galchuu jechuun qananiin Isarraa akka ta’e amanuu, arrabaan Isa faarsu, qalbiin Isaaf of gadi qabuu, wanta Inni jaallatu ittiin hojjachuu fi wanta Inni jibbuu ittiin hojjachuu irraa fagaachuudha. Dhugumatti, namoonni kana godhan lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqaadha.

Qananiin namni qabu fi argatuu hundi Gooftaa isaa irraa erga ta’e, sonoota (morals) keessaa wanti namarraa eeggamu Kan tola namatti ooluf galata galchuudha. Akkasi miti ree? Kan tola namatti oolef galata galchuun amaloota fi sonoota gaggaarii keessaa tokko.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kan namoota qananiisu fi isaaniif rizqii kennu waan ta’eef, dirqamni namoota irra jiru Isaaf ajajamu fi galata galchuudha. Wantoota armaan olitti ibsuuf yaalle mee gaafi fi deebii A fi B jidduutti adeemsifamuun haa ibsinuu:
A: Maaliif Rabbiif ajajamtaa?
B: Akkuma beekkamu kan rizqii namaaf uumu, karaa ittiin argatan namaaf laaffisuu fi kennu Rabbii olta’aadha. Rizqiin Isaa addaan cinnaan jireenyi kiyya guutuun addaan citti. Fkn, osoo rooba samii irraa roobsu baate, Isaan ala eenyullee duumessa irraa bishaan buuse nama sooru hin danda’u. Kanaafu, karaan Jaalala Isaa itti argatan, rizqii kana caalu itti argatanii fi adabbii Isaa jalaa itti bahan, Ar-Raaziqaaf ajajamuudha. Nama rizqii Isaa waakkatu fi Isaaf ajajamu dide, adabbii adda addaa akka adabuu addunyaa tana keessatti argine jirra. Adabbiin Aakhirah immoo kana caala. Kanaafu, karaan adabbii kana jalaa nagaha itti bahanii fi rizqii guddaa addunyaa tanaa caalu itti argatan, Rabbii olta’aaf ajajamuudha. Qananii Isaa waakkachuu fi Isa faallessuun maaliif boodarra rakkoo fi adabbiif of saaxilaa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Isaaf ajajame, galata galchee fi amane akka hin adabne waadaa galee jira. Ni jedha:

4:147

“Yoo isin [Isa] galateefattanii fi amantan, Rabbiin isin adabuu irraa maal godhaa? Rabbiin Galateefataa Beekaa ta’eera.” (Suuratu An-Nisaa 4:147)

A: Qur’aana irraa aayah Rabbiin akka galateefatan itti ajajju naaf himu fi ibsuu dandeessaa?
B: Aayaanni shukrii (galateefachuutti) ajajan baay’eedha. Garuu aayah takka qofa siif haa dhiyeessu:

2:172

Yaa warra amantan! Wantoota gaggaarii isiniif kennine irraa nyaadhaa. Isa kan gabbartan yoo taatan Rabbiif galata galchaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:172

Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan, haqaan gabbaramaan Rabbiin akka ta’e mirkaneessitanii fi Isaaf ajajamtan, wantoota gaggaarii fi halaala ta’an irraa nyaadhaa.[1]  “Isa kan gabbartan yoo taatan Rabbiif galata galchaa.” Rabbiin galateefachuu jechuun qalbiin of gadi qabuu fi qananiin Isa irraa akka dhufe amanuu, arrabaan Isa faarsu, qaaman wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi qananii Isaa badii ittiin hojjachuuf itti fayyadamuu dhiisudha. Aayah tana keessatti namni Rabbiin hin galateefanne, Isa qofa kan hin gabbarre ta’uu agarsiisa. Namni Isa galateefate immoo Isa gabbaree fi wanta itti ajaje hojjatee jira. Ammas, wantoota gaggaarii halaala ta’an nyaachun hojii gaarii hojjachuu fi hojiin kuni fudhatama akka argatuuf sababa ta’a. Aaya tana keessatti qananii booda galata galchuutti (shukriitti) ajajuun, shukriin qananiin jiru akka eeggamuu fi qananiin bade akka dhufuuf sababa ta’uu agarsiisa. Galata galchuu dhiisu fi waakkachuun immoo qananii namarraa oofa.[2]

A: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti galateefachuu fi jaallachuu dandeessaa?
B: Rahmaani Raaziqa ta’e, qananiin ani qabu hundi Isarraa kan ta’e galateefachuu fi jaallachuuf tooftaalee sadii fayyadama. 1ffaa-Qananii na bira jiru yaadachu fi itti xinxalluu. 2ffaa-Haala darbe kiyya yaadachuu, 3ffaa-namoota qananii ani qabu dhaban ilaalu. Qananiin akka beekumsaa, iimaana, qabeenya fi kan biroo na bira jiran qananii guddaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa na badhaasedha. Kanaafu, kuni galata galchuu fi Isa jaallachuutti na kakaasa. Isaaf ajajamu fi Isa faarsun galata galchuun qananiiwwan kunniin akka itti fufanii fi dabalan waan taasisuuf.  Qur’aana keessatti ni jedha:

35:3

Yaa namoota! Qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Sila Rabbiin ala Uumaan (Khaaliqni) biraa kan samii fi dachii irraa rizqii isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Kanaafu akkamitti [Isa irraa] garagaltu?” Suura faaxir(35):3

Yaa namoota qananii Rabbiin isin irratti oole ammaa amma yaadadhaa. Yaadachuun kuni kan ta’u, arrabaan dubbachuu fi qananii Rabbii nu keessa jiruu fi naannawa keenya jiru itti xinxalluudha. Yaadannoon kunis Isa faarsu fi galata Isaaf galchuutti nu kakaasa. Ergasii hundeewwan qananii ni beeksise. Isaanis: Uumuu fi rizqiidha. “Sila Rabbiin ala Uumaan (Khaaliqni) biraa kan samii fi dachii irraa rizqii isiniif kennu ni jiraa?” Sila Rabbiin ala Khaaliqni samii irraa bishaan roobsu fi aduu ibsuun lafa keessaa biqiltoota isiniif biqilchee isin sooru ni jiraa? Akkuma beekkamu Khaaliqni samii fi dachii irraa nama sooru Rabbiin qofa erga ta’ee, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru.[3]

Samiwwanii fi dachii kan uumee fi waan hundaa irratti danda’a ta’ee malee gabbaramaan gabbarriin (ibaadan) isaaf malu hin jiru. Kanaafu, yaa namoota Rabbiin malee eenyullee hin gabbarinaa. Sababni isaas, Isaan ala kan isin fayyadu fi miidhu hin jiru. Ibaadaa Isaaf qulqulleessaa.[4]Kanaafu akkamitti [Isa irraa] garagaltu?” Khaaliqa isin uumee fi rizqii isiniif kennu dhiistanii akkamitti makhluuqa (uumama) isin uumuu fi rizqii isiniif kennu hin dandeenye gabbartuu (waaqefattuu)? Kuni dhimma warri sammuu qaban ajaa’ibsifataniidha. Namni yaada fi fedhii qabuu wanta ibaadan (gabbarriin) isaaf hin mallee akkamitti gabbaraa (waaqefataa)?

2-Tawakkula qabaachu-Tawakkula jechuun wanta namarraa eeggamu hojjachuu waliin qalbiidhaan hirkannaa dhugaa Rabbiin irratti hirkachuu fi wanta Inni namaaf filatuuf harka kennuudha.[5] Tawakkulli (hirkannaan) hojii qalbiiti. Namni kan rizqii namaaf uumuu fi kennu Rabbii olta’aa ta’uu yoo mirkaneefate, Isarratti hirkata. Sababa isarraa eeggamu hojjachuu waliin qalbiin isaa Rabbitti rarraati. Sababni isaas, rizqii fi wanta rizqiif sababa ta’uu hunda kan uume Isa. Kuni naanna’e naanna’e, qalbii keessatti tasgabbii fi gammachuu argamsiisa. Rizqiif jedhanii dhiphachuu fi sodaachu namarraa oofa. Walaleessaan ni jedha:

Rabbiin Raaziqa kiyya ta’ee osoo jiru akkamitti hiyyummaa sodaadhaa?
Rakkinnaa fi laafinna keessatti uumamtoota kanniin Kan razzaqu Isaa
Uumamtoota hundaa razzaquuf itti-gaafatamummaa fudhatee
Lootu gammoojji keessatti, qurxummii galaana keessatti

