Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti hojii babbadoo gabroonni Ar-Rahmaan irraa fagaatan ilaalu jalqabne turre. Badiwwan gurguddoo keessaa shirkii ilaalle jirra. Har’a immoo itti fufuun “ajjeechaa” ni ilaalla.

Isaan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa kanneen hin kadhanne, haqaan malee nafsee Rabbiin haraama godhe hin ajjeesnee fi zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha. Namni kana hojjate adabbii qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin isaaf dachaa ta’a, kan salphifame ta’ee yeroo hundaa achi keessa jiraata. Nama tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate malee. Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. Namni tawbate fi hojii gaarii hojjate, dhugumatti inni gara Rabbii tawbaa dhugaa tawbata.” Suuratu Al-Furqaan 25:68-71

Gabroonni Ar-Rahmaan warroota “haqaan malee nafsee Rabbiin haraama godhe hin ajjeesnee” dha. Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa nafsee Rabbiin ajjeechaa ishii haraama godhe haqaan malee hin ajjeesan. Hanga fedhe dallansuun gara kanaatti isaan kakaasu isaan keessatti osoo socho’eyyuu haqa Rabbiin itti ajajeen ykn hayyameen malee hin ajjeessan.

Nama nagaha Rabbiin akka ajjeefamu hin hayyamne ajjeessun badii gurguddaa keessaa tokko. Kanaafu gabroonni Ar-Rahmaan kanatti kufuu irraa garmalee of eeggatu.

Hundemaa amantii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namootaf karaa godhe keessatti nafsee namaa ajjeessun kan dhoowameedha. Sababni isaas, Rabbiin nafsee tana uumee fi addunyaa qormaataa keessatti gahee ishii akka taphattuu fi marsaa qormaataa akka dabartuuf wanta jireenyaaf barbaachisuu ishiif dhiyeesse jira. Qormaata kana booda Rabbiin biratti qorannoo fi jazaatu ishiif jira.

Garuu hawaasa ilma namaa keessatti fooyya’iinsaaf jecha nafsee namaa garii ajjeessun yeroo barbaachisaa itti ta’uu ni jira. Kanaafu, Rabbiin haala addaa ajjeechaan itti barbaachisu keessatti ajjeessu ni ajajee ykn ni hayyame. Haala kana keessatti ajjeechaan haqaan ta’a. “Haalonni nafseen namaa itti ajjeefamtu maal fa’a?” jedhee namni gaafachu danda’a. Haalota kanniin Qur’aanaa fi hadiisa irratti hundoofne haala kanaan tarreessu dandeenya:
✏Zulmii fi daangaa darbuun namni nama biraa ajjeesse, inni ni ajjeefama. Kunis seera Islaamaa keessatti Qisaasa (seera adabbii wal-qixxeessu-retribution) jedhama. (Ilaali- suuratu Al-Baqarah 2:178-179) Fakkeenyaaf, Ahmad osoo beeku nama Muslimaa tokko irratti daangaa darbuun yoo ajjeese, Ahmad ni ajjeefama. Garuu warri nama ajjeefame Ahmadiif dhiifama gochuun gumaa yoo barbaadan, Ahmad ajjeechaa jalaa ni baha.
✏Dhiirri fuudhee fi dubartiin heerumte zinaa raawwatan, dhagaan buruqfamanii ni ajjeefamu. Garuu ajjeessun dura osoo hin dirqisisin ishiin/inni zinaa akka raawwate amanuu yookiin ragaaleen afur kan dhugaa dubbatan argamu qabu. Namoonni afran ragaa bahan kunniin, “Akka jirbiin qaawwa lilmoo keessa seentutti nuti isaa/ishii zinaa raawwatu ijaan argine” jechuun ragaa bahuu qabu. Yoo ijaan hin argin ykn shakkiin yoo ta’e, ragaan isaanii fudhatama hin argatu.
✏Hawaasa Musliimaa munaafiqoota fi warra ummata qoran irraa eeguuf namni Islaama irraa duubatti deebi’e ni ajjeefama. Sababni namni kuni itti ajjeefamuuf “Aqiida (amantii) Muslimoota waan jalaa balleessufi.”

Ragaalee kanniin sadanii Hadiisa sahih ta’e irraa haala kanaan dhiyeessun ni danda’ama. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhiiga nama Muslimaa Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi ani Ergamaa Rabbii akka ta’e ragaa bahu jiigsun hin hayyamamu haala sadiin keessaa tokkoon yoo ta’e malee: Nafsee nafseen (Qisaasa), nama fuudhee/heerumtee zinaa raawwate fi nama Islaama irraa duubatti deebi’ee hawaasa [Musliimaa] irraa adda bahe.Sahiih Al-Bukhaari-6878, Sahiih Muslim 1676

Hubachiisa cimaa: akkaataan namoota armaan olii kanniin itti ajjeessan seera fi qajeelfama qaba. Imaamni ykn hogganaan Musliimaa seerotaa fi qajeelfamota kana hordofuun akka ajjeefaman ajaja. Namni dhuunfaa tokko akkanumatti lafaa olka’e gara ajjeechaatti fiigu hin qabu. Ta’uu baannan, badii guddaatu babal’ata. Gara qaaditti ykn imaamatti namoonni yakka hojjatan kunniin dhiyeefamanii ajjeefamu.

✏Dachii keessatti balleessaa (fasaada) babal’isuuf namoota carraaqan. Balleessaan kunis namoota ajjeesu, namoonni karaa akka hin dabarree dhoowwun isaan ajjeesu fi qabeenya isaanii saamu. Haala isaanii irratti hundaa’e namoonni kunniin ni ajjeefamu ykn ni rarraafamu ykn harkaa fi lukti isaanii ni murama ykn biyya keessaa ari’amu (Ilaali suuratu Al-Maa’ida 5:33)
✏Musliimotatti warra duulanii fi ergaan Islaamaa ilma namaa hunda akka hin geenye kanneen karaa cufan ni ajjeefamu. Kaafironni Muslimootatti duulanii fi Islaamni akka hin babal’anne gufuu ta’an ni ajjeefamu. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:190-193)

Kunniin shanan haqa nama itti ajjeesun hayyamamuudha. Kanaan ala, Muslimas ta’ii kaafira nama nagahaa yakkaa ajjeechaatti nama geessu hin hojjanne ajjeessun badii guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Haqaan malee nafsee Rabbiin [ajjeesu] haraama godhee hin ajjeesinaa. Nama miidhamuun ajjeefame, waliyyii isaatiif aangoo kenninee jirra. Ajjeechaa keessatti daangaa hin darbin. Dhugumatti inni tumsamaa ta’eera.” Suuratu Al-Israa 17:33

Nama miidhamuun ajjeefame, waliyyii isaatiif aangoo kenninee jirra.” Nama haqa malee fi daangaa isarratti darbamuun ajjeefame, waliyyii isaatiif (namoota isa dhaalaniif) aangoo kenninee jirra. Aangoo kenninee jirra jechuun murtii shari’aa Rabbiitii fi mootummaa Muslimaa seera raawwachisutiin humna seera haqummaa hojii irra oolchu kennineefi jirra.[1] Murtiin shari’aa Rabbii nama haqa malee nama biraa ajjeese qisaasaan akka ajjeefamu murteessa. Motummaan Muslimaa seera Qisaasaa kana hojii irra oolcha. Gabaabumatti, firri nama zulmiin ajeefame, yoo fedhan qisaasa barbaadu danda’u. Yoo fedhan immoo nama isa ajjeessef araaramu ykn gumaa fudhachuu danda’u.[2] Kuni aangoo isaaniif kennameedha. 

Araboota keessattis ta’i naannoo keenyatti, yommuu namni tokko haqa malee ajjeefamu, firri nama ajjeefame, takkaa fira nama ajjeesse ajjeesu takkaa immoo haala badaan nama san ajjeesu. Gocha akkana Islaamni “Ajjeechaa keessatti daangaa hin darbin” jechuun ni dhoowwe. Kana jechuun firri nama ajjeefamee, ajjeessaa ajjeesu keessatti daangaa darbu hin qaban. Kan akka qaama isaa cicciruu yookiin fira isaa keessaa nama biraa ajjeesu ykn wanta inni hin ajjeesneen isa ajjeesu.[3]

“Dhugumatti inni tumsamaa ta’eera.” Firri nama ajjeefamee, nama ajjeesen ala nama biraa ajjeesun hin barbaachisu. Sababni isaas, warri nama ajjeefamee shari’aa fi murtii Rabbiitiin kan gargaaramuudha. Akkasumas, motummaan Musliimaa namni ajjeese akka ajjeefamu isa gargaara.[4]

Kanaan ala, lubbuu namaa akkuma argan fixuun adabbii guddaatti nama geessa. Keessumaayyu, lubbuu Musliimaa ajjeessun adabbii guddaaf nama saaxila. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lubbuu haqa malee baasun yakkaa gurguddaa keessaa yakka guddaa akka ta’e akkana jechuun ibsa:

4:93

Namni osoo beeku mu’mina (nama amane) ajjeese, jazaan isaa achi keessatti kan hafu ta’e Jahannami. Rabbiinis isa irratti dallanee isas abaare jira. Adabbi guddaas isaaf qopheesse.” Suuratu An-Nisaa 4:93

Namni qalbii isaa keessaa hanga firii xaafii hubannaa ykn sodaa Rabbii qabu balaa guddaa kanatti tarkaanfachuuf ni gootomaa? Dhugumatti balaan kuni balaa wantoota afur of keessaa qabuudha: Jahannam keessa yeroo dheeraaf turuu, Rabbiin irraa dallansuun namatti bu’uu, rahmata Isaa irraa fageefamuu fi darbamuu (abaarsa) fi adabbii (azaaba) guddaa.

Kuni adabbii nama mu’mina (nama Rabbiitti amane) ajjeeseti. “Namni kaafira eeggumsa Muslimoota jala jiru ykn wali galtee Muslimoota waliin qabu ajjeese hoo adabbiin isaa maalidhaa?” jedhame gaafatamu danda’a. Deebii isaa hadiisa sahiih keessatti haala kanaan arganna: Abdullah ibn Amr akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Namni nafsee Mu’aahad ajjeese foolii Jannataa hin fuunfatu, foolin ishii adeemsa waggaa afurtamaa irratti osoo argameeyyuu.Sahiih Al-Bukhaari-6914 (Mu’aahad jechuun nama Muslimoota waliin wal galtee qabuudha. Akkasumas, musta’aman fi zimmiyy as keessa galu. Musta’aman jechuun nama kaafira ta’ee Musliimoota irraa nageenyi isaaf kenname biyya Muslimaa seenedha. Zimmiyy jechuun immoo bulchiinsa Musliima jalatti nama gibira kafaluudha. Namoota kanniin ajjeesun hin danda’amu.)

Namoonni gariin beekumsa hin qabne, “Kaafirota kanniin osoo ajjeefne fixne” jechuun dhaadatu. Kuni wallaalummaa isaanii agarsiisa. Kaafirri yoo Muslimatti hin duulin, ergaan Islaamaa akka babal’atu hin dhoowwinii fi badii ajeechaatti nama geessu biroo hin hojjatin, ajjeessun hin danda’amu. Nama Musliima hin taane (kaafira) nagahaa ajjeessun Muslimoota irratti balaa meeqatu dhufa. Namni tokko jihaada jedhe nama nagaha ajjeesun dura yeroo kuma itti yaadu fi beekumsa barbaadu qaba.

Gabroonni Ar-Rahmaan balaa guddaa kana waan hubataniif lubbuu qulqulluu fi nagahaa ajjeessu irraa garmalee of eegu.

Kutaa kana hadiisa Abdullah ibn Mas’uud gabaasen haa xumurru. Abdullah Ibn Mas’uud akkana jedha: Ani akkana jedhe [Nabiyyii (SAW) gaafadhe], “Yaa Ergamaa Rabbii! Zanbii (badii) kamtuu hundarra guddaadhaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Rabbiin si uumee osoo jiru wanta biraa gabbaruun Isaaf dorgomaa gochuudha.” Anis ni jedhe,” itti aanse kamiidhaa?” Innis ni jedhe, “Akka si waliin hin nyaanne ilma kee ajjeessudha.” Anis ni jedhe, “itti aanse kamiidhaa?” Innis ni jedhe, “Niiti ollaa keeti waliin zinaa (sagaagalummaa) raawwachuudha.Sahiih Al-Bukhaari 6811


[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-9/614
[2] Tafsiiru Xabarii 14/583
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 531
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/614, Tafsiiru Ibn Kasiir-5/73
https://islamqa.info/en/answers/128862/does-islam-regard-non-muslims-with-mercy-and-compassion

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.3
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply