Siiraa-Lakk.23.1

Offline dubbisuf

Godaansa gara Habashaa
Hiika Godaansaa fi Mindaa isaa
Jireenya keessatti namni bakka tokko irraa bakka biraa qubachuun ni jiraata. Adeemsa kanaan “godaansa” jennaan. Jecha biraatin godaansa jechuun bakka tokko irraa deemun bakka biraa qubachuudha. Warri baadiyaa bonaa fi ganna bakka adda addaatti horii fi hoolota isaanitiin godaanu. Takkaa gara baddaa takkaa immoo gara gammoojji godaanun jireenya ofii gaggeessu. Sababni isaan itti godaananiif beelladoota isaaniitiif marga dheedamu barbaadudha. Tiiksen rakkoolee godaansa kana keessa jiru hunda danda’uun beelladota eega. Beelaa fi qorra baddaa obsaan dabarsa.

Kuni waa’ee godaansa ummata keenya keessatti beekkame ibsuufi. Godaansi horii qofaaf kan godaanan osoo hin ta’in amantii ofiitiifis ni godaanan. Akkuma warri baadiyaa bakka margaa horiin isaanii itti dheedutti godaanan warri amantii ofiitiif godaananis bakka amantii ofii nagahaan itti gaggeessanitti godaanu. Namni Rabbiif jedhee godaane, dhugumatti mindaa guddaa argata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota karaa Isaa keessatti godaanan mindaa isaanii akkana jechuun dubbata:

16:41

Erga cunqurfamanii booda warroonni [karaa] Rabbii keessatti godaanan, dhugumatti addunyaa keessatti bakka gaarii isaan qubsiifna. Garuu mindaa Aakhiraatu irra guddaadha, osoo kan beekan ta’anii.” Suuratu An-Nahl 16:41

Erga ummata isaaniitiin cunqurfamanii fi Islaama irraa akka deebi’an isaan qoranii booda, warroonni biyyaa ofii dhiisanii jaalala Rabbii barbaaduun gara biraatti godaanaan mindaa lama qabu: 1ffaa-addunyaa tana keessatti iddoo gaarii qubsiisuu fi rizqii gaarii isaaniif kennu. 2ffaa-Aakhiratti mindaa guddaa isaaniif kennuudha. Dhugumatti, mindaan Aakhiratti argatan mindaa addunyaa tana keessatti argatan caala. Namoonni guddinna mindaa kanaa osoo beekanii silaa yommuu sababa amantii isaanitiif cunqurfaman, eenyullee godaanu irraa duubatti hin deebi’u.

Eeti, biyya ofii gadi lakkisanii gara biyya biraatti godaanun rakkoo adda addaatiif nama saaxila. Garuu namni waa sadii yoo qabaate rakkoon kuni isarratti salphata. 1ffaa-akkuma armaan olitti jenne guddinna mindaa Aakhira beeku fi abdachuu. 2ffaa-obsuu, 3ffaa-Rabbiin irratti hirkachuudha. Amaloota lamaan dhumaa kanniin aayah armaan olii irraa itti fufuun ni jedha:

16:42

“[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu An-Nahl 16:42

Ummata isaanii irraa wanta isaan tuqee irratti ni obsan, biyyaa ofii gadi dhiisanii godaansaf bahuu irrattis ni obsan. Wanta Rabbiin subhaanahu jaallatu hojii irra oolchuf Isa irratti hirkatu.

Seenaa keessatti Muslimoonni sababa amantii isaaniitiif godaananii jiru. Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman godaansi jalqabaa gara Habashaa ture. Sahaabonni gara Habashaa si’a lama godaanan. Itti aanse gara Madiinaa godaanan. Akkuma aayah armaan olii keessatti warra godaananiif waadaa galamee, addunyaa keessatti bakka gaarii Rabbiin isaan qubsiise. Muslimoonni gara Habashaa godaanan nageenya argachuun amanti isaanii haala gaariin gaggeessan. Warri gara Madiina godaananis bakka gaarii qubachuun mootummaa guddaa hundeessanii jiru. Biyyoota adda addaa banuun Islaama babal’isanii jiru. Kuni mindaa jalqabaa isaaniif kennameedha. Mindaan guddaan kana caalu Guyyaa Qiyaamaa isaan eeggata. Seerri Rabbii yeroo hundaa hojii irra kan oolu waan ta’eef, namni yommuu cunqurfamuu amanti ofiitiin dheessun Rabbiif jedhee yoo godaane, mindaa aayah armaan olii keessatti waadaa galame ni argata.

Namoonni gariin yommuu cunqurfaman, godaanu dhiisanii Islaama irraa duubatti deebi’uun kafaru. Garuu kuni kasaaraa guddaa isaanitti fida. Rakkoo yeroo gabaabaf isaan qunnamu irratti obsuu wayyaa moo adabbii Jahannam yeroo hundaa turaa ta’e irratti obsuu wayyaa? Namni amanti ofii bakka tokkotti gaggeessu yoo dadhabee bakka biraa deemun gaggeessu danda’a. Sababni isaas, dachiin Rabbii bal’oodha. Qur’aana keessatti ni jedha:

29:56

“Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin Tiyya bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:56

Kuni, biyya amanti ofii itti gaggeessu hin dandeenye keessaa gara biyya amanti ofii itti gaggeessu danda’anitti godaanu akka qaban ajaja Rabbiin irraa warroota amananiif darbeedha.[1]Dhugumatti dachiin tiyya bal’oodha.” Gara lafa nagaha itti taatanii fi hacuuccaa kaafirotaa fi mushrikootaatiif hin saaxilamneetti godaanaa. Yommuu godaantan, jaalala Kiyya barbaadun godaanaa. Dachiin iddoo bal’oo ibaadaaf taatudha. “Kanaafu Ana qofa gabbaraa.”

Adabbii kaafirootaa fi mushrikootaa sodaachu fi godaansa dhiisun, Islaamaa irraa duubatti deebitanii Ana waliin waan biraa hin gabbarinaa. Yoo Islaama irraa duubatti deebitan, kasaaraa guddaatu isin qunnama. Namoonni gariin adabbii kaafirotaa sodaachu fi godaansa dhiisun Islaama irraa duubatti kan deebi’aniif lubbuu isaanitiif sodaachuni. Yoo adabbiif saaxilamee ykn godaane nan du’a jechuun sodaatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sodaa kana akkana jechuun isaaniif salphisa:

29:57

“Nafseen hundi du’a ni dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:57

Biyyaa keessan keessatti taatanii, biyya biraatti godaantanii duuti isin irraa hin haftu. Kanaafu, bakka isin itti ajajetti Rabbiif ajajamaa. Inni kuni isiniif irra gaariidha. Duuti dhufuun waan hin hafneef jalaa miliquunis hin jiru. Namni yeroon du’aa yoo gahe, nafseen hunduu akka duutu yoo beeke, godaansa ykn amantii ofii irraa duubatti hin deebi’u. Biyya ofii keessa ta’e godaanes duuti isatti ni dhufti. Ammas, yeroo dheeraaf nan jiraadha jedhee yaadun amantii irraa duubatti yoo deebi’e, duuti isatti dhufuun waan hin oolle.

Nafseen hundi du’a akka dhandhamtu beekun qofti gahaa miti. Kaafironnu kana waan beekaniif waraanaa keessatti gootummaa argatu. Garuu warroota amananiif abdii fi gootummaa guddaa kan ta’uuf, du’aan booda kaafamuun mindaa guddaa akka argatan beekuu fi abdachuudha (ilaali suuratu An-Nisaa 4:104). Kanaaf ni jedha, “Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Yeroon barzakha jireenya addunyaa tanaa fi jireenya biraa Guyyaa Kaafamaa addaan baasu erga xumuramee booda, qorannoo Gooftaa keessanii, murtii Isaa argachuu fi jazaan Isaa hojii irra akka ooluuf dirqamaan gara jireenya lammataatti ni deebitu.[2] Kanaafu, namni du’aan booda kaafamuun qoratamee mindaa guddaa akka argatu yoo beeke fi amane, rakkoolee fi ulfaatinni sababa amantii isaatiif isa qunnaman isaaf salphatu.

Jireenya keessatti namni wanta tokko kan hojjatuuf bu’aa wayii hojii san irraa abdateeti. Akkasi miti ree? Namni Rabbiif jedhee godaanus, “Manaa fi biyya kiyya dhiisee yommuu godaanu bu’aan ani argadhu maaliidhaa?” jedhee of gaafachuun isaa hin oolu. Deebiin kanaa, Suuratu An-Nahl 16:41 jalqaba irratti kaasne keessatti kennamee jira. Garuu, “mindaan Aakhirah kuni maal ta’inna laata?” Jechuun gaafachu danda’aa. Deebiin kanaa haala kanaan kenname:

 “ Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannata irraa manneen jireenyaa jala ishii laggeen yaa’an, achi keessa yeroo hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna.” Mindaan hojjattootaa waa tole! [Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:58-59

Namni tokko, “Sila mindaan guddaan kuni warra godaanan qofaaf ta’aa?” jedhee gaafachu danda’a. Lakki, warra ganda kufrii irraa godaanan qofaaf osoo hin ta’in namoota dhugaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan hundaafis ni ta’a. Keeyyattonni armaan olii warra amanan, Rabbiif jedhanii godaananii fi hojii gaggaarii hojjatan hunda of keessatti hammatu. Garuu Islaama keesatti godaansi hiika lammataa akka qabu hubatamu qaba. Hiikni kunis: wanta Rabbiin dhoowwe irraa gara wanta Rabbiin jaallatutti godaanudha. Jecha biraatin, ma’asiyaa (badii) irraa gara Rabbiif ajajamutti qajeeludha. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Muhaajir (godaanaan) nama wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisedha.” Sahiih Al-Bukhaari-6484

Sheykh Muhammad bin Saalih Useymiin hadiisa kana ilaalchise ni jedha: “Akkuma beekkamu muhaajira jechuun amantii ofii gaggeessuuf nama biyya kufrii keessaa gara biyya Islaamatti baheedha (godaanedha). Garuu godaansi hiika biraas ni qaba. Innis, namni wanta Rabbiin dhoowwe dhiisudha. dubbii dhoowwame hin dubbatu, hojii dhoowwame hin hojjatu, wanta dirqamaa (waajiba) ta’e hin dhiisu. Kana irra, dirqamoota ni hojjata, wanta dhoowwame immoo ni dhiisa. Kuni muhaajira (godaanaa)dha. Sababni isaas, wanta Rabbiin dhoowwe irraa ni fagaate.”[3]

Dubbiin erga akkana ta’ee, keeyyattonni (aayaanni) armaan olii muhaajira biyya kufrii gadi lakkisuun gara biyya Islaamaa godaanee fi muhaajira wanta Rabbiin dhoowwe dhiise fi dirqamoota hojjate of keessatti hammatu jechuudha. Mee mindaa kana haa ibsinu: “Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannata irraa manneen jireenyaa jala ishii laggeen yaa’an, achi keessa yeroo hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna.”

Kana jechuun dhugumatti warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan Jannata jala ishii laggeen garagaraa yaa’an keessatti manneen jireenyaa ol fagoo ta’an isaan qubsiifna. Jannata keessa isaan yeroo hundaa jiraatu, achi keessaa bahuu fi jijjiramuun hin jiru. “Mindaan hojjattootaa waa tole!” Jannata qananii keessatti manneen jireenya dhedheeroo ta’an kunniin akka mindaatti Rabbiif jedhanii warra hojii gaarii hojjataniif ee waa tolan![4]

 “[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Jechoota kana keessa sababa warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan Guyyaa Murtii mindaa guddaa itti argatan ibsa. Sababni kuni gara amaloota gurguddoo lamaatti deebi’a:

1ffaa- Wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu irratti obsu, wanta Inni dhoowwe irraa obsuu fi musiibaa irratti obsuudha. Obsi humna fedhii cimaa keessaa humna amalaa gaarii yommuu ta’u,  namni ifaajee, rakkinnaa fi ulfaatinna baadhachuuf nafsee ofii akka too’atu isaa dandeessisa. Ammas, miira dallansuu, hifachuu, jarjaruu, sodaa, dharra’uu fi fedhii lubbuutiin dhiibamuu irraa akka nafsee ofii too’atanii fi sirreessan nama taasisa.

2ffaa-Rabbiin irratti hirkachuu-kuni amala gaarii lammaffaa warra Jannata seenaniiti. At-Tawakkulu alallah (Rabbiin irratti hirkachuu) jechuun wanta namarraa eeggamu hojjachuu waliin Rabbiif harka kennuu, dhimmoota akka namaaf qindeessuu fi galmaan gahuu Isaaf dhiisudha.[5] Warri Rabbiin irratti hirkatan, hanga danda’an wanta isaan irraa eeggamu ni hojjatu, hojii san Rabbiin subhaanahu tartiiba akka qabsiisuu fi guutuuf Isarraa ni abdatu, gargaarsa Isarraa kadhatu.

Guduunfaa
Islaama keessatti godaansa (hijraa) jechuun biyya kufrii Muslimoonni keessatti cunqurfaman gadi dhiisun gara biyya amanti ofii nagahaan itti gaggeessanitti godaanudha. Ammas, hikni lammata godaansaa- “Wanta Rabbiin subhaanahu dhoowwe dhiisudha.”
Godaansi mindaa guddaa qaba. Garuu mindaa guddaa kana argachuuf niyyaa ofii Rabbiif qulqulleessun barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira. Nama godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaa taate, godaansi isaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaati. Nama godaansi isaa faaydaa duniyaa argachuuf yookiin dubartii fuudhuf taate, godaansi isaa gara wanta inni itti godaaneti.” (Sahiih al-Bukhaari fi Sahiih Muslim)
Hadiisni kuni waa lama nu hubachiisa: Hojiin namootaa niyyaa irratti hundaa’a. Namni Rabbiif jedhee qe’ee ofii gadi dhiisee godaane ykn wanta itti ajajame hojjate fi wanta irraa dhoowwame dhiise, mindaa guddaa Rabbii olta’aa irraa argata. Namni niyyaan isaa Rabbiif osoo hin ta’in addunyaaf ykn dubartii fuudhuf yoo ta’e immoo, Guyyaa Murtii mindaa guddaa kana Rabbiin irraa hin argatu.
Dhugumatti godaansi fi hojiwwan gaggaarii biroo hojjachuuf wantoonni bu’uuraa lama nama barbaachisu. Isaaniis: Obsuu fi Rabbiin irratti hirkachuudha. Namoonni bu’uuralee lamaan kanniin qabaachuun haala sirrii ta’een Rabbii fi wanta Isarraa dhufetti amananii hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannanii iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turan isaaniif taati.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/72
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 15/291
[3] Sharihu Riyaadu Saalihiin- 6/234
[4] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/73
[5] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi15/292-293

Siiraa-Lakk.23.2
Siiraa-Lakk.22
Offline dubbisuf

Leave a Reply