Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 7

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti amaloota gabroota Ar-Rahmaan ilaalaa turreera. Har’as mee amaloota isaanii biroo haa ilaallu. Tarii nutis isaan ilaalun eessa akka jirru of qorannee jijjiramaaf tarkaanfi jalqabu dandeenya. Dhugumatti, namoota gaggaarri fakkeenya godhatanii isaan duuka bu’uun wanta milkaa’innatti nama baasudha.

Isaan aayaata Gooftaa isaanitiin yommuu yaadachiifaman, duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:73

Kana jechuun yommuu keeyyanni Qur’aanaa gabroota ar-Rahmaan irratti dubbifamu, “duudaa fi jaamaa ta’uun kanneen isaan irratti hin kufneedha.” Kana jechuun hanga duudaa hin dhageenye fi jaamaa hin argine ta’anitti gaflaa keessa hin ta’an.[1] Jecha biraatin, keeyyanni Qur’aanaa yommuu isaan irratti dubbifamu akka nama hin dhageenye duudaa hin ta’an, akka nama hin arginee jaamaa hin ta’an. Kana irra, aayata Qur’aanaatti xinxalluun itti fayyadamu. Akka kaafiraa, munaafiqaa fi nama gaafilaa duudaa fi jaamaa ta’uun irraa hin garagalan. Kaafirri, munaafiqni fi namni gaflaa keessa jiru yommuu keeyyanni Qur’aanaa isaan irratti dubbifamu, gurraan osoo dhagahaniillee akka duudaa hin dhageenye ta’uun irraa garagalu. Garuu namoonni amanan, aayaata Qur’aanatti xinxalluun ni fudhatu, iimaanni isaanii ni dabala. Qur’aana keessatti:

8:2

Warri dhugaan amanan yommuu Rabbiin dubbatamu qalbiin isaanii sodaattu, yommuu keeyyattoonni Isaa isaan irratti dubbifaman iimaana isaaniif dabaltuu fi Gooftaa isaanii qofa irratti kanneen hirkatan qofaadha.” Suuratu Al-Anfaal 8:2

Warri dhugaan amananii fi iimaanni isaanii guutuu ta’e yommuu maqaalee fi sifaanni Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa dubbatamu, qalbiin isaanii ni sodaatti. Qur’aana irraa yommuu keeyyattoonni isaaniif dubbifaman, dhugoomsun, yaqiinni (mirkaneefannaan) fi Rabbiin sodaachuun isaaniif ni dabalama. Sababni kanaa, isaan gurraan sirritti dhageefatu, qalbii isaanii sassaabun wanta dhagayan ykn dubbisan ni qalbeefatu ykn ni hubatu. Yeroo kanatti iimaanni isaanii ni dabala. Yommuu xiyyeefannoon keeyyata Qur’aanaa dhageefatan ykn dubbisan, takkaa wanta wallaalan beeku, takkaa wanta dagatan yaadatu, takkaa immoo qalbii isaanii keessatti waan gaarii kajeelu fi adabbii sodaachun ni uumama. Kuni hundi wanta iimaana dabaluudha.[2] Namoonni aayata Qur’aanaatti xiyyeefannoo hin kennine immoo kana hunda dhabu.

“Aayatni” keeyyata Qur’aanaa fi mallattoolee of keessatti hammata. Mallattooleen kunniin uumamtoota Rabbiin uumeedha. Uumamtoonni hundi mallatoolee gara Uumaa (Khaaliqaa) agarsiisaniidha. Gabroonni Ar-Rahmaan yommuu mallatoolee samii fi dachii keessa jiran isaaniif ibsaman jaamaa ta’uun irraa hin garagalan. Kana irra, mallatoolee kaniinitti xinxalluun guddinnaa fi dandeetti Khaaliqaa hubatu. Kaafirri fi namni gaflaa keessa jiru immoo mallattoolee kanniin irraa jaamaa ta’uun garagala. Osoo ijaan argeeyyu itti xinxalle wanta mallatooleen kuni agarsiisan hin hubatu. Qur’aana keessatti:

Mallatoo meeqa samii fi dachii keessa irraa kan garagalan ta’anii ishii irra darbuu.” Suuratu Yuusuf 12:105

Yommuu Aayata Rabbiitiin gorfaman (yaadachiifaman) Ramaddii Namootaa[3]

Yommuu haala namootaa aayata Rabbii dubbifamaniin yookiin mul’ataniin yaadachiifaman itti xinxallinu bakka jahatti ramadamanii (qoodamanii) arganna:

Ramaddii 1ffaa- namoota keessaa nama yommuu aayata Gooftaa isaatiin yaadachifamu (gorfamu), osoo yaada, dhageetti fi argituu isaa itti hin kenniin yoosu aayata kanniin irraa garagaluudha. Sababni isaas, inni jalqaba irraa kaasee nafsee isaa keessatti wanta kheyrii, qajeelinnaa fi gorsa hundarraa isa dhoowwu dhaabe jira. Inni wanta gara haqaatti isa qajeelchu ykn fedhii cimaa addunyaa fi faaya ishiitti rarra’uu isarraa hir’isuu hin fudhatu. Namoota keessaa namni akkanaa isaa fi qajeelcha Gooftaa isaa jidduu haguuggii furdaa ta’etu jira. Haguuggin kunis, hawwii, fedhii lubbuu, of tuuluu fi jireenya addunyaa keessatti lixuudha. Suuratu Al-Kahf keessatti wanti gosa namoota akkanaatti akeeku dhufee jira:

18:57

Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii isaan irraa garagalee fi wanta harkii isaa lamaan dabarsan dagate caalaa namni miidhaa hojjate eenyuu? Dhugumatti, Nuti akka isaan isa hin hubanneef qalbii isaanii irra haguuggii fi gurra isaanii keessa duudummaa goonee jirra. Yoo gara qajeelinnaatti isaan waamte, isaan yoosan gonkumaa hin qajeelan.” Suuratu Al-Kahf 18:57

Nama yommuu keeyyattoonni Qur’aanaa isaaf dubbifamuun haqni fi sobni, qajeelinnaa fi jallinni isaaf ibsame booda irraa garagalee fi badii hojjate dabarse dagate caalaa namni zulmii fi yakka hojjate hin jiru. Keeyyattoota Gooftaa isa uumee nyaachisuu fi obaasu irraa ni garagala, hojii badaa duraan hojjate dagatee haala badaa isaa itti fufa. Nama kana caalaa namni zaalimni (miidhaa raawwataan) jiraa?

Namoonni ramaddi kanaa, sababa isaan miira isaanii hunda addunyaa irraa wanta qaamni fi nafseen isaanii fedhanitti garagalchaniif qalbiin isaanii tan haguuggamteedha. Keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa wanta yaadachiifaman isaan hin hubatan. Hanga fedhe gorsii ifaa fi ragaa wayiitu kan hin barbaanne haa ta’u, isaan gorsa kana hin dhagahan. Sababni isaas, dubbii dhageefachuun kan ta’uu wanta barbaadamu hubachuuf yoo fedhii qabaataniidha. Namni kana hin barbaanne dhageetti isaa irraa garagalcha. Inni sagalee hiika hin qabne malee waan biraa hin dhagahu. Akka nama gurra isaa keessaa duudummaan jiruuti.

Ramaddii 2ffaa-Kuni namoota keessaa nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachifamee ergasii dhagahuu fi wanta isaan agarsiisan itti xinxalluudha. Tarii keeyyattoota kanniinitti fayyadamuu danda’a. Garuu, kana booda fedhii fi hawwiin lubbuu isa moo’achuun irraa garagala.

Namoota keessa ramaddiin kuni nama keessa isaatti yaanni fi hawwiin, sammuun gara qajeelinnatti qajeelchu fi fedhiin lubbuu finciltuu taate wal lolaniidha. Marsaalee wal’aansoo yeroo dheeraaf ykn yeroo gabaabaf turu erga darbee booda hawwii fi fedhiin lubbuu ni injifatti. Fedhiin lubbuu yaada fi sammuu isaa ni too’atti. Erga aayata kanniinitti yaaduun haqa amansiisuuf wanta isa gahuu fi karaa qajeelaa irra akka deemuf ragaa isaan agarsiisan hubatee booda irraa garagala.

Namoota irraa wanta ramaddi kanatti akeeku jecha Rabbii olta’aa keessatti haala kanaan dhufee jira:

32:22

Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee sana booda isaan irraa garagale caalaa namni miidhaa hojjate eenyuu? Dhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haloo bahatoodha.” Suuratu As-Sajdah 32:22

Namoota keessaa ramaddin kuni akkuma ramaddi jalqaba yakkamaadha (mujrima). Garuu ramaddi jalqabaa irra carraan ramaddi lammataa kana fooyyessu guddaadha. Kanaafi, haala nama ramaddi jalqabaa yommuu ibsu jecha Rabbii azza wa jalla keessatti akkana jechuun dhufe: “Yoo gara qajeelinnaatti isaan waamte, isaan yoosan gonkumaa hin qajeelan”

Ramaddi lammataa ibsuuf himni akkanaa hin dhufne. Namoota aayata armaan olii lamaan keessatti dubbataman ibsuuf wal-qabsiistu garagaraatti yommuu fayyadamu, isaan namoota ramaddii garagaraa akka ta’an hubachuu dandeenye jirra. Nama ramaddi jalqabaa ibsuuf  jecha ” أَعۡرَضَ (a’arada)” jedhu irratti wal-qabsiistu ‘fa’ maxxanse. A’arada jechuun garagalee jechuudha. Akka lugaa Arabiffaatti, wal-qabsiistuun, ‘fa’ osoo yeroo dheeraa hin fudhatin wal duraa duuban wanta tartibaan dhufu agarsiisa.

Ramaddi lammata ibsuuf immoo jecha, “ أَعۡرَضَ (a’arada)” jedhu irratti wal-qabsiistu “ ثُمَّ (summa)” maxxanse. Akka lugaa Arabiffaatti, wal-qabsiistun “summa” duubatti hafuu waliin tartiiba agarsiisa. Kana jechuun wanti tokko tartiibaan dhufa. Garuu hatamtamaan dhufuun hin barbaachisu. Turee dhufu danda’a. Wal-qabsiistuwwan kanniin gara Afaan Oromotti yommuu deebisnu, hiikni dhiyoon “ergasii, itti aanse, sana booda” ta’a. (Waa’ee wal-qabsiistu kanniini daran hubachuuf sharih al-arjuumiyyah-fuula 316-317,by ibn Useymiin ilaalun ni danda’ama).

Ramaddi jalqabaa keessatti wal-qabsiistu “fa” jecha a’arada jedhutti maxxansun “ فَأَعۡرَضَ (fa’arada)” jedhe. Namni kuni yommuu keeyyattoonni Gooftaa isaatiin gorfame ergasii yoosu irraa garagala.

Ramaddii lammataa ibsuuf wal-qabsiistu “summa” jecha a’arada jedhutti maxxansun “ ثُمَّ أَعۡرَضَ (summa a’arada)” jedhe. Namni kuni yommuu keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfame ergasii hanga ta’e ture irraa garagala.

Ramaddii 3ffaa– ramaddin kuni ramaddi munaafiqaa aayata Rabbiitiin yommuu yaadachifamuu mu’mintoota waliin akka waan fudhatee fi amanee ni fakkeessa. Sujuuda qaamaa qofa ni bu’a. Garuu qalbii isaa keessatti inni kaafira. Wanta yaadachisaan (gorsaan) itti waamu irraa gurri isaa duudaa, ijji isaa jaamaadha. Haalli isaa akka haala ramaddi 1ffaa ykn 2ffaati.

Ramadddi 4ffaa-warra amanan irraa nama hojii na argaaf hojjatuudha. Namni kunis yommuu sujuuda bu’u sujuuda qaama qofa bu’a. Sujuuda qalbii fi of gadi qabu nafseeti miti. Sababni isaas, fedhiin isaa ibaada agarsiifachuun namoota biratti faayda addunyaa argachuudha. Na argaaf jedhe hojjachuun isaa, hojii isaa jalaa balleessa. Gooftaa isaa biratti mindaa hojii san irratti hin argatu.

Ramaddi 5ffaa– warra amanan irraa nama gaafila ta’e- namni kuni sujuuda ibaadaa osoo hin ta’in sujuuda aadaa ni sujuuda. Yaanni fi qalbiin isaa dhimmoota addunyaa waliin ko’oomutti kan garagalaniidha. Yommuu ibaadaa hojjatu yaanni fi qalbiin isaa addunyaa waliin kan ko’oomaniidha. Inni ibaadaa irraa gaafila (xiyyeefannoon hin hojjatu). Madaala (miizana) Rabbii keessatti namni ramaddi kanaa gatii hojii isaa hir’uu ta’e irratti hundaa’e mindaa ni argata. Garuu akkuma hojiin isaa hir’uu ta’e, namoota isa caalaa hojii qulqullinnaan fi sirnaan hojjataniin yommuu wal bira qabamu, mindaan isaas hir’uudha. Namni xiyyeefannaan salaata salaatu fi namni xiyyeefannaan salaata hin salaanne mindaan isaanii wal-qixaa?

Ramaddi 6ffaa– Ramaddin kuni ramaddi qalbin, yaanni fi nafseen isaa argamaniidha. Qalbii fi yaada wanta hojjatu irratti sassaabe xiyyeeffannoon hojjata. Sujuuda nama dhagahuu, arguu, aayaata Rabbii dubbifamanii fi mul’ataniitti xinxalluu sujuuda bu’a. Namoonni ramaddi kanaa, aayata Rabbii dubbifaman dhagahuun itti xinxalluu. Akkasumas, aayata ijaan mul’atan arguun itti yaadu. Gabroonni Ar-Rahmaan ramaddi kana keessaayyi.

Jechi Rabbii azza wa jalla armaan gadi ramaddi kana ni agarsiisa:

32:15

“Aayaata Keenyatti kan amanuu warra yommuu isaaniin yaadachiifaman sujuuda bu’anii fi faaruu Gooftaa isaanitiin [Isa] qulqulleessan qofaadha. Isaan of hin tuulan.” Suuratu As-Sajdah 32:15

Guduunfaa
➦ Gabroonni Ar-Rahmaan yommuu aayanni Rabbii isaan irratti dubbifaman, jaamaa fi duudaa ta’anii irraa hin garagalan. Kana irra, itti xinxalluun barnoota irraa fudhatu. Ergasii ni hodofu.
➦ Yommuu aayaatni Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) dubbifaman amaloota isaan agarsiisan irratti hundaa’e, namoota bakka jahatti qoodun ni danda’ama.
1ffaa-Nama yommuu aayanni Rabbii isaaf dubbifamuu osoo itti hin xinxalliin yoosu irraa garagaluudha. Namni kuni of tuuluu fi fedhiin badaan isa keessa waan jiruuf yaadaa fi qalbii isaa cufee jira.
2ffaa-Namni yommuu aayaanni isaaf dubbifaman yeroo muraasaaf erga itti xinxallee booda irraa garagaluudha.
3ffaa-Munaafiqa- nama qalbii keessatti kufrii dhoksee gubbaa (zaahiraa) Islaama mul’isuudha. Haalli isaa akkuma haala namoota ramaddii 1ffaa fi 2ffaati.
4ffaa-Warroota amanan irraa nama hojii na argaaf hojjatuudha. Sujuuda yoo bu’e na argaaf bu’a. Hojii ibaadaa biroos namoota biratti faayda addunyaa argachuuf hojjata. Aayanni yommuu isaaf dubbifamanis itti hin xinxallu.
5ffaa-Warroota amanan irraa nama gaafila ta’e-namni kuni hundeewwan iimaanatti haa amanuu malee qalbii fi yaanni isaa faaya addunyaatti waan rarraatef, aayanni yommuu isaaf dubbifaman ykn ibaada hojjatu gaafila ta’a. Kana jechuun xiyyeefanno itti hin kennu.
6ffaa-Warroota dhugaan amananii yaada fi qalbii isaanii sassaabun aayata dhageefataniidha ykn hojii ibaada hojjataniidha.
Dhugumatti namoota gosoota jahaa kanniin hawaasa keessatti ni argina. Wanti asirraa hubannu, namni Qur’aana yommuu dhageefatu ykn dubbisuu, akkasumas hojii ibaadaa yommuu hojjatu, akka namoota ramaddi 6ffaa ta’uuf carraaqu akka qabuudha. Ramaddii 1-3 yoo ilaalle, warri kuni warra kasaarati. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Ramaddiin 4ffaas hojii na argaaf waan hojjatuuf mindaa hojii sanii hin argatu. Ramaddiin hundarra gaarii ta’ee fi kasaaraa jalaa bahu ramaddi 6ffaadha. Ramaddiin jahaffaan kuni warra dhugaan amananii fi hojii gaggaarii qulqullinnaan, xiyyeefannoo fi ikhlaasan hojjataniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ramaddii kana keessaa nu taasisu.


Kitaabban wabii:
[1] Zaadul Masiir-fuula 1024
[2] Zaadul Masiir-fuula 540, Tafsiiru Sa’dii-fuula 357
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-6/659-662

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Guduunfaa
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply