Siiraa-Lakk.21

Offline dubbisuf

Isiniif amanti keessantu jira, anaafis amanti kiyyatu jira
Yommuu mushrikoonni ciminnaa fi jabeenya Muslimoonni amanti isaanii irratti qaban argan, amanti isaanii irraa duubatti deebisuun akka hin danda’amne abdii kutuu jalqaban. Garuu karaa gowwummaa fi hanqinna yaada isaanii agarsiisu hordofuu jalqaban. Gara Nabiyyii (SAW)namoota akka Aswad ibn Abdul Muxxalib, Waliid ibn Mughiirah, Umayyah ibn Khalaf, Al-Aas ibn Waa’il erguun akkana jedhan, “Yaa Muhammad! Koottu waan ati gabbartu nutis haa gabbarru. Atis wanta nuti gabbarru ni gabbarta. Nu fi atis dhimmicha keessatti waliin haa hirmaannu. Kan ati gabbartu wanta nuti gabbaruu caalaa gaarii yoo ta’e, nuti isarraa qooda keenya fudhanna. Wanti nuti gabbarru wanta ati gabbartu kan caalu yoo ta’e, ati qoode kee isarraa fudhatta.” Kana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah buuse:

(1)-Jedhi, “Yaa Kaafiroota! (2)-Wanta isin gabbartan ani hin gabbaru. (3)-Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti. (4)-Anis gabbaraa wanta isin gabbartanii miti. (5)-Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti. (6)-Isiniif amanti keessantu jira, anaafis amanti kiyyatu jira.” Suuratu Al-Kaafiruun 109:1-6

Kaafiroota” Warroota Rabbitti kafaran ykn isa waliin wanta biraa gabbaran. Kanneen akka Mushrikoota, Kiristaanota, Yahuudota, waaqefataa, Budistoota fi kkf. Gabaabumatti, Islaaman ala amanti biraa warroota hordofan.

“Wanta isin gabbartan ani hin gabbaru.” Kana jechuun taabota, sanama fi uumamtoota biroo isin gabbartan (waaqefattan) ani hin gabbaru. “Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti.” kana jechuun Rabbii ani gabbaraa jiru isin gabbaraa hin jirtan. Sababni isaas, ibaada (gabbarri) keessan Rabbiif waan hin qulqullessinee fi waan wanta biraa Isa waliin gabbartaniif ibaadan keessan ibaada hin jedhamu.[1] Rabbiin waliin taabota fi uumamtoota biroo gabbartu. “(4)-Anis gabbaraa wanta isin gabbartanii miti.” kana jechuun akkaata isin ibaada ittiin hojjattaniin hin hojjadhu. Akkaata Rabbiin itti ajajee, jaallatuu fi itti gammaduun Isa gabbara.

(5)-Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti.” kana jechuun gabbarrii (ibaada) Isaa keessatti ajaja Rabbii fi seera Isaa hordofaa hin jirtan. Kana irra, fedhii qullaa keessaniin wanta biraa uumtanii jirtu. Kuni akkuma Rabbiin jedhe:

Se’aa (tilmaama) fi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofu. Dhugumatti qajeelfamni Gooftaa isaanii irraa isaanitti dhufee jira.” (Suuratu An-Najm 53:23)

“(6)-Isiniif amanti keessantu jira, anaafis amanti kiyyatu jira.” Kuni akkuma Rabbiin jedhe: “Yoo si kijibsiisan, “Anaaf dalagaa kiyyatu jira, isiniifis dalagaa keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqulluudha, anis waan isin dalagdan irraa qulqulluudha.” Jedhi. (Suuratu Yuunus 10:41)[2]

Suuratu Kaafiruun karaan haqaa tokko qofa akka ta’e sirritti ibsite. Karaan haqaa kunis Rabbii Gooftaa aalamaa ta’e qofa gabbaruudha. Rabbiin subhaanahu suurah tana buusun haqaa fi soba, ifaa fi dukkana jidduu tuqaan wal-qunnamtii akka hin jirre ni murteesse. Amantin kaafironni irra jiranii fi Islaamni guutumaan guututti gargar kan ta’aniidha. Amantiin kaafirootaa Rabbii olta’aa waliin waan biraa gabbaruu irratti kan hundaa’edha. Faallaa kanaa, Islaamni immoo Rabbii Tokkicha qofa gabbaruu irratti kan hundaa’edha. Garaagarummaan isaanii akka samii fi dachiiti. Hundeemaa wanti baaxila (soba) irratti hundaa’e fi wanti haqa irratti hundaa’e akkamitti walitti galuu fi wal fakkaachu danda’uu? Kanarraa ka’uun Islaamaan ala amantiwwan addunyaa hundi baaxila (soba) akka ta’an hubachuun ni danda’ama.

Gareen jalqabaa Nabiyyii waliin walii galuu erga dadhabanii booda gareen lammataa namoota kanniin of keessaa qabu ni dhufe: Abdullah ibn Abi Umayyah, Waliid ibn Mughiirah, Mukraz ibn Hafs, Amr ibn Abdullah ibn Abi Qays, Aas ibn Aamir. Gareen kuni gara Nabiyyii (SAW) dhufuun Qur’aana irraa keeyyattota isaan dallansisuu keessumaayyu wanta gabbaran kan balaalefatu akka haaqu gaafatan. Rabbiinis gaafi isaanitiif deebii jala muraa buuse:

“Yommuu keeyyattoonni Keenya ifa ta’uun isaan irratti dubbifaman, isaan qunnamti Keenya hin sodaanne ni jedhan, “Kanaan ala Qur’aana biraa fidi yookiin isa jijjiri.” Jedhi, “Ani of biraa isa jijjiruun naaf hin ta’u. Wanta natti wahyi godhamu malee homaa hin hordofu. Ani Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa sodaadha.” Suuratu Yuunus 10:15

Yommuu keeyyattoonni Qur’aanaa Rabbii olta’aa irraa bu’un mushrikoota Makkaa irratti haala ifa ta’een dubbifaman, Guyyaa Murtii Rabbii olta’aan qunnamu waan hin amanneef warroonni azaaba (adabbii) Isaa hin sodaanne, Ergamaan ni jedhan: “Kanaan ala Qur’aana biraa fidi yookiin isa jijjiri.”

Qur’aana kanaan ala wanti biraa isaan barbaadan Qur’aana fedhii isaaniitiin walitti galuudha. Akkasumas jijjirraan isaan barbaadan aayata isaan aarsu fi dallansuu aayata isaan gammachisuun bakka akka buusudha. Aayaanni isaan barbaadan aayaata baaxila isaanii dhugoomsanii fi fedhii isaanii guutaniidha.

Jedhi, “Ani of biraa isa jijjiruun naaf hin ta’u. Wanta natti wahyi godhamu malee homaa hin hordofu. Ani Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa sodaadha.”

Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) isaaniin akkana jedhe: Dhugumatti Qur’aanni kuni Kalaama (dubbii) Gooftaa kiyyaati. Qur’aana keessaa wanti na biraa ta’e tokkollee hin jiru. Jecha fi hojii kiyyaa miti. Wanta isarraa dubbisu fedhii nafsee tiyyaatin homaa jijjiruu hin danda’u. Sababni isaas, Gooftaan kiyya kanarratti na hin dandeessisu.  Qur’aana dubbisuu keessatti wanta Gooftaa kiyyarraa natti bu’ee malee homaa hin hordofu. Osoo isarraa wanta tokko jijjiruuf yaale, silaa Gooftaa kiyya kan faallessu ta’a. Sababni isaas, kana keessatti Inni naaf hin hayyamne. Dhugumatti yoo Gooftaa kiyya faallessee fi ajaja Isaa dide, azaaba Guyyaa garmalee Guddaa ta’e sodaadha. Sababni isaas, Qur’aana keessatti waa jijjiruun Rabbii olta’aa irratti soba uumudha.[3] Soba Isarratti uumuun immoo yakkaa guddaa azaaba cimaatti nama geessudha.

Qureeshonni gara Nabiyyii (SAW) deddeebi’uun kaayyoo isaa irraa akka gadi bu’uuf wanti isaan barbaadan hundi jalaa fashalaa’e. Akkuma irrannatti hubatamuu, gadi bu’iinsi isaan jalqaba irratti barbaadan gadi bu’iinsa lammata irratti gaafatan caala. Jalqaba Nabiyyiin isaan waliin sanama isaanii akka gabbaru barbaadan. Yommuu Nabiyyiin kana didu, Qur’aana irraa waa akka jijjiruu barbaadan. Dhugumatti gaafin jalqabaa kan lammataa caalaa guddaadha. Akkasumas, tooftaan biraa Qureeshonni fayyadaman, namoota garee keessa jiran ni jijjiran. Waliid ibn Mughiiraa malee namooni garee jalqabaa keessa jiran namoota garee lammataa keessa jiran irraa garagara. Sababni kana godhanis, sammuu garagaraa jijjiranii itti fayyadamuun Nabiyyi amansiisu abdatan.

Seenaa kana keessa aalimmanii fi daa’iwwaniif barnoota guddaatu jira. Namni tokko Islaama irraa dhimma xiqqoollee osoo taate, irraa gadi bu’uu hin qabu. Keessumaayyu yeroo ammaa kana hayyoonni fi daa’iwwan kennaa isaaniif dhiyaatuf deebii deebisuun duratti garmalee of eeggachu qabu. Sababni isaas, diinonni Islaamaa qaruutee ta’aa fi namoota beekkamoo sossobuuf karaa al-kallatiitii fayyadamaa jiru.  Namtichi warra Dhiyaa Richard B.Mitchel jedhamu akkamitti sochi Islaamaa akka laaffisan yaadota lafa kaa’e. Yaadota sanniin keessaa: hayyootaa fi daa’iwan keessaa nama gowwoomsu barbaadan hojii kafaltii guddaa qabu isaaniif kennuun namoota barsiisuuf akka of hin xamanne gochuu. Piroojekti Islaamaa jechuun wanta faaydan guddaan keessa hin jirre irratti yeroo fi humna isaanii akka fixan gochuu. Akkasumas, daldala bu’aan guddaan keessa jira jedhame yaaddamuun isaan xamadudha.

Kuni tooftaalee diinonni Islaamaa osoo isaanitti hin beekkamin itti fayyadamaa jiraniidha. Laa hawlaa walaa quwwata illaa billah


Kitaabban Wabii:
[1] Tafsiiru Sa’adii-fuula 1106
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir- 7/677-678
[3] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/63-64
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula-173-175, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/437-441

Siiraa-Lakk.22
Siiraa-Lakk.20
Offline dubbisuf

Leave a Reply