Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti zinaan (sagaagalummaan) qormaata cimaa namni ittiin qoramuu fi namni qormaata kana darbe mindaa fi gammachuu guddaa akka argatu ilaalle turre. Dabalataanis karaalee zinatti nama geessanii fi akkaata isarraa of eegan jalqabnee turre. Har’as gargaarsaa Mawlaatin akkaata zinaa irraa itti of eegan ilaalu itti fufna.

2-Adabbii fi miidhaa zinaa itti xinxalluu- har’as dubbii imaamu ibn Al-Qayyim akka aannani mi’aayu irraa haa dhugnu. Imaamu ibn Al-Qayyim mata-duree, “Karaa haraamaa keessatti lixuu, badii fi laalaa itti nama geessu” jedhu jalatti akkana jedha:

Namni qaruutee ta’e hundi karaa kamiyyuu deemu hin qabu hanga nageenya isaa, badii isaati fi wanta karaan kuni itti nama geessu beekutti malee. Karaaleen lamaan kunniin halaaka (badii) warra jalqabaa fi xumuraati. Isaan keessa badii guddaatu jira, gahuumsa fokkuu fi boolloo badiitti nama geessu. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa zinaa karaa hundarra badaa godhe, ni jedhe:“Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira.” (Suuratu Al-Isra 17:32)

Karaan zinaa akkana yoo ta’e, karaan saalaa wal fakkaatun wal qunnamu (homosexuality) maal ta’inna ree laata? Saalaa wal fakkaatun wal qunnamun adabbiin isaa zinaa caalaa dachaa dachaadha.

Karaan zinaa karaa hundarra hamtuu ta’eedha. Iddoon turtii warra zinaa raawwatu iddoo hundarra badaa ta’eedha. Hanga Guyyaa Qiyaamaatti ruuhin isaanii midijjaa ibiddaan guuttame keessa qubatti. Jala ishiiti laboobaan ibidda itti dhufa. Yommuu laboobaan jalaa isaanitti dhufuu ni iyyuu, olka’u. Ergasii gadi deebi’u. Hanga Guyyaa Qiyaamaatti akkanatti itti fufu. Akkuma Nabiyyiin (SAW) abjuu keessatti isaan arge. Abjuun nabiyyootaa haqa shakkii wayitu hin qabneedha.

Sahiih keessatti Al-Bukhaarin Samurah ibn Jundub irraa akkana jechuun gabaase: Wanta Ergamaan Rabbii (SAW) sahaabota isaatiin jechuu baay’isuu keessaa: “Isin keessaa namni abjuu arge jiraa?” Nama Rabbiin akka himu fedhe abjuu isatti ni odeessa. Ganama tokko Nabiyyiin (SAW) akkana nun jedhe: “Halkan edaa namoonni lama [abjuun] natti dhufuun na kaasanii gara fuunduraa deemi naan jedhan. Anis isaan lamaan waliin deeme. Yoo deemnu, namticha ciisee fi namticha biraa dhagaa guddaa harkatti qabatee mataa isaa irra dhaabbatutti dhufne. Namtichi kuni mataa nama ciisetti dhagaa kana darbuun ni buruuqsa. Dhagaanis garas achi konkolaata. Namni darbes isa hordofee fuudha. Yommuu inni itti deebi’uu mataan nama ciisee akka duraan turetti deebi’e fayya. Namtichi lammataas akkuma yeroo jalqabaa itti hojjate ammas itti hojjata. Anis hiriyyoota lamaan na waliin jiraniin, Subhaanallahi (Rabbiin qulqullaa’e)! Kunniin lamaan maaliidhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraatti deemi.

Nutis gara fuunduraatti deemnee nama dugda isaatiin ciisu fi nama mataa isaa irra dhaabbatee hookkoo sibiilaa harkaa qabutti dhufne. [Namni hookkoo harkaa qabu kuni nama dugdaan ciise kana] gama fuula isaa tokkootiin itti dhufuun [hookkoon] afaan isaa gara duubaatti tarsaasa, funyaanis gara duubaatti, ijas gara duubaatti tarsaasa. Ergasii gama biraatin itti dhufuun akkuma wanta gama jalqabaa itti hojjate itti hojjata. Osoo inni gama tokkoon hin xumurin gamni biraa akkuma duraan türetti deebi’e fayya. Ergasii itti deebi’ee akkuma si’a tokkoffaa itti hojjate isatti hojjata. Anis, subhaanallahi kunniin maaliidha? Jedhe. Hiriyoonni kiyya lamaanis gara fuunduraatti deemi nan jedhan.

Ergasii nutis gara fuunduraatti deemun wanta akka midijjaa guddaatti dhufne. Achi keessa iyyansaa fi sagaleetu jira. Midijjaa kana keessa yommuu ilaallu dhiirotaa fi dubartoota qullaa ta’antu jiru. Isaan jalaa laboobaan ibiddaa isaanitti dhufa. Yommuu laboobaan kuni isaanitti dhufu garmalee iyyu. Anis hiriyyoota lamaan na waliin jiraniin ni jedhe, “Kunniin eenyudhaa?” Isaanis ni jedhan, gara fuunduraatti deemi, deemi.

Nutis gara fuunduraatti itti fufuun laga akka dhiigaa diimatutti dhufne. Laga kana keessa namtichi tokko ni daakaa, namtichi biraa immoo daari lagaatti dhagaalee baay’ee walitti qabetu jira. Namtichi kuni hanga daake daakee gara namticha dhagaa walitti qabe kanatti dhufa. Ergasii afaan ni banaaf, namtichis dhagaa itti darba. Innis daakkaa isaa itti fufa. Ergasii itti deebi’a. Dhawaatuma itti deebi’uun afaan ni banaaf, innis dhagaa itti darba. Anis ni jedhe kunniin eenyudhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraa deemi deemi.

Nutis gara fuunduraatti deemuun nama biifti isaa garmalee jibbisiisaa ta’etti dhufne. Isa cinaa ibidda qabsiisee naannawa isaatirra fiiga. Anis ni jedhe kuni eenyudhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraa deemi, gara fuunduraa deemi. Nutis gara fuunduraatti deemnee ashaakiltii biqiltoonni garmalee magariisa ta’anitti dhufne. Ashaakilti kana keessa namticha garmalee dheeraa ta’etu jira, dheerinna irraa kan ka’e mataa isaa arguutti hin dhiyaadhu. Naannawa isaa ijoollee garmalee baay’atan takkuu hin agarretu jira. Anis ni jedhe, kunniin eenyudhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraa deemi, gara fuunduraa deemi.

Nutis gara fuunduraatti deemun ashaakilti garmalee guddaa ta’etti dhufne. Ashaakilti (garden) san caalaa ashaakilti garmalee guddaa fi bareedaa ta’e argee hin beeku. Hiriyoonni kiyya lamaanis ni jedha, “gara ashaakilti kanaatti ol bahi” Nutis itti ol baanee magaalaa bilooketti warqii fi meetii irraa hojjatamtetti dhufne. Balbala magaalaa tanaatti dhufuun akka nuuf banamuu gaafanne. Balballis nuuf baname. Nutis ishii yommuu seennu, namoota walakkaan qaama isaanii garmalee bareedaa ta’e, walakkaan immoo garmalee fokkuu ta’een achi keessatti wal qunnamne. Hiriyyoonni kiyya lamaan namoota kanniin lagatti akka of darban ajajan. Magaalatti tana keessaa laga addeenyi isaa akka aannani fakkaatutti yaa’a. Namoonni sunniin laga kana keessatti of darbun bifti fokkuun suni irraa deemee suuraa bareedaa ta’een nutti deebi’an. Nabiyyin (SAW) itti dabaluun ni jedhan, “Hiriyyoonni kiyya lamaan (Malaykoonni) ni jedhan: “Tuni Jannata Adni (Qubsumaati). Kuni mana keeti.” Anis ija kiyya olkaasee masaraa akka dumeessa adii ta’e arge. Hiriyoonni kiyya lamaanis ni jedhan, “Suni (Masaraan) mana keeti.” Anis isaaniin ni jedhe, “Rabbiin barakaa isiniif haa godhu! Na dhiisaa haa seenu.” Isaanis ni jedhan, “Ammaf hin seentu, garuu gara fuunduraatti seenta.”

Anis ni jedhe, halkan kana guutuu wantoota ajaa’ibaa arge. Wantoonni ani arge sunniin maaliidhaa?” Isaanis ni jedhan, si beeksifna: Namtichi jalqabaa ati itti dhufte kan mataan isaa dhagaadhaan buruqfamu, namticha Qur’aana baratee ergasii hin dubbisuus, ajajoota isaas hojii irra hin oolchu. Salaata dirqamaa irraas ni rafa. Namtichi afaan, funyaanii fi ijji isaa fuundura irraa gara duubaatti tarsaafamu immoo namticha ganamaan mana isaati bahee soba baay’ee addunyaa guutuu waliin gahuu sobuudha. Dhiironni fi dubartoonni qullaa wanta akka midijjaa keessa jiran immoo dubartoota fi dhiirota zinaa raawwataniidha. Namtichi laga keessa daaku fi dhagaa akka liqimsu isaaf kennamu immoo namticha ribaa (dhala) nyaatudha. Namtichi bifti garmalee jibbisisaa ta’ee fi ibidda qabsisuun naannawa ishii irra deemu, Maalik waardiya Jahannam kan ta’eedha. Namtichi ashaakilti keessatti garmalee dheeraa ta’e immoo Ibraahim (aleyh salaam). İjoolleen naannawa isaa jiran immoo ijoollee fixrah (Islaamaa) irratti du’an hunda. [Namni hadiisa kana gabaasu ni jedhe] Muslimoonni gariin akkana jechuun nabiyyi gaafatan: Ijoolleen mushrikootaa maal ta’uu?” Nabiyyiinis (SAW), “Ijoolleen mushrikootas” jechuun deebisan.

Namoonni walakkaan isaanii bareedaa, walakkaan immoo fokkuu ta’e, namoota hojii gaarii fi hojii badaa walitti makaniidha. Garuu Rabbiin isaaniif irra darbe.” Sahiih Al-Bukhaari 7047

Zinaan gosa sharrii hundaa of keessatti kan qabateedha. Amantiin xiqqaachu, waan badaa irraa of qabuu dhiisu, dhiirummaan baduu, hinaaffin xiqqaachu of keessatti qabata. Nama zinaa raawwatu biratti waan badaa irraa of qabu, waadaa guutuu, dubbii keessatti dhugaa dubbachuu, niiti isaa irratti hinaaffi hin argitu. Kaadun, kijibuun, saalfannaan xiqqaachuu fi amaloonni babbadoon biroo isarraa mul’atu.

Adabbiin biraa nama zinaa raawwatu irratti bu’u, dallansuu Rabbii azza wa jalla, fuulli gurraacha’u fi dukkanaa’u, qalbiin dukkanaa’u, ifti ishii baduu, hiyyummaa namarraa addaan hin baane fi kkf adabbii zinaa irraa dhalataniidha.

Ammas, zinaan kabaja nama isa raawwatu balleessa, Ija Rabbii irraa isa/ishii kuffisa, ija gabroota Isaa irraayyyis ni kuffisa. Ammas, maqaan hundarraa gaarii ta’e kan akka kabaja eeggachu, tola oolu fi haqummaa irraa mulquun faallaa maqaa kanaa kennaaf. Kan akka faajir (nama badii baay’ee hojjatu), faasiq (fincilaa), sagaagalaa ykn sagaagaltuu, kaadi fi kkf kennaaf. (Mee itti xinxalli, namni yommuu zinaa (sagaagalummaa) irraa of eegu, maqaa babbareedan waamama. Inni/ishiin nama kabaja ykn qulqullummaa ofii eeggatu/ttu. Ishiin durbummaa qabdi fi maqaaleen babbareedon biroo isaaf/ishiif kennama. Garuu yommuu fedhii ofiitin zinaa raawwatu/ttu, maqaaleen fokkuun ni kennamuuf. Maqaalee fokkuu kana asitti dubbachuunu ni ulfaata.  Isinu ni beektu, maqaa hawaasa keessatti itti baasan. Kanaafu, namni qaruuten maqaa badaan waamame akka hin salphanneef, zinaa irraa ni dheessa.)

Ammas, namni zinaa raawwatu midijjaa Ergamaan Rabbii (SAW) dhiirotaa fi dubartoota zinaa raawwatan keessatti argeef nafsee ofii saaxila. Hadiisa armaan olii keessatti adabbii namoota zinaa raawwatanii akkana jechuun dubbata: “Ergasii gara fuunduraatti deemun wanta akka midijjaa guddaatti dhufne. Achi keessa iyyansaa fi sagaleetu jira. Midijjaa kana keessa yommuu ilaallu dubartootaa fi dhiirota qullaa ta’antu jira. Isaan jalaa laboobaan ibiddaa isaanitti dhufa. Yommuu laboobaan kuni isaanitti dhufu garmalee iyyu.”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanarraa nu haa tiiksu.

Ammas, adabbiin zinaa biraa, qulqullinni (gaarummaan) Rabbiin warra kabaja ofii eeggatan ittiin ibse nama zinaa raawwatu irraa ni mulqama. Bakka kanaa, warroota zinaa raawwatan khabiis (badaa) jechuun ibseen bakka buufama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dubartoonni badoon dhiira badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’u. Dubartoonni gaariin dhiirota gaariif, dhiironni gaariinis dubartoota gaariif ta’u.” Suuratu An-Nuur 24:26

Ammas adabbii zinaa irraa: kophummaa Rabbiin qalbii nama zinaa raawwatu keessa kaa’udha. Kuni kophummaa fuula isaa irraa mul’atuun wal fakkaata. Namni zinaa irraa of eegu fuula isaa irra mi’aa, qalbii isaa keessa boohartiitu jira. namni isa walin taa’e ni boohara. Namni zinaa raawwatu garuu fuula isaa kophummaatu uwwisa. Namni isa waliin taa’ee kophummaan itti dhagahama.

Ammas adabbiin biraa: kabajnii fi sodaan namoonni nama zinaa raawwatuuf qaban qalbii isaanii keessaa ni baha. Ija isaanii keessatti inni/ishiin wanta hundarra tuffatamaa fi xiqqaa ta’a. Faallaa kanaa, namni zinaa irraa of eegu, ni sodaatama, ni kabajama.

Ammas adabbiin biraa: qomni dhiphachuu fi danqamuu- dhugumatti warri zinaa raawwatan faallaa wanta yaadanii argatu. Namni mi’aa jireenyaa wanta Rabbiin dhoowwen barbaade, Rabbiin subhaanahu faallaa wanta inni barbaadetiin isa adaba. Dhugumatti, wanta Rabbiin bira jiru Isaaf ajajamuun malee hin argatan. Rabbiin Isa faallessu (ma’asiyaa) karaa kheeyri ittiin argatan gonkumaa hin goone. Osoo namni zinaa raawwatu zinaa irraa of eegu (iffah) keessa mi’aa, gammachuu, qomni bal’achuu fi mi’aa jireenyaa argee, silaa wanti isa jala darbe wanta argatee caalaa dacha dachaa ta’u ni argaa ture.

Ammas adabbiin biraa: Qubsuma Jannataa keessatti Al-Huurul Ayn dhabuuf of saaxila.

Zinaan rahimummaa (hariiroo firummaa) kutuutti, haadha abbaaf ajajamu fi toluu oolu diduutti, isaan lamaan rakkisuutti, galii haraamaa argachuutti, namoota miidhu fi maatii gatuutti nama oofa. Inumaa gara dhiiga haraamaa jiigsutti geessu danda’a. Beekes wallaales zinaa irratti sihrii fi shirkii gargaarsifachu danda’a.

Badiin zinaa duraa fi waliin gosoonni badii biroo dhufan malee hin guuttamu. Zinaa erga raawwatanii boodas gosoonni badii baay’een ni dhalatu. Duraa fi boodaan badii garagaraatin kan marfameedha. Sharrii addunyaa fi aakhira namatti fida. Wanta hunda caalaa kheeyri addunyaa fi aakhira namarraa hanqisa.[1] Namni zinaatti yoo kufe, takkaa qananiin keessaa, takkaa qananiin alaa takkaa immoo qananiin alaa fi keessaa isarraa fudhatamti. Qananiin keessaa kan akka mi’aa iimaanaa fi ibaadaa, gammachuu, mirqaansu, qomni bal’achu, kabajaa fi kkf. Qananiin alaa immoo kan akka fuulli ifuu, qabeenya, namoota keessatti kabaja argachuu. Qananiiwwan kunniin isaaf itti fufu yoo inni mataa ofiitiin badii raawwachuun ofirraa kaase malee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

8:53

“Sunis, hanga isaan wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiranitti Rabbiin qananii ummata qananiise kan hin jijjirree ta’eefi. Dhugumatti, Rabbiin Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Anfaal 8:53
Sunis” kana jechuun azaabni (adabbiin) Rabbiin ummattoota kijibsiisan irratti buusee fi qananii isaan keessa jiran isaan irraa fudhate, sababa badii isaan hojjatanii fi wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiraniifi. Qananii amantis ta’i qananii addunyaa irraa Rabbiin qananii namoota qananiise hin jijjiru, hanga isaan wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiranitti malee. Kana irra, yoo isaan Isa galateefachuu dabalanii fi itti fufan, Innis isaaniif dabala. Wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiruu jechuun Rabbiif ajajamu irraa gara Isa faallessuutti jijjiru, Isa galateefachu irraa qananii Isaa waakkachuu. Yommuu isaan kana godhan, qananii isaan irraa fudhata. Akkuma isaan wanta of keessa jiru jijjiran Innis isaan irratti jijjira.[2]
Adabbiin zinaa baay’eedha. Namni adabbii fi miidhaa zinaa irraa dhalatutti xinxalluun irraa fagaachu danda’a. Garuu namni zinaatti kufe, dafee tawbaa dhugaa tawbachuun of qulqulleessu fi adabbii jalaa bahuu danda’a.


Kitaabban wabii:
[1] Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul mushtaaqiin– fuula 485-497, Ibn Al-Qayyim
[2] Tafsiiru Sa’dii-fuula 368

Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 3
Zinaa Irraa Akkamitti Of eegan?-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply