Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 10.1

Offline dubbisuf

Al-Haadi
Jireenya keessatti namni dukkanaa fi dhama’iinsa adda addaa keessatti tara. Dukkana fi hurrii jireenyaa tana keessaa bahee ifa keessa deemuuf ibsaa isa barbaachisa. Akkasi miti ree? Kanaafu, ibsa kana eessaa argata ree? Eeti, namoonni karaa fi mala nama jalaa bade namatti himuun hanga ta’e nama qajeelchu danda’u. Garuu jireenyaa fi dhimma guutuu keessatti humna qajeelchu hin qaban. Kanaafu, eenyutu jireenyaa fi dhimma guutuu keessatti nama qajeelchu danda’a ree?

Kan jireenyaa fi dhimma guutuu keessatti nama qajeelchu danda’u, waa’ee dhimma saniitti fi haala namaa guutuu ilaalchise beekumsaa fi dandeetti guutuu kan qabu ta’uu qaba. Wanti beekumsaa fi dandeentti hin qabne nama qajeelchu danda’aa? Dhugumatti qajeelchi beekumsa irrattti kan hundaa’edha. Fakkeenyaf, karaa irra osoo deemtu karaa irraa yoo jallatte, namni waa’ee karaa kanaa hin beekne si qajeelchu danda’aa? Si dhamaasaa malee si hin qajeelchu. Dhimmaa fi haala guutuu namaa kan beeku Rabbii olta’aa tokkichadha. Kanaafu, dukkana, dhama’iinsaa fi hurrii jireenyaa keessaa gara ifaatti Kan nama qajeelchu fi baasu Isa qofa. Kanaaf, maqaalee gaggaarii Rabbii keessaa tokko “Al-Haadi” kan jedhuudha. Har’a maqaa kana hiika isaa waliin ni ilaalla.

A-Hiika Al-Haadi
Maqaan Al-Haadi (الهَادِي) jedhu xumura, “hadaa (هَدَى )” jedhu irraa kan fudhatameedha. Jecha “hadaa” jedhu kana irraa jechoonni “hudaa, hidaayah” jedhamanis horsiifamanii jiru. “Hadaa” jechuun “qajeelche” jechuudha. Jechoonni “hudaa, hidaaya” jedhaniis hiika, “qajeelcha, qajeelinna, qajeelchu (guidance)” jedhu qabu.

Kana booda “Al-Haadi” jechuun “Qajeelchaa, Kan namoota fi uumamtoota biroo qajeelchu” ta’a. Rabbiin subhaanahu Al-Haadi dha. Kana jechuun gabroota Isaa gara wanta isaan fayyaduutti fi wanta isaan miidhu ofirraa deebisutti isaan qajeelcha. Wanta isaan hin beekne isaan barsiisa. Akkasumas, uumamtoota biroo gara fooyya’iinsa isaanitti Kan qajeelchudha. Akkamitti soorata akka barbaadatanii fi wanta isaan miidhu ofirraa deebisan isaan qajeelcha.[1] Hiika wali gala haala kanaan erga ibsinee mee hayyoota irraa caalatti haa dhageenyu:

Aalimni Az-Zajjaaj jedhamu akkana jedha: “Al-Haadi” uumamtoota Isaa gara Isaa fi Gooftummaa Isaa beekutti Kan qajeelchudha. Karaa qajeelatti gabroota Isaa kan qajeelchudha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

10:25

Rabbiin gara Ganda Nageenyaatti waama, nama fedhes gara karaa qajeelatti qajeelcha.” (Suuratu Yuunus 10:25)

Gosoota Qajeelinnaa
Imaamu ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: Beeki qajeelinni gosa afur qaba[2]:
1ffaa- Al-Hidaayatul Aammah (Qajeelcha wali galaa)– kuni qajeelcha uumamtoota hundaa of keessatti hammatuudha. Gosti kuni jecha Rabbii olta’aa keessatti akkana jechuun dubbatame:

20:50

[Muusaan Fira’awnaan] ni jedhe: “Gooftaan keenya wanta hundaafu uumama isaa Kan kenneef ergasii qajeelchedha.” Suuratu Xaahaa 20:50

Kana jechuun wanta hundaafu suuraa isaa ni kenne, kutaaalee qaamaa hundaaf boca fi haala isaaf malu ni kenne. Wanta jiru hundaafu uumama ykn amala isaaf adda ta’e ni kenne. Ergasii hojii irraa wanta isaaf uumetti qajeelche.

Kuni qajeelcha beelladotaa fi bineensotaa gara wanta isaan fayyadu argachuu fi wanta isaan miidhu ofirraa deebisuuf fedhii ofiitiin socho’aniidha. Akkasumas, lubbu-dhabeeyyi wanta uumamaniifitti qajeelchu of keessatti qabata. (Fkn, aduu, ji’a fi kkf Rabbiitu qajeelcha.) Akkuma beelladonni fi bineensonni qajeelinna isaaf malan qaban, wantoonni lubbuu hin qabnes qajeelinna isaaniif malutti qajeelfamu.

Haaluma kanaan, kutaaleen qaamaa hundi qajeelinna isaaniif malu qabu. Luka deemsaf qajeelche, harka qabachuu fi hojiif qajeelche, arraba dubbiif qajeelche, gurra dhageettiif qajeelche, ija wanta mul’atu ifa baasuf qajeelche, kutaalee qaamaa hunda wanta uumamaniif qajeelche. Daa’imni ykn ilmoon yommuu dhalatu gara harma ykn mucha qabachuutti qajeelche. Kanniisni gaara, mukkeen fi gaagura keessa akka qubatuu fi damma dammeessu ni qajeelche. Sadarkaalee qajeelinnaa Inni umamtoota qajeelche Isa malee kan lakkaa’u hin jiru. Inni Gooftaa aalamaa ta’ee toltuun Isaa baay’atte. (In sha Allah ajaa’iba qajeelcha gosa kanaa beelladota fi allaatti irraa muraasa isaanii kutaa itti aanutti kan ilaallu ta’a.)

 2ffaaQajeelcha ibsuu fi agarsiisuu– kuni daandii wanta gaarii fi wanta badaa barsiisu, karaa nagaha itti bahanii fi itti badan addaan baasuu of keessatti qabata. (Jecha biraatin, qajeelinni gosa kanaa wanta gaarii fi badaa, karaa baditti nama geessu fi milkaa’innatti nama baasu ibsuu fi barsiisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

90:10

“Karaa lama isa qajeelchine (hadeynaahu)” Suuratu Al-Balad 90:10

Kana jechuun karaa gaarii fi badaa ilma namaatiif ibsine. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaan gaariin Isatti nama geessu fi karaan jallataan baditti nama geessu maal akka ta’e Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun ibsee jira. Haraamaa fi halaala, gaarii fi badaa, hojii bareedaa fi fokkuu adda babaasee namootaaf ibsee jira. Ummata Saalih, Samuud jedhaman ilaalchise Rabbiin olta’aan ni jedha:

Samuudinis qajeelchinee jirra, garuu qajeelinna irra jaaminsa filatan.” (Suuratu Fussilat 41:17) Kana jechuun Nabii Saalih irratti keeyyattoota fi ragaalee ifaa buusun karaa qajeelaa isaaniif ibsinee jirra. Garuu isaan karaa qajeelaa kana dhiisanii jaaminsa filatan. Asitti jaaminsi kufrii fi jallinna. “Kufrii fi jallinna” ibsuuf jecha “jaaminsa” jedhu fayyadame. Sababni isaas, namni jaamaan adeemsa isaa keessatti qajeelcha nama karaatti isa qajeelchuu yoo dide, ni jallata.[3]

3ffaaQajeelcha tawfiiqaa (qunnamsiisuu fi milkeessu), haqa akka fudhatanii fi itti gammadan qoma banuu fi bal’isuudha- qajeelchi gosa kanaa wanta Rabbiin buusetti amanuu, hordofuu fi hojii irraa oolchu of keessatti qabata. Garaagarummaan qajeelcha kanaa fi gosa 2ffaa jidduu jiru, qajeelchi gosa lamaffaa keeyyattoota, ragaalee, karaa haqaa fi sobaa ibsuu fi addaan babaasudha. Qajeelchi gosa 3ffaa kuni immoo keeyyattoota fi ragaalee ibsame kanninitti akka amanan, hordofanii fi hojii irra oolchan taasisuu fi dandeesisuudha. Qajeelcha gosa kanaa ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Dhugumatti, iftii fi kitaabni ifa ta’e Rabbiin irraa isinitti dhufeera. Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe karaalee nageenyaa ittiin qajeelcha, hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasa, gara karaa sirrii isaan qajeelcha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:15-16

Kana jechuun Qur’aanni dhimmoota amantii fi addunyaa irraa wanta namoonni itti hajaman ibsu Rabbiin irraa isiniif dhufee jira. Rabbiin subhaanahu Qur’aana kanaan nama niyyaan isaa jaalala Rabbii argachuu fi wanta Inni jaallatu hojjachuu fi hordofuu ta’e karaalee adabbii Isaa jalaa nagaha itti ta’an qajeelcha. “hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasa” Kana jechuun dukkana kufrii, shirkii, jallinnaa fi wallaalummaaa keessaa gara ifa Islaamaatti hayyama Isaatiin isaan baasa. Asitti hayyamni Isaa qadaada kufrii fi cufaa shirkii qalbii irraa kaasun iimaana jaalachisuu fi karaalee nagahaa akka argan isaan dandeesisuudha.[4] “gara karaa sirrii isaan qajeelcha.” Karaan sirrii fi qajeelaan kunis Islaama. Islaamaan ala amantiin biraa Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Sababni isaas, Islaamni amanti Rabbiin qofa gabbaruu (tawhiida) irratti hundeefameedha. Amantiiwwan biroo immoo shirkii (Rabbiin waliin waan biraa gabbaru) irratti kanneen hundeefamaniidha. Tawhiinni haqa, shirkiin immoo soba (baaxila) hundee hin qabneedha.

Rabbiin olta’aan ala eenyullee qalbii namaa kan qajeelchu hin jiru. Tarii namni qajeelcha gosa 2ffaa hojjachuu danda’a. kana jechuun karaa haqaa fi sobaa namaaf ibsuu danda’a. Garuu gosa 3ffaa hojjachuu hin danda’u. kana jechuun qalbii keessa iimaana seensisuu fi hojii gaggaarii akka hojjatu taasisu hin danda’u. Kan kana godhu Rabbiin qofa. Kanaafi, Qur’aana keessatti qajeelcha gosa 2ffaa agarsiisuuf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyiidhaan (SAW) akkana jedhe:
Dhugumatti ati gara karaa qajeelaatti qajeelchita.” (Suuratu Ash-Shuuraa 42:52) kana jechuun ati karaa qajeelaa isaaniif ibsita, addaan baastaf.

Nabiyyiin qajeelcha gosa sadaffaa hojjachuu akka hin dandeenye agarsiisuuf immoo Rabbiin subhaanahu akkana jedheen:

28:56


“Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiin nama fedhe qajeelcha. Inni hunda caalaa warroota qajeelan beeka.” Suuratu Al-Qasas 28:56

Aayanni jalqabaa karaa qajeelaa irra deeman itti agarsiisuu fi ibsuu ilaalchise dubbatti. Kuni namni beekumsa qabu karaa namatti ni agarsiisa. Akkasi miti ree? Aayanni lammataa immoo akka amanan taasisuu fi karaa qajeelaa irra oofu ilaalchisee dubbatti. Nama tokko karaa qajeelaa erga ibsiteefi booda akka amanuu fi karaa kanarra deemu gochuu dandeessaa? Akka amanuu fi karaa qajeelaa kanarra deemu gochuu kan danda’u Rabbiin qofa. (Mee akka fakkeenyaatti, namni tokko osoo karaa irra deemu, karaa qajeelaa gahuumsa isaa ittiin gahu si gaafata. Ati karaa kana yoo beekte, “karaan qajeelan bakka ati yaadde siin gahu kana” jette ni ibsitaaf. Kanaafu, ati haala kana keessatti, karaa qajeelaatti nama qajeelchitaa jechuudha. Garuu, namni kuni karaa ati itti akeekte irra deemu yoo dide, dirqamaan karaa kanarra isaa oofu dandeessaa? Faayda isaatiif waan ta’eef, karaa qajeelaa kanarra akka deemu isa dirqisiisuu hin dandeessu. Kanaafu, haala kana keessatti, yoo inni karaa qajeelaa irra deemu dide, ati isa hin qajeelchutu jechuudha.)

4ffaa-Gahuumsa qajeelcha armaan oliiti-kunis gara Jannataa fi ibiddaa qajeelchudha. Gara Jannata qajeelchu ilaalchisee warri Jannataa yommuu qananiin isaaniif guuttamu akkana akka jedhan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa beeksise jira:
﴾ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي هَدَىٰنَا لِهَٰذَا وَمَا كُنَّا لِنَهۡتَدِيَ لَوۡلَآ أَنۡ هَدَىٰنَا ٱللَّهُۖ لَقَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلۡحَقِّۖ ﴿

Faaruun hundi Kan Rabbii kanatti nu qajeelcheti. Osoo Rabbiin nu qajeelchu baatee, silaa nuti gonkumaa hin qajeellu turre. Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaadhaan dhufanii jiru.” Suuratu Al-A’araaf 7:43

Gara ibiddaa qajeelchu ilaalchise immoo akkana jedha:

 “Warroota miidhaa hojjatan, fakkaattota isaaniitii fi wanta isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan walitti qabaa. Gara karaa Jahiim isaan qajeelchaa.” [malaaykotaan jedhama]. (Suuratu As-Saaffaat 37:22-23)

Warroonni miidhaa hojjatan namoota kufrii, shirkii fi badii gurguddoo hojjachuun nafsee ofiiti fi namoota biroo miidhaniidha. Jahiim maqaa ibiddaati. Rabbiin rahmata Isaatiin ibidda irraa nu haa tiiksu.

Guduunfaa
☝Rabbiin subhaanahu Al-Haadi (Qajeelchaa) uumamtoota Isaa gara wanta isaan fayyadutti qajeelchudha, ammas miidhaa akka ofirraa deebisan Kan isaan qajeelchudha. Wanti guddaan nama fayyadu Rabbii olta’aatti amanuu fi Isaaf ajajamuudha.
Qajeelchi gosa afur qaba:
1ffaa-Qajeelcha wali galaa- kuni qajeelcha uumamtoota hunda of keessatti hammatuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota erga uumee booda gara wanta isaan fayyadutti ni qajeelcha.
2ffaa-Qajeelcha ibsuu fi itti agarsiisu- kuni wanta gaarii fi badaa, karaa qajeelaa fi jallataa, haraamaa fi halaala ibsuu fi addaan babaasudha. Kunis kan ta’u, Ergamtoota erguu fi kitaabban buusuni.
3ffaa-Qajeelcha qunnamsiisuu fi milkeessu-kuni haqa akka fudhatanii fi itti gammadan qoma banuu fi bal’isuu, akka amananii fi hojii irra oolchan dandeesisuudha.
4ffaa-Qajeelcha gara Jannataa fi Jahannam qajeelchu-kuni Guyyaa Qiyaamaa ta’a.

☛Qajeelchi gosa tokkoffaa beelladota, bineensota, namoota, lubbu-dhabeenyi fi umamtoota biroo hunda of keessatti qabata. Qajeelchi gosa 2ffaa Muslimas ta’i kaafira ta’i, namoota fi jinnoota of keessatti qabata. Qajeelchi gosa 3ffaa immoo haqatti amanuu fi hordofuu waan ta’eef warroota amanan (mu’mintoota) of keessatti qabata. Tarii kaafirris yoo amanee, qajeelcha kana keessa seenun karaa sirriitti ni qajeelfama. Qajeelchi 4ffaan gahuumsa waan ta’eef, warroonni amananii fi hojii gaggaarii hojjatan gara Jannataa qajeelfamu. Warroonni kafaran immoo gara Jahannam qajeelfamu. Namni qajeelcha gosa sadanii keessa darbee Guyyaa Qiyaamaa Jannatatti qajeelfamuuf yeroo hundaa Rabbii olta’aa irraa qajeelcha kadhachuu isa barbaachisa. Akkasumas, dhimmoota amantii fi addunyaa keessatti wantoonni nama dhamaasan baay’ee waan ta’aniif yeroo hundaa Isarraa qajeelcha kadhachu barbaachisa. Sababni isaas, dhimmoota hunda takkaan takkaan Kan beeku Rabbii Tokkicha waan ta’eef Kan nama qajeelchu Isa qofa.


Kitaabban wabii:
[1] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.65; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[2] Madda olii, Fiqhu Asmaa’il Husnaa-fuula 115-117
[3] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/486
[4] Tafsiiru Sa’dii-fuula 248, Tafsiiru Xabarii-8/265, Tafsiiru Qurxubii-7/386

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 10.2
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 9.2
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply