Fedhiin Kee Guddaan Rizqii Kam Argachuudhaa?-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti iccitii rizqiin namoota gariif bal’achuu fi namoota gariif immoo dhiphachuu ilaalle turre. Rizqiin bal’achuu fi dhiphachuun wanta namoonni ittiin qoramaniidha. Addunyaa qormaataa tana erga ce’anii jazaan jiraachu akka qabus tuqne turre. Akkuma beekkamu, firiin qormaata irraa argamu wanta ittiin qoraman caala. Rizqiin addunyaa tanaa wanta namni ittiin qoramuudha. Rizqiin Guyyaa Murtii (Yoomu Diin) kennamu rizqii tana caalaa guddaadha. Kanaafu, fedhiin kee guddaan rizqii kam argachuudhaa? Har’as ibsa kanaa itti haa fufnu.

Namoonni baay’een dhugaa armaan olii hin hubanne, jireenya gabaabdu tana filatu. Haala nama milkaa’e erga dubbate booda Qur’aanni haqiiqa kana akkana jechuun ifa baasa:

 “Namni of qulqulleesse dhugumatti milkaa’e jira. Maqaa Gooftaa isaa dubbatee fi salaate. Garuu jireenya addunyaa filattu, Aakhiraan irra caaltu fi turtuu taate osoo jirtu.” Suuratu Al-A’ala 87:14-17

Jechi Arabiffaa tazakkaa jedhu akka lugaatti hiika lama qaba: 1ffaa-wanta xuraawa fi badaa irraa of qulqulleessu, 2ffaa-of dagaagsu fi fooyyessuudha.

Kanaafu, hiikni, “Namni of qulqulleesse dhugumatti milkaa’e jira.” jedhu akkana ta’a: namni xurii kufrii, shirkii, badii fi wantoota fokkuu irraa amanuu fi Rabbiif ajajamuun qulqullaa’e fi hojii gaggaarii hojjachuun nafsee of dagaagsee fi fooyyesse, dhugumatti milkaa’e jira.[1] “dhugumatti milkaa’e jira.” jechuun Guyyaa Qiyaamaa ibidda jalaa nagaha bahuun qananii Jannataa argata.

Ammas amala nama milkaa’e kanaa itti fufuun ni dubbata: “Maqaa Gooftaa isaa dubbatee fi salaate.” Kana jechuun nama amalli isaa Rabbiin yaadachuu fi faarsu (zikrii) ta’ee fi jaalala Rabbii barbaadu fi ajaja Isaatiif buluuf salaata yeroo isa keessatti sirnaan salaate[2], dhugumatti inni milkaa’e.

Garuu isin Adabbii Gooftaa keessani hin sodaattan. Iimaana guutun, shirkii, badii fi wantoota fokkuu irraa qulqullaa’un nafsee teessan qulqulleessuf hin tattaafattan. Hojii gaggaarii hojjachuun, Maqaalee Gooftaa keessanii yaadachuu fi faarsuun, salaataa fi du’aayin Isaaf of gadi qabuun nafsee teessan dagaagsu fi fooyyessuuf hin carraaqxan. Kana irra, “jireenya addunyaa filattu” kana jechuun Aakhira irra jireenya addunyaa, faaya fi mi’aa ishii kan badu filattu. Aakhiraaf ifaaju dhiistanii jireenya addunyaa baddu tanaaf ifaajju. “Aakhiraan irra caaltu fi turtuu taate osoo jirtu.” Aakhirah fi qananiin ishii keessa jiru jireenya addunyaa caalaa gaarii fi yeroo hundaa turaa kan ta’eedha. Addunyaan gadi aantu fi badduudha. Aakhiraan immoo kabajamtuu fi yeroo hundaa turtuudha. Namni qaruuteen akkamitti wanta hafuu fi turu irra wanta badu filataa? Gandaa yeroo hundaa keessatti hafanii fi jiraatanitti xiyyeefachuu dhiisee akkamitti wanta dhiyootti isarraa deemu xiyyeefannoo guddaa itti kennaa?[3]

Namni amane qaruuten xiyyeefannoo guddaa Aakhirah turtuu irra gochuun sirritti carraaqa. Addunyaa badduu tanaaf jedhee Aakhiraaf carraaqu hin dhiisu. Addunyaafis ni carraaqata. Garuu Aakhirah caalaa addunyaa hin filatu.

Namoonni yeroo baay’ee faaya fi mi’aa addunyaa tanaan gowwoomun, dogongora guddaa hojjatu. Faayni fi mi’aan addunyaa kuni yeroo hundaa isaan waliin waan turu isaanitti fakkaata. Yookiin immoo isaan gonkumaa kan hin duune godhanii yaadu. Zalaalami addunyaa tana keessa waan jiraatan isaanitti fakkaata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jireenya addunyaa tana iddoo qormaataa waan taasiseef qananii fi faaya ishii keessa jiru yeroo gabaabaaf kan turu godhe. Jireenyi Aakhirah immoo iddoo jazaa (mindaa) waan taateef qananii fi mi’aan ishii keessa jiru yeroo hundaa fi zalaalami kan turu taasise. Qur’aana keessatti ni jedha:

16:96

“Wanti isin bira jiru ni dhuma, wanti Rabbiin bira jiru immoo hafaa dha. Dhugumatti warroota obsan mindaa isaanii irra gaarii waan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.” Suuratu An-Nahl 16:96

Wanti isin bira jiru ni dhuma, wanti Rabbiin bira jiru immoo hafaa dha.” Kana jechuun, yaa namoota! Jireenya addunyaa keessatti wanti isin bira jiru hundi ni deema, ni bada. Qabeenyi fi qananiin keessan hanga fedhe haa baay’atu, dhumarratti ni bada. Garuu wanti Rabbiin bira jiru hafaa fi yeroo hundaa turaadha. Wanti kunis mindaa Jannata keessatti argattaniidha. Qananiin Jannataa yeroo hundaa turaa gonkumaa hin dhumnee fi addaan hin cinneedha. Haala itti fufaa ta’een yeroo hundaa kan haaromfamuu waan ta’eef.

 “Dhugumatti warroota obsan mindaa isaanii irra gaarii waan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina.” Kana jechuun namoota Rabbiif ajajamu, iimaanaa fi Islaama irratti obsanii fi gadi dhaabbatan, akkasumas badii hojjachuu irraa of qaban, hojiiwwan gaggaarii dirqama isaan irratti godhamee fi hojiiwwan jaallatamoo irraa waan hojjataa turaniif mindaa isaaniif kennina. Rabbiif jedhanii hojiiwwan isaan hojjatan hojii hundarra gaarii (ahsan) ta’eedha. Hojii hundarra gaarii ta’e kanaaf mindaa argatu. Hojii badaa dogongoraan hojjataniif immoo Rabbiin tola Isaatiin isaaniif araarama, irra darbaaf.[4] 

Namoonni baay’een akkana jechuun yaadu, “Ani Aakhiraaf yoo hojjadhe, qooda addunyaa dhaba. Yeroo hin qabu. Osoo hojii Aakhirah hojjadhu addunyaa irraa carraan baay’een na jala darba.” Dhugumatti, kuni waswasaa (hasaasa) sheyxaanati. Namni addunyaa caalaa Aakhirah filatee hojjate addunyaa irraas qooda isaa hin dhabu. Inuma, jireenyaa gaarii addunyaa tana keessatti akka jiraatu Aayah armaan gadi keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wabii (waastinnaa) namaaf kenna:

Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.”  (Suuratu An-Nahl 16:97)

Dhiiras ta’e dubartii irraa namni hundeewwan iimaanatti amanee dalagaa gaarii hojjate, mindaa lama qaba:
1ffaa-Mindaa jireenya addunyaa keessatti hatamtamaan isaaf kennamu-kunis Rabbiin subhaanahu haala jireenya addunyaa tana keessatti jireenyaa gaarii isa jiraachisuudha. Jireenya addunyaa keessaa wanti hundarra gaarii ta’ee qalbiin tasgabbii fi gammachuu argachuu, nafseen isaa jeequmsa fi sodaa irraa qabbana ykn tasgabbii keessa ta’uudha. Akkasumas, rizqii halaala bakka inni hin yaanne irraa Rabbiin isaaf kennuudha. 

2ffaa-Mindaa Guddaa Guyyaa Murtitiif isaaf/ishiif tursiifame- “Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.” Rabbii Guddaa Olta’aaf jedhanii hojii gaarii hojjataniif Aakhiratti qananii takkuu ijji hin agarre, gurri hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre isaaniif kenna.[5]

Ammas, namni Aakhiraaf hojjatu addunyaa irraa hiree isaa kan hin dhabne ta’uu Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechuun mirkaneessu:
Dhugumatti, kaafirri hojii gaarii yoo hojjate, addunyaa irraa hojii saniin soorata ni soorama (kana jechuun, addunya tana keessatti mindaa hojii gaarii isaa ni argata. Garuu Aakhiratti mindaa homaatu hin argatu. Sababni isaas, waan kafareef kufriin isaa mindaa Aakhirah jalaa balleessa). Mu’minni immoo Rabbiin mindaa hojii isaa Aakhiratti ni kuusaaf. Addunyaa keessattis waan Isaaf ajajameef rizqii ni kennaaf.Sahiih Muslim 2808

Namni rizqii ganda lamaanu argachuuf iimaana dhugaa makaa hin qabnee qabaachu fi hojii gaggaarii hojjachuu isa barbaachisa. Namni ulaagaalee kanniin guutuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rizqii isaa akka isaaf bareechisu waadaa galee jira:

“Namni Rabbitti amanee fi hojii gaarii hojjate, Inni (Rabbiin) Jannata jala ishii laggeen yaa’an kan yeroo hundaa achi keessatti abadii hafan isa seensisa. Dhugumatti Rabbiin isaaf rizqii bareechisee jira.” Ax-Xalaaq 65:11

Namni Rabbiitti amanee, wanta Isarraa dhufe dhugoomsee fi hojii Inni itti ajaje hojjate, Jannata qananiin guuttamte fi jala ishii laggeen yaa’an isa seensisa. Namoonni achi keessa seenan zalaalami achi keessa jiraatu. Keessaa bahuu fi du’uun hin jiru. “Dhugumatti Rabbiin isaaf rizqii bareechisee jira.” Jannata keessatti rizqii isaaf bal’isa. Rizqiin kunis qananii nyaatamu, dhugamu fi qananii biroo warroota Isatti amananii fi sodaataniif qopheessedha.[6]

Namni hanga addunyaa qormaataa tana keessa jirutti Jannataa fi qananii achi keessa jiru ijaan hin argu. Kan inni argu, qormaanni isaa du’aan erga xumuramee booda. Mee itti yaadi, namni osoo qoramaa jiruu firiin qormaataa isatti mul’ifamu danda’aa? Haaluma kanaan, namni addunyaa qormaataa tana keessa jirus firiin hojii isaa addunyaa tana keessatti isatti hin mul’ifamu. Firiin hojii isaa Mindaa Guyyaa Murtii argatuudha. Kanaafu, mindaan kuni hanga Qiyaamaan dhaabbattu namoota iddoo qormaataa jiran irraa ni dhokfama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Garuu namni tawbate, amanee fi hojii gaggaarii hojjate, warri suni Jannata seenu. Homaayyu hin miidhaman. Jannata qubsumaa kan Rahmaan gabroota Isaatiif dhoksatti waadaa gale [seenu]. Dhugumatti, waadaan Isaa kan dhufu ta’eera. Nagaha malee achi keessatti dubbii faaydi hin qabne hin dhagahan. Ganamaa fi galgala sooranni (rizqiin) isaanii achi keessa isaaniif jira. Tuni Jannata gabroottan Keenya irraa nama taqiyy ta’e dhaalchisnuudha.” Suuratu Mariyam 19:60-63

Keeyyattoota armaan olii sirritti hubachuuf keeyyata lakk.59 irratti argamtu itti dabaluun haa ibsinu:
Isaan booda dhaloonni [badaan] salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu hordofan bakka bu’an. Gara fuunduraatti Hallayyaa Jahannam ni qunnamuu.” Suuratu Mariyam 19:59

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayata tana dura waa’ee Nabiyyoota darbanii fi haala gaarii isaanii dubbata. Ergasii Nabiyyonni kunniin erga du’anii booda haala dhaloota isaan booda dhufanii kaasa. Dhaloonni kuni nabiyyoota hordofuu dhiisanii gara duubatti deebi’an. Karaa qajeelaa Rabbiin isaaniif filate irraa dabuun fedhii lubbuu hordofan. Salaata utubaa amanti ta’e ni dhiisan. “salaata dhiisan” Kana jechuun sababa xiyyefannoo itti hin kennineef salaanni jireenya isaanii keessa kan hin jirree fi bakka hin qabne godhan. Takkaa yeroo salaataa eeganii sirnaan hin salaatan, takkaa immoo guutumaan guututti salaata dhiisan. “fedhii lubbuu hordofan” kana jechuun sababa fedhii dhoowwamaa hordofaniif wanta Rabbiin ajajee fi dhoowwe keessatti Isa faallessan, karaa qajeelaa Isaa irraa garmalee fagaatan. Fedhiin lubbuu tan isaan hiitu fi masaktuudha. Sababni salaata akka dhiisan isaan taasiseyyu fedhii lubbuu hordofuudha. “Gara fuunduraatti Hallayyaa Jahannam ni qunnamuu.” Guyyaa Qiyaamaa sababa salaataa dhiisanii fi badii adda addaa hojjataniif adabbii (azaaba) cimaa ni seenu.

Garuu osoo duuti isaanitti hin dhufin namoonni tawbachuun, amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun kanarraa of baraaran ni jiru. Itti aansee haala namoota kanaa dubbata: “Garuu namni tawbate, amanee fi hojii gaggaarii hojjate, warri suni Jannata seenu. Homaayyu hin miidhaman.”

Namoonni kunniin amaloota sadiin ibsaman: 1ffaa-kufrii, shirkii, salaata dhiisu, fedhii dhoowwamaa hordofuu irraa warra tawbataniidha. Tawbachuu jechuun hojii badaa irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii Isaaf ajajamuudha. Yoo dhugaan tawbatan Rabbiin tawbaa isaanii isaan irraa ol fuudhun hallayyaa Jahannam irraa isaan baraara. 2ffaa-Iimaana sirrii boqonnaa jireenya isaanii ittiin haaromsanii fi hariiroo Gooftaa isaanii waliin qaban kan ittiin jalqabaniidha. Iimaanni kuni Rabbitti, malaykootatti, Kitaabbanitti, Ergamtootatti, Qiyaama fi qadaratti amanuu of keessatti qabata. 3ffaa-Hojii gaggaarii hojjachuu-kuni hojii gaggaarii Rabbiin itti ajajeedha.[7] Kan akka salaata fi kan biroo.

Warri suni” Namoonni badii isaanii booda tawbatan, amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, “Jannata qananiin guuttamte seenu. Homaayyu hin miidhaman” Hojii gaarii isaanii irraa homtu hin hir’ifamu. Inumaa dachaa isaaniif ta’ee argatu. Badiin isaanii ni haaqama. Waan tawbatanii, amananii fi hojii gaarii hojjataniif badii raawwataniif hin adabaman. Warri tawbaan, amanuu fi hojii gaariin of qulqulleessan kunniin, “Jannata qubsumaa kan Rahmaan gabroota Isaatiif dhoksatti waadaa gale [seenu].” Jannata qubsumaa jechuun Jannata yeroo hundaa keessa turan, namni ishii seene keessaa bahuu fi jijjirraa kan hin barbaannedha. Rabbiin Jannata tana akka seenan isaaniif waadaa gale. Garuu Jannani tuni isaan irraa dhokattuudha. Hanga silaa ijaan hin argine. Haa ta’uu malee dhugaadhaan akka jirtu amanuun hojii ishitti nama geessu ni hojjatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waadaa seene waan hin diignef, “Dhugumatti, waadaan Isaa kan dhufu ta’eera.” Waadaan Isaa ni raawwatama. Guyyaa Qiyaamaa Jannata waadaa isaaniif seene tana ni seensisa.

“Nagaha malee achi keessatti dubbii faaydi hin qabne hin dhagahan.” Jechoota nagahaa badii fi hanqinni keessa hin jirree malee dubbii fokkuu fi faayda hin qabne Jannata keessatti hin dhagahan. Sababni isaas, Jannani Daaru Salaam (Ganda Nagahaa) waan taatef hanqinnaa fi badii hundarraa tan qulqullooftedha.

“Ganamaa fi galgala sooranni (rizqiin) isaanii achi keessa isaaniif jira.” Mufassiroonni akka jedhanitti Jannata keessa dukkanni ykn halkan hin jiru. Yeroo hundaa ifa (nuura). Asitti ganamaa fi galgalli hamma waqtii agarsiisaa malee barii fi dhiya hin agarsiisu. Dukkanni fi halkan Jannata keessa waan hin jirreef.[8] Jannata keessatti waqtii beekkama kana keessatti sooranni barbaadan isaaniif fidama.

“Tuni Jannata gabroottan Keenya irraa nama taqiyy ta’e dhaalchisnuudha.”- taqiyy jechuun nama sadarkaa ol’aanaa taqwaa irra gaheedha. Jecha biraatin nama sirritti Rabbiin sodaatudha. Rabbiin subhaanahu warroota Isa sodaatan Jannata ni dhaalchisa.

“Dhaalchisnuudha” kana jechuun tola keenyaan isaaniif kennina. Kennaa Jannata keessa jiru jecha “dhaalchisu” jedhuun ibse. Tarii sababni kanaa maal ta’inna laata? Hayyoonni keenya akkana jechuun ibsu: Yoo amananii fi Rabbiin sodaatan Jannanii namoota addunyaa keessatti qoraman hundaaf qophoofte. Garuu yommuu baay’een isaanii kafaranii fi Rabbiif ajajamuu diduun ibidda seenan, bakka isaanii warroonni amananii fi Rabbiin sodaatan ni fudhatan. Haala kanaan, warri Rabbiin sodaatan Jannata keessatti qooda kaafirotaa fudhachuun ni dhaalan.[9]

Namni rizqii Jannataa erga filate waa lama isarraa eeggama: 1ffaa-hundeewwan iimaanatti haala sirrii ta’een amanuu, 2ffaa-hojii itti ajajame hojjachuudha. Akkasumas, gara Jannataa deemu fi hojii gaarii hojjachuu keessatti wantoota gufuu namatti ta’an irraa fagaachu barbaachisa. Gufuun kunis hojiiwwan babbadoodha. Gufuun kuni yommuu nama rukutu wanti humna ofii ittiin jabeessuun adeemsa ofii itti fufan, tawbaa fi istighfaara baay’isuudha. Mata duree kana aayah tanaan haa xumurru:

 “Kana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.” Suuratu Al-Muxaffifiin: 26

Qananii Jannataa hamma isaa Rabbii olta’aa malee eenyullee hin beekne argachuuf warroonni wal dorgoman wal haa dorgoman. Kunis addunyaa tana keessatti hojii gaggaarii hojjachuun ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata fi tola Isaatiin warroota san keessaa nu taasisu.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 1/463[2] Tafsiiru sa’dii-1086, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/544[3] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 1/465, Ibn Kasiir-7/545[4] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 13/641-642, Ibn Kasiir-4/710, Tafsiiru Qurxubii-12/423[5] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur, 13/642, tafsiiru Sa’dii-521[6] Tafsiir Xabarii-23/77[7] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur -7/562-563[8] Tafsiiru Ibn Kasiir-5/244[9] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur -7/570-571

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 9.1
Fedhiin Kee Guddaan Rizqii Kam Argachuudhaa?-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply