Zinaa Irraa Akkamitti Of eegan?-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Jireenya dhala namaa keessatti qormaanni karaalee adda addaatin nama qunnama. Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, wantoonni nama qoran guyya guyyaan dabalaa adeemu. Zinaan hojii fokkuu ta’uu waliin wanta guddaa namoonni ittiin qoramaniidha. Keessumaayyu, marsaa dargaggummaa fi shamarrummaatti umriin 15-25 jiru umrii baay’ee ulfaata namni qormaata kanaan itti qoramuudha. Kaayyoon guddaan qormaata kana keessa jiru: nama Rabbiif jedhe of qabu fi nama badii kanarraa of hin qabne adda baasun ergasii jazaa isaaniif kafaluudha. Qormaata booda namni wanta hojjateef jazaa ni argata. Kanaafu, namni takkaa qormaata zinaa kana darbuun mindaa guddaa argata, takkaa immoo qormaata kana kufuun adabbii guddaaf of saaxila.

Zinaan (sagaagalummaan) qormaata keessaa qormaata tokko erga ta’ee, namni akkamitti qormaata kana darbuu danda’aa? Mee gargaarsa Rabbii olta’aatin haa tarreessinu:

1-Wantoota gara Zinaatti nama fudhatan irraa fagaachu tarkaanfin jalqabaa zinaatti nama fudhatu, wantoota zinatti nama geessan hojjachuudha. Wantoota kanniin haala kanaan guduunfu dandeenya: ilaalu, yaadu, waliin haasawuu, walitti makamuu, ergasii badii zinaatti kufuudha. Mee wantoota zinaatti nama geessan armaan olitti kaasne muraasa isaanii haa ilaallu:
Ilaalcha- kana jechuun ijaan wantoota baditti nama harkisan ilaaludha. Ilaalun tarkaanfi jalqabaa gara zinaatti nama fudhatuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namni tarkaanfi dhumaa irra  gahee akka baditti hin kufneef, tarkaanfiwwan jalqabaa irraa akka fagaatan akkana jechuun ajaje:

17:32

Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira.” Suuratu Al-Isra 17:32

Aaya tana keessatti zinaa fi wanta zinaatti nama dhiyeessan irraa dhoowwa. Wantoota gurguddoo zinaatti nama geessan keessaa tokko “ilaalcha”. Namni wanta bareedaa tokko yoo ilaale, ni hawwa. Ergasii itti yaada. Yaanni isaa bilchaachun gara fedhii cimaa fi ijjannootti jijjirama. San booda badii zinaatti kufa. Kanaafi, tarkaanfi xumura kana irra akka hin geenye, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah biraa keessatti tarkaanfi jalqabaa, “Ilaalcha” akka too’atan akkana jechuun ajaja:

24:30

“Ija isaanii akka gadi qabatanii fi qaama saalaa isaanii akka eegan mu’mintootatti (warroota amananitti) himi. Santu isaaniif irra qulqulluudha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti.” Suuraa An-Nuur 24:30 

Ibnu Taymiyaan (rahimahullahu) akkana jedha,”Ija ofii gadii qabachuu fi qaama saalaa eegu Rabbiin qulqullummaa nafseetiif jabeenya taasise (Namni yommuu ija ofii gadi qabatu fi qaama saalaa ofii eegu jabeenya argata.) Qulqullummaan nafsee wantoota fokkuu hundaa hojjachuu dhiisu, miidhaa fi shirkii raawwachuu dhiisu, sobaa fi kkf irraa fagaachu kan of keessatti hammateedha.” Al-Ubudiyyata fuula 100-101

Imaamu ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ija daaw’itii qalbii godhee jira. namni yoo ija isaa gadi qabe, qalbiinis fedhii ishii gadi qabdi. Yoo ija isaa gadi fure immoo, qalbiinis fedhii ishii gadi furti. Sahiih Muslim keessatti: Yeroo Hajjii Fadl ibn Abbaas Nabiyyii (SAW) duuba yaabbi yaabbachuun Muzdalifaa irraa gara Minaa osoo deemaa jiruu, gareen dubartootaa isaan biraan dabarte. Fadl isaan ilaalu jalqabe. Ergasii, Ergamaan Rabbii (SAW) mataa isaa gara kallatti biraatti naannesse.”  (Sahiih Muslim 1218)

Kuni hojiidhaan dhoowwudha. Osoo ilaalun kan hayyamamu ta’e, sila Nabiyyiin Fadliin ni mirkeessaa ture. Ammas, Hadiisa keessatti akkana jedhamuun dhufee jira: “Ilaalun xiyyoota ibliisaa irraa xiyya summooftedha.” (Haakim, Mustadrak 4/314) Xiyyi qalbii keessa naanna’uun hojii summiin hojjatu hojjata. Namni summii yoo dhuge, dafee yoo of keessaa hin qulqulleessin, isa ajjeesa.

Ilaalun karaa dhiyoo wanta dhoowwamatti nama geessu yommuu ta’u, shari’aan ni dhoowwe. Yeroo haajaa immoo ni hayyame. (Yeroo haajaa dhiirri dubartii ilaalu danda’a. Fkn, dubartii fuudhu yoo barbaade, fuula ishii akka ilaalu ni hayyamamaaf. Haajaan ala dubartii nyaaphaa ilaalun isaaf hin hayyamamu.)

Jariir ibn Abdullah (radiyallahu anhumaa) akkana jedha: waa’ee “ilaalcha tasaa” ilaalchisee Ergamaa Rabbii (SAW) gaafadhe. Innis akka ija kiyya irraa garagalchu na ajaje. (Sahiih Muslim 2159)

Ilaalchi tasaa ilaalcha jalqabaa namni niyyaa malee ilaaludha. Namni qalbii isaatin itti hin niyyanne ilaalcha tanaaf hin adabamu. Garuu itti xiyyeefate yeroo lammataaf yoo ilaale, dilii (cubbuu) kan hojjate ta’a. Nabiyyiin (SAW) yeroo ilaalcha tasaa, ija isaa akka irraa garagalchu ajaje. Ilaalcha isaa itti fufsiisuu hin qabu.

Ija gadi qabachuu keessaa faaydaalee baay’etu jira:
1ffaa-Ija gadi qabachuun qalbii laalaa gaabbii irraa qulqulleessa- namni ija ofii gadi fure, gaabbin isaa itti fufa. Wanti hundarra qalbii miidhu, ija gadi furuudha. Sababni isaas, ijji wanta dharraa isaa jabeessu, irraa hin obsinee fi argachuu hin dandeenye isatti agarsiisti. Kuni laalaa fi adabbii sadarka ol’aanaa irra gaheedha.

Ilaalchi wanta xiyyi yeroo darbamu hojjatu hojjata. Xiyyii yoo nama hin ajjeesin ni madeessa. Ammas, ilaalchi ijaa akka qaanqe citaatti darbamteeti. Yoo hunda hin gubin, garii isaa ni gubdi. Akkuma jedhame:
Taaten hundi jalqabni isaa ilaalchaa
Ibiddi guddaan qaanqee xiqqaa irraa ka’aa
Ilaalcha meeqatu qalbii namaa keessatti lixee
Lixa akka xiyyaa hidhaa hin qabnee

2ffaa-ija gadi qabachuun qalbii ifa (nuura) ija, fuulaa fi qaama irraa mul’atu dhaalchisa. Ija gadi füruun immoo qalbii dukkana fuulaa fi qaama irratti mul’atu dhaalchisa. (Kana jechuun ija ofii gadi qabachuun qalbiif ifa kenna. Ifti kuni fuula fi qaama irraa mul’ata. Fkn, fuuli nama ija gadi qabatu ni ifa, gammachuun isarraa mul’ata. Namni ija gadi fure immoo qalbii isaa keessatti dukkanatu itti dhagahama. Dukkanni kuni fuula irraa mul’ata. Fkn, fuulli isaa sunturuu fi kontofachuu. ) Hadiisa keessatti akkana jedhamuun dhufee jira: “Ilaalun xiyyoota ibliisaa irraa xiyya summooftedha. Namni miidhaginna dubartii irraa ija ofii gadi qabate, Rabbiin qalbii isaatiif ifa kenna.” (al-Mu’jamul Kabiir 10363)

3ffaa- Balballi fi karaaleen beekumsaa ni banamuuf- akkuma namtichi ija ofii gadii lakkisuun, hulaan beekumsaa isarratti cufama. Garuu yommuu ija ofii gadii qabatu, beekumsi salphatti isaaf gala, balballi beekumsaa isaaf banama. Karaan beekumsa ni salphataaf, fedhii beekumsa barachuu horata.
4ffaa– Qalbiin jabeenya, gadii dhaabbanaa(sabaata) fi gootummaa horatti
5ffaa- Qalbiin gammachuu fi tasgabbii horatti- ija ofii gadii qabachuun waswaasa sheyxaana irraa nama baraarun gammachuu fi tasgabbii namaaf kenna.

6ffaa– Qalbii hidhaa fedhii irraa qulqulleessa– yommuu ijji wantuma argite ilaaltu namtichi lubbuu ofiitif hidhamaa fi gabra ta’a. Tanas, taanis ni dharra’a. Haala kanaan jireenya ofii darara. Namni ija ofii gadii qabatu immoo kanarraa ni baraarama.
7ffaa Balbala azaaba (adabbii) isarraa cufa- haraama ilaalun balbala fedhii badii keessatti akka kufan nama taasisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilaalcha haraama gochuun badii irraa hijaaba (haguuggii) isa bira akka hin geenye dhoowwudha.[1] (Kana jechuun daangaaleen Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kaa’e, adabbii (azaaba) irraa hijaaba (haguuggi) ta’u. Namni daangaalee kanniin darbe, haguuggi kana tarsaasun adabbitti kufa. Kanaafi, Qur’aana keessatti irra deddeebi’un, “waman yata’adda hududallahi faqada zalama nafsahu (namni daangaalee Rabbii darbe, dhugumatti nafsee ofii miidhee jira.)” jedha. Namni wanta Rabbiin dhoowwe hojjate, adabbii Isaatti kufuun nafsee ofii miidha. Kanaafu, wanta haraamaa ilaalu irraa ija ofii qabachuun adabbiitti kufuu irraa nama tiiksa.)

Hanga kana waa’ee ilaalchaa haraamaa hayyoota irraa erga fudhanne, badii jabana kana sababa ija gadi furuutiin umamu haa ilaallu. Yeroo durii wanti akka TV, interneeti, gazeexaa, mobaayili fi kkf jedhamu hin jiru ture. Garuu yeroo amma wantoonni kunniin vaayrasii qalbii namaa baallessu of keessatti kuusun mana hunda seenanii jiru. Vaayrasiin meeshaaleen ammayyaa baadhatan kunniin filmi badaa, dubartii qullaa fi wantoota fokkuu biroo mul’isuudha. Dargaggeessi yommuu adda ta’uu, filmii wal-qunnamtii foonii ilaalun jireenya isaa barbadeessa. Namoonni kunniin yommuu fiilmi kana ilaalan, amaloonni badaan baay’een isaan irraa mul’atu. Amalli hundarra badaan isaan irraa mul’atu, Rabbii olta’aa fi Guyyaa Qiyaamaatti kafaruu (amanuu diduudha). Tarii namni zinaa hojjate, tawbatee of qulqulleessu danda’a. Garuu namoonni kunniin yommuu filmii kana itti deddeebi’uun ilaalan qalbiin isaanii ni dukkanoofti. Dhugaa fi soba addaan baafachuun itti ulfaata. Ragaa ifa jiru fudhachuu didu. Sababa kanaan, Guyyaa Qiyaamatti hin amanan. Qur’aana keessatti:

Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! Guyyaa Murtii kanneen sobsiisaniif. Namni ishii(guyyaa Qiyaama) kijibsiisu hin jiru, daangaa darbaa, dillaawaa kan ta’e malee. Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifaman, ‘Oduu warra duriiti.” jedha. Haa dhoorgaman! Wanti isaan hojjataa turan qalbii isaani haguuge.” Suuratu Al-Muxaffifin 83:10-14

Wanti isaan hojjataa turan kuni badii adda addaa ifaa fi dhoksatti hojjataniidha. Badiiwwan kanniin keessaa filmiin wal-qunnamti dhoksatti ilaalan qalbii namaa haguuga.

Wanti biraa gara zinaatti nama fudhatu, waliin haasawuudha. Akkuma jedhaan jedhu: Ilaalu, seeqachuu, nageenya wal gaafachu, haasawuu, wal qaxaruu ergasii wal qunnamuu.
Dhiiraa fi dubartiin tarkaanfi jalqabaa ilaalu wal ilaalu. Ergasii walitti seeqachuun ni dhufa. San booda nageenya wal gaafachu. Itti aanse waliin haasawu. Ergasii wal qaxaruu. Dhumarratti wal-qunnamuun baditti kufuudha. Kunniin tarkaanfilee sheyxaanati. Namni tarkaanfilee sheyxaanaa hordofe baditti kufa. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa warra amantan tarkaanfilee sheyxaanaa hin hordofinaa. Namni tarkaanfilee sheyxaanaa hordofe,inni (sheyxaanni) gocha fokkataa fi jibbamaa ta’anitti ajaja.” Suuratu An-Nuur 24:21

Zamana kana karaaleen wal qunnamtii baay’ee kan ariifateedha. Iddoo fagoo irraa daqiiqaa muraasa keessatti wal qunnamuun danda’ame jira. dhiiraa fi dubartiin nyaapha waliif ta’an, telefonaanis ta’i, qaaman haajaa tokko malee yommuu waliin haasawan, ibiddi fedhii isaan keessatti boba’a. Akkuma Oromoon mammaaku “Killeen suuta suuta lukaan deemti” Waliin haasawuun suutuma suuta gara zinaatti nama geessa. Kanaafu, karaan zinaa irraa ittiin of eegan keessaa tokko, haajaa tokko malee saalaa faallaa fuudhu/itti heerumu danda’an waliin haasawu dhiisudha. Dargagessi fi shamarreen nyaaphaa haajaa tokko malee whatsappin, fesbuukini fi sab-qunnamti biroon waliif barreessan, waliin taphatan dhumti isaanii maal ta’inna laataa?

Guduunfaa
☂Zinaan shirkii fi haqa malee ajjeesutti aanee badii gurguddaa keessaa tokko.
☂Tooftaan jalqabaa zinaa irraa ittiin of eegan wantoota isatti nama geessan irraa fagaachudha. Wantoonni zinaatti nama geessan: Ilaalu, waliin haasawuu, saalli faallaan walitti makamu, kophaa waliin ta’uu…
☂Ijaan ilaalun tarkaanfi jalqabaa gara zinaa nama fudhatuudha.
☂Namni ija ofii haraama irraa qabe, zinaa irraa of qabe.


[1]Gabaabsun Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul mushtaaqiin-fuula 146-165, Ibn Al-Qayyim

Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 2
Sab-qunnamtiin Dhiiraa fi Dubartiin Waliin Haasawu
Offline dubbisuf

Leave a Reply