Ammas wanta armaan olitti ibsuuf yaalle gaafi fi deebiin ifa haa goonu.
A: Rabbiin irratti hirkachuu yommuu jettu maal jechuu keeti? Rizqii barbaadachuuf osoo hin carraaqin taa’anii, “Ani Rabbiin rizqii naaf kenna” jechuu keetii?
B: Lakki, akkasi miti. Akkuma duratti jenne Rabbiin irratti hirkachuu jechuun harkaan wanta namarraa eeggamu hojjachaa qalbiin immoo Isatti rarra’uu fi amanuudha. Mu’minni (namni dhugaan amane) rizqii irratti kan hirkatu osoo hin ta’in Rabbiin irratti hirkata. Kan dhugaan nama fayyaduu fi balaa namarraa deebisu qabeenya harkaa qabu osoo hin ta’in Rabbiin akka ta’e ni beeka. Kanaafu, qalbiin isaa qabeenyarratti osoo hin ta’in Gooftaa isaatti rarraati. Murtii Gooftaa isaatiif harka kenna. Kuni hundi tasgabbii isaaf kenna. Ammas, harka marate taa’uun “rizqiin naaf dhufti” kan jedhu osoo hin ta’in, rizqii argachuuf hanga danda’e ni carraaqa. Sinbireen ganama rizqii barbaadachuuf baate galgala quufte galti. Wanti ishiin hojjattu sababa. Yommuu ishiin carraaqxu, Rabbiin rizqii ni kennaaf. Namnis haaluma kanaan yoo carraaqe, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rizqii ni kennaaf.

A: Namoonni gariin garmalee ni carraaqu, garuu rizqii xiqqoo argatu. Gariin immoo xiqqoma carraaqanii rizqii baay’ee argatu. Kuni akkamii?
B: Akkuma kutaa darbe keessatti jenne carraaqqin namootaa sababa rizqiiti malee maddaa miti. Kan rizqii maddisiisu, kennuu fi qoodu Rabbiidha. Sababni isaas, Rabbiin Ar-Razzaaq waan ta’eef rizqii kan uumu, sababa laaffisu fi nama fedheef kennuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fedhii fi ogummaa Isaatiin rizqii namootaa garagara godhe. Ni jedha:

17:30

Gooftaan kee nama fedheef rizqii ni bal’isa, [nama fedhe immoo] itti dhiphisa. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa ilaalchisee keessa beekaa, argaa ta’eera.” Suuratu Al-Israa 17:30

Yaa nama addunya tana keessatti iddoo qormaataa kaa’ame! Gooftaan kee namoota gariif rizqii bal’isuu fi namoota gariitti immoo rizqii dhiphisuun wanta namoonni ittiin qoraman taasise. Gabroota Isaa ilaalchisee haala isaanii sirritti beeka. Eenyutu durummaan akka isaaf malu, eenyutu hiyyummaan akka isaaf malu sirritti beeka. Haala fi dhimma isaanii hunda sirritti arga. Kanaafu, hunda isaanitif ogummaa fi beekumsa Isaatiin rizqii ni qooda. Gabroota keessaa osoo rizqii itti bal’isee amanti fi Aakhiraan isaa kan jalaa badu jira.  Ammas, gabroota keessaa nama osoo rizqii itti dhiphisee amanti fi Aakhiraan isaa jala baduu jira. Rabbiin rahmataa fi ogummaa Isaatiin mu’iminaaf wanta irra gaarii ta’e filata. Kanaafu, namni carraaqee rizqii xiqqoo yoo argate, suni wanta Rabbiin isaaf murteesse akka ta’e beekun obsuu qaba. Kaayyoon guddaan rizqii bal’isuu fi dhiphisuu keessa jiru namoota qoruun nama galata galchu fi hin galchine, nama obsuu fi hin obsinee ifa baasuf waan ta’eef. Ergasii Guyyaa Murtii Jazaa isaaniif kafaluufi.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-3/52
[2] Tafsiiru Sa’dii-78
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-7/37
[4] Tafsiiru Xabarii-19/329
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.61,62; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-6/576

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.3
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply