Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 5

Offline dubbisuf

8-Hiriyyoota babbadoo irraa fagaachu-dhugumatti, fedhii keessaa waliin wanti gara badii zinaatti nama dhiibu hiriyyoota babbaadodha. Sababa hiriyyaatin nama meeqatu qilee badiitti tare. Mee, seenaa dhugaa tokko waliin ilaalun dhugaa kana haa hubannu:

Qissaan (seenaan) kuni seenaa baay’ee nama dhukkubsu kan Sheykh Ahmad Al-Qaxxaani daw’aa irratti dubbateedha. Namni sheykni kuni seenaa kana irraa gabaase akkana jedha: “Lafa keessa deemne rizqii barbaadachuf dooni irratti dargaggeessa gaarii, keessi isaa qulqulluu fi amalli isaa gaarii ta’ee waliin hiriyyoomne. Qulqullinnii fi nuurri (ifti) fuula isaa irraa kan mul’atuu fi ifu ta’ee argina. Kan of gadi qabu, salaatu, namoota gorsuu fi qajeelchu ta’ee malee hin argitu. Yommuu salaanni gahu, azaana godhee nuun salaata. Yoo namni tokko salaata irraa duubatti hafe, isa waqqasee gorsa. Adeemsa keenya guutuu haala fi amala kana irra ture.

Galaanni nu oofee odola Hindii takkatti nu darbe. Nutis achitti buunee qubanne. Wantoota warri galaana irra deeman aadaa godhatan keessaa tokko, bakka kana guyyoota muraasaaf turuun ni bashannanu, magaalatti keessa deemun wanta addaa maatii isaanitiif bitanii halkaniin gara doonii isaanii deebi’u. Isaan keessaa namoota jallinna keessatti kufetu ture. Namoonni kunniin iddoo taphaa, fedhii, wanta badaa itti hojjatanii fi bakka sagaagalummaa dhaqu. Dargaggeessi gaariin kuni doonii irraa gonkumaa hin bu’u. Kana irra, doonii irraa wanta suphamu qabu suphuun, funyoo hiike hidhuun, muka jabeessun, zikrii, Qur’aana fi salaatan ko’oomun guyyoota kanniin dabarsa.

Gabaasan ni jedha: ijji isaa imimmaan areeda irra dhangalaasti. Imala tokko irratti osoo dargageessi kuni hojiiwwan isaa waliin ko’oomu (biizi ta’uu), hiriyyaan isaa tokko kan fedhiin itti taphatte, hojii gaarii dhiise hojii badaan of ko’oomse, wanta ol’aanaa dhiise wanta gadi aanaa filate akkana jedheen: yaa hiriyyaa kiyya! Sila ati maaliif dooni irra yeroo hundaa teettaa, ishirraa addaan hin baatu? Maaliif irraa buute addunyaa keetin ala addunyaa biraa hin ilaallee? Wanta yaada bal’isu, nafsee booharsu argita. Ani gara iddoo sagaagalummaa fi Rabbiin itti dallanu koottu siin hin jedhu. Yaa saahiba kiyya, kuni fagoodha. Garuu koottu warra boofaan taphatan ilaali. Boofa hin sodaatan. Akkasumas, nama arba yaabbatu fi akkamitti kumbii isaa masalaali gochuun harkaa fi lukaan irra bahuu ilaali. Ammas, osoo nama mismaari irra deemu argatee obsi isaa akkamitti jabaate, ammas barbaadaa ibiddaa akka teemiraatti nama liqimsu osoo argitee! Nama bishaan galaanaa akka bishaan Firaatitti dhuguu argita! Yaa obboleessa kiyya! Gadi bu’iitii namoota ilaali.

Ergasii nafseen dargaggeessa gaarii kanaa wanta dhagaye qunnamuuf ni sochoote. Ni jedhe, addunyaa tana keessa wanti ati jettu ni jiraa? Hiriyyaan badaan isaa kunis ni jedhe: eeyyen! Odolaa kana keessa ni jira. Gadi bu’i wanta si gammachiisu ni argitaati. Ergasii dargaggeessi gaariin kuni hiriyyaa isaa waliin ni bu’e. Hanga karaa dhiphootti isa seensisuutti suuqi fi karaalee magaalaa tanaa keessa oli gadi waliin deddeeman. Karaan dhiphoon kuni mana xiqqoo tokkotti isaan geessa. Namtichi mana xiqqoo tana seenee dargaggeessa gaariin kuni akka isa eegu gaafate. Ni jedheen, “Yeroo muraasaan booda sitti deebi’a. Garuu manatti dhiyaachu irraa of eeggadhu, of eeggadhu.” Dargaggeessi kuni mana irraa fagaatee taa’e. Qur’aanaa fi zikriin yeroo isaa fixa. Garuu kolfa sagaleen isaa olka’e tasa dhagaye. Ergasii balbala manaa bane. Dubartiin haguuggi qaani fi namummaa ofirraa mulqite isatti gadi baate.

Waaaa!! Kuni balbaluma namtichi keessa seenedha. Nafseen dargaggeessa kana ni sochoote. Gara balbalaas ni dhiyaate. Wanta mana keessatti adeemsifamu dhageefachu jalqabe. Sagalee biraa ni dhagaya. Qaawwa balbalaatin gara keessaa ilaale. Ilaalcha tokkorraan ilaalcha biraa itti daddabaluun wanta duraan hin beekne fi hin agarree ilaalu itti fufe. Ergasii gara iddoo isaatti deebi’e. Yommuu hiriyyaan isaa mana kana keessaa bahuu, “kuni maalidhaa? Ee badii kee! Kuni dhimma Rabbiin itti dallanu fi hin jaalanneedha.” Jechuun waqqase. Namtichis ni jedheen: yaa jaamaa, yaa gaafila, cal’isi. Kuni dhimma si hin ilaallanneedha.”

Gabaasan itti fufuun ni jedha: isaan lamaanu halkaniin barfatanii gara dooni deebi’an. Dargaggeessi kuni wanta argeen yaada isaa ko’oomsuun halkan kana osoo hin rafin bule. Xiyyi sheyxaanaa qalbii isaa too’atee jira. ilaalchi inni ilaale suni lugaama qoma isaa qabatte. Akkuma fajriin baqaqee fi bariin bari’een nama jalqabaa dooni irraa bu’u ta’e. Ilaalu malee wanti biraa sammuu isaa keessa hin jiru. Bakka kaleessaa san ni deeme. Ilaalcha jalqabaa ni ilaale. Ilaalcha biraas itti fufsisee hanga balbala mana sanii banuutti. Guyyaa kanaa fi guyyaa isa booda jiru bakka [wanti fokkuun itti raawwatamu] kanatti dabarse.  Shufeerri dooni oofu isa ni dhabe. Waa’ee isaa ni gaafate. Mu’azzinni eessa jira? Imaamni salaata nu salaachisu? Dargaggeessi gaariin suni eessa dhaqee? Eenyullee deebii hin deebisneef. Isa barbaaduf akka bittinnaa’an isaan ajaje. Ergasii nama bakka san isa geesse shufeerichi ni beeke. Isa dhiyeesse ni akeekachise, akkanas ni jedheen: Sila Rabbiin hin sodaattu? Adabbii isaa hin sodaattu? Amma deemiti isa fidi.” Ergasii namni kunis si’a baay’eef gara isaatti ni deddeebi’e. Garuu isa dhiyeessu hin dandeenye. Sababni isaas, inni isaan waliin deebi’u ni dida. Hogganaan doonii dhiirota baay’een isa dhiyeessu malee filannoo biraa hin arganne. Namoonni kunniinis humnaan baadhachuun gara dooni geessan.

Gabaasaan ni jedha: doonittiin gara biyyaa deebi’uu jalqabde. Namoonnis hojii isaanii itti fufan. Dargaggeessi kuni caafii dooni irra taa’un hanga hiddi onnee isaa cituu gahutti booyu fi aadu jalqabe. Nyaata isaaf dhiyeessu, garuu hin nyaatu. Guyyoota muraasaaf haala badaa isaa kanarra ture. Halkan keessaa halkan tokko booyinsi fi iyyansi isaa ni cime. Warri dooni yaabbate rafuu hin dandeenye. Shufeerri dooni itti dhufuun akkana jedheen: Yaa namana! Rabbiin sodaadhu. Maaltu si tuqee? Booyinsi kee nu jeeqe jira, rafuu hin dandeenye. Ee badii kee! Maaltu haala kee jijjiree? Ee badii kee maaltu si dhayee? Dargaggeesiis kan gadduu fi gaabbu ta’ee akkana jechuun deebii deebiseef: Na dhiisi. Wanta na tuqe ati hin beektu.

Shufeerichis ni jedhe: maaltu si tuqee?” Yeroo kanatti dargaggeessi qaamaa saalaa isaatirraa haguuggi ni mulqe. Yommuu ilaalu, raammoon qaama saalaa irraa gadi kukkufa. Shufeerichis wanta argeef rifate hollate. Ni jedhe: kanarraa Rabbiin tiikfama. Shufeerichi isa biraa ni ka’e. Yommuu barii’uuf deemu sagaleen bilbilaa (dawilii) isaan dammaqsite. Isaanis gara madda sagalee deeman. Yommuu dhaqan, dargaggeessi kuni muka dooni ilkaanin cininee kan du’e argan. Namoonnis khaatima (xumura) gaarii Rabbiin kadhataa deebi’an. Seenaan dargaggeessa kanaa nama barnoota fudhatuuf barnoota taate hafte.

Faayda: seenaan tuni Rabbiif ajajamu keessatti sidq (dhugaa ta’uu) akka qaban nutti agarsiisti. Osoo dargaggeesi kuni Rabbiif ajajamu keessatti warra dhugaan hojjatan keessaa ta’e, silaa Rabbiin isa gadi dhaabaa ture. Akkuma Rabbiin jedhe: “Rabbiin warroota amanan jireenyaa addunyaa fi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbattuun [isaan] gadi dhaaba.” Suuratu Ibraahim 14:27[1] (Kanaafu, namni hojii keessatti ikhlaasa qabaachu fi khaatimaa gaarii irratti du’uuf sirritti Rabbiin kadhachuu qaba.)

9-Yeroo hundaa gara Rabbii azza wa jalla dhiyaachuu fi ikhlaasa qabaachuuf carraaqu– fedhiin lubbuu wanta guddaa moottota diinota isaanii moo’atan of jalatti galcheedha. Mootiin cimaan diinota baay’ee moo’achuu danda’a. Garuu fedhii fi jaalalli inni dubartiif qabu isa moo’achuun gadi isa xiqqeessu danda’a. Dhugumatti, kuni fedhiin lubbuu hangam guddaa fi ulfaataa akka ta’e agarsiisa. Akkuma hayyoonni jedhan, diinni guddaa fi badaan diina keessaatti. Diinni keessaa kunis fedhii lubbuuti fi sheyxaana. Namni diinota kanniin yoo moo’ate, diinota alaa moo’achuun isarratti hin ulfaatu. Dhugumatti, diina keessaa kana moo’achuu fi too’achuuf namni yeroo hundaa gargaarsaa fi eeggumsa isa barbaachisa. Gargaarsa fi eeggumsa kana kan argatu, Rabbii olta’aa irraa qofa. Sababni isaas, fedhii kana nama keessatti qabbaneessu fi sheyxaana namarraa oofu kan danda’u Rabbii olta’a tokkicha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:160

Yoo Rabbiin isin gargaare, kan isin moo’atu hin jiru. Yoo Inni isin gargaaru dhiise, Isa booda eenyutu isin gargaaraa? Warri amanan Rabbiin irratti haa hirkatan.” Suuratu Aali-Imraan 3:160

Yoo Rabbiin isin gargaare, namoonni fi jinnooni dachii keessa jiran osoo walitti qabamanii isin moo’achuu hin danda’an. Sababni isaas, kan Rabbii olta’aa moo’atu fi injifatu hin jiru. Kan isaan too’atu fi sammuu isaanii harka qabu Isa. Lubbu-qabeenyin homtu hin sochootu hayyama Isaatin malee. “Yoo Inni isin gargaaru dhiise” kana jechuun sababa Isaa fi Ergamaa Isaatiif ajajamu diddanii fi ajaja Isaa faallessitaniif,  yoo isin gargaaru dhiisee fi lubbuu teessanitti isin gate, Rabbiin ala eenyullee kan isin gargaaru hin jiru. Kanaafu, ajaja Rabbii fi ajaja Ergamaa Isaa hin dhiisinaa, Isarraa gargaarsa dhabuun badduuti.

Kana keessa Rabbiin irraa gargaarsa barbaadu, humnaa fi tooftaa ofii irraa qulqullaa’un Isarratti hirkachuutti ajajuutu jira. kanaaf itti aanse ni jedha: “Warri amanan Rabbiin irratti haa hirkatan.” Kana jechuun Rabbiin qofarratti hirkadhaa, Isaan alatti wanta biraa irratti hin hirkatinaa. Sababni isaas, kan nama gargaaru Isa qofa akka ta’e beekkame jira. Isa qofa irratti hirkachuun tawhiida kaayyoo barbaadanitti nama geessudha. Isaan ala wanta biraa irratti hirkachuun immoo shirkii nama hin fayyanneedha. Inumaa kan nama miidhudha.[2]

Aayah keessatti “Falaa ghaaliba lakum (kan isin moo’atu hin jiru)” kan jedhutti haa xinxallinu. Wantoonni nama moo’atan baay’eedha. Kanneen akka fedhii lubbuu, sheyxaana, diina namaa fi kanneen biroo. Asitti “Namni isin moo’atu hin jiru” jechuun gosa wanta nama moo’atu adda hin baasne. Kanaafu, Rabbiin yoo nama gargaare wanti nama moo’atu tokkollee hin jiru jechuudha. Fedhiin lubbuu, sheyxaanni, diinni namaa fi kan biroo nama hin moo’atan.

Garuu gargaarsa Rabbii argachuuf ulaagaalee guutu qabantu jira. Ulaagaaleen kunniinis, dhugaadhaan hundeewwan iimaanatti amanuu, Isaaf ajajamuu fi Isa faallessu dhiisudha. Namni ulaagaalee kanniin guute, gargaarsa Rabbiin irraa argata. Namni hin guunne immoo hamma ulaagaleen kanniin hanqiseen gargaasa Isarraa dhaba.

Mee akka fakkeenyaatti seenaa Nabii Yuusuf haa ilaallu. Dubartiin Nabii Yuusufin garmalee jaallatte suni fedhiin lubbuu ishii moo’atee of too’achu dadhabde. Hanga baditti isa waamtu geesse. Nabii Yuusuf immoo wanta fokkuu ishiin itti waamtu ni dide. Fedhiin lubbuu isa hin moo’anne. Amma haa gaafannu, “Maaltu isaan gargar godhee?”

Dubartittin iimaana sirrii waan hin qabneef, gargaarsa Rabbiin irraa dhabde. Kanaafu, fedhiin lubbuu fi sheyxaanni ishii injifate. Nabii Yuusuf immoo iimaana sirrii kan qabuu fi Rabbiif kan ajajamu waan tureef, gargaarsa Rabbiin irraa argate. Kanaafu, fedhiin lubbuu fi sheyxaanni isa hin moo’anne. “Yoo Rabbiin isin gargaare, kan isin moo’atu hin jiru.”

Ammas seenaa dargageessaa armaan oliiti fi seenaa Nabii Yuusuf wal bira haa qabnu. Dargaggeessi kuni iddoo wanti fokkuun itti raawwatamu deemun ni ilaale. Ergasii wanta fokkuutti ni kufe. Nabii Yuusuf dubartittin ishii waliin waan fokkuu akka raawwatu balbala itti cufuun addatti isa affeerte. Garuu Yuusuf ni dide. Kanaafu, dargaggoota kanniin lamaan maaltu gargar godhee? Dargaggeessi armaan olii tarii hojii isaa keessatti ikhlaasa waan hin qabneef badii zinaatti kufe. Kanaafu, gargaarsa Rabbiin irraa hin arganne. “Yoo Inni isin gargaaru dhiise, Isa booda eenyutu isin gargaaraa?” Eeyyen, Rabbii olta’aa malee kan nama gargaaru hin jiru.

Nabii Yuusuf (aleyh salaam) immoo ikhlaasa waan qabuuf Rabbiin badii isarraa deebise. Akkana jechuunis badii zinaa isarraa akka deebisu Rabbii olta’aa kadhate: “‘Yaa Rabbi! Wanta isaan itti na waaman irra hidhaan naaf jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara isaanitti dabee wallaaltoota keessaa ta’a.’ Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa garagalche. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Yuusuf 12:33-34

Barnoota baay’ee seenaa dargaggeessa armaan oliiti fi seenaa Nabii Yuusuf irraa baranna:
✏Dhugaan amanuu fi hojii Rabbiif qofa jedhanii hojjachuu (ikhlaasa qabaachu)- dhugaan amanuu fi hojii gaggaarii Rabbiif qofa jedhanii hojjachuun gargaarsaa fi eeggumsa akka isarraa argatan nama taasisa. Kanaafu, badii zinaa irraa ni eeggamu. Nabii Yuusuf nama ikhlaasa qabu waan tureef zinaa irraa ni eeggame.
✏Yeroo hundaa Rabbii olta’aa irraa gargaarsaa fi eeggumsa barbaadu. Mee ilaali, Nabii Yuusuf akkamitti Gooftaa isaa irraa gargaarsaa fi eeggumsa kadhate. Humnaa fi tooftaa isaa irratti hin hirkanne.
✏Balaa hiriyyaan badaan qabu-Hojiin isaa fokkuu, gorsi isaa gara badiiti.
✏ Badii ilaalchi ijaa qabu-dargaggeessi kuni ilaalcha isaa wanta fokkuutti ni deddeebise. San booda wanti arge qalbii isaa keessatti hidda qabachuun borumtaa gara baditti isa oofe.
✏Barbaachisummaa gargaarsa Rabbii olta’aa- namni hanga fedhe zinaa fi wanta badaa biroo irraa of eeggannoo haa godhu, gargaarsi Rabbii yoo hin jiraatin of qabuu hin danda’u. Ilaali seena dargaggeessa armaan olii fi wanta Yuusuf jedhe.  

Seenaa Nabii Yuusuf fi seenaa armaan olii, haala namoota naannoo keenya jiran, aayata Qur’aanaa armaan oliiti fi aayata biroo irratti xinxalluun karaan hundarra gaariin (best way) zinaa irraa ittiin of eegan, “Gargaarsaa fi eeggumsa Rabbii olta’aa argachuudha” jennee goloobu dandeenya. Gargaarsaa fi eeggumsa Isaa argachuuf immoo Rabbii olta’aa fi hundeewwan iimaanaa hafaniitti dhugaan amanu. Akkasumas, hojii gaggaarii Isaaf qofa jedhanii (ikhlaasan) hojjachuu fi yeroo hundaa gargaarsa, araaramaa fi eeggumsa Isarraa kadhachuudha.

Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota dhugaan amananii fi ikhlaasa qaban, sheyxaanni too’anna akka isaan irratti hin qabne beeksisee jira. (15:40-42, 16:99) Faallaa kanaa immoo, warroota hin amannee fi ikhlaasa hin qabne, sheyxaanni akka moo’atu fi baditti harkisuu beeksisee jira. (19:83) Dhugumatti, sheyxaanni badii zinaatti garmalee nama kakaasa. Waswaasa sheyxaanaa fi gubaa fedhii irraa kan nama tiiksu Rabbii tokkicha. Kanaafu, namni hasaasa sheyxaanaa fi gubaa fedhii jalaa bahuuf karaan tokkichi amanti fi hojiin gara Rabbii dhiyaachuuf tattaafachuudha. Amanti yommuu jennu, iimaana dabalachuu. Hojiin yommuu jennu immoo hojii gaggaarii qulqullinnaan hojjachuu baay’isuudha. Namni akkuma iimaanni isaa cimuu fi hojii gaggaarii ikhlaasaan baay’isee hojjatuun, hasaasni sheyxaanaa fi gubaan fedhii isarraa hir’ataa adeema. Kuni muxannoo namoota baay’etii fi haqa hin jijjiramne, hin dagatin.


Kitaabban wabii:
[1]100 Qissatu min nihaayati zaalimiina Fuula 248-250
[2] Tafsiiru Sa’dii-165, Tafsiiru Xabarii-6/192-193

Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Guduunfaa
Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply