Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Guduunfaa

Offline dubbisuf

Alhamdulillah, amaloota gaggaarii Gabroota Ar-Rahmaan osoo ilaallu kunoo dhumarra geenye jirra. Har’a kutaa dhumaati fi mindaa isaanii ilaalun amaloota isaanii ni guduunfina. Dhugumatti namoonni amaloota gaggaarii qabanii fi hojii gaggaarii iimaana irratti hundeessun hojjatan, mindaan isaanii Rabbii olta’aa biratti garmalee guddaadha. Yaa obboleessa/ yaa obboleetti koo! Nu keessaa eenyutu amaloota gaggaarii kanaan of faayun ganda lamaanitti sadarkaa fi kabaja ol’aanaa irra gahuu barbaadaa? In sha Allah amaloota kanniin gara dhumaarratti ni guduunfina. Amma amaloota hafan haa ilaallu:

25:74

Isaan “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” warra jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:74

Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) “gammachuu ijaa kan ta’an” jedhu, “[Yaa Rabbii] niitolii fi sanyii Siif ajajamanii ijji teenya itti gammaddu nuuf kenni.” jechuun hiikan.[1] Gabroonni Ar-Rahmaan ijji isaanii tan gammadduu fi qalbiin isaanii tasgabbooftu yommuu niitii fi sanyiin isaanii Rabbiin qofa gabbaranii fi Isaaf ajajaman arganiidha. Niitolii fi ijoolleen isaanii warra iimaanaa, taqwaa fi hojii gaggaarii hojjatu ta’uun namoota biroof fakkeenya akka ta’an hawwu. Niiti fi sanyiin tee namoota amaloota baay’ee gaarii (excellent qualities) qabaatan yoo ta’an, hangam si gammachiisuu?

Namni niiti fi sanyiin isaa gaarii akka ta’an barbaadu, jalqaba mataan isaa gaarii ta’uu qaba. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan niiti fi sanyiin isaanii gaarii akka ta’an kadhachuu waliin mataa isaaniitiifis namoota gaarii akka ta’an kadhatu.  “Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” jechuun Rabbiin kadhatan.

Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, isaan yeroo hundaa hanga warra sadarkaa muttaqootaa irra jiraniif fakkeenya ta’anitti gara sadarkaa abraarotaa fi muhsintootatti akka olkaafaman hawwuu.

Muttaqoota jechuun warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Abraaronnis warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Garuu hojii gaggaarii baay’ee hojjachuu fi wantoota makruh (jibbamaa) dhiisun sadarkaan isaanii muttaqoota ol ta’a. Muhsinoonnis warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha.  Garuu Rabbiin osoo arguu baataniyyu akka waan Isa arganiitti gabbaruun sadarkaan isaanii sadarkaa abraarotaa fi muttaqootaa ol ta’a. Muhsinoonni sadarkaa ol’aanaa irratti argamu.

Gabroonni ar-Rahmaan muhsintootaa fi abraarota keessaa ta’uun muttaqootaaf akka fakkeenya isaan godhu Rabbii olta’aa kadhatu. Dhugumatti, namni nama biraatiif fakkeenya gaarii ta’uuf nama isa hordofuu fi isatti hidhatu caalaa sadarkaan kan ol ka’ee fi amaloota gaggaarii baay’ee kan qabu ta’uu qaba.

“Warra Rabbiin sodaataniifis imaama (fakkeenya fi hogganaa) nu taasisi.” Kana jechuun yaa Rabbii keenya! Sadarkaa ol’aanaa kana irra nu geessi. Sadarkaan ol’aanaan kunis amanti keessatti fakkeenyaa fi hogganaa ta’uudha. Dubbii fi hojii isaanii keessatti muttaqootaaf fakkeenya gaarii ta’uudha. Hojii isaanii namoonni itti hidhatu, dubbii isaanititti ni tasgabbaa’u. Warri kheeyri isaan duuka bu’u. Mataa ofiiti qajeelanii namoota biroos qajeelchu. Amanti keessatti fakkeenya gaarii fi hogganaa ta’uun obsaa fi yaqinaan (shakkii tokko malee dhugaan amanuun) malee hin guuttamu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

32:24

“Yeroma isaan obsanii aayaata (mallattolee, ragaalee, keeyyattota) Keenyatti dhugaan amanan, isaan keessaa hoggantoota ajaja Keenyaan [namoota] qajeelchan taasifne.” Suuratu As-Sajdah 32:24

Fakkeenya gaarii fi hoggantoota ta’uuf kadhachuun hojii akka hojjatan, Rabbiif ajajamu irratti akka obsan, Isa faallessu irraas akka obsan, rakkoolee cimoo irrattis akka obsanii fi beekumsa yaqiinatti nama geessu argachuu barbaachisa. Hojii, obsaa fi beekumsa malee sadarkaa ol’aanaa irra gahuun ni danda’amaa? (Hubachiisa: Isaan fakkeenyaa fi hogganaa ta’uuf kan dharra’an namoota irratti ol’aantummaa argachuu fi beekkamaa ta’uuf osoo hin ta’in, Jaalala Rabbii barbaadun namoota dukkana keessaa gara ifaatti baasufi. Nama Rabbiif jedhe namootaaf fakkeenya ta’uu barbaadu fi nama addunyaaf jedhee hoggantummaa barbaadu wal bira qabi.)

Jazaan gosa hojiitin waan ta’eef, gabroonni Ar-Rahmaan yommuu yaannii fi kaayyoon isaanii garmalee ol fagoo ta’uu, Rabbiin manneen garmalee ol fagoo ta’aniin isaan mindeesse.[2] Ni jedha:

“Isaan sun waan obsaniif jecha [Jannata keessatti] Iddoo Ol’aanaa ta’e badhaafamu. Ishee keessattis nagahaa fi salaama qunnamu. Achi keessa yeroo hundaa jiraatu. Ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun garmalee miidhagde.” Suuratu Al-Furqaan 25:75-76

Aayata lamaan kanniin keessatti mindaa gabroonni Ar-Rahmaan Guyyaa Murtii Gooftaa isaanii biratti argatan ibsa. “Isaan sun” kana jechuun gabroonni Ar-Rahmaan amaloota babbareedo kanaan ibsaman, “waan obsaniif” kana jechuun hojii gaggaarii hojjachuu irratti, wanta Rabbiin dhoowwe irraa fi balaa isaan muudateef sababa obsaniif, “[Jannata keessatti] Iddoo Ol’aanaa ta’e badhaafamu” kana jechuun akkuma isaan addunyaa keessatti sadarkaan isaanii iimaanan, hojii fi amaloota gaggaariin olka’e, Guyyaa Qiyaamaas Rabbiin azza wa jalla Jannata qananii keessatti iddoo ol’aanaan isaan badhaasa. Iddoon ol’aanaan kuni gamoowwan (manneen) ol fagoo qananii barbaadamu hunda of keessatti qabataniidha.

“Ishee keessattis nagahaa fi salaama qunnamu.”
Akka lugaatti jechi “tahiyyata” jedhu hiika “nagaha guutuu” qaba. Salaamnis hiika nagaha jedhu qaba. Garuu, tahiyyata salaama caalaa wali gala (a’amm) kan ta’eedha. Salaamni hundi tahiyyata[3]

Jannata keessatti malaykoonni nagaha fi baga dhuftaniin isaan qunnamu. Salaama jechuun wanta jibbamaa fi hanqinna hundarraa nagaha ta’uu waan ta’eef, nafsee isaaniitii fi iddoo jireenyaa isaanii keessatti wanta isaan jeequ fi rakkisu hundarraa nagaha ta’u. Rabbii olta’aa irraa nagaha argatu. Malaykoonnis balbala hundaan isaanitti seenun “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!”jedhu (Suuratu ar-Ra’ad 13:23-24) Isaanis wal jidduutti nagaha walirratti qara’u. Dubbiin, adeemsi fi jireenyi isaanii guutuun hundi wanta badaa fi fokkuu hundarraa nagaha kan ta’eedha.

Achi keessa yeroo hundaa jiraatu.” Hafiinsa xumura hin qabne achi keessatti kan hafan ta’anii Jannata irraa Firdaws keessatti iddoo ol’aanaa badhaafamu. “Ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun garmalee miidhagde.” Jannanii warra manneen ishii keessatti qubataniif iddoo qubannaa garmalee miidhagdeedha. Akkasumas, warroota wal ziyaaraniif (wal daaw’ataniif) iddoo turtii garmalee miidhagdeedha.[4]

Guduunfaa
Alhamdulillah gargaarsa Rabbii olta’aatin amaloota garboota Isaa gaggaarii ta’an ilaalle jirra. Sababa isaan hojii babbadaa fi amaloota fokkuu irraa fagaachuun hojii gaggaarii fi amaloota miidhagoon of faayaniif, mindaan isaanii Jannata keessatti iddoo ol’aanaa ta’e. Akkuma beekkamu, Jannata kan seenu warra xurii hojii fi amala badaa irraa qulqullaa’aniidha.  Qur’aana keessatti ni jedha:

“Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara Jannataa oofamu. Yeroma isaan ishiitti dhufanii balboonni ishii banaman, Waardiyoonni ishii, “Nageenyi isin irra haa jiraatu, qulqulluu taatanii jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata) seenaa.” Isaaniin jedhu.” Suuratu Az-Zumar 39:73

Asitti “qulqulluu taatanii jirtu.” jecha jedhu itti haa xinxallinu. Jannanii iddoo qulqulluu fi nagahaa waan taatef, ganda warri qulqulluun seenudha. Warra qulqulluu jechuun warra qalbiin isaanii xurii akka shirkii, badii gurguddaa fi wantoota fokkuu biroo irraa qulqullooftedha. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan wantoota fokkuu irraa qulqullaa’un hojii fi amaloota gaariin waan of faayaniif jazaan (mindaan) isaanii Jannata ta’e. Mee amma amaloota gaggaarii isaan ittiin of faayanii fi amaloota badoo isaan irraa fagaatan haa guduunfinu:
1-Dachii irra haala salphaan adeemu. Rabbii olta’aaf of gadi qabu. Gabroota Isaa irratti of hin tuulan. Akkasumas, na argaaf hin rincican. Adeemsi isaanii madaallamaa of tuuluu fi rincicuu irraa bilisa ta’eedha.
2-Yommuu namni gowwaa fi wallaalan dubbii badaa isaanitti dubbate, dubbii gaarii fi nagaha ta’een isatti deebisu. Gowwaa fi wallaalatti dubbii gaarii kan deebisan yoo ta’e, namoota biroottis dubbii irra gaarii deebisu jechuudha.
3-Gooftaa isaanitiif halkan ni salaatu
4-Akka Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbii Jahannam isaan irraa deebisu garmalee kadhatu.
5-Yommuu baasi baasan garmalee hin qusatan, hin qisaasessanis. Baasin isaanii madaallamaadha.
6-Rabbiin waliin waan biraa hin kadhatan ykn hin gabbaran
7-Nafsee Rabbiin ajjeesu haraama godhe haqa malee hin ajjeesan
8-Zinaa (sagaagalummaa) hin raawwatan.
9-Yoo badii armaan olitti ykn kan biraatti kufan, tawbaa dhugaa tawbatu, hojii gaggaarii baay’isanii fi qulqullinnaan hojjatu.
10-Hojii fi dubbii sobaa fi fokkuu irratti hin argaman ykn hin hirmaatan. Ragaa sobaa hin bahan.
11-Yommuu hojii fi dubbii faaydi hin qabnetti dhufan, kabajaan bira darbu.
12-Yommuu Qur’aanni isaan irratti dubbifamu, jaamaa fi duudaa ta’uun irraa hin garagalan. Kana irra, itti xinxalluun ni fudhatu, ni hordofu.
13-Niitiwwan isaanii, sanyii isaanitii fi mataa ofiitiif akka amaloota gaggaariin faayamanii fi sadarkaa ol’aanaa irra gahan Rabbii olta’a kadhatu.

Mee amma irra deebine lakk.4 fi 13 haa ilaallu. Lakk.4 keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akka adabbii Jahannam isaan irraa deebisu kadhatu. Adabbi Jahannam isaan irraa akka deebisu kadhachuun, badii irraa isaan eegu fi badii darbee isaaniif araaramu of keessatti qabata. Kanaafu, Yaa Rabbii adabbii Jahannam nurraa deebisi jedhanii kadhachuun isaanii adabbii, hojii fi amaloota fokkuu hunda akka isaan irraa deebisu kadhachaa jiru. Lakk.13 keessatti immoo muttaqootaf imaama nu godhi jedhanii yommuu kadhatan, hojii fi amaloota gaggaariin akka isaan faayu kadhataa jiru. Kanaafu, gabroonni Ar-Rahmaan adabbii, hojii badaa fi amaloota fokkuu ofirraa deebisuuf akkasumas, hojii fi amaloota gaggaariin of faayuf Rabbii olta’aa kadhatu. Sababa kanaan iddoo ol’aanaa badhaafaman. Osoo gargaarsa Isaa argachuu baatanii silaa bakka ol’aanaa kana ni gahuu? Kuni kan agarsiisu hanga danda’an carraaqu waliin yeroo hundaa Rabbii olta’aa kadhachuudha. Mata-duree kana du’aayi Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaafame kanaan haa xumurru:

اللَّهُمَّ اهْدِنِي لأَحْسَنِ الأَعْمَالِ وَأَحْسَنِ الأَخْلاَقِ لاَ يَهْدِي لأَحْسَنِهَا إِلاَّ أَنْتَ وَقِنِي سَيِّئَ الأَعْمَالِ وَسَيِّئَ الأَخْلاَقِ لاَ يَقِي سَيِّئَهَا إِلاَّ أَنْتَ
Allaahumma-hdinii li ahsanil a’amaali wa ahsanil akhlaaqi, laa yahdi li ahsanihaa illaa anta. Waqinii sayyi’al a’amaali wa sayyi’al akhlaaqi, laa yaqii sayyi’ahaa illaa anta.
“Yaa Rabbii! Hoji hundarra gaarii ta’ee fi amala hundarra gaarii ta’etti na qajeelchi, [hojii fi amala] hundarra gaarii ta’etti kan qajeelchu si malee hin jiru. Hojii badaa fi amala badaa irraa na eegi. [Hojii fi amala] badaa irraa kan nama eegu si malee hin jiru.” An-Nisaa’i 896
wa aakhiru daw’aanaa anilhamdulillah Rabbiil aalamiin.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiira Ibn Kasiir 6/132, Tafsiir Qurxubii 15/488
[2] Tafsiiru Sa’dii-fuula 688
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 340, Muhammad bin Saalih Useymiin
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -6/669, sifaatu Ibaadu Rahmaan fuula 31

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 7
Offline dubbisuf

Leave a Reply