Siiraa-Lakk.23.2

Offline dubbisuf

Godaansa gara Habashaa
Akkuma kutaa darbe keessatti jennee godaansi biyya kufrii itti hacuucaman keessaa gara biyya nagahaan amantii ofii itti gaggeessanitti bahuudha. Yommuu Nabiyyiin (SAW) ergaman cunqursaan mushrikoonni Muslimoota irraan gahan guyyaa guyyaan dabalu itti fufe. Kanarraa kan ka’e, iddoo nagahaatti godaanuuf dirqaman. Yeroo sanitti iddooleen nagaha namoonni itti hin cunqurfamne keessaa tokko lafa Habashaa (Itiyoophiyaa) ti. Sahaabonni gara Habashaatti godaanun sadarkaan Habashaan seenaa Islaamaa keessatti qabdu kan dagatamu miti. Mee har’a seenaa kana ilaaluuf haa yaallu. Isin qophiidhaa?

Godaansa Jalqabaa gara Habashaa
Sababoota gara Habashaa akka godaanan isaan taasise
Sahaabota Nabiyyii (SAW) irratti balaan guyyaa guyyaan dabaluu fi cimuu itti fufe. Kaafironni Makkaa Islaamaa irraa duubatti deebisuuf sahaabota hidhuu, rukuttaan, beelaan, dheebun, hoo’a Makkaatii fi ibiddaan isaan rakkisuu turan. Garuu yeroo kanatti wanti nama ajaa’ibu sababa ciminna balaatii fi du’a sodaachuun sahaabota keessaa namni Islaama irraa duubatti deebi’e hin jiru. Kuni dhugummaa isaanii agarsiisa. Eeti, isaan keessaa gariin qalbiin isaa iimaanan tasgabbooftee fi guutamte osoo jirtuu arraba qofaan dubbii kufri kan dubbate ni jira. Qalbiin iimaanan waan guutamteef kuni kufritti isa hin geessu (ilaali suuratu An-Nahl 16:106)

Ammas isaan keessaa nama amantii isaa irratti goguun wanta isaan jedhi jedhaniin didetu jira. kan akka Bilaal ibn Rabah. “Ahad, Ahad (Tokkicha, Tokkicha)” jechuu malee jecha kufrii isaan itti dirqisiisan ni dide.

Ergamaan Rabbii (SAW) sadarkaa fi eeggumsa Rabbiin biraa waan qabanif, itti aanse abbeeraa isaanii irraa eeggumsa waan argataniif hamma ta’ee nagaha turan. Garuu yommuu Nabiyyiin (SAW) balaa sahaabota irra gahuu fi isaan irraa deebisuuf humna kan qabne ta’uu arguu, akkana isaaniin jedhe: Osoo gara biyya Habashaa godaantanii. Sababni isaas, Biyya san keessa mootii eenyullee isa biratti hin cunqurfamnetu jira. Ishiin biyya dhugaati. Wanta keessa jirtan keessaa hanga Rabbiin karaa bahiinsa isiniif godhutti, [achi turaa]” Ergasii Sahaabota Nabiyyii (SAW) irraa Muslimoonni gariin sababa fitnaatiin amanti irraa duubatti deebi’u sodaachuun gara biyya Habashaa godaanan. Islaama keessatti kuni godaansa (Hijraa) jalqabaa turte. Sababoota gara Habashaatti akka godaanan isaan taasisan keessaa muraasni, sababa adabbii fi rakkoo Qureeshonni isaan irraan gahaniin Islaamaa irraa duubatti deebi’u sodaachu, gara Islaamaa namoota waamu, yaaddo Rasuulaa (SAW) hir’isuu fi kan biroo turan. Namni sababa fitnaatiin (qormaata cimaatiin) Islaama irraa duubatti nan deebi’e jedhee yoo sodaate, bakka fitnaan hin jirreetti dheessutu isaaf caala. 

Nabiyyiin (SAW) Maaliif Habashaa filatanii?
Gaafi kanaaf deebii deebisuuf sababoota baay’etu jira. Isaan keessaa:
1-Najaashin mootii haqaa ta’uu
2-Najaashin nama gaarii (saalih) ta’uu

Nabiyyiin (SAW) mootii Habashaa maqaa gaariin akka kaasan gabaafamee jira: “Biyya Habashaa mootii gaarii Najaashi jedhamutu jira. lafa isaa keessatti eenyullee hin miidhu.” Kuni dhugaa ta’uun isaa ni mirkanaa’e. Najaashin Muslimoota akka keessummaatti gara isaatti dhufan ni eege, Qureeshotaaf dabarsee kennuu ni dide. Akkasumas, yommuu Qur’aana Ja’afar irraa dhagayuu keessi isaa ni tuqame. Waa’ee Iisaa ilaalchisee amantiin inni qabu sirrii ture. (Iisaan Gooftaa ykn ilma gooftaa osoo hin ta’in, Nabiyyii kabajamaa akka ta’etti amana).

3-Habashaan iddoo Qureeshonni daldala itti adeemsisaniidha- Yeroo sanitti Habashaan handhuurota daldalaa keessaa tokko akka taatetti ilaallamti. Tarii sababa daldalaatiif gara achi waan deemaniif ykn namni san dura garas deeme waan isaanitti himeef Muslimoonni waa’ee biyya tanaa beekan. Xabariin yommuu sababa godaansa gara Habashaa ibsuu akkana jechuun dubbata: Lafti Habashaa Qureeshotaaf iddoo daldala itti daldaalatan turte. Galii baay’ee fi nageenya achitti ni argatu.”

4-Habashaan biyya nageenyaa fi of dandeettedha- tarii kuni sababa guddaa ta’uu danda’a. Qureeshonni Habashaa keessatti aangoo hin qaban. Sahaabonni Habashaan ala osoo Araboota naannawa Makkaa jiranitti godaananii silaa nagaha hangas mara hin argatan. Sababni isaas, Araboonni baay’een gara Makkaa hajjiif waan deemaniif Qureeshotaaf ajajamu. Yeroo hajjii gargaarsa isaanii waan barbaadanii fi daldalaaf waan isaan irratti hirkataniif Qureeshotaaf of gadi qabu. Akkasumas, Araboonni naannawa san jiran da’waa Nabiyyii faallessaa turan. Haala kanaan, Qureeshotaan walitti galuun harka walitti naqatu. Gara biraatin Habashaan amantiin isaanii kan Qureeshotaa irraa garagara waan ta’eef Hajjiif gara Makkaa hin deeman. Kanaafu, Qureeshota hin sodaatan, isaaniif hin ajajaman. Gabaabumatti, Qureeshonni dhiibbaa siyaasaa Habashaa irratti hin qabdu. Kanaafu, iddoon nagahaa fi filatamaa Muslimoonni itti godaanu danda’an Habashaadha.

5-Nabiyyiin (SAW) Habashaa beekuun jaallatanii jiru. Hadiisa Zuhriyyi keessatti Ergamaa Rabbii biratti biyyi hundarra jaallatamtuun itti godaanu barbaadan Habashaa akka taate gabaafame jira. tarii jaalalli kuni sababoota qaba. Isaan keessaa:
-Bulchiinsa haqummaa Najaashi
-Nabiyyiin (SAW) karaa dubartii isa guddisteetiin waa’ee Habashaa beeku. Dubartiin yeroo daa’imummaa Nabiyyii kunuunsaa turte Umm Ayman jedhamti. Ishiin Habashaa irraayyi. Kanaafu, waa’ee biyya ishii isatti himuun ishii hin oolu.

Yeroo warroonni godaanan (Muhaajironni) itti bahan, iccitii bahuu fi Habashaa gahuu
Nabiyummaa booda waggaa 5ffaa irraa ji’a Rajab keessa Sahaabonni Rasuula (SAW) dhoksaan Makkaan gadi furanii bahan. Dhiirota kudhanii fi dubartoota afur turan.  Gabaasa biraa keessatti Dubartoota shaniis jedhamee jira. Qureeshonni yommuu kana beekan gara Makkaatti deebisuuf isaan dhaqqabuuf yaalan. Hanga galaana gahanitti faana isaanii duuka bu’an.  Garuu Muslimoonni gara Habashaatti qajeelun galaanaa irra markabaan lixanii jiru.

Yommuu Habashaa gahan Najaashin haala gaariin isaan keessumeesse. Nageenyaa fi tasgabbii biyya ofii keessatti dhaban, Habashaa keessatti argachuu jalqaban.

Godaansa irraa jalqabee Muslimoonni Habashaa keessa ji’oota sadii jiraatan. Makkaatti immoo jireenya Muslimootaa keessatti jijjiramni guddaan ni uumame. Haalli duraan hin turre ni argame. Haalli kunis isaan keessatti abdii Makkaan keessatti ergaa Islamaa babal’isuu ni kakaase. Jijjiramni guddaan dhufe kunis, abbeeraa Nabiyyii (SAW) kan ta’e, Hamzaan Islaamawuudha. Hamzaan Qureeshota keessatti nama jabaa fi dirree lolaatti kan sodaatamu ture. Yommuu inni Islaama keessaa seenu, Qureeshonni Ergamaan Rabbii (SAW) akka jabaate fi eeggame ni beekte. Sababni isaas, abbeeraan isaa isa eega. Qureeshonni azaa duraan irraan gahaa turan irraa of qusachuu jalqaban.

Hamzaan erga islaamawe booda Umar ibn Al-Khaxxaab ni islaamawe. Umar nama jabaa namni kamu isa hin tuqneedha. Hanga Makkaan keessatti ifaan ifatti amantii isaanii ibsan gahanitti Muslimoonni Islaamawu Umarii fi Hamzaatiin kabajni, jabeenyi fi eeggumsi isaanitti dhagahame.  Namoota ciccimoo fi gurgudoo lamaan kanniinin Muslimoonni jabeenya argachuu jalqaban. Abdullah ibn Mas’uud ni jedha, “Dhugumatti, Islaamawun Umar baniinsa ture. Godaansi isaa injifannoo ture, bulchiinsa isaa rahmata ture. Dhugumatti hanga Umar Islaamawutti Ka’abaa biratti hin salaannu turre. Yommu islaamawu hanga Ka’abaa biratti salaatutti Qureeshotaan wal lole. Nutis isa waliin salaanne.” (As-Siiratu An-Nabawiyyah-Ibn Hishaam (1/365)

Abdullah ibn Umar akkana jechuun gabaase: Yommuu Umar islaamawu akkana jedhe, “Miseensa Qureeshotaa keessaa eenyutu namoota hundarra oduu ariitin facaasaa?” Jamiil ibn Ma’mar Al-Jumahiyy isaan jedhame. Innis ganamaan gara Jamiil deeme. Anis (Abdullah) maal akka hojjatu ilaaluf isa duuka bu’e. Yommuu Umar Jamiilitti dhufu akkana jedhe, “Yaa Jamiil ani akka Islaamawee fi amantii Muhammaditti seene beektee?” Jamiilis homaa osoo itti hin deebisin uffata isaa lafarra harkisaa gara Masjiidaa qajeele. Umaris isa hordofe, anis abbaa kiyya hordofe. Ergasi Qureeshonni naannawa Ka’abaatti osoo walitti qabamanii jiranu Jamiil balbala Masjiidaa irra dhaabbachuun sagalee olkaase ni jedhe, “Yaa tuuta Qureeshotaa! Ilmi Khaxxaaba (Umar) amanti isaa gadi dhiisee jira.”  Duuba isaati Umar ni jedhe, “Kijibee jira. Garuu ani Islaamawe fi Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree, Muhammadis gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahee jira.” Qureeshonni isatti olka’an. Umar isaaniin wal loluu hin dhiisne hanga aduun walakkaa samii geessutti. Dhumarratti, namni hunduu dadhabee taa’e.”

Gabaabumatti Hamzaa fi Umar erga Islaama keessaa seenanii booda haalli Muslimoota ni jijjirame. Duraan salaatu kan hin dandeenye Muslimoonni amma Ka’abaa biratti ifaan ifatti salaatu danda’aniiru. Akkasumas, bakka wal-gahii dhoksaa isaanii kan ta’e Daarul Arqam (Mana Arqam) keessaa gara Masjiidaatti amanti isaanii labsuun bahan.  Qureeshonnis akka durii isaan rakkisuu irraa of qusachuu eegalte. Godaansa Habashaa dura haalli Muslimoonni keessa jiraatan amma gara haala gaaritti jijjirame. Kuni eenyurraallee ni dhokata jettee yaaddaa? Makkaatti jijjiramni jireenya Muslimoota keessatti dhufe kuni biyya Habashaa hin gahu jettee ni yaaddaa? Osoo karaa nama galaana irra deddeebi’uun Jiddaan bira darbu ta’eeyyuu.

Oduun jijjirama kana hundaa Muslimoota gara Habashaatti godaanan bira osoo hin gahin hin hafu. Shakkii hin qabu, isaaniis oduu kanaan garmalee gammadu. Kana booda yaaddoo fi dharraan isaanii gara biyyaa ofii deebi’udha. Muslimoonni Habashaatti godaanan kunniinis sababa Islaamawu Hamzaa fi Umaratin waan beekanii fi Sahaabota gurguddoo lamaan kanaan Muslimoonni ni jabaatu jedhanii amanuun gara Makkaa ni deebi’an.

Garuu Qureeshonni Islaamawu Hamzaa fi Umari haala adda addaatin faallessu jalqabde. Gara tokkoon shiraa fi dhara baasun gara biraatin gar-jabeenyaa fi roorrummaan Islaamaatti duulu itti fufte. Faallaa Nabiyyii (SAW) tooftaa duulaa ni dabalte. Tooftaan duulaa kunis uggurrii diinagdee fi hawaasummaa yeroo darbee ilaalledha. Kanaafu, sababa roorroo fi gara-jabeenya haala haarawaan Qureeshonni jalqabaniin Muslimoonni yeroo lammataatiif gara Habashaatti godaanuf dirqaman. Namoonni baay’een duraan hin godaannes isaanitti dabalaman.

Godaansa Lammataa gara Habashaa Kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla…In sha Allaah

Kitaabban wabii:
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula-190-196, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/486-499

Siiraa-Lakk.23.3
Siiraa-Lakk.23.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply