Fedhiin Kee Guddaan Rizqii Kam Argachuudhaa?-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Namni jireenya keessatti yeroo hundaa qanani’ee jiraachu barbaada. Akkasi miti ree? Kanaafi, halkanii guyyaa galii argachuuf oli gadi fiigna. Garuu fiigichoon kuni hanga yoomi itti fufaa? Hanga qananii barbaannu argannuu? Qananii addunyaa barbaannu yoo arganne, guyyaa tokko osoo hin beekin nu harkaa fudhatamti. Ergasii bakka kaleessa ykn san caalaa badaa ta’etti deebina. Garmalee gaabbina. Garuu maaliif akkana jennee hin yaanne? “Addunyaan tuni qananiin ishii dhaabbataa miti. Har’a gammachuun yoo oolan boru immoo faallaa kanaatu nama qunnama. Sila gammachuu fi qananiin gadi dhaabbataan yeroo hundaa turaa ta’e hin jiruu? Isa yoo arganne tasgabboofne teenna?”

Eeti, gaafin ni bareeda. Garuu deebii argachuuf gaafi biraa asirratti dabaluun barbaachisaadha. Innis, “maaliif qananiin addunyaa ammaa amma jijjiramaa? Gaddaa fi gammachuun, qananii fi gadadoon maaliif addunyaa tana keessatti wal gahanii? Maaliif addunyaan iddoo qananii fi gammachuu qofa hin taanee?”

Kana hundaaf deebii argachuuf gara Gooftaa addunyaa tana uumetti deebi’u qabna. Sababni isaas, Isatu addunyaa tana maaliif akka uumee fi wantoota ishii keessatti adeemsifamu hunda caalaa beeka. Kanaafu, gaafi armaan oliitiif deebii qajeelcha Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa buuse keessatti arganna:

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. [Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2

“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan eenyutu hojii irra gaarii ta’e akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume.[1]

Kanaafu, akkuma aayah armaan olii irraa hubannu addunyaan tuni iddoo qormaatati. Gammachuu fi gaddi, qananii fi gadadoon, gaarii fi sharriin wantoota namni ittiin qoramuudha. Ergasii Guyyaa Murtii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni qormaata addunyaa tana akkamitti akka dabarsan qorachuun jazaa isaaniif kafala. Dhugaa kanaa Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

21:35

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Isin qormaatuuf hamtuu fi gaariin isin mokkorra. Garuma Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:35

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa addunyaa keessatti ni uume. Wanta gaaritti isaan ni ajaje, waan badaa irraas isaan ni dhoowwe. Kheeyri fi sharriin, durummaa fi hiyyummaan, jabeenyaa fi xiqqeenyaan, qananii fi gadadoon isaan qore (mokkore). “Garuma Keenyatti deebifamtu.” Kana jechuun isin ajjeesna, ergasii gara qorannoo, murtii fi jazaa Keenyaatti isin deebifna. Guyyaa Qiyaamaa dirqamaan isin kaasna. Gonkumaa diduu hin dandeessan. Hojii keessaniin jazaa isiniif kafalla. Nama gaarii hojjate mindaa gaarii kafallaaf, namni sharrii (waan badaa) hojjate immoo adabbi isaaf malu adabama.[2]

Dubbiin erga akkana ta’ee, addunyaan tuni iddoo qormaatati. Aakhiraan immoo iddoo qorannoo fi jazaati. Addunyaan iddoo qormaataa waan taateef qananiin ishii yeroo hundaa hin turu. Gadadoonis akkasuma. Kanaafu, iddoon qananii fi gammachuun yeroo hundaa itti turu Aakhiraadha. Haala kanaan gaafilee armaan oliitif deebii arganna. Amma gara mata-duree keenyaatti haa deebinuu: “Fedhiin kee guddaan rizqii kam argachuudhaa?”

Eeti, hundi keenya rizqii ni barbaanna. Gariin keenya rizqii addunyaa tana qofa irratti xiyyeefachuun wanta Aakhirah jedhamu dagate. Addunyaa tana malee jireenyi biraa ni jirti jedhee hin yaadu. Kaayyoon isaa guddaan rizqii addunyaa tana qofa argachuudha. Kanaan ala, rizqii guddaa isa duubatti dhokate hin beeku.  Kuni nama Aakhiratti kafareedha. Rabbiin yoo fedhe nama akkanaatiif rizqii barbaadu itti kenna. Garuu Aakhiratti rizqii gaarii hin argatu. Ni jedha:

17:18

Nama [addunyaa] jarjartuu taate tana fedhu, ishee keessatti nama feenef waan feene ariifachisna. Ergasii Ibidda Jahannam waqqafamaa fi darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona.” Suuratu Al-Israa 17:18

Namoota addunyaa keessatti iddoo qormaataa kaa’aman keessaa namni haala itti fufaa ta’een hanga yeroon qormaata isaa du’aan xumuramutti, Aakhiratti kan hin amannee fi hin hojjanneef ta’ee addunyaa irraa meeshaa, faaya fi mi’aa ishii qofa barbaadu, addunyaa ariifattu tana nama barbaannef ni kenninaaf[3]. Mee hima kana haa gabaabsu: Namni fedhii fi hojiin isaa hundi addunyaa ariifattu fi gabaabdu tana argachuuf qofa ta’ee fi Aakhiratti hin amanne, Rabbiin addunyaa tana keessatti wanta fedhe ariifachiisaaf. Nama fedheef rizqii ni bal’isa, nama fedhe immoo itti dhiphisa.[4] Namni hundi wanta fedhe hin argatu wanta Rabbiin isaaf murteesse malee. Namni Aakhiratti hin amannee fi addunyaa qofa barbaadu kuni, Guyyaa Murtii qananii Jannataa irraa qoonni wayitu isaaf hin jiru. Kana irra, kan arrabsamuu fi darbamuu ta’ee Jahannam keessatti gubata. Aakhirah turtu dhiisee addunyaa badduu waan filateef ni waqqafama (ni ajiifatama). Akkasumas, rahmata Rabbii irraa ni fageefama.

Namni addunyaa gabaabdu fi jarjartuu tana barbaadu nama Aakhiratti hin amanneedha. Gooftaa isaa irraa mindaa hin abdatu, adabbiis hin sodaatu. Nafsee fi qalbii isaa guutuu meeshaa fi faaya addunyaa tana qofatti rarraasa. Kaayyoon isaa guddaan addunyaa tana qofa. Aakhiratti waan hin amanneef Guyyaa Qiyaamaa qananii Jannataa hin argatu.

Faallaa kanaa, namni Aakhirah barbaadee hojii isarraa eeggamu hojjate, rizqii bal’aa argata. Aayah armaan olii irraa itti fufuun ni jedha:

17:19

Namni Aakhirah barbaadee fi mu’mina ta’e osoo jiruu carraaqqi ishiif malu carraaqe, warri suni carraaqqin isaanii galateefatamaadha.” Suuratu Al-Israa 17:19

Namni Aakhirah barbaadee” kana jechuun namni ganda Aakhirah, gammachu fi qananii achi keessa jiru barbaade, “mu’mina ta’e osoo jiruu carraaqqi ishiif malu carraaqe”…

Mu’mina jechuun nama Rabbiitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamaatti fi murtii Rabbitti amaneedha. Namni Aakhirah fi qananii ishii barbaadu ulaagaalee lama guutuu qaba. 1ffaa- qalbiin amanuu 2ffaa-carraaqqi ykn hojii Aakhiraf malu hojjachuudha. “mu’mina ta’e osoo jiruu carraaqqi ishiif malu carraaqe” jedhu keessatti ni arganna. Carraaqqi ykn hojii Aakhiraaf maluu keessaa hojiin zaahiraa (alaa): jecha tawhiidaa Laa ilaah illallah labsuu, Rabbii Tokkichaaf salaatu, arkaana Islaamaa biroo bakkaan gahuudha. Ammas carraaqqi kana keessaa carraaqqin keessaa ykn qalbii: shari’aa Islaamaa qabachuuf ijjannoo qabaachu, Rabbiin irraa jaallachuu, nafsee fi qalbiin Isaaf harka kennu, Rabbiin, Ergamaa Isaa, warra iimaana fi taqwaa qaban jaallachuu, kufrii, badii fi wanta fokkuu jibbuudha.[5]

“warri suni carraaqqin isaanii galateefatamaadha.” Kana jechuun warri qalbiin amananii fi hojii Aakhiraaf malu hojjatan, hojiin isaanii fudhatama kan qabu, guddatuu fi isaaniif kuufamuudha. Gooftaa isaanii biratti mindaa guddaatu isaaniif jira. Kana waliinu addunyaa irraa qoodni isaanii isaan jala hin darbu. Nama hundaafu Rabbiin kennaa Isaa ni kenna. Kennaa Isaa kan dhoowwu hin jiru.[6]

Galata jechuun hojii gaarii wanta nama gammachiisuun deebisuudha. Jecha biraatiin, nama hojii gaarii hojjate wanta isa gammachiisu isaaf gochuudha. Galanni dubbiinis faarsu of keessatti qabata. “carraaqqin isaanii galateefatamaadha” yommuu jedhu wanta carraaqaa (hojjachaa) turaniif mindaa guddaa isaan gammachiisu argatu jechuudha. Galanni Rabbiin olta’aan warroota toltuu hojjataniif godhu Guyyaa Qiyaamaa ganda qananii isaan seensisuu fi yeroo hundaa achi keessa akka jiraatan isaan taasisudha.[7]

17:20

Hundaayyuu, isaan kanaa fi isaan saniif kennaa Gooftaa keeti irraa ni daballaaf. Kennaan Gooftaa keetis dhoorgamaa miti.” Suuratu Al-Israa 17:20

Aayan tuni nama akkana jedhee gaafatuuf deebii deebisti: “Rabbiin maliif kaafirootaa fi daangaa darbitoota gariif jireenya addunyaa fi faaya ishii irraa qabeenya baay’ee bal’isaaf? Akka amananii hojii gaarii hojjatanii fi karaa Isaa qajeela irratti gadi dhaabbataniif maaliif isaan irratti hin dhiphisnee?”

Jireenya addunyaa keessatti haalli qormaataa kutaaleen namootaa iddoo qormaataa kaa’amanii osoo addaan hin baasin wal-qixa akka ta’uu barbaachisa. Iddoo qormaatatti kutaaleen wal keessa kan makaman waan ta’aniif nama hundaafu wanti inni ittiin qoramu kutaa inni keessa jiruun kan wal gituudha. (Fakkeenyaf, mana barnootaatti ykn yuniversitiitti barattoonni kutaalee adda addaa irraa ta’an bakka tokkotti walitti naqamuun qoramu danda’u. Barataa hundaafu, qormaata kutaa inni keessa jirutu isaaf dhiyaata. Kutaa 10 irraa yoo ta’e kan kutaa kudhanii, kutaa sagal yoo ta’e kan kutaa sagaliiti.)

Kana irratti hundaa’e, namoonni dhuunfaa mu’mintootaa fi kaafiroota, Muslimootaa fi badii hojjattoota irraa ta’an qormaata isaaniif malutu isaaniif dhiyaata. Qormaanni hundarra caalaa ta’e garii isaanii durummaan qoru, garii isaanii immoo hiyyummaan qoru; garii isaanii fayyaan qoru, garii isaanii immoo dhibeen qoruu; garii isaanii xiqqeenyaan qoruu, garii isaanii immoo jabeenyaan qoruu ykn qormaata adda addaa keessa dabarsuudha.

Ibsa kana booda hiikni aayah: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jireenya addunyaa iddoo qormaata taasise tana keessatti kaafirootaa fi daangaa darbitoota kanniini fi warroota amananii fi taqwaa qaban kanniniifis kennaa Isaa ni kenna. Yaa nama ogummaa Isaa gaafatu hoo! Imala qormaataa isaanii keessatti kaafiroota fi daangaa darbitoota irraa kennaan Gooftaa keeti kan dhoorgamu miti. Qormaanni hunda caalu kana waan barbaachisuuf. Akkasumas, kennaan Rabbii ogummaa fi beekumsa Isaa irratti kan hundaa’edha.[8]

17:21

Akkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaali. [Haa ta’uu malee] Aakhiratu sadarkaa fi irra caalchisutti irra guddaadha.” Suuratu Al-Israa 17:21

“Akkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaali.” Kana jechuun yaa nama dubbiin kuni isaaf ta’u! Jireenyaa addunyaa keessatti bal’innaa fi dhiphinna rizqiitiin, mijaa’innaa fi rakkinnaan, beekumsaa fi wallaalummaan, bareedinnaa fi bushaa’inna fi kan birootin garii isaanii akkamitti garii irra akka caalchisne ilaali. Ogummaa (hikmaa) wal caalchisuu keessa jiru kana itti xinxalli! Wal caalchisuun kuni nama hundaafu kan mul’atuudha. Garuu ogummaa isa keessa jiru beekun xinxallii sirrii ta’ee barbaachisa.

Irrannatti ogummaa kana keessa jiru ifatti baasu irratti Rabbiin olta’aan nu gargaare jira. Qormaataaf qopheessuuf wal caalchisuun kuni garaagarummaa amala qaamaa fi nafsee namoota dhuunfaatin kan wal-qabateedha. Kuni kennaan Rabbii jireenya Aakhiraatti nama qormaata addunyaa darbeef kennamu sadarkaa fi irra caalchisutti hundarra guddaa ta’uu akka qabu nama xinxalluutti agarsiisa. Sababni isaas,Guyyaa Qiyaamaa jazaan hojii isaanii sadarka gadi aanaa Jahannam irraa kaasee hanga sadarka ol’aanaa Jannata Fardawsa gahutti gargar kan ta’uudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhugaa kana akkana jechuun beeksisa: “[Haa ta’uu malee] Aakhiratu sadarkaa fi irra caalchisutti irra guddaadha.” Kana jechuun addunyaa caalaa ganda Aakhirah keessatti wal caalu fi gargar ta’utu irra guddaadha. Sababni isaas, namoota keessaa Jahannam keessatti sadarkaa gadi aanaa sansalataan kan hidhamuu fi ibiddaan azzabamutu jira. faallaa kanaa immoo Jannata keessatti sadarkaa ol’aanaa qananii fi gammachuu ishii keessa ta’utu jira. Akkuma warri Jahannam gara gadi jiran adabbiin wal caalan, warri Jannataas sadarkaan isaanii wal caala.[9]

 Dubbiin erga akkana ta’ee, fedhii fi kaayyoon kee guddaan rizqii kam argachuudhaa? Rizqii addunyaa baduu moo rizqii Aakhirah yeroo hundaa turuudhaa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbiin gabroota Isaatiif Al-Laxiif dha. Nama fedheef rizqii ni kenna. Inni Jabaa Injifataadha. Nama mindaa Aakhirah fedhe, mindaa isaa keessatti isaaf daballa. Nama mindaa addunyaa fedhes ishii irraa isaaf ni kennina, Aakhiratti immoo qoonni homaatu isaaf hin jiru.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:19-20 (“Al-Laxiif” jechuun gabricha Isaatiif Kan mararfatu, wanta gaggaari gara inni hin beekne irraa kan isaaf fiduu fi wanta badaa inni hin yaanne irraa Kan isa eegudha.)

Akka aayah tanaatti namoonni bakka lamatti qoodamu:
1ffaa- Warroota Aakhiraa barbaadaniidha. Warri kuni Aakhiratti warra amananii fi hojii isaanii keessatti Jaalala Rabbii fi mindaa Aakhirah barbaadanidha. Aakhiraf carraaqu keessatti qooda addunyaa hin dagatan. Wanta Rabbiin isaaniif hire addunyaa irraa ni fudhatu. Garuu addunyaa tana kaayyoo ol’aanaa hin godhatan. Rabbiin subhaanahu warroota kana hojii gaggaarii akka hojjatan isaan gargaara. Mindaa isaaniis dachaa dachaan ni dabalaaf.

2ffaa- Warroota Addunya malee homaa hin barbaannedha. Aakhiratti waan hin amanneef hojii Aakhiraaf barbaachisu hin hojjatan. Namoota kanaaf Rabbiin qananii Jannataa irraa qooda homaatu hin godhuuf.


Kitaabban wabii
[1] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 14/615
[2] Tafsiiru Sa’dii-609, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 14/301
[3] Ma’aarij tafakuri-9/588
[4] Tafsiiru Xabarii-14/535-536
[5] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbu -9/588-589
[6] Tafsiiru Sa’dii-fuula 529
[7] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbu -9/589
[8] Madda olii
[9] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbu-9/592, Tafsiiru Ibn Kasiir-5/61-62

Fedhiin Kee Guddaan Rizqii Kam Argachuudhaa?-Kutaa 2
Sababoota Rizqii Argachuuf Nama gargaaran
Offline dubbisuf

Leave a Reply