Sila Itti Hin Xinxallanii?-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessaa tokko “Al-Haadi” kan jedhuudha. Al-Haadi uumamtoota Isaa wanta isaan fayyadutti fi wanta isaan miidhu ofirraa akka deebisan Kan qajeelchudha. Jarmii ijaan hin mul’anne irraa kaasee hanga bineensa gurguddaa kan qajeelchu Rabbii Tokkicha. Mee akka fakkeenyaatti uumamtoota kanniin keessa uumamtoota muraasaa qajeelcha Rabbii ifatti mul’isan haa ilaallu. Har’a ilbisoota keessaa faayda guddaa kan qabuu fi ilbiisa ajaa’ibaa haa ilaallu. Ilbiisni kuni kamiidhaa?

Kanniisa/Kinniisa
Kanniisni fi kinniisni loqoda naannoo adda addaatti dubbatamu waan ta’eef hiikni isaanii tokkoma. Ammas, naannoo tokko tokkotti damma, naannoo biraatti immoo dayma jedhama. Nuti kan feene filachuun itti fayyadamu dandeenya. Kinniisni hojii ajaa’ibaa ilmi namaa hojjachuu hin dandeenya hojjata. Hojiin kunis, damma daymeessudha. Kutaa kana keessatti, akkamitti Rabbiin olta’aan ilbiisa kana qajeelche fi akkamitti akka damma daymeessu ni ilaalla. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa’ee kinniisaa ilaalchisee Qur’aana keessatti ni jedha:

“Gooftaan keetis [akkana jechuun] gara kanniisaa wahyii godhe, ‘Gaarreen, mukaa fi waan isaan ijaaran irraa mana godhadhu. Ergasii firii hunda irraa nyaadhuu karaalee Gooftaa keeti [siif] laaffifaman keessa seeni.’ Garaa ishii keessaa dhugaati bifti isaa garagara ta’e, isa keessa namootaaf dawaa ta’etu baha. Dhugumatti namoota xinxallaniif kana keessaa mallattoo jira.” Suuratu An-Nahl 16:68-69

Jechi wahyi jedhu Arabiffa keessatti hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa: hatamtamaan itti akeeku, keessa nafseetti beeksisuu, dubbii dhoksaa hatamtamaan ta’e, qalbii keessatti hiika wanta tokko darbuu”

Hiikota kanniin keessaa kannisatti wahyiin gochuun walitti galu, keessa nafseetti beeksisuu fi qajeelchuudha.[1] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanniisni gaarreen, mukaa fi gaagura namoonni qopheessan keessatti mana akka godhattu itti beeksisee fi qajeelche jira. Ergasii firii hunda irraa akka nyaattu fi karaalee Rabbiin ishiif laaffise irra akka deemtu ni hayyameef. Kannisni qilleensa keessa yommuu balali’u karaan isatti ulfaatu hin jiru. Bakka fedhe irra baha. Ergasii osoo hin dogongorinii fi hin jallatin bakka irraa ka’etti deebi’a. Garaa kanniisaa keessaa dammi mi’aawan bifa adda addaa qabuu fi namootaf dawaa ta’e ni baha. Kuni hundi namoota xinxallaniif mallattoodha.

Gahee isaanii irratti hundaa’e gosoota kanniisaa
Kanniisonni hojii ajaa’iba kana yommuu hojjatan gahee mataa isaanii qabu. Hundi isaanii gahee kana bahuu qabu. Gahee hojii isaanii irratti hundaa’e bakka sadii gurguddaatti qoodun ni danda’ama: Mootii, hojjattootaa fi kormaadha. 1ffaa-kanniisa mootii-tuni kannisa dhaltuu mootii taatedha. Gaheen ishii killee buusudha. Hoomaa kanniisaa tokko keessa mootii takka qofatu jira. Mootiin lama jiraachu hin danda’u. Mootiin kanniisaa tuni xan’acha gagaa ittiin hojjattuu fi arraba nadhii habaaboo ittiin funaantu hin qabdu. Kanaafu, ni nyaachifamti, ni obaafamti, ni eeggamti. 2ffaa-hojjattoonni immoo kanniisa dhaltuu hojii baay’ee hojjataniidha. Mana kan eegu, nadhii habaaboo guurun damma dammeeysu fi hojiiwwan biroo hojjatu isaanii. Kanniisonni dhaltuu tunniin maseena waan ta’aniif killee hin buusan. 3ffaa-kormaa– kanniisni kormaan mootiittiin wal-qunnamee killee akka buustu gochuudha. Kanniisni kormaan ji’oota muraasaaf jiraataa. Ergasii ni du’a.[2]

Kanniisni kormaan damma hin daymeessu. Kan damma dammeysu kanniisa hojjattoota dhaltuu ta’aniidha. Kuni yeroo dhiyootti beekkame. Garuu Qur’aanni bara 1400 dura damma kan dammeeysu kanniisa dhaltu akka taate ni agarsiisa. Aayah armaan olii keessatti, maq-dhaala ramaddi saala dhalaa agarsiisu fayyadame.
Jecha “nyaadhu” jedhu fayyadamuun, Arabiffaan dhalaaf nyaadhu yoo jenne “kulii” jenna; kormaaf immoo “kul” jenna. Aayah keessatti dhalaa agarsiisuuf “kulii” jechuun fayyadame.
Ammas, jecha “seeni” jedhu yoo fayyadamne Arabiffaan dhalaaf, “uslukii” jenna, kormaaf immoo usluk jenna. Aayah keessatti dhalaa agarsiisuuf “uslukii” jedhe.
Amma haa gaafannu, waggaa 1400 dura akkamitti namni barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye damma kan dammeeysu kanniisa dhalaa ta’uu beekee?[3] Yeroo sanitti iccitii kana hunda kan beeku Rabbiin qofa waan ta’eef, JedhiSamiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.” Suuratu Al-Furqaan 25:6

“Gaarreen, mukaa fi waan isaan ijaaran irraa mana godhadhu.”
Asitti “godhadhu (ittakizii)” ramaddii saalaa dhalaa agarsiisuu fayyadamuun kanniisa dhaltuu hojjattoota ta’an dubbisa.  Kanniisonni dhaltuu tunniin bakka manaa kanniisaaf mijaawaa ta’ee ijaaruuf barbaadu. Gaarreen, mukaa fi wanta namoonni ijaaran keessatti kanniisni bakka filatutti mana ijaarrachuun dandeetti fi filannoo Rabbiin ummata kannisaatiif kenneedha. Manni kanniisni hojjatu saanduqota baay’ee roga jaha jaha qaban gagaa irraa kan ijaarrameedha. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama:

Akkuma armaan olitti ilaallu saanduqonni baay’een roga jaha jaha qaban ni mul’atu. Kanniisni gaagura keessas ta’i, gaara keessa ta’i, muka keessa yoo qubate, hojiin isaa jalqabaa saanduqa ykn goloota roga jaha jaha qaban kanniin gagaa irraa hojjachuudha. Goloota roga jaha jaha qabu kana keessa, jiisaa fi damma kuusa. Jiisaa (larva) jechuun marsaa jalqabaa ilbisni killee keessaa itti bahudha. Jiisaan kanniisaa bifa adii akka aannanii qaba.

Goloota roga jaha qabu kanniin kan hojjatu kanniisa dhaltuudha. Gara keessaa homtu akka hin seennes kan eegu kanniisuma dhaltu tanniini. Diinni alaa gola kana keessa seenuf yoo dhufe, ilkeen iddu. Gareen kanniisa hojjattootaa biraa qulqullinna goloota kanniini eeguu fi suphuudha. Dhimmoota ajaa’ibaa keessaa tokko kanniisni xurii garaa keessaa bahuu (sagaraa fi fincaan) goloota kanniin keessatti gonkumaa hin lakkisu. Goloota keessatti xurii wanti jedhamu hin hafu. Qulqullinna guddaan eegu. Akkasumas, baqaqiinsaa fi dhoowwinsa wanta akka maastishiitiin mana suphuudha. Gareen hojjattoota biraa mana keessa haala qilleensaa too’atu. Ammas, gareen biraa kanniisa xixxiqoo killee irraa jalqabee hanga kanniisa guutuu ta’anitti marsaalee adda addaa keessatti isaan eeguu fi kunuunsudha. Beekumsi gadi lixaa fi fagoon kuni wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aala kanniisaaf kenne kan agarsiisuudha. Aayanni kabajamtu armaan olii, “wahyi godhee” jechuun beekumsaa fi qajeelcha kana agarsiisa.[4]

“Gooftaan keetis [akkana jechuun] gara kanniisaa wahyii godhe” jechuun yommuu jalqabu, namni aayata tana dubbisuu ykn dhageefatu, Gooftaa arjaa, beekaa, ogeessa ilbisa kana isaaf uumee akka qabu isatti akeekuufi. Ilbisa kana isaaf uumuun dhugaati (damma) biftii isaa garagaraa fi dawaan keessa jiru akka baasu taasise. Mee itti xinxalli, osoo Rabbiin olta’aan qajeelchu baatee, silaa ilbiisni dadhabduun tuni akkamitti goloota roga jaha jaha qabu kana hojjachuu dandeessi? Ammas mee ilaali, gaagura ykn bakka qubattu irraa nadhii habaabo guuruuf garmalee fagaattee deemti. Yeroo gara gaaguraa deebitu karaan jalaa hin baduu? Yookiin gaagurri baay’een bakka tokko yoo jiraatan dogongortee gaagura biraa keessa hin seentuu? Abadan, osoo karaa irraa hin badinii fi gaaguraa biraa keessa hin seeniin hanga naannofte naannoftee gaagura ofiitti deebiti. Kanaafu, eenyutu akkanitti kannisa tana qajeelcha ree? Deebiin keenya deebii Muusaan Fira’awnaaf kenne ta’a:

20:50

[Muusaan Fira’awnaan] ni jedhe: “Gooftaan keenya wanta hundaafu uumama isaa Kan kenneef ergasii qajeelchedha.” Suuratu Xaahaa 20:50

“Ergasii firiiwwan hunda irraa nyaadhuu karaalee Gooftaa keeti [siif] laaffifaman keessa seeni.”
Firiwwan inaba, teemira, aappilii, burtukaana, daraaraa ykn habaaboo fi kkf of keessatti qabata. Hiikni hima armaan olii: mana kee erga ijaarte booda, garaa kee keessatti damma qulqulluu fi wuddii hojjachuuf, firiwwan hunda irraa nyaadhu. Garuu kana dura jireenya keetiif wanta nyaatamuuf siif laaffate nyaadhu. Dhugumatti, dammii qulqulluu fi wuddiin nadhii daraaraa biqiltoota adda addaa fuula dachii irra jiran irraa malee hin ta’u. Naannawa mana keeti irraa firiwwan argatte nyaadhu. Itti aansi habaaboo dachii irra jiran irraa nadhii funaanuuf mana kee irraa fagaadhu karaalee Gooftaa keeti siif laaffifaman keessa deemi. (nadhii (nectar) jechuun dhangala’aa habaaboo keessaa xuuxamuudha.)

“Garaa ishii keessaa dhugaati bifti isaa garagara ta’e, isa keessa namootaaf dawaa ta’etu baha.”
Ilbiisa kanaaf uumama Rabbiin uumeen, hojii Inni tolcheen garaa kanniisaa keessaa dhugaatin dhangalaa’aa ta’e ni baha. Dhugaatin kunis damma.

Hayyoonni Baaylojii akka jedhanitti: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanniisaaf garaa addaa nadhii itti guurtu fi damma keessatti hojjattu godhee jira. Yommuu nadhiin kuni inzaayimiin walitti makamuun damma ta’uu afaan keessaa baaste goloota roga jaha qabu keessatti dhangalaasti.

Dhugaatin kuni, “Dammi” bifti isaa garagara kan ta’eedha. Gariin isaa adii, gariin boora, gariin magaala, gariin immoo gurraacha. Garaagarummaan bifaa kuni gosa kanniisaa, umrii fi gosa habaaboo irratti hundaa’a.

Akkuma dammi bifaan garagara ta’u, amalli addaa sooranna fi qorichummaa isaa akkasuma garagara ta’a.[5] fkn, dammii daamu bifti isaa gurraacha yommuu ta’u qorichummaaf garmalee kan barbaadamuudha.

Dhugumatti namoota xinxallaniif kana keessaa mallattoo jira.” Kana jechuun dhugumatti wanta kanniisni ittiin ibsame kana keessa mallattoolee Rabbii keessaa mallattoolee guddaatu jira. Namoonni mallattoolee Rabbiin yuniversii keessa facaasetti xinxallan ykn yommuu mallattolee kanniin itti himan itti xinxalluuf qophii ta’an itti fayyadamu. Xinxalliin kuni akka Rabbitti amananii fi Isaaf harka kennaan isaan taasisa. Yookiin iimaana isaaniitii fi Islaama qabachuu isaaniif dabala.[6]


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -13/598, Tafsiir ibn Kasiir-4/691
[2] https://www.masjidtucson.org/God/animals/bee.html
[3] http://www.miracles-of-quran.com/honey_bees.htm
[4] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim jiildi 1faa fuula-500-501, By Zaghluul Najjaar
[5] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-13/599-601
[6] Madda olii

Sila ITti Hin Xinxallanii?-Kutaa 2
Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply