Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.1

Offline dubbisuf

Amaloota gaggaarii gabroota Ar-Rahmaan waliin barachuuf baga nagahaan walitti deebine. Kutaa darbe keessatti hojii gaggaarii gabroonni Ar-Rahmaan hojjatan ilaalaa turreera. Har’a immoo hojii badaa isaan irraa fagaatan ni ilaalla. Itti haa fufnuu…

Isaan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa kanneen hin kadhanne, haqaan malee nafsee Rabbiin haraama godhe hin ajjeesnee fi zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha. Namni kana hojjate adabbii qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin isaaf dachaa ta’a, kan salphifame ta’ee yeroo hundaa achi keessa jiraata. Nama tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate malee. Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. Namni tawbate fi hojii gaarii hojjate, dhugumatti inni gara Rabbii tawbaa dhugaa tawbata.” Suuratu Al-Furqaan 25:68-71

Amaloota gabroota Ar-Rahmaan ifatti bahan keessaa: badii fi cubbuu gurguddaa irraa fagaachudha. Rabbiin (Azza wa jalla) aayaata tanniin keessatti badii gurguddaa sadii adda baasun dubbate. Sababni isaas, isaan sadan kunniin badii gurguddaa hunda kan caalanii fi garmalee cimaa ta’aniidha. Badiin sadan kunniinis:

  • Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (shirkii)
  • Nafsee nagahaa ajjeesu
  • Zinaa (sagaagalummaa)

Shirkiin haqa Rabbiin gabroota irraa qabuun kan wal qabatu yommuu ta’u, badii nama osoo hin tawbatin isarratti du’eef Rabbiin hin araaramneedha. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:

4:48

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa uumee jira.”Suuraa An-Nisaa 4:48

Nama shirkii irratti osoo hin tawbatin du’e Rabbiin isaaf hin araaramu. Garuu du’aan dura yoo tawbate ni araaramaaf. Akkuma aayah armaan olii suuratu Al-Furqaan keessatti ilaallutti.

Namni ibaadaa irraa kanneen akka du’aayi, birmannaa, nazrii (silatii), qalma, salaata, fi kanneen biroo Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, dhugumatti badii nama balleessuu fi yakka hundarra guddaatti taree jira. Badii fi yakki kunis shirkiidha.[1]

Gabroonni Ar-Rahmaan kana waan beekaniif, “Isaan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa kanneen hin kadhannee”dha. Kana jechuun haajaa addunyaa fi Aakhirah isaaniitiif Rabbiin kadhachuu waliin gabbaramaa biraa Rabbiif shariika godhanii hin kadhatan.[2]

Du’aayin (kadhaan) bakka lamatti qoodama:
1ffaa- Du’aa’ul Mas’alati (Du’aayi gaafi)– kun namtichi faayda wayii argachuuf ykn miidhan isarra akka ka’uuf Rabbiin kadhachuudha. Fakkeenyaf, “Yaa Rabbii addunyaa fi aakhiratti waan gaarii naaf kenni.” Yoo jedhe kuni du’aayi gaafiti.
2ffaa-Du’aa’ul-Ibaadati (du’aayi ibaada)– gochi ibaada kamiyyuu du’aayi kana jalatti ramadama. Kanneen akka Rabbiin faarsu, salaatu, zakaa kennu, hariiroo firummaa sufuu, waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu fi kkf.

Namni tokko,“Akkamitti ibaadan akka zakaa, salaata fi kanneen biroo du’aayi ykn kadhaa ta’aa?” jedhe gaafachuu danda’a. Deebiin isaa akkana: Namni Rabbii olta’a gabbaru dhugumatti Isa kadhachaa jira. Sababni isaas, kan inni ibaada kana hojjatuuf, rahmata Rabbii kajeele fi azaaba (adabbii) Isaa sodaateti. Namni yommuu salaatu, zakaa kennu, soomu, hajji hajjuu, haadha abbaaf tolu oolu, hojii kanaan maal barbaadaa jiraa? Mindaa Rabbii barbaadaa jira. Akka waan akkana jedhuuti: Yaa Rabbi! Mindaa naaf kenni, Jannataan na badhaasi, ibidda irraa na baraari.” Fi kkf jedha. Kanaafi, ibaadaan du’aayi jedhamuun waamame. Nama Rabbiin gabbaru “Maaliif Rabbiin gabbartaa?” jette osoo gaafatte, akkana jechuun deebisa: mindaa isaa kajeelee fi azaaba isaa sodaadheti.” Haqiiqadhaan namni kuni kadhataadha.[3]

Gama biraatin, kadhaanis ibaadadha. Sababni isaas, akka lugaatti ibaada (gabbarri) jechuun of gadi qabuu fi of xiqqeessudha. Kadhataan wanta kadhatu san argachuuf waan of gadi qabuu fi of gadi xiqqeessuuf, kadhaan isaa kuni ibaada (gabbarrii) dha.

Gabroonni Ar-Rahmaan amaloota isaanii keessaa tokko, Rabbiin waliin waan biraa hin gabbaran. Ibaada gosa kamiyyuu Isaan ala wanta biraatiif hin godhan. Ibaadawwan kanniin keessaa inni dursaa, du’aayi (kadhaa)dha. Rabbiin ala wanta biraatiif of gadi qabuu fi wanti kuni dandeetti of danda’e ni qaba jedhanii amanuun hin kadhatan. Gabaabumatti Rabbiin ala wanta biraatiif of gadi qabuun, kajeelu fi sodaachuun hin kadhatan. Sababni guddaan kanatti isaan geesse maal akka ta’e beektuu?

Gabroonni Ar-Rahmaan sirna kawnii (yuniversii) ni ilaalan. Ergasii, wanta dachii fi samii keessatti adeemsifamuu sababoota akka qaban ni beekan. Garuu sababoonni too’annaa Rabbii Injifataa ta’eef kan bulaniidha. Hayyama Rabbiitiin malee sababooni kunniin bu’aa buusu hin danda’an. Kan amaloota addaa sababoota hunda keessaa ka’ee fi humna ittiin bu’aa buusan isaaniif maddisiisu Rabbii olta’aadha. Dhugaadhaan sababoota kanniin yoo ilaalle, mataa ofiitiin homaa gochuu hin danda’an. Kana irra, Rabbiin sababoota kanaan murtii Isaa hojii irra oolcha. Fakkeenyaaf, barataan yuniversitii xumure tokko qacarrii barbaada. Qaxaramee hojii hojjachuu jalqabe haa jennu. Asitti, bulchaan mindaa isaaf kennu fi hojiin isaa “Sababoota”. Bu’aan immoo “Mindaa”dha. Bu’aan kuni kan argamee murtii Rabbiitini. Osoo Inni sababoota laaffisuu baate silaa namni kuni eessaa mindaa argataa?

Kanaafu, gabroonni Ar-Rahmaan sababni fi bu’aan murtii Rabbiitiin akka ta’an beekun, kadhaa fi ibaadaa isaanii guutuu Rabbi qofaaf godhan. Eeti, hojii isaan irraa eeggamu ni hojjatu. Garuu qalbii isaanii sababa irratti hin rarraasan. Kana irra, Khaaliqa sababoota uume irratti rarraasu. Furtuuwwan samii fi dachii Isa harka jiru. Sababoonni hayyama Isaatiin malee homaa bu’aa buusu hin danda’an.

Gubbaa hojiitii, isaan sababoota ta’uu; hidda qalbii isaanii keessatti immoo Rabbii Tokkicharratti hirkattoota. Sababootaa fi karaalee wanta barbaadan itti argatan ni hojjatu, bu’aa immoo akka isaanif galma geessuuf Rabbiin kadhatu. Kuni wanta iimaanni isaan irratti dirqama godheedha. Isaan Rabbiin waliin gooftaa biraa hin kadhatan, gadi hin jedhaniif. Namoota, jinni, malaykoota, taabota, namoota du’anii fi warra qabrii irraa eenyullee hin gabbaran. Akkasumas, seera uumamaa fi sababoota yuniversi (Universal cause) hin gabbaran. Sababni isaas, wanti hundi Rabbiif akka gadi jedhuu fi buluu ni beeku. Kanaafu, Gabroonni Ar-Rahmaan kan nama miidhu fi fayyadu, rakkoo namarraa kaasu danda’uu Rabbiin qofa ta’uu waan beekaniif, wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenye hin kadhatan, gadi hin jedhaniif.

Gabroota Ar-Rahmaan keessaa Nabii Ibraahim dhugaa armaan olii akkamitti akka labsee mee haa ilaallu:

Seenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi. Yeroo inni abbaa fi ummata isaatiin, “Maal gabbartuu?” jedhe. “Sanamoota gabbarra. Isaan bira dhaabbachuus itti fufna.” Jedhan. [Ibraahimis] ni jedhe, “Sila yommuu kadhattan isin dhagahuu? Yookiin isin fayyadu yookiin ni miidhuu?” Isaanis ni jedhan, “Lakki, abbooti keenya akkas kan dalagan ta’anii arganne.” Innis ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? Isinii fi abbootin keessan duraanii? Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota. [Gooftaan aalamaa] Kan na uumedha, Inni na qajeelcha. Kan na nyaachisuu fi na obaasu Isa. Yommuu dhibame Isatu na fayyisa. Kan na ajjeesu ergasii na jiraachisuudha. Guyyaa Murtii dogongora kiyya akka naaf araaramu Kan kajeeludha.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:69-82

Nabii Ibraahim (aleyh salaam) dhugaa wanta gabbaranii isaan hubachiisuuf, waa’ee sanamoota ilaalchise wanta amanan ykn wallaalummaa fi gowwummaa isaanii ifatti baasuuf abbaa fi ummata isaa gaafi gaafachuun jalqabe. “Maal gabbartuu?” kana jechuun haqiiqaan wanta isin gabbartanii fi amaloonni isaa maali? Isaanis “Sanamoota gabbarra. Isaan bira dhaabbachuus itti fufna.” Jedhan. “Sanamoota” heddumminna (danuu) “sanamaa” ti. Sanama jechuun siidaa dhagaa, muka, sibiila ykn wanta biraa irraa ta’ee fi warroonni isa waaqefatan gara Rabbiitti ykn gabbaramaa biraatti nu dhiyeessu jechuun odeessu. Amaariffaan Xaa’ot, Ingiliffaan immoo “Idol” jedhama. Sanama gabbaruun kan ta’uu waa isaaf dhiyeessu, sujuuda bu’uufi, irra naannawu, qalma qaluufi, yeroo dheeraaf bira dhaabbachuun ykn faayda argachuu fi miidhaa deebisuuf kadhachuuni.

Kana booda ibsi “Sanamoota gabbarra. Isaan bira dhaabbachuus itti fufna” – siida harka keenyaan bocnee fi hojjannee yeroo keenya baay’ee isaan gabbaruu fi kadhachuuf bira dhaabbanna.

Namni wanta tokko kan gabbaruuf (waaqefatuuf) faayda irraa barbaadeti mitii? Wanta faayda namaaf fiduu hin dandeenye ykn miidha namarraa deebisu hin dandeenye akkamitti gabbaranii? Dhugaa kana ifa baasuuf Nabii Ibraahim gaafi isaa itti fufee: “Sila yommuu kadhattan isin dhagahuu?” kana jechuun haajaa jireenya keessanii kanneen akka rizqii, gargaarsa, ilma, nageenya fi kkf argachuuf yommuu isaan kadhattan, isin dhagahuu? “Yookiin isin fayyadu yookiin ni miidhuu?” Kana jechuun yoo isaan gabbartan (waaqefattan) isin fayyaduu? Yookiin yoo gabbaruu dhiistan isin miidhuu? Yookiin immoo yommuu isaan gabbartan diinota keessan ni miidhuu?

(Warroota Rabbiin ala wantoota biraa kan akka Malaykaa, sanamaa, Nabii Iisaa, awliyaa, nama du’ee fi kkf kadhatan gaafima armaan olii osoo gaafatamanii, deebiin isaanii takkaa “Eeti” jechuun soba dubbatu takkaa immoo dhugaa dubbachuun amanu.) Deebiin ummanni Nabii Ibraahim deebisan, “Lakki, abbooti keenya akkas kan dalagan ta’anii arganne.” Kana jechuun sanamoonni kunniin kadhaa keenya ni dhagahan, isaan ni fayyadan ykn ni miidhan jennee mirkaneessu hin dandeenyu. Garuu akkuma nuti isaan kadhannuu fi gabbarru kana abbootin keenyas kan gabbaranii fi kadhatan ta’anii argine. Nutis isaan akkeessina ykn hordofna.

Haala kanaan Ibraahim baaxila (soba) ifa bahaa irra akka jiran isaaniif ibse. Haala kaminiyyuu wanta abbootin irra turan akkeessun gonkumaa ragaa qabatamaa ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, tarii abbootiin wallaaltota ykn jallattoota fedhii qullaa hordofan ta’uu danda’u. Kanaafu, abbootin isaanii wallaaltota ykn jallattoota waan ta’aniif wanti isaan gabbaran baaxila (soba) ifa bahaadha. Sababni isaas, isaanis ta’ee abbootin isaanii, ragaa Rabbiin irraa dhufe ykn ragaa sammuu qabatamaa hojii isaanii kana dhugoomsu hin qaban. Kanaaf itti aanse Ibraahim ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? Isinii fi abbootin keessan duraanii?” Wanta isinii fi abbootin keessan darban Rabbii gaditti gabbartan itti xinxalluun sammuu fi qalbii keessaniin soba ta’uu isaa hin argitanii? Isiniis abbooti keessan akkeessun sanama gabbaruu itti fuftan.

“Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota.” Sababni isaas, Gooftaa aalamaa gaditti wanti isin gabbartan kunniin amala gabbarama isaan taasisu waan hin qabneef baaxila (soba). Baaxilli immoo diina kiyya. Gonkumaa wanta isin gabbartan ani hin gabbaru. Kan ani gabbaru sanama homaa gochuu hin dandeenye osoo hin ta’iin Gooftaa wantoota hundaa uume, isaan too’atu fi qindeessu gabbara. Itti aansee amaloota Gooftaa aalamaa akka gabbaruu isa taasisuu ifa godhe:

[Gooftaan aalamaa] Kan na uumedha, Inni na qajeelcha.” Kana jechuun safara wanta hundaa na keessa jiran kan murteesse fi dhabama irraa na argamsisee Gooftaa aalamaati. Ergasii Isa qofatu gara faaydaa addunyaa fi Aakhiraatti na qajeelcha.

Kan na nyaachisuu fi na obaasu Isa.” Kan na nyaachisuu fi obaasu Isa qofa. Isaan ala kan biraati miti. Soorata namootaa kan uumuu fi sababoota kan laafisu Rabbiidha (subhaanahu wa ta’aalaa). Ibraahim isaan keessaa tokko. Osoo Rabbiin uumuu fi murteessu baate, silaa biqiltoonni hin biqilan, lubbu-qabeenyin hin jiraatan. Osoo karaa nyaataa laaffisuu baatee, silaa sorataan dachii irraa homaa hin nyaatu ture. Osoo Rabbiin lubbu-qabeenyiif afaan ittiin nyaatan, ujumoo gara garaa ittiin liqimsaan, meeshaalee daakkaa nyaata daaku, ujumoolee fi kutaalee qaamaa nyaata bakka barbaachisutti raabsanii fi xurii hafee immoo gara alaatti baasan gochuu baate, silaa lubbu-qabeenyin soorata hin sooratu turan. Ammas, marsaalee adda addaa keessa dabarsuun bishaan uumee samii irraa kan buusu Rabbii tokkicha. Kanaafu, kan soorata uumuu, sababa soorataa laaffisuu fi qaamoolee soorataa namaaf uumuun nama sooruu fi obaasu Rabbii Tokkicha qofa.

“Yommuu dhibame Isatu na fayyisa.” Asitti Ibraahim Rabbii olta’aa waliin naamusa (adaba) qabate. Yommuu Gooftaan kiyya na dhukkubse hin jenne. Kana irra “yommuu dhibame” jedhe. Kuni, namni wanta jibbu yommuu isa qunnamu Gooftaa isaa waliin adaba (naamusa) qabaachu akka qabu agarsiisa. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) “yommuu dhibame kan na fayyisu Rabbiin qofa.” jedhe. Sababni isaas, fayyuun murtii Rabbiitiin malee galma hin gahu. Dhibamaan akka fayyu yoo Rabbiin murteesse, ogeessi fayyaa dawaa fayyuuf sababa ta’u akka kennuu dandeesisa. Dhibamaanis hayyama Rabbiitiin ni fayya. Dawaanis sababoota Rabbiin uumee keessa tokko. Fayyuun murtii Rabbiitiin malee hin mirkanaa’u. Nabii Ibraahim, yommuu dhibame kan na fayyisuu Rabbiin qofa jedha. Kiristaanonni maal ta’aniitin “Iyyasuus fayyisaadha” jedhu ree? Nabii Ibraahim (Abraahamtu) irra beekaadha moo isaantu irra beekodhaa?

Kan na ajjeesu ergasii na jiraachisuudha.” Lubbu-qabeenyi ajjeessun uumama Rabbiin uumee keessaa tokko. Sababni isaas, duuti kan mirkanaa’u yommuu ruuhi fi qaamni addaan bahaniidha. Ruuhi qaamatti qabsiisuu fi addaan baasun uuminsa fi hojii Rabbii qofa. Rabbiin ala eenyutu ruuhi uumee qaama du’aa keessa galchuu danda’aa? [4] Nabii Ibraahim itti aansee amanti Guyyaa Qiyaamaatiif qabu labse, “ergasii na jiraachisuudha.” Erga du’ee yeroo murtaa’eef awwaalcha keessa turee booda Guyyaa Qiyaamaa na jiraachisuun kan na qoratu Rabbiin qofa. Kanaafu, Qiyaamaan dhufuun haqa waan ta’eef “Guyyaa Murtii dogongora kiyya akka naaf araaramu Kan kajeeludha.” Addunyaa fi Aakhiratti badii kan namaaf dhoksuu fi yoo araarama kadhatan sababa badiitiin kan nama hin adabne Isa malee hin jiru. Rabbiin malee badii hunda kan namaaf araaramu ni jiraa?[5]

Kana hunda kan hojjatu Rabbii tokkicha. Kanaafu, sanamaa fi uumamtoota biroo kan homaa hin uumne, hin qajeelchine, hin fayyisne, hin nyaachisnee, hin obaasnee, hin ajjeesne, hin jiraachisne, nama isaan waaqefatu hin fayyannee fi miidhaa irraa hin deebisne dhiisun ibaadaa fi ajajamuu keessatti Rabbiin tokkichoomsuun dirqama.[6] Dubbiin erga akkana ta’e, Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun adabbii guddaatti nama geessa:

17:22

“Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin godhin.[Yoo akkas goote] balaaleffatamaa fi gargaaraa kan hin qabne taatee teessati.”  Suuratu Al-Israa 17:22

Kana jechuun umamtoota irraa eenyullee ibaada (gabbarri) haqa ni godhata jettee gonkumaa hin amaniin. Isaan keessaa eenyullee Rabbiin waliin hin gabbarin. Sababni isaas, kuni gara balaalefannaa fi gargaarsa dhabuutti nama waama. Rabbiin, Malaykoni Isaa fi Ergamtoonni Isaa shirkii irraa dhoowwanii fi nama isa hojjatu waqqasaa cimaa waqqasanii jiru. Maqaa badaa fi amala fokkuu isatti maxxansaniiru.

Namni hamma Gooftaa isaatti rarra’uu dhiiseen dhimma addunyaa fi Aakhirah isaa keessatti gargaarsa dhabuutu isaaf jira. Namni Rabbiin ala wanta biraatti rarra’e, gargaarsa dhaba. Wanta inni itti rarra’etti isa dhiisa. Hayyama Rabbiitiin malee uumamtoota keessaa eenyullee nama gargaaru hin danda’u. Namni Rabbiin waliin gabbaramaa biraa taasise maqaa badaan yommuu waamamuu fi gargaarsa dhabuu, namni Rabbiin tokkichoomse fi Isatti rarra’e immoo maqaa gaariin waamama, haala isaa hunda keessatti gargaarsa argata.[7]

Aayah keessatti, jecha “Makhzuulaa” jedhutti xiyyeffannoo guddaa itti kennu barbaachisa. Namni wanta tokko kan gabbaruuf gargaarsa barbaadeti mitii? Tarii namni yommuu Rabbii olta’aa gaditti wanta biraa gabbaru gargaarsa nan argadha jedhee yaada. Garuu dhugaan faallaa kanaati. Makhzuul jechuun nama gargaaraa isa gargaaru hin qabne jechuudha. Dhugumatti namni Rabbii gaditti wanta biraa gabbaru, gargaarsa hin argatu. Kuni isaaf addunyaa keessatti adabbiidha. Addunyaattis ta’e Aakhiratti wantoonni inni Rabbii gaditti gabbaru homaa isa hin fayyadan. Ergasii adabbii Aakhiratti argatu dubbate:

“Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin godhin.[Yoo akkas goote] komatamaa fi fageefamaa taatee Jahannam keessatti darbamtaati.” Suuratu Al-Israa 17:39

Kana jechuun Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarin. Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu jechuun wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuu, sodaachu, irratti hirkachuu, wanta saniif sagaduu, qalma qaluu, nazrii (silatii) gochuu fi gosoota ibaada birootin itti dhiyaachuudha. Rabbiin waliin waan biraa yoo gabbarte, Guyyaa Qiyaamaa badii fi amala badaan kan ibsamtuu taate fi rahmata Rabbii irraa fageefamte Jahannam keessatti darbamta. Dhugumatti Jahannam iddoo gahuumsaa ta’uun garmalee fokkatte, garmalee badde. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nu hundaa Jahannam irraa haa tiiksu.

“Namni tokko Rabbiin yoo hin gabbarin, wanta biraas yoo hin gabbarin adabbiin isa ni qunnamaa?” jedhame gaafatamuu danda’a. Deebiin isaa, kan nama argamsiisee fi qananii adda addaatin nama qananiisu Rabbii olta’aa waan ta’eef, dirqamni namoota irra jiru Isaaf galata galchuu fi gabbaruudha. Kanaafu, yoo Isa gabbaruu dhiisanii of tuulan adabbii cimaatu isaan qunnama. Qur’aana keessatti ni jedha:

“Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.’” Suuratu Ghaafir 40:60

Kana jechuun Ani Gooftaa isaanii qananii adda addaatiin isaan qananiisu ta’ee osoo jiru warroonni of tuuluu isaanii keessatti lixuun Ana gabbaruu didan, Guyyaa Qiyaamaa xiqqaattoota fi salphattoota ta’anii Jahannamiin ni seenu.[8] Kunis jazaa isaanitii. Jazaan nama of tuulu salphinnaa fi xiqqeenya waan ta’eef, namoonni Rabbii isaaniitiif gadi of qabuu fi ajajamu irraa of tuulan Jahannamin salphattoota fi xiqqaattota ta’anii seenu.  

Gabaabumatti, Gabroonni Ar-Rahmaan Rabbii olta’aa qofa gabbaru. Isa waliin homaa hin gabbaran.
In sha Allah ibsaa aayaata suuratu al-Furqaan kutaa itti aanu keessatti itti fufna….


Kitaabban wabii
[1] Sifaatu Ibaadu Rahmaani-fuula 19-20, Abdurazzaaq Abdul Muhsin Badrii
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi  -6/631
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 283, Muhammad bin Saalih Useymiin
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-8/621-629
[5] Tafsiiru Ibn Kasiir-5/629
[6] Tafsiiru Sa’dii-fuula 694
[7] Tafsiiru Sa’dii-fuula 529
[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -12/403

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.2
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply