Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.3

Offline dubbisuf

B- Bu’aa Maqaalee Ar-Raaziq, Ar-Razzaaq beeku fi itti amanuun argamuuKutaa 2ffaa
3-Sababoota haraama ta’an dhiisu fi rizqiif jedhanii haqa faalleessu dhabuu Namoonni amantin isaanii yommuu xiqqaatu karaa haraamatin rizqii argachuuf carraaqu. Fakkeenyaaf, hanna, malaamaltummaa, mattaa, gowwoomsu fi kkf. Ammas, yeroo garii namni haqa Islaamaa qabate, yommuu abbaan aangoo haqa akka dhiisu ykn wanta sobaa akka hojjatu ajaju, “Rizqii narraa kuta” jedhee sodaachun haqa dhiisa ykn wanta sobaa hojjata. Namni kana hundarraa baraaramee gammachuu fi milkaa’inna argachuuf, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ar-Razzaaq akka ta’e mirkaneefachuudha. Rizqiin harka namaa osoo hin ta’in harka Rabbii waan hundaaf rizqii kennuu keessa jira. Haqa akka dhiisaniif diinonni Islaamaa rizqii nama dhoowwachuun sodaachisu. Rizqiin akka waan harka isaanii jiru godhanii yaadu. Qur’aana keessatti ni jedha:

Isaan ‘Hanga addaan bittinaa’anitti namoota Ergamaa Rabbii bira jiran irratti hin baasinaa’ kanneen jedhaniidhaKuusaawwan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Garuu munaafiqonni hin hubatan.” (Suuratu Al-Munaafiquun 63:7)

Aaya tana ilaalchise Sayyid Quxb (rahimahullahu) ni jedha: “Wanti munaafiqonni jedhan kuni amalli isaanii hangan badaa fi fokkuu akka ta’ee mul’isa. Suni karoora beelessu mormitoonni haqaa fi iimaanaa bakkaa fi yeroo adda addaatti amantii sirrii ta’etti duuluuf waliif dhaamaniidha. Kunis kan ta’eef, namoonni kunniin miirri isaanii gadi aanaa waan ta’eef jireenya keessatti hanbaan nyaataa wanta hunda akka ta’etti yaadu. Ergasii mu’mintoota ittiin duulu.

Kuni karoora Qureeshonni itti fayyadamaniidha. Akka Nabiyyii (SAW) hin gargaarree fi isarraa faca’an Qureeshonni nyaanni bani Haashim akka hin geenye dhoowwite. Akkasumas, akkuma aayan tuni murteessitu, tooftaan beelessuu fi nyaata dhoowwachun tooftaa munaafiqonni itti fayyadamaniidha. Akka isaan yaadanitti yoo beelli sahaabota rukute, nabiyyii (SAW) dhiisanii irraa faca’u.

Warri kooministiis namoota amanti qabatan akka beelaan du’aniif ykn amanti dhiisanii fi hin salaanneef mirga soorannaa dhoowwatu. Yeroo ammas, diinonni Islaamaa biyyoota Muslimaa keessatti ergaa Islaamatti duuluuf tooftaa kanatti fayyadamu. Tooftaan kunis: Muslimoota hidhuu, beelessuu, karaa rizqii ittiin argatan cufuu fi kkf. Haala kanaan mormitoonni iimaanaa durii fi ammaa, haqa salphaa Qur’aanni ayah armaan olii keessatti isaan yaadachisu dagachuun maloota fokkuu kanatti fayyadamu. “Kuusaawwan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Garuu munaafiqonni hin hubatan.”

Kuusawwan Rabbii kan samii fi dachii keessa jiran irraa warroonni haqatti diina ta’an kunniin rizqii isaanii argatu. Isaan mataa ofiiti rizqii kan uumani miti. Rizqii namoota biroo irraa kutuuf yommuu carraaqan, isaan gowwoota akkamitii! Ee xiqqaate hubannaan isaanii! Haala kanaan, tooftaa badaa kanatti qabsaa’uuf Rabbiin warroota amanan tasgabbeessa, qalbii isaanii jabeessa. Kuusaan samii fi dachii namoota hundaafu banaa akka ta’e isaanitti hima.”[1]

Gabaabumatti kuusaan (kaaznaan) rizqii harka Rabbii akka jiru namni yoo beeke fi amane, dhabiinsa rizqii sodaachun wanta haraama hojjachuuf hin carraaqu.

4-Qalbii keessaa haafayuu fi doy’ummaa fageessun arjoomu fi tasgabbaa’u- Namni maqaa Rabbii, “Ar-Razzaaq” jedhu sirritti yoo hubatee fi itti amanee, qalbii isaa keessaa haafayuu fi doy’ummaan ni fagaata. Sababni isaas, rizqii irraa wanta nama harka jiru, beekumsa fi qajeelchi qalbii keessa jiru hundi Rabbiin irraa akka ta’e isatti dhagahama. Miirri kuni nama amane akka gadi of qabu, beekumsaa fi qabeenya irraa wanta argate karaa Rabbii keessatti akka baasuu fi warroota itti hajamaniif akka kennu isa kakaasa. Rizqiin bal’achuun Rabbiin irraa namaaf qormaata. Maal akka ittiin hojjatu isa ilaalu fi shukrii isaa qoruuf rizqii bal’isaaf. Qur’aana keessatti: “Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee fi waan isiniif kenne keessatti isin qoruuf jecha garii keessan garii irra sadarkaan ol fuudhedha. Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha, ammas dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Suuratu Al-An’aam 6:165

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

57:7

Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanaa. Waan Inni isa keessatti bakka buutota isin taasise irraas kennadhaa. Isin keessaa kanneen amananii fi arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:7

Waan Inni isa keessatti bakka buutota isin taasise irraas kennadhaa.” Qabeenya Rabbiin dhaaltota isin godhee irraa kennadhaa. Qabeenyi isin qabdan yeroo hundaa kan isin waliin turuu miti. Kaleessa namoota biraa harka ture. Tarii abboota keessan harka ture. Har’a immoo isaan ajjeese isin immoo qabeenya kana akka dhaaltan taasise. Isinis qabeenya kana zalaalamiif hin horattan. Isin ajjeesun dhaloota isin booda dhufu dhaalchisa. Kanaafu, wanta yeroo hundaa turaa ta’ee maaliif hin horannee? Wanti turaan suni qabeenya keessan baasun mindaa guddaa Aakhiratti argattaniidha.  Aa’ishaan akka gabaastetti, gaafa tokko hoolaa qalanii foon namoota hiyeeyyiif qoodan. Ergasii Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: “Ishii (hoolaa) irraa maaltu hafee?” Aa’ishaanis ni jette, “Ceeku malee homaa hin hafne.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Ceeku ishii malee hunduu hafee jira.” (Jaami’u At-Tirmizii 2658) kana jechuun wanti Rabbiif jedhamee kenname kan hafee fi olkaa’ameedha. Guyyaa Murtii mindaa wanta kennanii fi baasanii waan argataniif.

5-Rizqii halaala ykn haraama gochuun aangoo nama osoo hin ta’in aangoo Khaaliqaati (subhaanahu wa ta’aalaa)Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ar-Razzaaq erga ta’ee fi wantoonni dachi keessa jiran hundi kan Inni uumee erga ta’anii, namni hanga fedhe haa qabaatu wanta Rabbiin haraama godhee halaala gochuu hin danda’u. Ammas wanta Inni halaala godhe namni haraama gochuu hin danda’u. Sababni isaas, wanta tokko haraamaa fi halaala gochuun hojii Gooftaa qofa. Namni kana keessatti Isaan morkate, Gooftummaa Isaa keessatti shirkii hojjate jira. Namni wanta Rabbiin haraama godhe halaalessu ykn wanta halaala godhe haraama godhu keessatti osoo beeku itti gammadee makhluuqaaf ajajamee, Rabbii gaditti makhluuqa kana gooftaa godhatee jira. Fakkeenyaaf, Qeeysonni wanta Rabbiin haraamaa hin goone haraama godhu ykn wanta Rabbiin olta’aan halaalaa hin goone halaala godhu. Namni osoo beeku itti gammadee qeeysotaf ajajamee Rabbii gaditti qeeysota gooftaa godhatee jira. Qur’aana keessatti ni jedha:

Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan, akkasumas Masiih ilma Mariyamis [gooftaa godhatan]. Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Suuratu At-Tawbaa 9:31

Asi oliitti “gooftoleen” danuu (hedduminna) “gooftaa” ta’a. Kiristaanonni fi Yahuudonni, “Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan”. Aayah tana hubachuuf mee gara hadiisaa haa deebinu. Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman Adiyy ibn Haatim Kiristaana ture. Yommuu Islaamawuf Nabiyyii bira dhufe akkana jedha: “Morma kiyya irratti maskala warqii rarraafadhe gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufe. Nabiyyinis ni jedhan, “Yaa Adiyy! Taabota kana morma keetirraa darbi.” Anis ni darbe. Suuratu Tawbaa irraa aayah tana osoo dubbisuu isatti dhufe: “Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan” Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! nuti isaan hin gabbarru.” Nabiyyinis ni jedhan, “Wanta Rabbiin halaala godhe haraamaa hin godhanii? Isinis [isaaniif ajajamuun] haraama gootu. Ammas, wanta Rabbiin haraama godhe halaala hin godhanii? Isinis halaala gootu.” Anis ni jedhe, “Eeyyen.” Innis ni jedhe, “Kuni isaan gabbaruudha.”[2]

Kuni haala Kiristaanotaa fi Yahuudotaati. Ragaa Rabbiin irraa dhufe osoo hin qabaatin, qeeysotaa fi paappasota hordofu. Wanta Rabbiin haraama godhe qeeysonni, paappasonni fi molokseen isaaniif halaala godhu. Ykn wanta Rabbiin halaala godhe haraama godhu. Ummanniis isaaniif ajajama. Ammas, seera Rabbiin amanti keessatti hin buusne, isaaniif kaa’u. Akkaataa ibaadaa itti hojjatan kan Rabbiin hin ajajne paapasonni kunniin ajaju. Fkn, namni tawbachuu barbaadu, qeeysi bira deemee cuubaa, luka dhiqu fi wanta biraa hojjata. Akkasumas, ummanni Kiristaanaa ifa beekumsaa dhaban qeeysotaaf gadi of qabanii masqala dhungatu. Dhugumatti kuni gooftaa isaan godhachuudha. Hundemaa Gooftaan kan namoonni isaaf ajajamanii fi isaaf of gadi qabaniidha. Sadaqallahul aziim (Rabbiin Guddaan dhugaa dubbate).

Akkasumas, Iyyasuusin gooftaa akka godhatan wanta beekkamudha. Garuu namoonni kunniin ajaja Rabbii isaan uume faallessanii jiru. “Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ergamtoota erguun, “Gabbaramaa Tokkicha gabbaraa, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru.” jechuun isaan ajaje. Gabbarrii fi ajajamu Isa qofaaf akka qulqulleessan, jaalala, garmalee ol guddisuu, gadi jechuu fi kadhaa Isa qofaaf akka godhan ajajaman. Garuu isaan ajaja Rabbii dugda duubatti darbuun Isa waliin wanta biraa gabbaru. Isa qofaaf gadi jechuu fi ajajamu dhiisanii qeeysota, paappasota fi molokseef gadi of qabu, isaaniif ajajamu. “Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Wanta isaan Isa waliin gabbaranii fi kabajaaf guddinna Isaatiif wanta hin malle kan isaan jedhan irraa Inni qulqullaa’e. “Rabbiin ilma qaba” jedhan. Rabbiin kana hundarraa qulqullaa’e olta’e.

Wanti asirraa hubannu, hayyootaa fi hoggantoota beekumsaa fi ragaa malee hordofuu dhiisudha. Hayyoonni fi hoggantoonni wanta tokko haraama ykn halaala yoo jedhan, “ragaa keessan fidadhaa” isaaniin jechuudha. Ragaan isaan fidan Qur’aanaa fi Sunnah irratti yoo hundaa’e, suni waa tole, wanta isaan jedhan fudhachuudha. Garuu yoo ragaa hin qabaatinii fi wanti isaan jedhan Qur’aanaa fi Sunnah kan faallessu yoo ta’ee, “achumatti” isaanin jechuun irraa fagaachudha. Ta’uu baannan, ragaa fi beekumsa malee isaaniif ajajamuun akka namoota armaan olii taana. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu.


Kitaabban wabii:
[1] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.61,62; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[2] Tafsiiru Xabari– -11/417-418

Sababoota Rizqii Argachuuf Nama gargaaran
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply