Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 4

Offline dubbisuf

5-Namni wanta haraamaa jaallatu Rabbiif jedhee dhiise, wanta san karaa halaalatiin argata ykn kan san caalu Rabbiin bakka isaaf buusa-Har’as imaamu ibn Al-Qayyim irraa jechoota mi’aawo haa habbuuqannu.

Mata-dureen boqonnaa kanaa fi bu’uurri isaa: “Namni wanta tokko Rabbiif jedhee dhiise, Rabbiin wanta san caalu bakka buusaaf.” Akkuma Yuusuf (aleyh salaam) Rabbiif jedhe niiti Aziiz dhiisee fi wanta fokkuu hojjjachuu irraa mana hidhaa filate, Rabbiin dachii keessatti iddoo isaaf mijeessun bakka buuseef. Dubartin suni xiqqaattu, kadhattuu fi karaa halaalatin isaa argachuuf dharra’aan isatti dhufte.

Mee ilaali, akkamitti Rabbiin subhaanahu dhiphinna mana hidhaa irratti jazaa Yuusufif kafale: dachii keessatti haala isaaf mijeessuun bakka fedhe akka qubatu taasise. Aziizi fi niiti isaa akka isaaf of gadi xiqqeessan taasise. Niitin isaati fi dubartoonni biroo inni qulqulluu akka ta’e ni mirkaneessan. Kuni seera Rabbii duraanii fi ammaa hanga Guyyaa Qiyaamaa turuudha.

Yommuu muhaajironni Rabbiif jedhanii manneeni fi biyya isaanii gadi dhiisanii bahan, addunyaa isaaniif banuu fi bahaa dhiya dachii akka bulchan isaan taasisuun bakka isaaniif buuse. Osoo namni hatuu Rabbiin sodaate fi qabeenya eeggamaa hatuu dhiise, sila Rabbiin karaa halaalatin fakkaatama sanii isaaf kennaa ture.  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Namni Rabbiin sodaatu, Inni karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaanne irraa rizqii isaaf kenna.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:2-3

Namni wanta isaaf hin hayyamamne dhiisun yoo Rabbiin sodaate, gara inni hin yaanne irraa akka isa sooru Rabbiin olta’aan ni beeksise. Haaluma kanaan, namni zinaa raawwatu, Rabbiif jedhe karaa haraamaatin fedhii isaa guuttachuu osoo dhiise, silaa Rabbiin karaa halaalaatin wanta barbaade kana ykn kan san caalu akka argatu isa taasisa. Mee seenaalee muraasa waa’ee kana ilaalchise asitti haa eerru:

Akkana jedhamuun dubbatama: Namtichi tokko dubartii takka jaallate, ishiinis isa ni jaallatte. Gaafa tokko bakka tokkotti wal qunnaman. Dubartiin tuni isa ni barbaadde (kana jechuun fedhii foonii akka guutuf barbaadde). Garuu inni ni jedhe: ajalli (yeroon du’aa) kiyya harka kiyya keessa hin jiru. Yeroon du’aa keetis harka kee keessa hin jiru. Tarii yeroon du’aa dhiyaatu danda’a. Kanaafu, warra badii hojjatu taanee Rabbiin qunnamna! Ishiinis ni jette: “Dhugaa dubbatte.” Ergasii isaan lamaanu ni tawbatan, haalli isaanii ni tole. Dhumarratti ishiin isatti heerumte.

Bakr ibn Abdullah al-Muzaniyy akkana jechuun dubbata: gaafa tokko namtichi foon cicciruu fi gurguru tokko ollaa isaa keessaa intala takka irraa jaalalaan qabame. Warri intala tanaa haajaaf ganda biraatti ishii ergan. Namni kunis ishii hordofe duuka deemuun fedhii fooni isaaf akka guuttu ishii barbaade. Ishiinis ni jette: Hin hojjatin, sababni isaas, jaalalli ani siif qabu garmalee cimaadha. Garuu ani Rabbiin sodaadha. Innis ni jedhe: Ati Rabbiin sodaatta, ani hin sodaadhuu? Ergasii wanta yaade kanarraa tawbatee deebi’e.[1]

 6-Filannoo lamaan keessaa tokko filachuu- filannoon kunis: takkaa adabbii fi laalaa yeroo gabaabaf turuu filachuu takkaa immoo mi’aa haraamaa yeroo gabaabaf turuu filachuu.

Imaamu ibn Al-Qayyim itti fufuun, mata-duree, “Waa’ee nama mi’aa haraamaa argachuu irra adabbii fi laalaa yeroo gabaabaf turu filate ilaalchise” jedhu jalatti ni jedha: boqonnaa kana namoota lamatu seena: 1ffaa-nama Aakhiratti, mindaa fi adabbii irraa wanta Rabbiin qopheessetti amanuu (iimaana) qalbii isaa keessatti hidda qabsiisedha. Namni kuni wantoota isa jala darban lamaan keessaa xiqqaa kan ta’ee fi adabbii lamaan keessaa salphaa kan ta’e filate. Namni lammataa immoo, nama sammuun (aqliin) isaa fedhii isaa moo’ateedha. Badii wanta fokkuu keessa jiruu fi faaydaa wanta fokkuu kanarraa garagaluu keessa jiru ni beeke. Kanaafu, wanta gadi aanaa irra wanta ol’aanaa filate.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabii Yuusufiif (aleyh salaam) dhimmoota lamaan kanniin walitti qabeefi jira. Nabii Yuusuf haraama hojjachuu irra mana hidhaa keessatti hidhamuun adabbii addunyaa filate. Dubartiin isa waliin haraama akka hojjatu barbaadde ni jetteen: “Wanta ani itti isa ajaju yoo hin hojjatin, dhugumatti isa hidha, innis xiqqaattota keessaa ta’a.” [Yuusufis] ni jedhe, ‘Yaa Rabbi! Wanta isaan itti na waaman irra hidhaan naaf jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara isaanitti dabee wallaaltoota keessaa ta’a.’ Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa garagalche. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Yuusuf 12:32-34

Wanta fokkuu hojjachuu irra mana hidhaa filate. Ergasii humnaa fi tooftaa ofii irraa qulqullaa’un gara Rabbiitti dheesse. Wanta fokkuu kana irraa fagaachun humnaa fi tooftaa isaatin osoo hin ta’in, gargaarsaa fi eeggumsa Rabbiitiin akka ta’e ni beeksise: “Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara isaanitti dabee wallaaltoota keessaa ta’a.”

Namni nafsee ofii, obsa isaa, haala isaatii fi kabaja ofii eegu irratti hirkachuu fi itti tasgabbaa’u hin qabu. Yeroma inni wantoota kana irratti hirkate, eeggumsi Rabbii isarraa fottoqa, gargaarsa dhabuun isa marsa. Dhugumatti, Rabbiin nama hundarra Isa biratti kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akkana jedhee jira:
Osoo gadi si dhaabu baanne silaa ati gara isaanitti waan xiqqoo dabde oolte.” (Suuratu Al-Israa 17:74)
Yaa Muhammad! Osoo gadi si dhaabu fi jabeessu baanne, silaa ati wanta garii mushrikoonni sirraa barbaadanitti xiqqoo dabuuf dhiyaatte turte. Garuu waan gadi si dhaabnef, wanta isaan sirraa barbaadanitti xiqqomayyu hin dabne. Kuni siif eeggumsa. 

Kanaafi, du’aayi Ergamaa Rabbii (SAW) keessaa: “Yaa muqallibal quluub sabbit qalbii alaa diinika (Yaa Kan qalbii gaggaragalchu! Qalbii tiyya diini Kee irratti gadi dhaabi.”

Dhugumatti, seerri Rabbii uumamtoota Isaa keessatti hojiirra oola, seerri kunis: namni qunnamti haraamaa dhiisee laalaa yeroo gabaabaaf turu filate, Rabbiin subhaanahu addunyaa keessatti gammachuu isa badhaasa. Yoo du’ee immoo milkaa’inna guddaatu isaaf jira. Rabbiin olta’aan wanta gabrichi isaaf jedhe danda’e (baadhate) hin gatu.

Imaamu Ahmad kitaaba isaa “Az-Zuhd” jedhu keessatti seenaa kana gabaase jira: Bani Israa’il keessaa aabidni (namni Rabbiin baay’isee gabbaru) tokko gadaamo isaa keessatti ibaadaa hojjataa ture. Guyyaa tokko namoota irraa gareen jallattootaa tokko akkana waliin jedhan: namticha kana osoo wanta tokkoon gadi isa buusne.” Ergasi isaanis gara dubartii gumnaa deemun akkana jedhaniin, “Isaaf of dhiyeessi!” Ishiinis halkan dukkanaa’a fi roobaa keessa isatti dhuftee akkana jette, “Yaa gabricha Rabbii! Gara keetti akka dheessu naaf hayyami.” Inni dhaabbate salaataa ture. Duungoon isaa ni ifti. Inni gara ishii hin mil’anne. Ammas itti deebistee ni jette: Yaa gabricha Rabbii! Dukkanaa fi roobni cimaan [na marse]! Gara keetti akka dheessu naaf hayyami.” Ishiinis isa kadhachuu hin dhiisne hanga ishii seensisuutti. Ergasii inni dhaabbate osoo salaatu ishiin ni ciiste. Gaggaragaluu fi miidhaginna qaama ishii isatti agarsiisu jalqabde. Nafseen isaas ishitti isa waamte. Ergasi [nafsee ofiitin] ni jedhe: Rabbiin kakadhe! Hanga ibidda irratti obsi kee akkam akka ta’e ilaalutti gonkumaa kuni hin ta’u.” Ergasii duungootti dhiyaachun qubbiin isaa keessaa quba tokko hanga gubatutti irra godhe. Ergasii gara bakka salaatutti deebi’e. Ammas nafseen isaa isa waamte. Gara duungoo (kurraazi) dhiyaachun hanga gubatutti quba isaa biraa irra godhe. Ergasii gara bakka itti salaatutti deebi’e. Ammas, nafseen isaa isa waamte. Ergasii hanga qubni isaa biroo gubattutti gara duungoo deebi’e irra godhe. Dubartiin kana hunda ni ilaalti. Dhumarratti gaggabde duute. Yommuu bari’u wanta ishiin hojjatte ilaaluuf deeman. Yommuu ilaalan, ishiin duute. Ni jedhan: Yaa diina Rabbii! Yaa nama hojii ofii agarsiifatu! Ishii irratti kuftee ergasii ajjeefte!” Ergasii gara mootii isaanii isaan deemanii ragaa isarratti baasan. Mootichis akka ajjeefamu ajaje. Aabidni kunis ni jedhe, “Hanga raka’a lama saalatu na dhiisaa.” Ergasii salaate akkana jechuun du’aayi godhe: Yaa Rabbii kiyya! Wanta ani hin hojjanneef akka Ati na hin qabne nan beeka. Garuu na booda dubbistoota irratti salphataa akka hin taane si kadha.” Ergasii Rabbiin nafsee ishii dubartii sanitti ni deebise. Ishiinis ni jette: gara harka isaa ilaalaa.” Ergasii du’atti deebite.[2] (Kitaabu Az-Zuhd-fuula 100-101)

Kuni dhiirota fedhii lubbuu karaa haraamatin guuttachu irra adabbii xiqqaa filataniidha. Dubartoota irraa hoo! Qissaan (seenaan) akkana hin jiru jechuun obboleettiwwan teenya gaafachu danda’u. Eenyen ni jira:

Namtichi tokko Araba irraa intala takka jaallate. Intalli tuni intala naamusaa fi aqlii qabduudha. Hanga halkan dukkanaa garmalee gurraacha’u keessatti wal qunnamanitti dhimma ishii ilaalchisee mala dhayu hin dhiisne. Erga halkan gurraacha kana keessatti wal qunnamani sa’aati tokkoof ishitti haasawe booda, nafseen isaa ishitti isa waamte. Ni jedhe: Yaa dubartii tana! Yaaddon ani siif qabu dheerate!” Ishiinis ni jette: “Anis akkasuma.” Ergasi ni jedhe: Halkan kuni deemaa jira, subiin (bariin) immoo dhiyaataa jira.” Ishiinis ni jette: “Akkuma kana fedhiin lubbuus bada, mi’aanis addaan cita!” Innis ni jedhe: “Maal qaba osoo natti dhiyaatte.” Ishiinis ni jette: [Wanti ati itti na waamtu kuni] fagaate (hin ta’u)! Ani Rabbiin irraa fagaachu fi adabbii Isaa sodaadha.” Innis ni jedhe: kanaafu maaltu akka asitti na waliin argamtu si waame ree?” Ishiinis ni jette: “Gammachuu dhabuu fi balaa kiyya!” Innis ni jedhe: Yoom si argaa?” Ishiinis ni jette, “Hanga si dagadhutti! Si waliin wal qunnamuun immoo ni ta’a jedhee hin yaadu.” Ergasii garagaltee deemte. Innis ni jedh: “Wanta ishii irraa dhagaheen ni saalfadhe. Qalbii tiyya keessaa jaalalli ani ishiif qabu ni bahe. Akkana jechuun walaloo walaleesse:
Adabbii haalon isaa hin danda’amne irraa of eegdee
Ittiin adabamu wanta sodaatte hin hojjannee
Jecha qaanii cimaa irraa kan ka’e kufutti dhiyaadhe jettee
Jaalala jaaminsa nama dhaalchisuu fi ibidda nama seensisuun uff
Anis yaadaa bakka ka’etti deebi’ee
Qalbii tiyya irraa jaaminsi hulluuqe deemee
[3]

7-fuudhu ykn heerumu, yoo kana dadhaban soomudhugumatti fuudhun ykn heerumuun fedhii uumama karaa halaalatiin guuttachuuf waan nama gargaaruf furmaata guddaadha. Namni wanta horatuun yoo qabaate, fuudhun karaalee zinaa irraa ittiin of eegu keessaa tokkoodha. Namni zinaatti kufuu sodaachun yoo fuudhe, In sha Allah gargaarsa Rabbiin irraa ni argata.

Dargaggoonni “Yeroo ammaa jiruun qaalofte. Akkamitti fuunaa? Gama biraatin immoo badiin baay’ate, obsuun ni ulfaata. Kanaafu akkam goona?” jechuun himannaa dhiyeessu. Ergamaan Rabbii (SAW) kanaaf akkana jechuun furmaata dhiyeessu:
Yaa tuuta dargaggoota! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara (kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhuu hin dandeenye immoo haa soomu. Soomun fedhii walqunnamtii fooni hir’isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 5066

Eeti, namni fuudhu hin dandeenye ykn dubartiin heerumu dadhabde, akka sooman gorfamu. Dhugumatti soomun faaydalee baay’ee qaba. 1ffaa-fedhii fooni hir’isuun baditti kufuu irraa nama eega. 2ffaa-mindaa soomaa Guyyaa Murtii argachuun milkaa’inna guddaa milkaa’an.

Guduunfaa
✈Namni Rabbiif jedhee wanta haraamaa dhiise, Rabbiin subhaanahu wanta san caalu bakka buusaaf.
✈Namni Aakhiratti- mindaa fi adabbii Rabbiin qopheessetti dhugaan yoo amane, adabbii lamaan keessaa adabbii salphaa ta’e irratti obsa. Mi’aa lamaan keessaa mi’aa ol’aanaa fi turaa ta’e filata.
Adabbiin lamaan: 1ffaa-addunyaa keessatti sababa zinaa irraa of qabaniin wanta nama qunnamu. Kuni adabbi salphaadha. 2ffaa-Sababa zinaa raawwataniin adabbii turaa Aakhiratti nama qunnamu.
Mi’aan lamaan: 1ffaa-mi’aa fedhii foonii karaa haraamatin guuttachu.Kuni mi’aa gadi aanaa fi turti hin qabneedha. 2ffaa-zinaa irraa obsuun mi’aa guddaa addunyaa fi Aakhiratti argataniidha. Kuni mi’aa turaa fi ol’aanaa ta’eedha.


[1] Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul mushtaaqiin– Fuula 606
[2] Madda olii-fuula 619 [3]Madda olii-fuula 627-628, Zammul Hawaa-fuula 265-266, Ibn Al-Jawzi

Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 5
Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 3
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply