Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 3

Kutaa darbe keessatti adabbii fi miidhaa zinaa irraa dhalatu ilaalle turre. Namni wanta badaa tokko kan dhiisuf takkaa adabbii isatti dhufu sodaachun takkaa immoo faayda isa jala darbuu sodaachun takkaa immoo mindaa fi waan gaarii abdachuuni. Namni kanniin sadan sammuu keessatti yoo galche hojii fokkuu zinaa irraa ni fagaata.

Akkuma yeroo darbe jenne adabbiin zinaa addunyaa fi Aakhiratti guddaadha. Kanneen akka dhibee, jeequmsa, hanga Guyyaa Qiyaamaa ruuhin adabamu fi kan biroo. Ammas, namni zinaatti yoo kufee faaydaaleen baay’een isa jala darbu. Kanneen akka gammachuu, mirqaansu, tasgabbii, kabaja, hojii gaggaarii hojjachuu, mi’aa iimaanaa, mi’aa ibaadaa fi kkf. Gama biraatin, namni zinaa irraa yoo obse, qalbii isaa keessatti gammachuu fi tasgabbii argata, hawaasa keessatti kabajaan jiraata. Ammas, Rabbii olta’aa irraa Guyyaa Murtii mindaa hangana hin jedhamne argata. Qur’aana keessatti: “Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-naazi’aat (79):40-41) Mee har’as itti fufuun zinaa irraa fagaachuuf wantoota nama gargaaran haa eerru:

3-“Akkas yoo godhe akkas hin ta’uu” jechuun badiitti tarkaanfachu irraa of eegu- namoonni yeroo baay’ee humnaa fi tooftaa ofii irratti hirkachuu fi amanuun badii baay’eetti taru. “Akkas yoo godhe adabbiin ykn miidhaan kuni narra hin gahu” jechuun yaadu. Garuu dhugaan isaan hubachuu dadhaban: Murtii Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa wanti deebisu tokkollee hin jiru. Sababa namoonni badii hojjataniin, adabbii yoo isaan irratti murteesse, adabbii Isaa kan deebisu hin jiru. Qur’aana keessatti ni jedha:

Dhugumatti Rabbiin wanta namoota bira jiru hin jijjiru hanga isaan wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiranitti malee. Yeroo Rabbiin namootatti hamtuu fedhe, isaaf deebisaan hin jiru. Isaan ala tiiksaan isaaniif hin jiru.” Suuratu Ar-Ra’ad 13:11

Hanga namoonni iimaana irraa gara kufriitti, Rabbiif ajajamuu irraa gara Isa faallessutti darbanitti malee Rabbiin qananii fi tola namoota qananiise hin jijjiru. Yeroma isaan iimaana irraa gara kufriitti ykn Isaaf ajajamuu irraa gara Isa faallessutti ykn immoo qananii Isaatiif galata galchuu dhiisanii yoo ittiin of tuulan, qananii kan isaan irra qola (fudhata). Haaluma kanaan, namoonni ma’asiyaa (badii) irraa gara Isaaf ajajamuutti darbuun wanta isaan keessa jiru yoo jijjiran, Rabbiinis rakkoo fi dararaa isaan keessa turan gara laafinnaa fi gammachuutti isaaniif jijjira. “Yeroo Rabbiin namootatti hamtuu fedhe” kana jechuun adabbii, rakkoo fi wanta isaan jibban yoo isaan irratti buusu fedhe, eenyullee deebisu hin danda’u. “Isaan ala tiiksaan isaaniif hin jiru.” Rabbiin ala wanta badaa isaan jibban irraa kan isaan eegu fi waan gaarii isaan jaallatan kan isaaniif fidu hin jiru. Kanaafu, badii hojjachuu itti fufuu irraa of haa qusatan.[1]

Seera hin jijjiramne kanarraa ka’uun, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Isa faallessuu fi wantoota fokkuu hojjatutti adabbii fi rakkoo buusu yoo fedhe, eenyullee nama kanarraa rakkoo fi adabbii kana deebisuu hin danda’u. Hanga fedhe “Tooftaalee rakkoo narraa deebisan” jedhee yaade hunda haa fayyadamu, homaa isa hin fayyadan. Mee akka fakkeenyaatti, ilma Nabii Nuuh haa ilaallu. Yommuu ummanni Nabii Nuuh, ergaa isaa didanii kufrii fi badii isaanii itti fufan, dhumarratti Rabbiin subhaanahu adabbii isaan irratti murteesse. Adabbiin kunis samii irraa fi dachii keessaa bishaan isaanitti dhangalaasudha. Nabii Nuuhin (aleyh salaam) dooni (markaba) hojjatee akka lubbuu qabeenyi irraa cimdii fi namoota amanan achirratti guuru Rabbiin ajaje. Yommuu dooni hojjate yaabbif ka’uu, ilma isaatiin, “Koottu nu waliin dooni tana yaabbadhu” jedheen. Garuu ilmi isaa, “bishaan jalaa gaara gubbaatti dheessa, gaarri bishaan irraa na eega” jechuun abbaa waliin markaba yaabbachu dide. Qur’aanni akkana jechuun haasawa isaanii nuuf gabaasa:

“Ishiinis (doonin) danbalii akka gaaraa keessa isaaniin deemte. Nuuh ilma isaa [doonii irraa] fagoo tureen, “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhu, kaafirota waliin hin ta’in.” jechuun itti lallabe. [Ilmis] ni jedhe, “Gara gaaratti baqadha, [gaarri] bishaan irraa na eega.” [Nuuhis] ni jedhe, “Har’a wanti ajaja Rabbii irraa nama eegu hin jiru, nama Rabbiin rahmata godheef malee.” Danbaliin isaan lamaan jidduu seene, innis (ilmi) warra bishaanin nyaataman keessaa ta’e.” Suuratu Huud 42-43

Ilmi nabii Nuuh gaara abdate. Garuu gaarri adabbii irraa homaa isa hin fayyanne. Kuni namootaaf barnoota guddaa ta’a. Badii yoo hojjadhe, adabbii Rabbii irraa kana gochuun of eega jedhanii yaadun dhugumatti of gowwoomsudha. Amma mee seenaa kanaa fi mata-duree keenya wal haa qabsiisnu. Namoota zinaaf dharra’an dhibeen qabamta, ni ulfoofta jedhanii yommuu itti himan, wanta hammayyaatin of eega jechuu danda’a/dandeessi. Wanti hammayyaa kunis, kondomii, kiniini, ulfa baasu fi kkf dha. Wantoonni kunniin sababoota. Garuu, akkuma irranatti jenne sababoonni kunniin adabbii Rabbii irraa nama eegu hin danda’an. Namoota meeqatu kondomii fayyadame, garuu dhibee eedisitiin qabame. Dubartii meeqatu kininii osoo fayyadamtu ulfoofte. Ammas, dubartiin yoo ulfooftee ulfa baaste, altokkotti badii lama gurguddaa hojjatti. 1ffaa-zinaa raawwachu, 2ffaa-lubbuu haqa malee baasu. Dhugumatti kunniin lamaan shirkitti aane badii hundarra gurguddaa ta’aniidha.

Kanaafu, namni ‘Akkana yoo godhe, kuni na hin qunnamu’ jechuun baditti tarkaanfachu hin qabu. Ta’uu baannan, akka ilma Nabii Nuuh “gaaratti baqadha, gaarri bishaan irraa na eega” jedhee ergasii bishaaniin nyaatame ta’a. Ilmi kuni ilma hojiin isaa gaarii hin turreedha. Kanaafi, bishaanin nyaatame. Namni biraas hojii badaa yoo hojjate, rakkoo adda addaatiif of saaxila.

4-Boodarra nan tawbadha jechuun ibidda zinaa harkaan qabachu irraa of eegu– tarii namoonni yommuu fedhiin lubbuu isaan too’atu, “Homaa rakkoo hin qabu, boodarra nan tawbadha” jechuun baditti lixuu danda’u. Akkuma mata-duree tawbaa jalatti kaasne, tawbaan shuruuxa (ulaagaalee) qaba. Ulaagaalee sanniin keessaa, badii irraa buqqa’uu fi gara fuunduraatti itti deebi’uu dhiisudha. Namni yommuu baditti taruu, boodarra badii kanarraa buqqa’uun isatti ulfaata. Adaduma, ‘Badii irra buqqa’e har’a boru nan tawbadha’ jedhe gara fuunduraatti tawbaa dabarsuun duuti itti dhufuun isaa fi tawbaa jidduu seenti. Ergasii wanta barbaadu san hin argatu. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

34:54

Akkuma duraan fakkaattota isaanitti hojjatame, isaanii fi wanta isaan barbaadan jidduu girdoon ni kaa’ame. Dhugumatti isaan shakkii cimaa keessa turan.” Suuratu Saba 34:54

Aayan tuni warroota kafaranii fi Qiyaamaa ilaalchise shakkii keessa turan dubbatti. Guyyaa Qiyaamaa ganda azaaba (adabbii) seensifamu. As keessatti qabxiilee lama ni ilaalla: wanti isaan barbaadanii fi girdoon maali?
1ffaa- wanti isaan barbaadan baay’eedha. Isaan keessaa: iimaana, tawbaa, hojii gaggaarii hojjachuu, azaaba keessaa bahuu, Jannata seensifamu…
2ffaa-girdoon (gufuun) isaanii fi wanta isaan barbaadan jidduu seene immoo kufrii fi adabbii Jahannami.[2] (Adabbiin Jahannam akka Jannata hin seenne gufuu fi cufaa guddaa ta’e. Ammas, Jahannam keessaa bahanii Jannata akka hin seenne kufriin isaanii gufuu guddaa ta’e. Gara addunyaatti deebi’anii amanuu, tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuu hin danda’an, gara fuunduraattis deemanii Jannata seenu hin danda’an. Kufrii fi Jahannam cufaa guddaa isaanitti ta’e.)

Guyyaa Qiyaamaa, “Gara addunyaatti osoo deebifamne, aayata Gooftaa keenya osoo kijibsiisu baannee fi warra amanan keessaa taane maal qaba!”* jechuun hawwu. Garuu yeroon waan irra darbeef hawwiin isaanii kuni fudhatama hin qabu. Namni tawbaa duubatti harkisuus, “Maal qaba osoo tawbadhee hojii gaggaarii hojjadhe jiraadhe” jechuun hawwa.

Aayah tanaa fi mata-duree keenya yommuu wal qabsiisnu, namaa fi tawbaa jidduu girdoon ykn gufuun seenun akka hin tawbanne isa taasisu danda’a. Namni boodarra nan tawbadha jedhee osoo badii hojjatu, isaa fi tawbaa jidduu duuti seenun, wanta barbaadu dhaba. Wanti barbaadu kunis, adabbii keessaa bahu, Jannata seenu, gara addunyaatti deebifamuun hojii gaggaarii hojjachuu fi kan birooti. Boodarra nan tawbadha, jireenya kiyya nan sirreessa jettee badii raawwachuuf yoo yaadde, qabxiilee tanniin yaadadhu:
1- Sii fi tawbaa jidduu gufuun tokko seenun akka hin tawbanne si gochuu danda’a. Gufuun guddaan tawbaa fi nama jidduu seenu du’a. Duuti dhufnaan carraa tawbachuu hin argatan.
2- Lubbuun osoo jiraatteyyuu boodarra tawbachuun akka sitti ulfaatu yaadadhu. Badiin qalbii keessatti hidda yoo qabate, boodarra buqqisuun ni ulfaata. “As-sabru ani shahwati saa’ati kheyru min sabri ala alami dahri (Laalaa jireenya guutuu irratti obsu irra shahwaa (fedhii lubbuu) sa’aati tokko irratti obsuutu caala.)” Kana jechuun laalaa fi adabbii badii irraa dhalatu irratti obsuu caalaa lubbuu ofii wanta haraamaa irraa qabuu irratti obsuutu caalaa. Fedhiin lubbuu yoo obsan yeroo muraasan booda ni deema. Laalaan wanta haraama hojjachuu immoo jireenya guutu nama guba.

Namni tanaan dura yoo baditti kufe, dafee irraa buqqa’uuf haa tattaafatu. Badii irraa buqqa’e gara Rabbii deebi’un isuma fayyadaa malee eenyullee hin fayyadu. Jireenya keessatti boqonna sammuu argata.


[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 479
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Saba’a, fuula 317-320, Muhammad bin Saalih Useymiin, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/124, Zaadul Masiir fuula 1156
*Suuratu Al-An’aam 6:27

Print Friendly, PDF & Email
Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 4
Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 2

Leave a Reply