Siiraa-Lakk.23.3

Offline dubbisuf

Kabajamtoota hordoftoota keenyaa! Yeroo darbe barnoota siiraa maal irratti akka dhaabbanne namni yaadatu jiraa?

Yeroo darbe Godaansa 1ffaa gara Habashaa ilaalle turre. Yaadachisuuf, sahaabonni Nabiyyii (SAW) sababa rakkoon isaanitti baay’atee fi ergaa Islaamaa babal’isuuf Makkaan gadi furanii gara Habashaa godaanan. Habashaa erga gahanii iddoo jireenyaa gaarii eenyullee isaan hin tuqne argatan. Garuu haalli Muslimoota Makkaan keessa jiranii jijjiramaa akka jiru yommuu dhagahan, gara Makkaa deebi’uuf ka’an. Haa ta’uu malee, erga Makkaatti deebi’anii mushrikoota irraa roorro fi rakkoo cimaan isaan qunname. Kanaafu yeroo lammataaf gara Habashaa deebi’uutti dirqaman.

Godaansa Lammataa gara Habashaa
Sahaabonni Rasuulaa (SAW) godaansa jalqabaa irraa yommuu gara Makkaa deebi’an, Qureeshonni isaan irratti jabaatte. Qureeshota irraa rakkinni cimaan isaan qunname. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) si’a lammataatiif gara Habashaa akka godaanaan isaaniif hayyame.

Ibn Isihaaqi fi kanneen biroo akka gabaasanitti si’a lammataaf kan godaanee dhiira 82 yookiin 83 (yoo Ammaar ibn Yaasir keessa jiraate). Akkasumas, dubartoonni 18 godaananii jiru. Isaan keessaa 11 miseensa Qureeshotaa irraayyi. 7 immoo miseensa gosa biraa irraayyi. Ijoolleen isaaniis isaan waliin godaananii turan. Akkasumas, Habashaa keessatti kan dahan ni jiru.

Muhaajirota (godaantota) deebisuuf carraaqqi Qureeshonni Najaashi biratti godhan
Yommuu Muslimoonni Najaashi biratti nagaha ta’anii fi iddoo jireenyaa argatanii Rabbiin qofa kan gabbaran ta’uu Qureeshonni argitu, wal jidduutti shira baasu jalqabde. Muslimoota gara Makkaa deebisuuf gara Najaashi jiila (garee) ergan. Jiilli kuni shira Qureeshota hojii irra oolchuuf haa deemu malee gara hin beekneen Islaamaa fi Muslimoota fayyadee jira. Shirri isaanii kuni haasofti mootii Habashaa fi Ja’afar jidduutti akka gaggeefamuuf sababa ta’e. Kana irraa kan ka’e, Najaashin ni Islaamawe.

Haadha manaa Nabiyyii (SAW) tan taate Ummu Salamat bint Abi Umayyah bin Mughiirah akkana jetti: Yommuu lafa Habashaa qubannu, ollaa hundarra gaari ta’etti olloomne. Amanti keenya irratti nagaha arganne. Rabbii olta’aa ni gabbarre. Hin rakkifamnu, wanta jibbinu hin dhageenyu. Yommuu haalli kuni Qureeshota gahu, wal jidduutti shira baasan. Waa’ee keenya ilaalchisee gara Najaashi namoota ciccimoo lama ni ergan. Meeshaalee Makkaa keessaa kan ijaa isaa butu Najaashiif akka kennaatti kennuuf karoorsan. Wanti hundarra gaarii fi ajaa’ibaa isaan makkaan irraa isatti fidu danda’an gogaa duugameedha (leather). Isaanis gogaa baay’ee isaaf walitti qaban. Akkasumas, patraayiki Najaashi hundaafu tokkoon tokkoon kennaa akka kennan karoora baasan. (Patraayikin amanta Kiristaana keessatti qeysi sadarkaa ol’aanaa qabuudha.) Ergasii karoora kana hojii irra oolchuf Qureeshonni Abdullah ibn Abii Rabii’ah ibn Al-Mughiirah Al-Makhzuumiy fi Amr ibn Al’aas ibn Al-Waa’il As-sahmii ergan. Isaanis (hoggantoonni Qureeshota) ajaja kana isaan lamaanif kennan: Isaan (sahaabota) ilaalchisee Najaashitti dubbachuun dura patraayiki hundaaf kennaa kennaaf. Ergasii Najaashif kennaa isaa kennaaf. San booda osoo isaanitti (sahaabotatti) hin dubbatin akka isiniif dabarsee kennu gaafadhaa.”

Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al’aas Makkaan gadi furanii gara Najaashi deeman. Nuti isa (Najaashi) biratti iddoo jireenyaa gaarii fi ollaa gaarii keessa taane jirra. Najaashi haasofsiisuun dura patraayiki keessaa homtu hin hafne kennaa isaa yoo kennaanif malee. Ergasii patraayiki hundaan akkana jedhan: “Dhugumatti, dargaggoonni gowwoota ta’an amanti ummata isaanii gadi furanii fi amanti keessanitti hin seenne biyya mootii keessanii dhufuutti qajeelan. Amanti haarawa nutis ta’e isin hin beekne fidan. Manguddoonni ummata isaanii akka isaanitti deebisnuuf gara mootitti nu erganii jiru. Waa’ee isaanii ilaalchisee mootii yoo dubbisne, akka dabarsee nuuf kennuu fi isaan hin dubbisne isatti akeekaa. Dhugumatti, ummanni isaanii waa’ee isaanii ilaalchisee sirritti kan arganii fi beekaniidha.” Patraayikonnis tole jedhan.

Ergasii deemanii kennaa isaanii Najaashitti dhiyeessan. Innis isaan irraa ni fuudhe. Itti aansanii isa dubbisan, ni jedhan, “Yaa mootii! Nu keessaa dargaagonnii gowwoota ta’an gara biyya keetitti qajeelan. Amanti ummata isaanii ni dhiisan, amanti kee keessas hin seenne. Amanti haarawa nutis ta’e ati hin beekne fidan. Abbootii fi abbeerota isaanii irraa manguddoonni ummata isaanii akka isaanitti deebistuuf gara keetti nu erganii jiru. Isaan waa’ee isaanii ilaalchise sirritti argu, wanta isaan isaanirratti akka hanqinnaatti ilaalan sirritti beeku.”

Najaashin dubbii isaanii (sahaabota) dhagayuu caalaa wanti Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al’aas biratti jibbamaa ta’e hin jiru. Patraayikonni naannawa isaa jiran ni jedhan: Yaa mootii, isaan dhugaa dubbatanii jiru. Ummanni isaanii waa’ee isaanii ilaalchisee sirritti argu. Wanta isaan isaanirratti akka hanqinnaatti ilaalan hunda caalaa beeku. Kanaafu, gara biyyaa fi ummata isaanii akka deebisaniif isaaniif dabarsi kenni.”

Najaashin ni dallane, ergasii ni jedhe: Rabbiin kakadhe, gonkumaa hin ta’u. Isaaniif dabarsee hin kennu. Namoota natti olloomanii biyya kiyya keessa qubatanii fi nama biraa caalaa ana filatan irraa shira hin sodaadhu. Xiqqaate xiqqaatu hanga isaan waamee wanta namoonni lamaan kunniin waa’ee isaanii ilaalchise jedhan gaafadhutti hin kennu. Akkuma isaan jedhan yoo ta’an, isaan lamaanif dabarsee kenna, gara ummata isaanittis nan deebisa. Garuu kanaan ala yoo ta’an, isaan lamaan irraa nan eega. Hanga isaan naan olloomu turanitti ollaa gaarii isaaniif ta’a. (Ahmad 5/290 gabaase, lakk.22498)

Haasawa Ja’afarii fi Najaashi jidduutti adeemsifame
Ergasii najaashin gara sahaabota Nabiyyitti (SAW) ergee akka dhufan ajaje. Yommuu ergamaan najaashi isaanitti dhufu, sahaabonni bakka tokkotti walitti qabamuun, “Namticha (Najaashi) yoo itti dhuftan maal jettuun?” waliin jedhan. Ni jedhan, “Wanti ta’e haa ta’u, Rabbiin kakanne! wanta Nabiyyiin keenya (SAW) nu barsiisee fi ajaje jenna.”  Najaashin qeeysota isaa waame. Isaanis galmee isaanii ni diriirsan.  Yommuu Muslimoonni dhufan Najaashin akkana jechuun isaan gaafachuu jalqabe, “Amantiin isin ummata keessan irraa ittiin adda baataniin maaliidhaa? Amanti kiyya keessa hin seenne, ummattota addunyaa keessaas amanti nama tokko keessa hin seenne.”

Ummu Salamat itti fufuun ni jetti, “Namni isa dubbise Ja’afar ibn Abi Xaalib (radiyallahu anhu) ture. Ja’afaris ni jedheen, “Yaa mootii! Nuti ummata jaahiliyyaa (wallaalummaa) turre. Siidaa gabbarra, baktii nyaanna, wanta fokkuu ni hojjanna, hariiroo firummaa ni kunna, nu keessaa namni jabaan nama dadhabaa nyaata. Hanga Rabbiin Ergamaa sanyii, dhugummaa, aamaanaa fi kabaja isaa beeknu nutti ergutti nuti haala kana irra turre. Dhagaa fi muka, nu fi abbootin keenya gabbaraa turan dhiisuun Rabbiin akka tokkichoomsinuu fi gabbarru gara Rabbii nu waame. Dhugaa dubbachuu, amaanaa deebisuu, rahiimummaa (hariiroo firummaa) sufuu, ollummaa tolchuu, wantoota dhoowwamanii fi dhiiga jiigsu irraa akka of qusannu nu ajaje. Wantoota fokkuu, dubbii sobaa, qabeenya yatimaa nyaachu fi dubartii qulqulluu zinaan maqaa xureessu irraa nu dhoowwe. Osoo homaa Isatti hin qindeessin Rabbii Tokkicha akka gabbarru nu ajaje. Salaata, zakaa fi soomattis nu ajaje.”

Dhimmoota Islaamaa biroo isaaf lakkaa’e. Ja’afar itti fufuun ni jedhe, “Isa dhugoomsinee isatti amanne. Wanta dhufeen irratti isa hordofne. Rabbii Tokkicha ni gabbarre, homaa Isatti hin qindeessinu. Wanta inni haraama nurratti godhe nutis haraama goone, wanta inni halaala nuuf godhe halaala goone. Ummanni keenyas nurratti daangaa darbuun nu rakkisan, Rabbiin gabbaruu irraa gara dhagaa fi muka gabbaruutti akka deebinuuf amanti keenya keessatti nu qoran. Yommuu isaan nu hacuucanii fi miidhan, nuu fi amanti keenya jidduu seenan, gara biyya keetti baane. Nama biraa caalaa si filanne. Ollummaa kee barbaanne. Yaa mootii, nuti si biratti akka hin miidhamne ni abdanne.”

Najaashinis Ja’afarin ni jedhe, “Wanta inni(Nabiyyin) Rabbiin irraa fide keessaa waa si bira jiraa?” Ja’afaris ni jedhe, “eeyyeen.” Najaashinis isaan ni jedhe, “Naaf dubbisi.”

Ja’afaris, Kaaf-Ha-Yaa-aayn-Saad jedhee jalqabuun suuratu Mariyam irratti qara’e (dubbise). Rabbiin kakadhe! Hanga areenni isaa imimaanin jiidhutti Najaashin ni booye. Qeeysonnis wanta isaan irratti qara’e yommuu dhagahan hanga galmeen isaanii jiidhutti ni booyan. Ergasii Najaashin ni jedhe, “Dhugumatti, kuni fi wanti Muusaan ittiin dhufe, madda tokko irraa kan bahaniidha. [Gara ergamtoota Qureeshotaa lamaanitti garagaluun akkana jedheen] Deemaa, ani gonkumaa isaan dabarsee isiniif hin kennu. Shiras isaan irraa hin sodaadhu.”

Hariiroo Muslimootaa fi Najaashi jidduu jiru balleessuf yaali biraa
Ummu Salamat itti fufuun ni jetti, yommuu Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al-Aas Najaashi biraa bahan, Amr ibn Al-Aas ni jedhe: Wallaahi boru eeybi (hanqinna) isaanii isa beeksiisa, ergasii jireenya isaanii hunde irraa buqqisa. Garuu Abdullah ibn Rabii’ah ni jedhe, “Kana hin hojjatin. Osoo nu faallessaniyyuu haqa firummaa ni qabu.” Amris ni jedhe, “Wallaahi, ‘Isaan Iisaan ibn Mariyam gabricha akka ta’e dubbatu’ jechuun isatti beeksisa.” Ergasii bariisifatee gara Najaashi deemun, “Yaa mootii! Iisaa ibn Mariyam ilaalchisee dubbii guddaa dubbatu. Gara isaanitti ergiiti wanta isaan jedhan gaafadhu.” Jedhe. Najaashinis waa’ee kanaa isaan gaafachuf ergamaa itti erge. Ummu Salamat ni jetti: Wanti akkanaa duraan nu hin qunnamne. Gareen Muslimoota walitti dhufuun, “Waa’ee Iisaa ilaalchisee yoo isin gaafate maal jettu?” waliin jedhan. Ni jedhan, “Wanti fedhe haa uumamu, Rabbiin kakanne! Isa ilaalchise wanta Rabbiin jedhee fi Nabiyyiin keenya ittiin dhufe jenna.” Yommuu isatti seenan, Najaashin isaaniin ni jedhe, “Iisaa ilma Mariyam ilaalchisee maal jettuu?” Ja’afar ibn Abi Xaalibis ni jedheen, “Isa ilaalchise wanta Nabiyyiin keenya ittiin dhufe jenna: Inni gabricha Rabbiitii fi ergamaa Isaati. Ruuhi Rabbiin uumee fi jecha gara Mariyamitti darbeedha. (Jechi tuni, “ta’i” tan jettuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa irratti danda’aa waan ta’eef wanta tokko hojjachu yoo fedhe, “Ta’i” jedhan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama. Iisaanis (nageenyi isarratti haa jiraatu) “Ta’i” jedhamuun garaa haadha isaa keessatti kan argameedha (uumameedha).)

Ergasii Najaashin harka isaa lafarratti rukutee ulee ol fudhe. Itti aanse ni jedhe: wanta ati jettee caalaa Iisaan ilmi Mariyam hanga fageenya ulee tanaayyu hin deemu. (kana jechuun waa’ee Iisaa ilaalchise wanti ati jettee dhugaadha. Dhugaa kanarraa fagaate Iisaan gooftaa ykn ilma gooftaa ta’uu hin danda’u.) Yommuu Najaashin kana jedhu patraayikonni dallansuun dubbatan. Ergasii ni jedhe, “Osoo dallantanillee [Wanti ani dubbadhee dhugaadha]. [Ergasii gara Muslimoota garagaluun ni jedhe], Deemaa, isin biyya kiyya keessatti nagaha taatanii jirtu. Namni isin arrabse, ni qabama. Isin keessaa nama tokko miidhun warqii hanga gaaraa qabaachuu hin jaalladhu. [Ergasii gara patraayikotaa garagaluun ni jedhe] kennaa isaanii isaaniif deebisaa. Haajaa itti hin qabnu. Rabbiin kakadhe! Yommuu Rabbiin mootummaa kiyya naaf deebise, mattaa narraa hin fudhanne.  Ani immoo mattaa ni fudhadhaa?” Ummu Salamat ni jetti: Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al-Aas wanti fidan isaan irratti deebifamee salphatanii isa biraa bahan. Nutis Najaashi biratti iddoo jireenyaa fi ollaa gaarii keessa jiraanne. (Musnad Ahmad 1/202-203)

Islaamawu Najaashi
Najaashin Islaamawee fi Nabiyummaa Nabiyyi (SAW) dhugoomse jira. Garuu ummanni isaa sobaa fi jallinna irratti gadi jabaachu fi amanti jallataa irratti goguu isaanii yommuu beeku iimaana (amanuu) isaa isaan irraa dhokse. Abu Hureyraan akka gabaasetti, guyyaa Najaashin du’ee Ergamaan Rabbii (SAW) du’a isaa ni beeksisan. Iddoo itti salaatamutti isaan baasun hiriira isaan qabsiisee Takbiiraa afur isarratti godhe.”[1] Jaabiris akka gabaasetti, yommuu Najaashin du’u Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Har’a namtichi gaariin du’ee jira. Kanaafu olka’aatii obboleessa keessan As-hamah irratti salaataa.”[2] Rabbiin Najaashi irraa haa jaallattu. (Maqaan dhuunfaa najaashi “As-hamah”dha. Najaashin maqaa wali galaa mootota Habashaa yeroo saniitif kennamuudha. Akkuma “Abbaa Gadaa” jennu. Abbaan Gadaa maqaa wali galaa namoota Oromoo hoggananiif kennamuudha.)

Barnoota Asirraa Fudhatamu
➦Diinonni Islaamaa Islaamaa fi Muslimootatti duuluf qabeenya baay’ee dhangalaasu. Kennaa Qureeshonni Najaashif dhiyeessan irraa ni hubanna.
➦ Biyya ofii keessatti amanti ofii gaggeessu yoo dadhaban bakka biraa deemun amanti ofii gaggeessu. Godaansa sahaabota irraa kana ni baranna. Jireenya keessatti wanti namni dursa kennuufi qabu, amanti isaati. Bakka kana yoo deeme ykn jiraadhe “Amanti kiyya Islaama haala sirrii fi nagahaan gaggeessu danda’aa?” jedhe of gaafachu qaba.
➦Bareedinna Islaamaa- Ja’afar dukkanna kufrii fi shirkii duraan keessa turanii fi ifa Islaamaa keessa jiran yommuu tarreessu ni hubanna. Islaamni umamtootaaf gabra ta’uu irraa gara Uumaaf (Khaaliqaaf) gabra ta’uutti nama waama. Wantoota fokkuu irraa gara amalootaa fi hojii babbareedotti nama affeera. Kuni hundi bilisummaadha.
➦Gatii dhugaa dubbachuun qabu- tarii namni jireenya ofiitiif sodaate ykn faayda argachuuf jedhee soba dubbata. Sahaabonni kunniin waa’ee Nabii Iisaa yommuu gaafataman, homaa osoo hin sodaatin, dhugaa dubbachuu irratti wali galan. Kuni kan agarsiisu, namni yoo jiraates haqarratti yoo du’es haqarratti ta’uu akka qabuudha. Sobni balaa jalaa nama hin baasu. Keessumayyu waa’ee hundee amanti ilaalchise sobuun yakka guddaa adabbii cimaatti nama geessudha. Namoonni kunniin haqa waan dubbataniif jireenya isaanii guutuu tasgabbii fi kabajaan jiraatan. Kanaafu, kan nama baasu soba osoo hin ta’in dhugaadha (haqa).
➦Waliin mari’achuu fi hoggannaa sirrii filachuu- seenaa kana keessatti waliin mari’achuu sahaabotaa fi nama aaqila dubbii sirritti beeku akka filatan ni agarra.
➦Dubbii namootaaf maluu dubbachuu- Ja’afar ibn Abi Xaalib namni inni dubbisaa jiruu Kiristaanota ta’uu yommuu beeku, gara Islaamatti isaan waamuf Suuratu Mariyam filate. Suuran tuni waa’ee Mariyamii fi Nabii Iisaa (aleyh salaam) dubbatti. Kanaafu, inni carraa kanatti fayyadame.


Kitaabban wabii:
[1] Sahiih Al-Bukhaari- 1333
[2] Sahiih Al-Bukhaari- 3888
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula-196-200, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/499-506

Siiraa-Lakk.24.1
Siiraa-Lakk.23.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply