Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Guduunfaa

Offline dubbisuf

Guduunfaa
Tooftaalee zinaa (sagaagalummaa) irraa ittiin of eegan hanga ammaa ilaalle haala kanaan haa guduunfinu:

  1. Wantoota zinaatti nama geessan irraa fagaachu. Kanneen akka haraama ilaalu, saalaa faallaa waliin haajaa tokko malee haasawu, isa/ishii waliin kophaa ta’uu…
  2. Adabbii zinaa itti xinxalluu
  3. “Akkas yoo godhe, akkas hin ta’uu” jechuun baditti tarkaanfachuu irraa of qusachuu
  4. Boodarra nan tawbadha jechuun ibidda zinaa harkaan qabachu irraa of eegu
  5. Namni wanta haraamaa jaallatu Rabbiif jedhee dhiise, wanta san karaa halaalatiin akka argatu ykn kan san caalu Rabbiin akka bakka isaaf buusu beeku
  6. Filannoo lamaan keessaa tokko filachu-adabbii lamaan keessa adabbii salphaa ta’e filachuun irratti obsuu
  7. Fuudhu ykn heerumu, yoo kana dadhaban soomu
  8. Hiriyyaa badaa irraa fagaachu
  9. Yeroo hundaa gara Rabbii azza wa jalla dhiyaachuu fi ikhlaasa qabaachuuf carraaqu

Mindaa Nama Zinaa irraa Of eeguu

Dhugumatti, namni zinaa irraa of eegu, badhaasa fi mindaa hangana hin jedhamne addunyaa fi Aakhiratti argata. Badhaasni guddaan namni addunyaa tana keessatti argatu maal akka ta’e beektu? Eeti, badhaasni guddaan namni hundi halkanii guyyaa argachuuf carraaqu, “Tasgabbii qalbiiti fi Boqonnaa sammuuti”  Tasgabbiin qalbii fi boqonnaan sammuu kan namatti dhagahamu, sodaan, gaddii fi jeequmsi yoo namarraa deemedha. Akkasi miti ree? Namni yoo hin gaddin, hin sodaatinii fi hin jeeqamin tasgabbii fi boqonnaa argata. Zinaan hojii fokkuu waan ta’eef gadda, sodaa fi jeequmsa namatti fida. Kanarraa kan ka’e, tasgabbii fi boqonnaa sammuu dhaban. Akkasi miti ree? Faallaa kanaa, namni zinaa fi wanta zinaatti nama geessu yoo hin hojjatin, tasgabbii fi boqonnaa sammuu ni argata. Eeti, kana waliin iimaanni fi hojii gaggaariin jiraachu qaba. Iimaana osoo hin qabaatini fi hojii gaggaarii hin hojjatin, zinaa qofa irraa fagaachun tasgabbii fi boqonnaa namaaf hin fidu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:82

Isaannan amananii fi iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin, isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” (Suuratu Al-An’aam 6:82)

Zulmiin (miidhaan) guddaan kufrii fi shirkii (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruudha). Itti aanse badiiwwan gurguddoon haqa Rabbii fi haqa namootatiin wal qabatan zulmii (miidhaa)dha. Namni yommuu wanta Rabbiin isarratti dirqama godhe dhiisu ykn wanta Inni dhoowwe hojjatu, nafsee ofii miidha (zolloma). Sababni isaas, adabbii guddaaf of saaxila. Ammas namoota irratti yommuu daangaa darbu isaanii fi nafsee ofii miidha. Kanaafu, tasgabbii fi qajeelfamni namaa hamma iimaana inni qabuu fi hangam zulmii irraa akka fagaate irratti hundaa’a. Namni iimaanni isaa guutuu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti fagaate, tasgabbii fi qajeelfamni isaa guutu ta’a. Namni iimaanni isaa hanquu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti hin fagaanne immoo tasgabbii fi qajeelfamni isaa akkasuma hanquu ta’a. 

Dhugumatti, tasgabbiin qalbii, boqonnaan sammuu fi qajeelfamni mindaa guddaa maallaqni biliyoonatti lakkaawamu hin binneedha. Sababni isaas, tasgabbii qalbii irratti Kan buusu, jeequmsa oofun sammuuf boqonnaa Kan kennuu fi karaa sirriitti nama qajeelchu danda’u Rabbii tokkicha. Isaan ala eenyullee kana hojjatu hin danda’u. Osoo Inni sodaa fi jeequmsa namatti buuse, eenyutu namarraa oofu danda’aa?

Kanaafi, namni wanta badaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhoowwe yommuu hojjatu, sodaa fi jeequmsi gara hundaan isa marsa. Gabaabumatti, namni iimaana sirrii qabaachuun hojii gaggaarii yoo hojjatee fi zinaa irraa yoo fagaate, tasgabbii qalbii, boqonna sammuu fi qajeelinna badhaafama.

Aakhiratti immoo mindaan isaa hangana hin jedhamu. Mee mindaa san keessaa muraasa haa ilaallu:

55:46

Nama Gooftaa isaa fuundura dhaabbachuu sodaatef Jannata lamatu jira.” Suuratu Ar-Rahmaan 55:46

Nama Fuunduree Rabbii dhaabbachuu sodaachun wanta Inni itti ajaje hojjate fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiise, Jannata lama meeshaaleen, faayni fi ijaarsi isaanii warqii irraa ta’antu isaaf jira. Jannata lamaan keessaa Jannanni takka waan dhoowwame dhiisu isaatiif mindaa isaaf kennamuudha. Jannanni biraa immoo wanta itti ajajame hojjachu isaatiif mindaa isaaf kennamuudha.[1]

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-naazi’aat (79):40-41)

Namni Guyyaa Murtii qorannoo fi murtiif Gooftaa isaa fuundura dhaabbachuu fi badii gurguddaaf adabbiin haqaa hojii irra akka oolu sodaatee nafsee ofii fedhii daangaa akka darbu isa taasisu hordofuu irraa dhoowwe, dhugumatti Jannani qananii iddoo qubannaa isaati. Iddoo itti galuudha. Namni kuni nafsee ofii ma’asiyaa fi badii gurguddaatti taruu irraa dhoowwe, dirqamoota bakkaan gahuu fi wantoota dhoowwaman irraa dhoowwun Rabbiif ajajamuu irratti ishii (nafsee ofii) leenjise.

Hawaa– jechuun wanta jaallattutti nafseen dabuudha, osoo wanta san keessa miidhaan, sharriin, badii fi diliin (cubbuun) jiraateyyuu.

“Hawaa” keessa hiika “bakka ol’aanaa irraa bakka gadi aanatti kufuu fi bu’uutu” jira.[2] Dhugumatti, namni hawwii fi fedhii lubbuu badaa hordofe bakka ol’aanaa irraa bakka gadi aanatti kufa. Fkn, namni iimaana fi hojii gaggaariin of faayee yoo badii gurguddaa hojjatee fi dafee hin tawbatin, sadarkaa ol’aanaa irraa sadarkaa gadi aanatti kufa. Addunyaa tana keessatti kabajni isaa ni kufa. Osoo hin tawbatin yoo du’ees Jahannam keessatti kufa. Jahannam iddoo gadi aanaa ta’eedha. Namni tawbatee fi fedhii lubbuu hordofuu irraa of dhoowwe immoo, sadarkaa ol’aanaa irra gaha.

Imimmaan Tawbah

Hanga ammaa akkaata zinaa irraa ittiin of eegan ilaalaa tureerra. Tarii namni fedhiin isaa isa moo’achuun badii kanatti mucucaate hin dhabamu. Namni akkuma dhoqqee irratti yoo mucucaate ka’ee deemu, namni xurii zinaa irratti mucucaates keessaa bahuuf ni tattaafata. Akkasi miti ree? Akkuma yeroo mucucaa, dhoqqee nama tuqe bishaaniin qulqulleessan, xurii zinaa qalbii fi sammuu irraa tawbaan qulqulleessan. Akkasi miti ree? (Tawbaa jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbiif ajajamutti deebi’uudha.)

Namni yommuu akkaataa zinaa irraa ittiin of eegan beeku, “Osoo kana dura kana beeke silaa badii kanatti hin mucucaadhu.” jechuun gaabbu danda’a. Eeti, gaabbin isaa kuni tarkaanfi jalqabaa gara tawbaatti isa/ishii fudhatuudha. Adabbii zinaa addunyaa fi Aakhiratti nama qunnamu yaadachuun imimmaan tawbaa boqoo isaatirra/ishitirraa yaa’u jalqaba. Tarii imimmaan kanaan badiin fokkuun kuni qulqullaa’u danda’a.

Inni/ishiin Guyyaa Murtii qorannoof Rabbii olta’aa fuundura yommuu dhaabbatu/ttu hojii kanaaf akka hin salphanneef har’a isaaf/ishiif akka araaramu qalbii gadi cabsuun araarama Rabbiin irraa kadhata/tti. Adabbii warra zinaa raawwatanii yaadachuun, akka adabbii san Rabbiin rahmata Isaatiin isa/ishii irraa deebisu halkanii guyyaa kadhata/tti. Du’aayi Ergamaan Rabbii (SAW) Abu Bakrin barsiisan kana yaadachuun yeroo hundaa godha/gooti:
اللَّهُمَّ إِنِّي ظَلَمْتُ نَفْسِي ظُلْمًا كَثِيرًا وَلاَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلاَّ أَنْتَ، فَاغْفِرْ لِي مَغْفِرَةً مِنْ عِنْدِكَ، وَارْحَمْنِي إِنَّكَ أَنْتَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ ‏”

Allaahumma innii zalamtu nafsii zulman kasiiran walaa yaghfiru zzunuuba illaa anta. Faghfirlii maghfiratan min indika warhamnii innaka ant-al-ghafuuru rahiim.” Sahiih al-Bukhaari 834

Hiika jechoota: Allaahumma (Yaa Rabbii), innii (dhugumatti ani), zalamtu (miidhee jira), nafsii (lubbuu tiyya), zulman (miidhaa), kasiiran (baay’een), walaa (hin jiru), yaghfiru (kan araaramu), zunuuba (badiiwwan), illaa (malee), anta (Si), faghfirlii (naaf araarami), maghfiratan (araarama), min indika(si biraa), warhamni (rahmatas naaf godhi), innaka (dhugumatti ati), ghafuur (kan namaaf araaramu), rahiim (rahmata kan namaaf godhu).

Hiika himaa: Yaa Rabbii! lubbuu tiyya miidhaa baay’een miidhee jira. Badii kan araaramu Si malee hin jiru. Kanaafu, araarama Si biraa ta’een naaf araarami. Rahmatas naaf godhi. Dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata godhaadha.

Xurii zinaa keessa turuun akka dhoqqee keessa turuu ta’etti waan beekaniif dafanii tawbaa fi istighfaaran ofirraa dhiqu. (Istighfaara jechuun araarama kadhachuu). Yommuu inni/ishiin wanta fokkuu kana keessaa tawbaa fi istighfaaran bahuun gara Rabbii deebi’u/deebitu, warroota gaggaarii Rabbiin faarse keessaa ta’a/taati:

“Isaan warra yeroo faahishaa (wanta fokkuu) hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan, Rabbiin yaadatanii ergasii badii isaanitiif araarama kadhataniidha. Rabbiin malee eenyutu badii araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra kan hin turreedha.” Suuraa Ali Imraan 3:135

Yommuu badiin guddaan ykn sanii gadii isaan irraa argamu, gara tawbaa fi istighfaara (araarama kadhachuu) fiigu. Rabbii isaanii, adabbii warra Isa faallessaniif waadaa galee fi mindaa warra Isa sodaataniif waadaa gale  ni yaadatan. Kanaafu, badii isaaniitiif araarama kadhatan. “Araarama kadhatan” jechuun badii isaanii akka isaaniif haguugu fi isaan hin adabne Rabbii olta’aatti warwaatan. “Rabbiin malee eenyutu badii araaramaa?” kana jechuun nama badii hojjateef kan irra darbuu fi badii san isaaf dhoksuu Rabbiin malee hin jiru. “Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra kan hin turreedha.” Rabbiin azza wa jalla badii san akka dhoowwee fi nama badii sanitti taree adabbii cimaa akka waadaa galee osoo beekanu badii hojjachuu itti hin fufan. Kana irra, badii irraa buqqa’uun Rabbii olta’aa araarama kadhatu.[3]

Jazaa (mindaa) nama wanta fokkuu kanarraa tawbatee waan beekaniif, dafanii xurii kanarraa of qulqulleessu. Mindaan nama xurii zinaa irraa tawbaa, istighfaaraa fi hojii gaggaariin of qulqulleesse:

3:136

“Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi Jannata laggeen ishee jala yaa’aniidha. Isaan ishii keessatti hafoodha. Mindaan hojjattootaa waa tole!” Suuratu Aali-Imraan 3:136

“Isaan sun” warroonni Rabbiin sodaatan amaloota kanaan ibsaman: yeroo rakkoo fi toltu qabeenya ofii wanta gaarii irratti baasan, dallansuu liqimsan ykn too’atan, namootaaf irra darban, yommuu wanta fokkuu hojjatan Rabbiin yaadatanii araarama kadhatan, osoo beekanu badii hojjachuu kanneen itti hin fufne, “mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi Jannata laggeen ishee jala yaa’aniidha.” “araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee” kuni badii hojjatanii dabarsaniif isaan adabuu dhiisu fi isaaniif irra darbuudha. Badii hojjataniif erga isaaniif irra darbee, Jannata laggeen jala yaa’an isaan seensisa. Dhugumatti, araaramni fi Jannani mindaa garmalee guddaa ta’aniidha. Sababni isaas, araarama Isaatiin adabbii (azaaba) jalaa nagaha bahan. Jannani qananii ijji namaa hin agarre, gurri hin dhageenye fi qalbii irra hin qaxxaamurreen tan guuttamteedha. “Mindaan hojjattootaa waa tole!” Rabbiif jedhanii warra hojjataniif mindaan isaanii Jannata ta’uun ee waa tole, ee bareede!

Warri kuni adabbiin Gooftaa isaanii cimaa ta’uu waan beekaniif badii zinaa irra hin turan. Ammas, rahmanni isaa bal’aa ta’uu waan beekaniif, rahmata Isaa irraa abdii kutuun badii zinaa itti hin fufan. Jecha Rabbii olta’aa gabroota Isaa kanneen nafsee isaanii irratti daangaa darban akkaan jechuun yommuu waamu dhagahanii jiru:

39:53

“Jedhi,’Yaa gabroottan Kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.’” Suuratu Az-Zumar 39:53

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii fokkuu kamirraayyu nu haa tiiksu. Dogongorree yoo itti tarre immoo tawbaa fi istighfaaran nu haa waffaqu. Rahmata fi araarama Isaatiin nu haa haguugu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 979
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/61
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 157, Tafsiiru Xabarii-6/62

Zinaa Irraa Akkamitti Of Eeganii?-Kitaaba
Zinaa Irraa Akkamitti Of Eegan?-Kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply