Sababoota Rizqii Argachuuf Nama gargaaran

Offline dubbisuf

Jireenya keessatti namni hunduu rizqii argachuuf halkanii guyyaa battisa. Eeti rizqii kan kennu Rabbii olta’aadha. Garuu kennaan Isaa kuni fedhii, ogummaa Isaatii fi sababootaan kan walitti hidhameedha. Akkuma yeroo darbe jenne sababa jechuun wanta tokko argachuuf karaa hordofaniidha. Akkuma barataan qabxii gaarii galmeessuuf qo’achuu qabu, namnis rizqii gaarii argachuuf sababa rizqiin ittiin argamuu hojjachuu qabaa miti ree? Mee sababoota rizqii argachuuf nama gargaaran muraasa isaanii haa tarreessinu:

1-Iimaana fi taqwaa Kunniin lamaan sababa bu’uuraa rizqii gaarii itti argataniidha. Akkuma yeroo darbe jenne, rizqiin soorataa fi maallaqa qofaa osoo hin ta’in beekumsa, hojii gaggaarii fi qananii Jannataa of keessatti hammata. Tarii namni sooranni fi maallaqni isaa xiqqaa ta’uu danda’a. Garuu beekumsa fi hojii gaggaarii baay’ee qaba. Sababa kanaan, qalbii keessatti tasgabbii argata. Akkasumas, namoonni qabeenya baay’ee, beekumsa fi hojii gaggaarii qaban ni jiru. Gabaabumatti rizqii irraa qabeenya halaala, beekumsa fi qananii Guyyaa Qiyaamaa argachuuf iimaanni fi taqwaan hundeedha. Akka lugaatti “iimaana” jechuun “amanuu” ykn “dhugoomsu”dha. Akka shari’aatti immoo Iimaana jechuun fedhii ofiitiin qalbiidhaan dhugaan amanuu, ergasii arrabaan dubbachuu fi hojii namarraa barbaadamu hojjachuudha.[1]

Yeroo baay’ee taqwaan gara Afaan Oromootti yommuu hiikkamu “Rabbiin sodaachu” dha. Jechi taqwaa jedhu jecha wiqaaya jedhu irraa kan fudhatameedha. Wiqaaya jechuun eeggumsa (protection). Kanaafu, taqwaa jechuun wanta Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaatirraa of eegu jechuudha.[2]

Dhugumatti, dhugaan amananii wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisun balbala rizqii namaaf bana. Takkaa rizqii irraa balbala beekumsa fi hojii gaarii qalbiin itti tasgabbooftu takkaa immoo balbala qabeenyaa waan gaarii ittiin hojjatan namaaf bana. Rizqiin guddaan kana caalu immoo sababa iimaana fi taqwaatin Guyyaa Murtii balbaloonni Jannataa namaaf banamuudha. Mee Qur’aana irraa iimaanni fi taqwaan sababoota balballii rizqii namaaf itti banamaan ta’uu haa ilaallu:

Namni Rabbiin sodaatu, Inni karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaanne irraa rizqii isaaf kenna. Namni Rabbiin irratti hirkate, Inni isaaf gahaadha. Dhugumatti, Rabbiin ajaja Isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafu safara taasisee jira.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:2-3

Namni wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isa sodaate, addunyaa fi Aakhiratti rakkinnaa fi dhiphinna keessaa akka bahuuf karaa bahiinsaa isaaf godha. Namni Rabbiin sodaatu karaa bahiinsa yommuu argatu, namni Rabbiin hin sodaanne immoo rakkinnaa fi dhiphinna keessaa bahu hin dandeenyetti kufa. Rabbiin waan hin sodaanneef karaa bahiinsa dhaba.

 Ammas nama Isa sodaatu, Rabbiin gara inni hin yaannee fi hin beekne irraa rizqii isaaf kenna. Sababoota rizqii ittiin argatu isaaf laaffisa.[3]

Namni Rabbiin irratti hirkate, Inni isaaf gahaadha.” Kana jechuun dhimma amantii fi addunyaa isaa keessatti wanta isa fayyadu argachuu fi wanta isa miidhu ofirraa ittisuuf Rabbiin irratti hirkate fi kana laaffisu keessatti Isa amane, Rabbiin isaaf gahaadha.[4]  “Dhugumatti, Rabbiin ajaja Isaa bakkaan gahaadha.” Kana jechuun Rabbiin wanta fedhe hojii irra ni oolcha. Murtii fi ajajni Isaa ni raawwatama.[5]

Dhugumatti Rabbiin waan hundaafu safara taasisee jira.” Kana jechuun Rabbiin waan hundaaf yeroo fi hamma murtaa’aa taasisee jira. Yeroo wanti tokko itti raawwatamu fi xumuramu dursee murteesse jira. Yeroo isaatirraa duubattis hin harkifatu, gara fuunduraattis hin darbu.[6] Akkasumas, hammi wanti tokkoo kan murtaa’edha. Rakkoo fi mijaa’inni yeroo itti xumuramu qabu.

 Akkuma ibsa armaan olii irraa ilaallutti, Rabbiin sodaachun (taqwaan), karaa bahiinsaa fi rizqii akka argatan sababa guddaa namaaf ta’a. Tarii namni yeroo barbaadetti, karaa bahiinsaa fi rizqii dhabuu danda’a. Aaya armaan olii yommuu ilaallu dhumarratti akkana jechuun nama tasgabbeessa: “Dhugumatti, Rabbiin ajaja Isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafu safara taasisee jira.” Akka waan nama Rabbiin sodaatu kan rakkoo keessa jiruun akkana jedhameeti, “Rabbiin wanta murtessee fi fedhe bakkaan ni gaha. Wanta fedhe hundaa bakkaan gahuuf yeroo murteesse jira. Kanaafu, yaa nama rakkoo keessa jiru! Rabbiin sodaachu itti fufi, karaan bahiinsaa fi rizqiin kee yeroo isaa eeggatee ni dhufa. Rabbiin waan hundaafu yeroo fi hamma murtaa’a kaa’e jira waan ta’eef. Kanaafu, hin jarjarin, obsi.”

Ammas, mee iimaana fi taqwaan sababa rizqii ta’uu haa ilaallu:

Osoo warri magaalootaa amananii fi Rabbiin sodaatanii, silaa samii fi dachii irraa barakaa isaan irratti bannaa turre. Garuu isaan ni kijibsiisan, kanaafu wanta hojjataa turaniif isaan qabne.” Suuratu Al-A’araaf 7:96

“Magaloota” danuu (hedduminna) “magaalaa”ti. Magaalaan (katamaan) haa guddattus haa xiqqaattus iddoo namoonni walitti qabamanii jiraataniidha. Akkasumas, magaalaatti baadiyaanis ni dabalama. Yeroo baay’ee warri baadiyaa siyaasaa fi bulchiinsaaf magaalaan walitti waan hidhamaniif.

“Osoo warri magaalootaa amananii fi Rabbiin sodaatanii” Kuni ulaagaa wantoota lama irraa ijaarrameedha. 1ffaa-Bu’uuraalee iimaanaa Rabbiin itti ajajeetti haala sirrii ta’een amanuu. 2ffaa-wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhisun adabbii Isaa irraa of eegu (Taqwaa).[7]

Osoo warri magaaloota ulaagaalee lamaan kanniin guutanii, “silaa samii fi dachii irraa barakaa isaan irratti bannaa turre.” Kana jechuun samii irraa rooba isaaniif roobsina, rooba kanaanis dachii keessaa biqiltoota isaaniif biqilchina, hoongee fi gogiinsa isaan irraa kaafna. Kuni barakaa samii fi dachii irraayyi.[8] Barakaa jechuun kheeyri irraa daballii fi baay’inna.  

Garuu isaan ni kijibsiisan” Kana jechuun garuu isaan ulaagaa barbaadamu iimaanaa fi taqwaa qabaachun hin mirkaneessine. Kanaafu, samii fi dachii irraa barakaan osoo addaan hin citin haala itti fufaa ta’een isaaniif hin banamne. Ergamtoota Gooftaa isaaniitii fi wanta Ergamtoonni isaanitti fidan ni kijibsiisan, qalbii isaanitiin hin amanne, wanta itti ajajaman hin hojjanne, wanta irraa dhoowwamanis hin dhiifne. “kanaafu wanta hojjataa turaniif isaan qabne.” Sababa hojii badaa hojjataa turanitiif adabbiin, balaa fi barakaa dhabamsiisuun isaan qabne.[9]

Kanaafu, haala sirrii ta’een amanuu fi taqwaa qabaachun balballi rizqii akka namaaf banamu sababa guddaa ta’a. Namni haala sirrii ta’een amanee fi taqwaa qabaatee balballi rizqii inni barbaadu isaaf banamu yoo baate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa balbala rizqii garmalee guddaa ta’ee isaaf bana. Dhagahaa, balballi rizqii guddaan kuni mindaa Inni addunyaa fi Aakhiratti namaaf kennuudha. Rabbii guddaan olta’e ni jedha:

2:103

Osoo amananii fi Rabbiin sodaatanii, silaa mindaan isaan Rabbiin biraa argatan akkaan caalaa ture. Osoo kan beekan ta’anii.” Suuratu Al-Baqara 2:103

 Addunyaa gabaabdu tana argachuuf namoonni badii hojjatan osoo amananii fi wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isa sodaatanii, mindaan Rabbiin isaaniif kennu badii isaan hojjatanii fi qabeenya isarraa argatan irra caaladha. Qabeenyi isaan argatan kan baduudha. Mindaan Isaa immoo yeroo hundaa turaadha. Mindaan Rabbiin isaaniif kennu baay’ee guddaa fi gaarii ta’uu osoo beekanii, silaa ni amanuu fi taqwaa qabaatu turan.[10] Mindaan kuni kan mul’atu fi hin mul’anne ta’uu danda’a. Qalbiin tasgabbii argachuun mindaa guddaadha. Aakhirattti Jannata seenun mindaa hundarra guddaa namni argatuudha.

2-Sadaqaa Sadaqaan sababa guddaa balballi rizqii ittiin banamuudha. Sadaqaa jechuun Rabbiitti dhiyaachuuf qabeenya, nyaata, uffata fi kkf irraa wanta hiyyeessaa fi nama rakkateef kennamuudha. Al-Jazaa’u min jiinsil amal (Mindaan gosa hojiitin) jedhama. Namni rakkinna namaaf laaffise, isaafis haalli ni laaffata ykn ni salphata. Sadaqaan rakkoo namaa waan laaffisuuf, namni sadaqaa kennu haalli jireenyaa isaaf laafa. Kanaafi, Qur’aana keessatti ni jedha:

“Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda. Namni kennatee Rabbiin sodaatee fi Al-Husnaa dhugoomse, karaa laaftu isaaf ni laaffisna.” Suuratu Al-Layl 92:4-7

Yaa namoota carraaqqi fi hojiin keessan hamma, kakka’umsaa fi kaayyoo keessan irratti hundaa’e garagara. Kaayyoon itti carraaqxaniif Fuulaa Rabbii olta’aa yeroo hundaa turaa ta’eef moo kaayyoo baduu fi turtii hin qabneef? Kaayyoon itti carraaqxanii fi hojii itti hojjataniif Jaalala Rabbii olta’aa argachuu fi Guyyaa Murtii mindaa guddaan milkaa’uuf yoo ta’e, carraaqqin keessan ni tura, isiniis itti fayyadamtu. Kaayyoon itti carraaqxaniif Jaalala Rabbii argachuuf osoo hin ta’in addunyaa tanaa fi faaya ishii argachuuf qofa yoo ta’e, yeroma addunyaa fi faayni ishii badu carraaqqin keessanis ni badaa. Kanaafu, namni akkanaa Guyyaa murtii carraaqqi isaatti hin fayyadamu. Rabbiin subhaanahu itti aanse, hojjattootaa fi hojii isaanii ni ibse:

“Namni kennatee Rabbiin sodaate” kana jechuun namni Fuulaa Gooftaa isaa olta’aa ta’e barbaadun qabeenya irraa kennaa kennee fi dhimma isaa hunda keessatti Rabbiin sodaate, akkasumas, “Al-Husnaa dhugoomse” kana jechuun “Laa ilah illallah”, wanta amantiin guutun of keessatti qabatee fi mindaa Aakhiratti argamu dhugaan itti amane, “karaa laaftu isaaf ni laaffisna” Kana jechuun dhimma isaa isaaf laaffifna, kheeyri hundaa salphaa isaaf taasifna, sharrii hundaa akka dhiisu salphaa isaaf goona. Sababni isaas, sababoota laafinnatti nama geessan waan hojjateef, Rabbiinis isaaf laaffisa.[11]

Al-Husnaa jechuun garmalee gaarii kan ta’ee fi gaarummaan hunda kan caaludha. Dhugumatti, jechi Laa ilah illallah fi wanti of keessatti qabatte, wanta hundarra gaarii ta’eedha. Akkasumas, mindaan Aakhirah gaarummaan isaa fiixee ol’aanaa irra kan gaheedha. Namni qalbiin kanatti amanee sadaqaa kenne, Rabbiin karaa laaftu isaaf laaffisa.

Gabaabumatti, namni dhugaan amanuun, wanta itti ajajamee hojjachuu fi wanta irraa dhoorgame dhiisun wanta qaburraa sadaqaa yoo kennate, haalli jireenyaa isaaf laafa. Karaan rizqii itti argatu isaaf salphata.

3-Hanga danda’an carraaqu fi tooftaa sirriitti fayyadamu- Sammuun, harkaa fi lukaanis rizqii argachuuf carraaqun ni barbaachisa. Tooftaalee rizqii itti argatan barachuun barbaachisaadha. Jireenya keessatti wanti hundu “Na bari. Karaan ati na bira geessu beekumsa yoo baratteedha.” jedha. Kanaafu wanta barbaadan argachuuf waa’ee sanii ilaalchise beekumsa barachuu fi shaakaluun karaa isatti nama geessu laaffisa.

Guduunfaa
➥Sababoonni rizqii gaarii akka argatan nama taasisan baay’eedha. Isaan keessaa hundee fi bu’uura kan ta’an:
1-Iimaana fi taqwaa-Akka lugaatti iimaana jechuun amanuu ykn dhugoomsudha. Taqwaa jechuun wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisun adabbii Rabbii irraa of eegudha. Yeroo baay’ee taqwaan gara Afaan Oromootti yommuu hiikkamu “Rabbiin sodaachu” dha. Eeti, namni Rabbiin sodaatu, wanta itti ajajame ni hojjata, wanta irraa dhoowwame immoo ni dhiisa. Akkasi miti ree?
➥Namni dhugaan hundeewwan iimaanatti amanuun wanta itti ajajame hojjatee fi wanta irraa dhoowwame dhiise, balballi rizqii isaaf banama. Balballi rizqii, qabeenya halaalaa, beekumsa, qananii Jannataa of keessatti hammata. Namni hin amannee fi taqwaa hin qabne addunyaa tana keessatti qabeenya baay’ee osoo argateeyyu, Aakhiratti rizqii guddaa dhaba. Innis qananii Jannataati. Kaafirri gonkuma Jannata hin seenu. Faallaa kanaa, namni dhugaan amanee fi taqwaa qabu osoo addunyaa tana keessatti qabeenya baay’ee dhabeeyyu, Aakhiratti rizqii bal’aa argata.
2-Sadaqaa- namni Fuula Rabbii olta’aa barbaadun sadaqaa kennu, haalli jireenyaa ni laafaf.
3-Hanga danda’an carraaqu fi tooftaa sirriitti fayyadamu


Kitaabban wabii:
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 69 fi 76, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
[2] Sharih aqiidatu Tadmuriyyah- fuula 505, Sheykh Muhammad ibn Saalih Useymiin, Commentary on the Forty Hadith of Al-Nawawi Vol 2, fuula 900, Jamaal Zarabozo
[3] Tafsiiru Xabarii-23/42
[4] Tafsiiru Sa’dii 1026
[5] Zaadul Masiir-1445, Tafsiiru Xabarii- 23/47
[6]Tafsiiru Sa’dii 1026, Zaadul Masiir-1445
[7] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-4/438
[8] Tafsiiru Xabarii-10/333
[9] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-4/440, Tafsiiru Sa’dii-336
[10] Tafsiiru Xabarii-2/371, Tafsiiru Qur’aanil Kariim- suuratu Al-Baqarah 1/336, Muhammad bin Salih Useymiin
[11] Tafsiiru Sa’dii-1094,Ma’aariju tafakkuri…-1/494, Tafsiiru Ibn Kasiir 7/583

Fedhiin Kee Guddaan Rizqii Kam Argachuudhaa?-Kutaa 1
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.3
Offline dubbisuf

Leave a Reply