Siiraa-Lakk.22

Nabiyyummaa booda gara dhuma waggaa 7ffaatti uggura dinagdee fi hawaasummaa
Akkuma Qureeshonni Muslimoota rakkisuu itti fufaniin, akkasuma Muslimoonnis amanti isaanii irratti cimuu itti fufan. Islaamnis gosoota Arabaa hedduu keessaa babal’achuu itti fufe. Kanarraa kan ka’ee Qureeshonnis rakkisuu keessatti daran gara-jabeenyi fi cunqursitoota ta’u jalqaban. Nabiyummaa booda jibbiinsi isaan Muslimootaaf qaban fiixe ol’aanaa irra gahuu irraa kan ka’e Muslimoota fi fira Nabiyyii waliin daldalu akka dhaaban ni murteessan.

Az-Zuhriyy ni jedha: “Hanga Muslimonni dadhaboo ta’anii fi balaan isaan irratti garmalee jabaatutti, mushrikoonni duraan caalaa Muslimoota irratti garmalee jabaatan. Qureeshonni shira ishii keessatti Nabiyyii ifaan ifatti ajjeesuuf irratti wali galtee. Yommuu Abu Xaalib dhimma namootaa arguu, Bani Abdulmuxxalib walitti qabuun Nabiyyii (SAW) akka ofitti qabanii fi nama isa ajjeesu barbaadu irraa akka eegan isaan ajaje. Isaan keessaa Muslima kan ta’es kaafira kan ta’es dubbii kanarratti walii galan. Gariin isaanii jaalala gosaaf qabaniif kana hojjatan, gariin immoo sababa iimaanaatiin hojjatan.  Yommuu Qureeshonni Baniin Haashim Nabiyyi eegu irratti wali galuu beektu, hanga Nabiyyii (SAW) ajjeechaaf dabarsanii kennanitti eenyullee isaan waliin akka hin teenne, hin daldaallee fi manneen isaanii hin seenne irratti wali galte. Meeshaa gurguraa gonkumaa bani Haashim irraa akka hin fuune fi hanga Nabiyyi ajjeechaaf dabarsanii kennanitti rahmata isaaniif akka hin goone waadaa fi wal-galtee galmee shiraa isaanii irratti barreessan.”

Gabaasa biraa keessatti akkana jechuun itti dabala: akka ajjeesaniif hanga Nabiyyii (SAW) dabarsanii kennanitti Bani Haashim waliin fuudhaa heeruma akka hin raawwanne, isaanitti homaa hin gurgurre, homaa isaan irraas hin binne, karaalee rizqii isaan bira gahuu akka cufan, isaan waliin araara akka hin goone, isaaniif rahmata akka hin goone, isaanitti akka hin makamne, waliin hin teenye, hin haasofne, manneen isaanii hin seenne waadaa wali seenan. Ergasii kanarratti wali galanii galmee wanta kana irratti barreessan garaa Ka’abaa keessatti rarraasan.

Ilmaan Haashim haala kanaan waggaa sadiif iddoo jireenya isaaniitti kan ugguraman ta’anii turan. Balaa fi dadhabbinni isaanitti jabaate. Qureeshonni gabayaa isaan irraa addaan kutan. Nyaatas ta’i meeshaan gurguraan Makkaan keessa yoo seene itti hajamanii dhiisanii dafanii meeshaan san bitan malee hin dhiisan. Kanaan dhiiga Ergamaa Rabbii (SAW) jiigsu barbaadan.

Beela irraa kan ka’e hanga baala mukaa nyaachu dirqamanitti Sahaabotaa fi bani Haashim irratti uggurrin Qureeshotaa ni cime. Isaan keessaa tokko yommuu fincaa’uf bahu, sagalee wanta gogaa miila isaa jalatti ni dhagaha. Ergasi gogaa gaalaa ta’uu yoo hubate, fuudhee ni dhiqa. Ergasi gubee ni alansha. San booda bishaan irratti dhuguun guyyoota sadiif soorata isaaf ta’a. Inuma Qureeshonni beela irraa kan ka’ee sagalee booyinsa daa’imaa iddoo jireenya bani Haashimi ni dhagahu turan. Garuu isaan rakkisuu itti fufan.

Yommuu waggoonni sadan darban Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa maanguddoota Qureeshotaa keessaa gariin uggurri kana dhumaan akka gahanii fi wali galtee isaanii diigan murteessan. Wali-galtee Qureeshota kana diiguf namni gahee dursaa taphate Hishaam ibn Amr Al-Haashimiyy. Hishaam gara Zuheyr ibn Umayyah al-Makhzuumiyy deeme. Zuheyr haati isaa Aatikah intala Abdul-Muxxalib turte. Hishaam Zuheyrin ni jedhe, “Yaa Zuheyr! Eessumman kee bakka ati beektu osoo jiranuu ati nyaata nyaachutti, uffata uffachuu fi dubartoota fuudhutti gammaddee jirtaa? Isaan hin bitatan, isaan irraayis hin bitamu, isaan hin fuudhan, isaanittis dubartiin hin heerumsifamtu. Ani Rabbiin kakadha! Osoo isaan eessumman Abul Hakam ibn Hishaam-(Abu Jahl) ta’anii fi wanta inni itti si waametti osoo ati isa itti waamte, inni gonkumaa deebii siif hin deebisu. (Kana jechuun osoo Baniin Haashim eessumman Abu Jahl ta’anii fi ati akka isaan irratti ugguramu isa affeerte, inni tolee siif hin jedhu). Zuheyris ni jedhe: Yaa badii kee Hishaam! Maal haa godhuu? Ani namticha tokko qofa. Wallaahi osoo namni biraa na waliin jiraate silaa wali-galtee kana diiguf nan ka’a.” Hishaamis ni jedhe, “Namticha tokko argattee.” Innis ni jedhe, “Inni eenyu?” Innis ni jedhe, “Ana” Zuheyris ni jedhe, “sadaffaa nutti barbaadi.” 

Ergasii, Hishaam gara Mux’am ibn Adiyy deemun akkana jedheen, “Ati osoo agartuu fi Qureeshotaan walii galtee osoo jirtuu gosoonni xixiqoon lama ilmaan Abdu Manaaf irraa ta’an akka dhuman ni barbaaddaa?… “ Mux’amis ni jedhe, “Ee badii kee! Maal haa godhuu? Ani namticha tokko qofa.” Hishaamis ni jedhe, “Nama lamaffaa siif arge.” Eenyudha jedhe Mux’am. Hishaamis ni jedhe, “Ana”. Mux’amis ni jedhe, “Sadaffaa nuuf barbaadi.” Hishaamis ni jedhe, “Hojjadhee jira.” Innis ni jedhe, “Eenyudhaa?” Hishaamis ni jedhe, “Zuheyr ibn Abi Umayyah.” Mux’amis ni jedhe, “Afraffaa nuuf barbaadi.”

Hishaamis gara Abu Bukhtari ibn Hishaam deeme. Wanta Mux’amin jedhe isaanis ni jedhe.  Abu Bukhtaris ni jedhe, “Ee badii kee! Nama biraa kanarratti nu gargaaru ni argannaa?” Innis ni jedhe, “Eeyyen.” Maqaa namoota armaan olii ni dhayeef. Abu Bukhtaris, “Shanaffaa barbaadi” jedheen. Ergasii Hishaam gara Zum’ah ibn Al-Aswad ibn Muxxalib ibn Asad deemun haqaa fi firummaa ilmaan AbdulMuxxalib isarraa qaban itti hime. Zum’anis ni jedhe, “Namoota keessaa dhimma ati itti na waamtu kanarra namni jiru jiraa?” Hishaamis ni jedhe, “Eeyyen.” Ergasii maqaa namoota armaan olii dhayee. Kutaa kaabaa Makkaa keessatti namoonni shanan kunniin halkan wal gahuuf ni mari’atan. Marii san keessatti tarkaanfi akkami hordofuu akka qaban irratti wali galan. Wanta hojjachuu qaban erga murteessanii booda Zuheyr ni jedhe, “Ani isin dursee haa deemu. Jalqaba natu dubbata.”

Yommuu bari’uu gara bakka Qureeshonni walitti qabamanitti deeman. Zuheyris uffata gaarii fi haarawa uffattee gara Ka’abaa deemun si’a torba naanna’e. Ergasi gara namootaa naanna’uun akkana jedhe, “Nyaata ni nyaannaa, uffata ni uffannaa, ilmaan Haashim dhumaa osoo jiranuu? Hin bitatan, isaan irraas meeshaan hin bitamu. Rabbiin kakadhe! Galmeen zaalimaa fi hariiroo addaan kuttu taate tuni hanga cicciramtutti ani hin taa’u.” Abu Jahl ni jedhe, “Kijibde. Wallaahi hin cicciramtu.” Ergasi Zum’ah ibn Al-Aswad ni jedhe, “Wallaahi, ati hundarra kijibaadha. Yommuu barreefamtu nuti barreefama ishii itti hin gammanne.” Abu Bukhtaris ni jedhe, “Zum’an dhugaa dubbate. Wanta galmee san keessatti barreefame itti hin gammannu. Hin mirkaneessinus.” Mux’am ibn Adiyyis ni jedhe, “Isin lamaanu dhugaa dubbattan. Namni kanaan ala wanta biraa jedhe kijibee. Galmee tanaa fi wanta ishii keessatti barreefame irraa of qulqulleessina.” Hishaamis yaaduma wal fakkaatu kenne. Ergasi Abu Jahl ni jedhe, “Kuni dhimma halkan xumurameedha. Bakka kanaan ala irratti mari’atame.” Abu Xaalib immoo Masjiida cinaa taa’a ture, homaa hin dubbanne.

Mux’am ibn Adiyy galmee tarsaasuf ni ka’e. Garuu raammoon muka nyaattu, “Maqaa keetin Yaa Allah” bakka jedhu malee galmee hundaa nyaatte fixxe.

Barnoota asirraa fudhatamu
Namoonni sababa Islaamaatiin uggurriin diinagdee fi hawaasummaa isaan irra gahuu danda’a. Waggaa sadii guutuu karaa galii itti argatanii fi hariiroon hawaasummaa isaan irratti cufame. Muslimoonni rakkoo kana hundaaf harka kennuun ijjannoo isaanii irraa duubatti hin deebine. Amantii isaanii irratti ni ciman. Muslimoonni yeroo ammaas sababa waraanaa fi rakkoo adda addaatin uggurriin hawaasummaa fi diinagdee yommuu isaan muudatu, obsuun amantii isaanii irratti jabaachu qabu. Keessumayyu warri mishinari (peenxonni) yeroo rakkoo Muslimoota amantii isaanii irraa deebisuuf mallaaqa baay’een gowwoomsuuf carraqu. Namni maallaqni kuni qormaata akka ta’e beekun addunyaa gabaabduuf jedhee Aakhirah of jalaa balleessu hin qabu. Seenaa armaan olii keessumayyuu hima kana haa yaadatu:

“Beela irraa kan ka’e hanga baala mukaa nyaachu dirqamanitti Sahaabotaa fi bani Haashim irratti uggurrin Qureeshotaa ni cime. Isaan keessaa tokko yommuu fincaa’uf bahu, sagalee wanta gogaa miila isaa jalatti ni dhagaha. Ergasi gogaa gaalaa ta’uu yoo hubate, fuudhee ni dhiqa. Ergasi gubee ni alansha. San booda bishaan irratti dhuguun guyyoota sadiif soorata isaaf ta’a.”

Beelli fi rakkinni Islaama irraa duubatti isaan hin deebisne. Ni obsan. Ergasii yeroo booda rakkoon isaan irraa ni deeme. Qur’aana keessatti:

Rakkinna waliin laafinatu jira.
Dhugumatti rakkinna waliin laafinatu jira.” Suurat Ash-Sharh 94:5-6

Rakkinni laafinna lamaan kan marfameedha. Rakkinna duraa fi rakkinna booda. Rakkinna dura laaffinatu ture, rakkinna boodas laafinni (mijaa’inni) ni dhufa. Garuu hangasii Islaama irratti gadi dhaabbannaa fi obsa barbaachisa.

Kitaabban wabii:
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula-182-184, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/463-468

Print Friendly, PDF & Email
Siiraa-Lakk.23.1
Siiraa-Lakk.21

Leave a Reply