Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 9.1

Offline dubbisuf

Al-Ahad, Al-Waahid
Namoonni jireenya isaanii keessatti waa baay’ee beekuf ni carraaqu. Beekumsa dharra’an keessaa tokko waa’ee Gooftaa isaanii ilaalchisee beekudha. “Gooftaan isaanii fi addunyaa guutuu uume, tokko moo lama moo sadii moo ykn sani olii?” Jechuun of gaafatu. Waa’ee Gooftaa isaa ilaalchisee namni dhuma sirrii irra gahuuf qajeelcha isa barbaachisa. Qajeelcha malee cal’iseetumaan sammuu ofiitiin qofa yoo abuuree, deebii gahaa fi quubsa hin argatu. Kana irra, gaafiileen baay’een isatti dabalamuun dhama’a. Qajeelchi sirriin waa’ee Gooftaa addunyaa itti beekan, qajeelcha Isarraa dhufeedha. Kutaa darbee irraa itti fufuun qajeelcha Rabbii aalamaa irraa dhufe irratti hundoofne har’as maqaalee Isaa ni ilaalla.

A-Hiika Al-Ahad, Al-Waahid
Akka lugaatti Al-Ahad-Tokkicha, Al-Waahid-Tokko
Al-Waahid fi Al-Ahad hiika “tokkichummaa” haa agarsiisanii malee al-Ahad caalatti Tokkichummaa agarsiisa. Al-Ahad Rabbii qofaaf kan ta’uudha. Rabbii olta’aan ala eenyullee Al-Ahadin hin ibsamu.[1]

Al-Waahid, Al-Ahad –amaloota guutuu, babbareedaa fi gurguddoo ta’an hundaan Tokkicha kan ta’eedha. Inni Zaata Isaatiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha, Sifaata Isaatiin Tokkicha fakkeenyi Isaaf hin jirreedha, Hojii Isaa keessatti Tokkicha hirmaataa fi gargaaraa hin qabneedha. Gabbaramu keessatti Inni Tokkicha dorgomaan Isaaf hin jirreedha.[2]

Rabbiin azza wa jalla Tokkicha yommuu jennu Inni Tokkicha homaa hin fakkaanneedha. Zaata Isaatin Tokkicha, homtu Isa hin fakkaatu. Jecha biraatin, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Zaatni Isaa homaanu wal hin fakkaatu. “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  (Suuratu Ash-Shuura 42:11)

Akkasumas, sifaanni (amaloonni) Isaa homaaniyyu wal hin fakkaatan. Beekumsi, dandeettin, jabeenyi, arguun, dhagayuun amaloota Isaati. Amaloonni kunniin amaloota uumamtootaatin gonkumaa wal hin fakkaatan. Kanaafi, Rabbiin Zaataa fi Sifaata Isaatiin Tokkicha waan ta’eef ilma hin godhanne. Ilmi abbaa fakkaata. Kanaafu, Rabbiin ilma qaba ykn shariika qaba jedhanii dubbachuun, “Rabbiin Tokkichaa miti, fakkaataa qaba” jedhanii dubbachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanarraa qulqullaa’e olta’e. Inni Tokkicha fakkaata homaatu hin qabneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Jedhi “Inni Allaah dha, Tokkicha” 
Rabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati.
Hin dhalle hin dhalannes.
Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:1-4

Ammas Tokkichummaa Rabbii olta’aa yommuu dubbannu, Inni Gooftummaa Isaa keessatti Tokkicha akka ta’e mirkaneessaa jirra. Gooftummaan hojii Isaatiin wal qabata. Dachii fi samii, wantoota isaan lamaan keessa jiran hunda kan uumee Rabbi Tokkicha. Samii irraa bishaan kan buusuu fi biqiltoota biqilchuu Isa Tokkicha. Hojii Isaa keessatti Isa waliin kan hirmaatu hin jiru. Inni hojii Isaa keessatti Tokkicha homaa hin fakkaanneedha. Uumamtoonni wanta tokko hojjachuu yoo barbaadan, meeshaa fayyadamu, hojii sanitti ni dadhabu. Rabbiin subhaanahu, kana hundarraa qulqulluudha. Wanta tokko hojjachuu yoo fedhe, “Ta’i” jedhaan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama. Qur’aana keessatti ni jedha:

2:117

[Rabbiin] Argamsiisaa samiiwwanii fi dachiiti. Yeroo dhimma wayii murteesse, wanti Inni isaan jedhu, “Argami (ta’i)” qofa; yeroma san argama (ta’a).”Suuratu Al-Baqara 2:117
Kana jechuun samii torbanii fi dachii dhabama irraa Kan argamsiise Rabbii Olta’aadha. Wanta tokko akka argamu yoo murteesse, “ta’i” jedhaan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.

Ammas, Rabbiin Tokkicha yommuu jennu, dhugaan gabbaramu kan qabu Isa Tokkicha. Samii fi dachii keessatti Guddinna Isaatiif kan gadi jedhan, garmalee jaallatanii fi waan hundaa irraa kadhatan Rabbii tokkicha. Isa Tokkicha malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Qur’aana keessatti:

Jedhi, “Inni Gabbaramaa Tokko qofa. Dhugumatti ani wanta isin [Isa waliin] gabbartan irraa qulqulluudha.” Suuratu Al-An’aam 6:19

16:51

Rabbiinis, ‘gabbaramoota lama hin godhatinaa. Dhugumatti, Inni Gabbaramaa tokko qofa. Anuma qofa sodaadhaa.’jedhe.” (Suurah An-Nahl 16:51)

Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Isa waliin waan biraa gabbaruun gabbaramaa (gooftaa) lama hin godhatinaa. Inni Gooftaa Tokko qofa. Kanaafu, Isa sodaadhaa. Kana jechuun osoo Isatti homaa hin shaarrakin (hin qindeessin) wanta Inni ajaje hojjadhaa, wanta Inni dhoowwe irraa fagaadhaa. Namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaru, kadhatu shirkii hojjatee jira.

Maqaaleen lamaan kunniin osoo hirmaatan tokkollee Isa waliin hin hirmaatin guutummaa hundaan Rabbiin Tokkicha ta’uu ibsu. Dirqamni gabroota irra jiru, amantiin, dubbii fi hojiin Isa tokkichoomsudha. Wantoota maqaaleen kunniin agarsiisan tuqaalee armaan gadi jalatti guduunfun ni danda’ama:[3]

1-Gara hundaan fakkaataa, dorgomaa, qixxaataa dhabamsiisu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Tokkicha fakkaataan, dorgomaa fi qixxaataan Isaaf hin jirreedha. Ni jedha:

Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  (Suuratu Ash-Shuura 42:11)

2-Takyiif (akkaataa ibsuun) baaxila ta’uu- takyiif jechuun sifaanni Rabbii akkam akka ta’an beekuuf namni sammuu ofiitiin itti xinxalluuf yaaludha. Jecha biraatin, sifaanni Rabbii akkana akkana jiru jedhanii ibsuudha. Kuni gonkumaa waan hin danda’amneedha. Sababni isaas, Rabbiin sifaataa (amaloota) guutuu ta’aniin Tokkicha kan ta’eedha. Amaloonni Isaa amaloota wanta biraatin wal hin fakkaatan. Kanaafu, akkamitti sammuun haqiiqaa amaloota Gooftaa Tokkicha fakkaataa hin qabne beeku danda’aa? Kana irra, wanta sammuu keessa qaxxaamuru hundarra Rabbiin subhaanahu garmalee guddaa fi olta’aadha.

3-Amaloonni guutuun gara kaminiyyuu hanqinni keessa hin jirre Rabbii guddaa qofaaf waan ta’aniif, amaloota guutuu hunda Isaaf mirkaneessuun barbaachisaadha.

4-Hanqinna hundarraa Rabbii olta’aa qulqulleessu- hanqinni uumamtootaaf kan ta’uudha. Al-Ahad (Tokkichi) immoo guutummaa fi guddinnaan adda kan ta’eedha. Kana keessatti fakkaataa hin qabu. Rabbiin subhaanahu yommuu ilma irraa of qulqulleessu akkana jedha:

 “Inni qulqullaa’e! Inni Allaah Tokkicha Injifataa ta’eedha.” Suuratu Az-Zumar 39:4

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Tokkicha wantoota hundarraa adda erga ta’e, ilmi ykn shariikni gonkumaa Isaaf hin malu. Sababni isaas, ilma ykn shariika qabaachun Tokkichummaa Isaa faallessa.

5-Ibaadaa fi amantii Isaaf qulqulleessuun Isa tokkichoomsu- Kan wantoota hundaa uumu, razzaquu, kennu fi dhoowwatu, kan gadi buusu fi olkaasu, kan ajjeesu fi jiraachisu Isa Tokkicha erga ta’ee, ibaadadhaan Isa tokkichoomsun namarra jira.

6-Mushrikootaa fi kaafiroota kabaja Isaaf malu hin kabajnee irratti deebii deebisu- maqaan Al-Waahid, Al-Ahad jedhu kijiba mushrikoonni fi kaafironni Rabbii olta’aa irratti uumaniif deebii ni deebisa. Mushrikoonni Rabbiin waliin waan biraa gabbaran, Rabbiif shariika godhan. Kuni gochaa fi yaada hundarra kijiba ta’eedha. Sababni isaas, Rabbiin Al-Ahad (Tokkicha) shariika hin qabneedha. Kiristaanonni Gooftaan ilma qaba ykn Gooftaa waliin wanti biraa gooftaa ta’u ni jira (walad, manfas quddus) jechuun yaadan. Kunis kijiba guddaa ifa baheedha. Sababni isaas, Rabbiin Al-Ahad (Tokkicha) waan ta’eef ilmaa fi shariika hin qabu. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha:

“Isaannan ‘Rabbiin sadaffaa sadeeniti’ jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Gabbaramaa Tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru. Yoo waan jedhan kanarraa hin dhoorgamin, dhugumatti isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaatu tuqa.” Suuratu al-Maa’ida 5:73

Kuni Kiristaanota Rabbiin sadaffaa sadeeniti ykn sillaasee jedhaniif deebii kennameedha. Ab, wald, manfas quddus gooftaa ta’u jechuun yaada dogongoraa fi fokkuu Rabbii Tokkicha fakkaata hin qabne irratti odeessu. Rabbiin Tokkicha fakkaata hin qabneedha. Akkamitti fakkaataan Isaan wal-qixxaatu Isaaf ta’aa? Dhugumatti isaan gooftaan sadii walitti dhufuun gooftaa tokko ta’e ykn sillaase jedhan haqaan kafaranii jiru. Kana jechuun Rabbitti dhugaan hin amanne. Tokkichummaa Isaa kijibsiisanii jiru. Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne ta’ee osoo jiru akkamitti fakkaataa Isaaf gochuun sadii jedhuu? Akkamitti Uumaan uumamtootaan wal fakkaataa?

Gabbaramaa Tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru.” Gooftaan haqaan gabbaramu Rabbii Tokkicha malee kan biraa hin jiru. Gooftaa tokko caalaa gooftaan baay’een jiraachun hin danda’amu. Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha:

21:22

Osoo isaan lamaan keessa Rabbiin ala gabbaramtoonni biroo jiraatanii, silaa isaan lamaanu ni baduu tıran. Rabbiin Gooftaa Arshii ta’ee wanta isaan jedhan irraa qulqullaa’e.” Suuratu Al-Anbiyah 21:22

Kana jechuun osoo samii fi dachii keessatti Rabbiin ala gooftoleen gabbaraman jiraatanii, silaa isaan lamaan ni badu turan. Sababni isaas, osoo gooftoleen gabbaraman baay’een jiraatanii, “silaa gabbaramaan hundi waan uume fudhatee deema. Gariin isaanii garii irratti olta’uu turan.” (Suuratu al-Mu’minuun 23:91) Osoo gooftoleen baay’een jiraatanii, silaa gooftaan hundi wanta uumeen addatti baha, ni fudhata. Ammas gabbarrin hundii isaaf akka ta’uu barbaada. Ergasii isaan jidduutti lolli ni uumama. Isaan jidduutti lolli yoo uumame, gariin garii irratti olta’a. Yeroo garii kuni ol’aantummaa argata, yeroo biraa immoo suni ol’aantummaa argata. Akkuma beekkamu, kan ol’aanaa ta’ee gabbaramaan tokkichi isa ta’a. Kan gadi aanee immoo gabbaramaa ta’uun isaaf hin malu.

Mee amma ilaali, gara imalaa baanee Zeydi fi Umarin amiira (hogganaa) akka ta’an osoo muudne maaltu ta’aa? Yookiin immoo biyya tokko keessatti mummicha ministeera lama osoo muudne maaltu ta’aa? Dhugumatti, jeequmsi ni uumama. Gooftoleen gabbaraman baay’achuun gonkumaa hin danda’amu. Osoo baay’atanii silaa addunyaan guutuun ni baddi. Kanaafi ni jedhe, “Gabbaramaa Tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru.”[4] 

“Yoo waan jedhan kanarraa hin dhoorgamin, dhugumatti isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaatu tuqa.” Kiristaanonni Iyyasuus Gooftaadha, Rabbiin sadaffaa sadeeniti ykn sillaase jechuu yoo hin dhiisin Aakhiratti adabbii garmalee cimaa ta’etu isaan qunnama. Garuu dubbi fokkuu kana yoo dhiisanii gara Rabbii deebi’an, Inni isaaniif araaramuun adabbii jalaa nagaha isaan baasa. Akkana jechuun isaan affeera:

“Sila gara Rabbii deebi’anii araarama Isa hin kadhatanii? Rabbiin Araaramaa Rahmata godhaadha.” Suuratu al-Maa’ida 5:74

Guduunfaa
Al-Ahad-Tokkicha, Al-Waahid-Tokko.
☝Maqaaleen lamaan kunniin Rabbiin gara hundaan Tokkicha akka ta’e ibsu. Rabbiin zaata Isaatin tokkicha. Wanti Zaata Isaa fakkaatu tokkollee hin jiru. Ammas, Sifaata Isaatiin Tokkicha, sifaanni (amaloonni) Isaa amaloota uumamtotaatin wal hin fakkaatan. Wantoota hundaa kan beeku, arguu, dhagahuu, Rabbii Tokkicha. Akkaataan wantoota hundaa itti beeku, arguu fi dhagahuu, akkaata uumamtoonni itti beekan, dhagahanii fi argan irraa garagara. Sababni isaas, amaloonni Isaa amalootaa uumamtootatin wal hin fakkaatan. Inni Tokkicha amaloota gugguutu addaa qabuudha.
☝Rabbiin subhaanahu Tokkicha fakkaataa hin qabne waan ta’eef wanta sammuu namaa keessa qaxxaamurun gonkumaa wal hin fakkaatu.
☝Rabbiin subhaanahu Tokkicha wantoota hundaa adda Isaa uumu, soorata namaaf kennu, rooba roobsun biqiltoota biqilchu erga ta’e, namoonni Isa qofa gabbaru qabu.
☝Osoo Rabbiin waliin gooftaan biraa jiraate, silaa dachii fi samiin diddigamuun ni baduu turan. Garuu Gooftaan Tokkicha waan ta’eef samii fi dachiin tartiiba isaanii qabatanii kan dhaabbataniidha. Urjileen, aduun, jiiyni fi pilaanetonni sarara (orbiiti) isaanii irraa osoo hin dabin tartiibaa fi sirnaan deemu. Osoo gooftaan lama ykn sanii ol ta’e silaa tartiibni kuni hin jiruu ture. Sababni isaas, gooftaan hundi wanta uumee fudhate addattin baha. Hundi isaanitu ol’aantummaa argachuuf wal lolu turan. Ergasii tartiibni fi sirnii dachii fi samii diddigamee bada.


Kitaabban wabii:
[1] In The Company of God fuula-179, Salman Awda, Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.3,4; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[2] Fiqhu al-Asmaa’il Husnaa-107, Abdurazzaaq Badri
[3] Madda olii-fuula 108-110
[4]Tafsiirul Qur’aanil kariim Suuratu al-maa’ida 2/206, Muhammad bin Saalih Useymiin
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.3,4; AbdulAziz bin Naasir Jaliil

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 9.2
Fedhiin Kee Guddaan Rizqii Kam Argachuudhaa?-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply