Siiraa-Lakk.20

Offline dubbisuf

Wali-galtee Dhiyeessu

Gaafa tokko mushrikoonni walitti qabamuun akkana waliin jedhan: isin keessaa nama hundarra sihrii, raaga fi walaloo beeku ilaalaa. Ergasii namticha jama’aa keenya addaan facaase, dhimma keenya waliin dhayee, amanti keenya hanqise kanatti dhufee haa dubbisu. Wanta isatti deebisuu haa ilaalu. İsaanis ni jedhan, Utbah ibn Rabi’ah malee namni biraa beeknu hin jiru. Isaanis ni jedhan, “Ati Yaa abbaa Waliid isa bira dhaqi.” Utbaanis Nabiyyii bira deemun akkana jedhe, “Yaa Muhammad si moo Abdul Muxxalibitu irra caalaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni cal’isan. Utbaan itti fufuun ni jedhe, “Namoonni kunniin (abbootin kee) si caalaa gaarii ta’uu yoo odeessite, dhugumatti isaan sanama ati akka hanquutti ilaalte gabbaranii jiru. Yoo ati isaan caalaa gaarii ta’uu odeessite, dubbadhu hanga jecha kee dhageenyutti. Si caalaa namoota irratti nama balaa fidee arginee hin beeknu. Hawaasa keenya addaan facaafte, dhimma keenya ni bittinneesite, amanti keenya akka hanquutti ilaalte, Araboota keessatti nu salphiste hanga akkana jedhan gahanitti: Qureeshota keessa nama sihrii dalagutu jira. Dhugumatti Qureeshota keessa raagdu jira.” Rabbiin kakadhe, hanga dhumnutti gariin keenya garii irratti seeyfin walitti duulu malee homaa hin eegnu. Yaa namana! Wanti qabeenyatti akka hajamtu si taasisu yoo jiraate, hanga Qureeshota hunda caalaa dureessa taatutti qabeenya walitti siif qabna. Yoo fedhiin kee fuudhu ta’ee, Qureeshota keessaa dubartii feete filadhu sitti heerumsifnati.” Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Xumurtee?” Innis ni jedhe, “Eeyyeen”. Ergamaan Rabbiis (SAW) suuratu Fussilat qara’uu jalqaban:

 “Haa Miim. [Qur’aanni kuni Rabbii] Rahmaan, Rahiim ta’e irraa kan buufameedha. Kitaaba keeyyattoonni isaa ibsaman, Qur’aana Arabiffaa namoota beekaniif [ibsameedha]. Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan ta’eedha. Garuu baay’een isaanii irraa garagalanii jiru. Kanaafu isaan hin dhagahan.” Suuratu Fussilat 41:1-4

Nabiyyiin (SAW) hanga aayah lakkoofsa 13 gahanitti dubbisuu itti fufan. Utbaanis ni jedhe, “Si gaha. Kanaan ala wanti biraa si bira hin jiruu?” Nabiyyinis ni jedhan, Lakki. Utbaanis gara Qureeshotaa ni deebi’e. Isaanis ni jedhaniin: Maaltu si duuba jiraa? Innis ni jedhe, “Isin itti dubbattu jedhee wanta yaade hunda osoo itti hin dubbatin hin dhiisne.” Isaanis, “Deebii siif deebisee ree?” Innis ni jedhe, “eeyyen.”  (Nihaaya wal bidaayah-Ibn Kasiir 3/68-69)

Gabaasa ibn Isihaaq gabaase keessatti akkana jechuun itti dabale, yommuu utbaan Qureeshota bira gahu akkana isaan jedhan, “Maaltu si duuba jiraa yaa abbaa Waliid?” Innis ni jedhe, wanti na duuba jiru, Rabbiin kakadhee! Ani jecha fakkaataa isaa gonkumaa hin dhageenye dhagahee. Rabbiin kakadhe! Jechi kuni walaloos miti, sihris miti, raagas miti. Yaa tuuta Qureeshaa anaaf tole jedhaa. Tarkaanfi fudhachuu qabnu akka murteessu anaaf dhiisaa. Nama kanaa fi wanta inni keessa jiru dhiisaa. İsarraa addaan bahaa. Rabbiin kakadhe, jechi ani isarraa dhagahe suni oduu guddaa ta’a. Araboota irratti injifannoo yoo argate, mootummaan isaa mootummaa keessani, jabeenyi isaa jabeenya keessani. Namoota hunda caalaa isa waliin filatamoo taatu.” Isaanis ni jedhan: Yaa abbaa Waliid Rabbiin kakanne arraba isaatiin sihrii sitti hojjate.” Innis ni jedhe, “Kuni ilaalcha kiyya. Wanta isinitti mul’ate hojjadhaa.”

Barnootaa fi Faayda kanarraa argamu:
1-Nabiyyiin (SAW) dhimma hundarra barbaachisa ta’e irratti xiyyeefachuun karaa qajeela irra turan. Utba waliin falmi abbooti isaati moo isatu irra caala jedhu keessa hin seenne. Osoo kana hojjate silaa utbaan osoo homaa isarraa hin dhagahin dhimmichi nu xumurumaa ture. Ammas Nabiyyin (SAW) faaya fi yakka utbaan itti dhiyeessutti hin tarre. Wanta badaa utbaan jedhuuf dallansuun itti hin kaane. Ammas faaya itti dhiyeessuf deebii hin kennine. Kana hunda kaayyoo guddaaf dhiise. Ergasii adaba (naamusa) gaariin akkana jedhe, “Yaa abbaa waliid, xumurtee?” Innis ni jedhe eeyyen.

2-Nabiyyiin (SAW) aayatota kanniin filachuun wanta gamnummaa isaa agarsiisudha. Aayaanni tunniin dhimmoota baay’ee barbaachisoo ta’an of keessatti qabatte. Isaan keessaa: Dhugumatti, Qur’aanni kuni Rabbiin irraa kan buufame ta’uu, haala kaafirotaa fi garagaluu isaanii ibsuu, ergama Nabiyyii ibsuu, Khaaliqni tokko akka ta’e ibsu, Innis Allah. Inni Khaaliqa samii fi dachiiti. Kijibsiisu ummattoota darbanii fi adabbi isaan muudate ibsu. Qureeshota iyyansa fi haleellaa guddaa Aadi fi Samuudin muudateen akeekachiisu.

3-Namoota gara Islaamatti waaman irratti balaa qabeenyi, sadarkaa fi dubartoonni qaban- namoota gara Rabbitti waaman keessaa namoota meeqatu balaqqeessa qabeenyaa jalatti karaa irratti küfe. Akka waamicha isaanii irraa of qusataniif qabeenyi kumatamatti lakkaawamu isaaniif dhiyaata. Namoonni qabeenyaan qoramanii garuu hojii da’waa irratti gadi dhaabbatan, isaan suni warra Nabiyyiitti hidhataniidha. Akkasumas, balaan sadarkaa fi beekkamtin qabu ifa. Sababni isaas, sheyxaanni dhimma kana irratti karaa hundarra guddaa fi fokkuu ta’een namatti miidhagsa. Namni Rabbiif jedhee da’waa godhu nama hojii fi dubbii isaa keessatti Ergamaa Rabbiitti (SAW) hidhatuu fi hordofuudha. Kaayyoo sababa isaatiif jiraatu fi du’uuf hin dagatu:

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” suurat Al-An’aam 6:162-163

Qormaanni dubartootaa immoo qormaata guddaa dhiiraa hurgufuudha. Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana jedhanii jiru: “Na booda dubartoota caalaa fitnaa dhiirota irratti miidhaa guddaa fidu hin dhiisne.” al-Bukhaari (5096) fi Muslim (2741) gabaasan.  (Wanti asitti hubatamu qabu, dubartiin badduu akka taate ibsuuf osoo hin ta’in fitnaan (qormaanni) gara dubartitiin dhiira irra gahuu guddaa fi cimaa akka ta’e ibsuufi.  Eeti, Ergamaan Rabbii (SAW) dhuguma jedhan. Namoota meeqatu sababa dubartiitiin wal ajjeese ykn of ajjeesse. Dhiira meeqatu sababa ishiitin dhiphinna hangana hin jedhamne keessa jiraataa? Dargaggeessi yommuu dubartoota qullaa yaa’an argu hangam akka qoramuu fi keessi isaa gubatu Rabbuma beeka. Kanaafu, dubbiin Ergamaan Rabbii (SAW) dhugaa irraa kan fagaatee ree?)

Ammas, daa’iwwan duubatti harkisuuf takkaa niitin isaanii ijjannoo isaanii dadhabsiisti takkaa immoo dubartoonni fujjaarri (wanta fokku hojjatan) daa’iwwan kuni isaan waliin waan badaa akka raawwatan ni affeeru. Haaala kanaan waxmadii isaanitti dabarsuun kaayyoo isaanii irraa duubatti deebisu. Mee itti xinxalli, Qureeshonni kaayyoo guddaa irraa Nabiyyii duubatti deebisuuf dubartii fedhe akka isatti heerumsiisan isaaf dhiyeessan. Garuu Nabiiyyiin (SAW) ni dide. Namoonni gara Islaamatti waamaniis fakkeenya isa godhachuun hordofuu qabu. Wanta Yuusuf jedhe sammuu keessaa baasu hin qaban:

“[Yuusuf] ni jedhe, “Yaa Rabbi! Wanta isaan itti na waaman irra hidhaan naaf jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara isaanitti dabee wallaaltoota keessaa ta’a. Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa garagalche. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Yuusuf 12:33-34

Niitin Aziiz, Nabii Yuusufin (aleyh salaam) ishii waliin badii akka raawwatu affeerte ykn waamte. Garuu Yuusuf (aleyh salaam) badii zinaatti kufuu irra mana hidhaa keessatti hidhamuu filate. Sababni isaas, hidhaan adabbii yeroo gabaabaf turuudha. Zinaan (sagaagalummaan) immoo adabbii (azaaba) cimaa yeroo dheeraaf turutti nama geessa. Yuusuf ni jedhe, “Yaa Rabbi! Badii guddaa zinaa isaan itti na waamanitti kufu irra hidhaan anaaf jaallatamaadha. Badii isaan waliin akka hojjadhuuf shira natti baasan yoo Ati narraa hin deebisin, gara isaaniif deebii deebisuutti daba. Ergasii baditti kufee wallaaltota hoo’insi fedhii isaan keessatti cimu keessaa ta’a.” Dhugumatti badii dubartoonni kunniin itti waamanitti kufuun wallaalummaadha. Sababni isaas, qananii fi mi’aa Jannata keessatti turaa fi itti fufaa irra mi’aa xiqqoo fi boodarra gara hadhaatti jijjiramu filata. Nama qananii fi mi’aa Jannataa dhiisee mi’aa xiqqoo fi gara hadhaatti jijjiramu filatee caalaa namni wallaalaan ni jiraa? Beekumsi fi aqliin mi’aa lamaan keessaa hundarra guddaa fi dhumti isaa gaarii ta’ee akka filatan nama taasisa.[1]

“Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa garagalche.” Rabbiinis Yuusufin kadhaa isaatiif deebii deebisee. Badii niitin Aziizi fi hiriyyoonni ishii akka hojjatu isarraa barbaadan isarraa ni deebise.[2]Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha” Kana jechuun sagalee hunda kan dhagahu, wanta hundaa kan beeku Rabbii olta’aa qofa. Kadhaa nama Isa kadhatee ni dhagaha, niyyaa nama kanaas sirritti beeka. Kanaafu, Yuusufin fitnaa (qormaata) cimaa kanarraa ni baraare.[3]

Gabaabumatti, qormaanni karaa sadiin namatti dhufu mucuca guddaa nama mucuceessa. Qormaanni karaa qabeenya, beekkamti ykn sadarkaa fi dubartii qormaata ciccimoo nama karaa qajeelaa irra deemu muudataniidha. Namni hojii gaggaarii hojjatu Rabbiif jedhe kanniin sadan irraa hojii isaa qulqulleesse dhugumatti inni milkaa’e. Namni kanniin irraa of qulqulleessuuf tooftaalee kanniin fayyadamu danda’a:
1-Nafseen isaa hojii Aakhiraatiin qabeenya yoo barbaadde, mindaa guddaa Guyyaa Murtii ittiin milkaa’an haa yaadachiisu. Qabeenyi kuni ni bada. Mindaan suni immoo ni tura. “Yaa Nafsee tiyya! Wanta badu siif wayya moo wanta turutu siif wayyaa?”
2-Nafseen isaa beekkamtif yoo dharraate, Fuulaa Rabbii turaa ta’e haa yaadachisu. “Yaa nafsee tiyya! Namoonni si beekanii yoo si jaallatan, guyyaa tokko wantuma xiqqoof sitti ka’anii sitti duulu. Jaalala Rabbii keeti yoo barbaadde immoo Inni dogongora kee siif dhoksuun sadarkaa kee olkaasa. Beekkamaa ta’uun wanti ati argattu jiraa?”


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 10/662, Tafsiiru Sa’dii-459
[2] Tafsiiru Xabarii-13/146
[3]Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -10/663, Tafsiiru Sa’dii-459
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula170-172, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/432-436

Siiraa-Lakk.21
Siiraa-Lakk.19
Offline dubbisuf

Leave a Reply