Sila ITti Hin Xinxallanii?-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Sinbira Halkanii
Sinbirri halkanii balaliitu hoosistuu taate hantuuta fakkaaattudha. Sinbirri halkanii akka allaatti haa balalitu malee akka allaatti killee hin buustu, akkasumas, qaamaa fi koola ishii irraa baallee hin qabdu. Koolli ishii akka gogaati. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama:

Caalatti suuraa sinbira halkanii kana ilaaluf, “Bat bird” jechuun Google irratti barbaadun ni danda’ama.

Sinbirrii tuni halkan tan balalitu yommuu taatu, ijaarsi qaamaa ishii ijaarsa sirnaan ijaarramee fi wal qabate gara Khaaliqa wanta hundaa sirnaan hojjatee fi uumee agarsiisuudha. Sinbira tana ilaalchise wanta hayyoonni beelladotaa fi bineensota qorannoon argatan muraasaa isaa haa ilaallu:

★Hoosistoota keessaa balali’uu kan danda’uu sinbira halkanii qofa. Bocaan hantuuta fakkaatti, ilkaan ni qabdi. Dhaluun ilmoo ishii ni hoosifti.

★Ilbiisota adamsuun nyaatti. Lamaan isaanitu haa balali’anii malee sinbirri halkanii qilleensa irratti ilbiisa qolti. Ariitii ajaa’iba ta’een qilleensa keessa balali’uun ilbisoota qabdi.

★Koolli ishii gogaa haphii yommuu ta’uu, harkaa fi luka keessatti deebisti. Yoo hin balali’in koolli bullokkoo ta’aaf. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama:

File:Golden crowned fruit bat.jpg

★Sinbirri halkanii halkan ni hojjatti guyyaa immoo rafaa oolti. Iddoo jireenyaatiif bakka dukkanaa kan akka godaa filatti.
★Ijji ishii dadhabaadha. Lafa irra gahuun deemu yoo dirqamte, ni shunquuqxi. Ergasiis, hanga caafi wanta tokko irraa geesse qilleensa keessatti of darbitutti balali’uu hin dandeessu. Yommuu qilleensa keessatti of darbitu, qilleensi karaa koola ishii kanaan ishii baadhata.

★Dhimma ajaa’ibaa sinbira halkanii keessaa inni biroo, ijji ishii dadhabdu sirritti hin arginee fi halkaniin kan balalitu haa taatuyyu malee, dhaaba manaa olka’etti, utubaa dhaabbatetti, haada hidhametti, damee mukaa bubbeen sochoostutti hin buutu. Halkan ariiti guddaan balaliti garuu wantoota dhaabbatan kanniinitii hin buutu (hin gaccaatu).

Qorattoonni gariin sinbira halkanii walitti qabuun gola funyoon (tushaan) baay’een diriirfame hidhame keessatti gadi furan. Sinbiroowwan kanniin keessa takkattilleen tushaa diriirfame kanatti hin buune. Ergasii ija ishii haguuganii akka balaliitu taasisan. Ammas, tushaa baay’ee kana keessatti takkattilleen hin buune. Qorattonnis, sinbirri halkanii argituu ijaatin ala meeshaa biraa akka qabdu ni beekan. Meeshaan kuni akka wayitti hin buune ishii eega.

Qorattoonni sinbira halkanii tana qorannoo irratti hojjachuuf garmalee hordofanii dhugaa baay’ee nama ajaa’ibsiisu irra gahan. Sinbirri halkanii tuni sagalee akka dhikkisaa akka baastu beekanii jiru. Sagaleen ishiin sakandii takka keessatti deddeebistu gara si’aa 100,000 dhiyaata. Sagaleen kuni dhageetti namaati oli. Sababni isaas, namni sakandii takka keessatti wanta sagaleen isaa si’a 20,000 deddeebi’uu ol dhagahuu hin danda’u. Yommuu wanta tokko adamsiitu sinbirii halkanii dhikkisa sagalee kana ergiti.

Ergasii dhikkisi sagalee gara alaatti gadi furtee fi awwaata (echo) ishitti deebi’uu wal bira qabuun sammuu fi sirnii dhageetti ishii fakkii wanta naannawa ishii jiruu kaasa. Kuni sinbira halkanii wanta adamsitu san, iddoo fi gosaa isaa akka beektu ishii gargaara.

Amma haa gaafannu, sinbira halkanii tana eenyutu sagaleedhaan wanta ishii fuundura jiru akka beektu taasisee? Rabbiin wanta hundaafu bocaa fi suuraa isaaf malu kennee ergasii qajeelche, hanqinna hundarraa qulqullaa’e!

20:50

[Muusaan Fira’awnaan] ni jedhe: “Gooftaan keenya wanta hundaafu uumama isaa Kan kenneef ergasii qajeelchedha.” Suuratu Xaahaa 20:50

Bixriiq (Pengu’in)
Giloobi dachii irratti heemisfeera kibbaati allaattin maqaan isaa bixriiq (pengu’in) jedhamu ni jiraata. Pengu’in allaattidha garuu balali’uu hin danda’u. Bishaan ni daaka garuu qurxummii miti. luka lamaanin dhaabbate deema garuu namaa miti. Fakkii isaa haala armaan gadiitiin ilaalaa:

Allattin kuni ummata ta’anii waliin jiraatu, wal gargaaru. Hawaasni isaanii guddaan iddoo jireenyaa addaatti walitti qabamanii qubatu. Iddoo cabbii qorraa ta’ee jiraatu.

Mee hayyoonni waa’ee beelladaa fi bineensota qoratan allaatti kana ilaalchise wanta jedhan muraasa isaa haa kaasnu:
♠ Koola lama qaba garuu koolli kuni akka balali’uuf isa hin gargaaru. Kana irra koola lamaan kanniin bishaan keessa daakuuf itti fayyadama. Qurxummiin soorata isaa waan taateef koola lamaan kana fayyadame ariitin bishaan keessa daakun qurxummi adamsa.

♠Iddoo namoonni mana itti ijaaran irraa fagaachun iddoo cabbii keessa jiraata. Naannoo cabbiin itti baay’atu heemisfeera kibbaa keessa jiraata.

♠Hawaasni allaatti kanaa bakka bal’aa addaa keessa jiraatu. Bakka kanatti wal hooranii baay’atu. Soorata isaanii bishaan keessatti argatu. Qurxummii caalaa bishaan keessa daaku. Qurxummii caalaa bishaan keessatti gadi lixu. Qurxummi irraa ni nyaatu, ilmoolee isaanitiifis fuudhanii galuun.

♠Hawaasni pengu’in garee gareen ta’anii deemu. Garee tokko keessaa pengu’ini lakkoofsi isaanii kumaatamatti lakkaawamatu jiru.

♠Fagoo irraa yommuu ilaaltu pengu’iniin nama xiqqaa akka ta’etti yaadda. Dugda isaa irratti fooxaa gurraacha ofirra buusee jira, qamisiin isaa immoo adii fuunduraan mul’atuudha. (Kana jechuun allaatti kana gara dugdaatin yommuu ilaalan fooxaa gurraacha waan uffate fakkaata. Fuunduraan yommuu ilaalan qamisii adii waan godhate fakkaata.) Wal duraa duubaan miila kaasun tasgabbiin deema.

emperor penguin: egg

♠Pengu’inin dhaltuun killee takka ykn lama buusti. Killee tana hammachuun caacutin akka baatu itti gaafatamummaa kan fudhatu kormaadha. Iddoon jireenyaa cabbii garmalee qorraa waan ta’eef killee rifeensan haguugun miila isaa irratti hammata. Hanga ji’a lamaa hammachuu itti fufa. Fakkii armaan olii irra ilaali.

♠Yommuu killeen dhootee caacutin haarofti baatu, haati ishii dhufuun bakka abbaa qabatte kunuunsiti.
♠Dhimma ajaa’ibaa allaatti kanaa keessaa tokko, yommuu killee tana hammatee kunuunsu ni dadhaba. Fuundura isaa ollaan killee hin hammannee yoo jiraate, killee isaa itti siiksa. Ollaan kunis killee isaa hammatee kunuunsa. Dhugumatti, wal gargaarsa hawaasummaa nama dinqiisisuudha.

♠Wal gargaaru hawaasummaa wanta agarsiisan keessaa kan biraa, pengu’in gurguddoon soorata ishii adamsuuf gara galaana deemti. Ilmoolee ishii akka eeganiif garee pengu’ini hanga ta’e of duubatti dhiiste deemti. Ilmooleen xiqqooleen tunniinis hiriira galanii tasgabbiin dhaabbatu. Qajeelcha warra isaan too’atu fudhachuuf eegu.

♠Wanti ajaa’ibaa biroo, pengu’inin galaana keessa osoo daakanu yoo danbaliin isaan fageesse bakka fagootti darbe, mana isaanitti osoo karaa hin badin ni deebi’u. Saayintistoonni kuni akkamitti ta’e jedhanii yaada kennuuf ni dhama’an. Dhugumatti, kan akkanatti isaan qajeelchu eenyudhaa? Rabbiin wanta hundaafu bocaa fi suuraa isaaf maluu kennee ergasii qajeelche, hanqinna hundarraa qulqullaa’e!

20:50

[Muusaan Fira’awnaan] ni jedhe: “Gooftaan keenya wanta hundaafu uumama isaa Kan kenneef ergasii qajeelchedha.” Suuratu Xaahaa 20:50 (Kana jechuun wanta hundaafu suuraa isaa ni kenne, kutaaalee qaamaa hundaaf boca fi haala isaaf malu ni kenne. Wanta jiru hundaafu uumama ykn amala isaaf adda ta’e ni kenne. Ergasii hojii irraa wanta isaaf uumetti qajeelche.) Mee ilaali suuraa, bocaa fi amala sinbira halkanii fi pengu’in. Suuraan, bocni fi amalli isaan lamaani gargar kan ta’eedha. Kanaafu, suuraa, bocaa fi amala adda addaa irratti Kan uumee ergasii wanta isaan fayyadutti kan qajeelche Rabbii Tokkicha olta’aadha.

Wabii:
Baraa’hiin wa adillatul Iimaaniyyata-fuula 400-404, Abdurahmaan Habanka
https://www.wikizeroo.org/index.php?q=aHR0cHM6Ly9lbi53aWtpcGVkaWEub3JnL3dpa2kvQmF0 https://www.britannica.com/animal/penguin

Sila Itti Hin Xinxallanii?-Kutaa 3
Sila Itti Hin Xinxallanii?-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply