Sila Itti Hin Xinxallanii?-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Qurxummii
Waa’ee qurxummii ilaalchisee wantoota ajaa’iba beekumsi bineensotaa fi beelladootaa nutti hima. Ajaa’ibni qurxummii keessatti argamuu kuni nama xinxallu Khaaliqa Guddaa wanta hundaa sirreesse, uumama isaa kennefi ergasii qajeelcheef akka harka kennuu fi ajajamu isa taasisa.

1-Addunyaa galaanaa kana keessa qurxummii bofaa fakkaatutu jira. Qurxummiin bofa fakkaatu kuni jireenya isaa baay’ee bishaan mi’aawaa (laggeen) keessa jiraata. Ergasii wal hormaataaf gara bishaan kuraawaa deema. Bishaan kunis galaana fi garba. 

Qurxummiin gosa kanaa Awrooppaa fi Ameerikaa irraa ta’e, bishaan gabra Atlaantik gadi fageenya metira 400-700 keessatti killee buusa. Qurxummiin killee erga buuse fi bilcheesse booda ni du’a. Haala kanaan, ergamni (mission) fi jireenyi isaa ni dhumata.

Killeen tuni yeroo murtaa’en booda dhooyun qurxummiin bofa fakkaattu xixxiqooleen keessaa yaa’u. Akka jirbii xixxiqqoo ija qabduu fakkaatu. Yoosu bishaan keessa socho’uu fi danbalii qaxxaamuru jalqabu. Bakka haati fi abbaan isaanii irraa dhufanitti deebi’uuf socho’u. Qurxumileen xixxiqoon kunniin humni dhoksaa ta’een jabeefamuun gara bakka abbaa fi haati irraa dhufanitti deebi’uuf imala isaanii jalqabu. Bakki haadha fi abbaan irraa dhufan bishaan mi’aawa lagaati. Hanga iddoo jireenyaa haadha fi abbaa isaanii gahanitti imalli isaanii galaanota, iddoo dhiphoo, galoo galaanaa fi laggeen galaanatti galan qaxxaamurun kan walitti hidhameedha. Tarii imalli isaanii waggoota sadii fi sani ol fudhachuu danda’a. Imala dheeraa ulfaataa ta’ee kana dogongoranii karaa irraa hin badan. Yommuu akkana siin jedhu, abbaa fi haadha waan hordofan sitti fakkaataa? Akkasi miti obboleessoo! Abbaa fi haati qaata du’an. Killee buusanii achumaan nagahatti jedhan. Kanaafu, ilmooleen tunniin akkamitti beekanii bakka abbaa fi haati irraa dhufanitti deebi’uuf imalatti seenan ree?  Ajiiiib!!!

Imaala dheeraa fi ulfaataa ta’e kana eenyutu ilmoolee haarawa dhalatan kanniin qajeelchaa? Ilmooleen abbaa fi haati isaanii laggeen Awrooppaa irraa ta’e gara laggeen Ameerikaa hin deeman. Ammas, ilmooleen abbaa fi haati isaanii laggeen Ameerikaa irraa ta’an, gara laggeen Awrooppaa hin deebi’an. Haaluma kanaan, ilmooleen haadha fi abbaan isaanii laggeen Afrikaa ykn Eeshiyaa irraa ta’an bakka haati fi abbaa isaanii irraa dhufanitti deebi’u hin dogongoran.

Mee itti xinxalli, osoo Rabbiin azza wa jalla amala addaa ilmoolee qurxummii tanaa keessatti uumuu fi isaan qajeelchu baate, kana hundaa mataa ofiiti hojjachuu danda’uu?

2-Ammas, addunyaa galaanaa kana keessa qurxummiin maqaan isaa Salamon jedhamutu jira. Kuni gosa qurxummii keessaa qurxummii galaana keessa jiraatudha. Garuu yommuu marsaa bilchinnaa wal hormaataaf gahu, wal horuuf jecha gara laggeen bishaan mi’aawaa qabanitti imaluuf qophaa’a. Bishaan mi’aawa kana keessatti qurxummin gosa kanaa dhaltuun killee buusti. Qurxummiin kormaanis dhangala’aa saalaa ishii irratti jiigsa. Ergasii ilmooleen haarofti killee keessaa erga yaa’anii booda, gara waggoota lama bakka dhalootaa (laga kanatti) dabarsu. Ergasii kana booda, akka waan karaa imala isaanii beekanii gara galaanaa imalan.

Ilmooleen kunniin galaana keessa hanga turan turanii yommuu marsaa bilchinnaa irra gahan, laga keessatti dhalatanitti deebi’uun hojii haadha fi abbaan isaanii duraan hojjatan hojjatu. Kana jechuun killee buusu.

Qorattoonni ni jedhu: osoo namni qurxummii gosa Salamon irraa ta’e laga isaa keessaa gara laga biraatti dabarsee, qurxummiin kuni lagni itti dabarfame kuni iddoo dhaloota isaa akka hin taane ni beeka. Yeroo kanatti, lagaa isaaf adda ta’eetti humna isaa guutuun deebi’a. Yaa’insi bishaani isa faallessu bakka dhalatetti deebi’uu irraa isa hin dhoowwu.

Qurxummii kana karaa isaa eenyutu qajeelchaa?
Bakka inni itti dhalatee fi abbaaf haati itti dhalatanitti eenyutu itti agarsiisaa?
Saayintistoonni kanaaf dhama’anii dhaabbatan. Iddoo itti dhalateetti yommuu deebi’u iccitii qajeelinnaa isaa hin beekan. Keessumaayyu, yommuu abbaa fi haati killee dhiisanii deeman, qurxummiin kuni killee keessaa erga bahee haadhas ta’e abbaas ta’ee kan isa hoogganu hin jiru.*

Maaltu akkanatti isa qajeelcha ree? Dhugumatti, Kan akkanatti isa qajeelchu Rabbii olta’aa waan hundaa too’atudha. “Rabbiin keenya wanta hundaafu uumama isaa Kan kenneef ergasii qajeelchedha.” Qur’aana keessatti ni jedha:

Maqaa Gooftaa keeti Ol’aanaa ta’ee qulqulleessi. Kan [waan hundaa] uumee ergasii sirreesse. Kan murteesse qajeelche.” Suuratu Al-A’alaa 87:1-3

Maqaa Gooftaa keeti Ol’aanaa ta’ee qulqulleessi.” Kana jechuun maqaa Gooftaa keeti dubbachuun Isa qulqulleessi. Akkasumas, maqaa Isaa yaadachuun Rabbii kee qulqulleessi.[1] Tasbiih (Qulqulleessun) kuni qalbiin Isa yaadachuu (zikrii), Isa gabbaruu, Guddinna Isaatiif gadi jechuu, arrabaan maqaalee Isaa gaggaariin Isa faarsu fi wantoota Isaaf hin malle hundarraa Isa qulqullessuu of keessatti qabata.[2]

Namni yommuu “Subhaanallah (Rabbiin qulqullaa’e), subhaana Rabbiyal aziim (Gooftaan kiyya Guddaan qulqullaa’e)” jedhu, waa lama irraa Rabbiin qulqulleessaa akka jiru haa yaadatu. 1ffaa-Fakkaataa fi shariika irraa Isa qulqulleessu, 2ffaa-hanqinnaa fi wanta Isaaf hin malle irraa Isa qulqulleessu. Rabbiin fakkaataa fi shariika hin qabu. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Kanaafu, Inni fakkaataa fi shariika qabaachu irraa qulqullaa’e. Ammas, hanqinna akka rafuu, du’uu, nyaachu, dhuguu, dadhabinnaa fi kkf irraa Rabbiin qulqullaa’e. Akkasumas, wantoota Isaaf malle kan akka ilmaa fi niiti qabaachu irraa Inni qulqullaa’e olta’e.

Qulqulleessuun qofti gahaa waan hin taanef amaloota fi maqaalee gaggaariin faarsun barbaachisadha. Kanaafu, Alhamdulillah (Faarun hundi kan Rabbiiti) jechuun amaloota gugguutuu fi maqaalee gaggaariin Isa faarsa.

Gooftaa keeti” yommuu jedhu akka Isa qulqulleessan wanta nama taasisuutti akeeka. Kunis haajaa namni Gooftaa isaatiif qabuu fi addunyaa fi Aakhiratti aangoo Isaatiif of gadi qabuudha. Namni jalqaba irraa kaasee hanga dhumaatti, jireenya isaa itti fufsiisuuf Gooftaa isaatti garmalee hajama. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wanta qaamni namaa kanaa irraa ijaarame hunda kan uumee fi too’atuudha. Ammas, jireenya nama kanaa hunda kan too’atu fi bulchuudha. Haajaan inni Gooftaa Isaatiif qabu haajaa bishaanii fi qilleensaf qabu caalaa. Kanaafu, yeroo hundaa Isa faarsu fi qulqulleessu barbaachisa.

Wanta Isaaf hin mallee irraa akka Isa qulqulleessan erga dubbate booda wantoota Gooftummaa Isaa agarsiisan kaase: “Kan [waan hundaa] uumee ergasii sirreesse.”

Uumuun hiika lama qaba: 1ffaa- hamma, safaraa fi boca wanta tokkoo murteessu. 2ffaa-fakkeenya dursaa tokko malee dhabama irraa argamsiisuu. Dhabama irraa wanta tokko Kan argamsisu Rabbii tokkicha qofa. “Kan [waan hundaa] uumee” jedhu hiika lamaan armaan olii altokkotti agarsiisa.[3] Sababni isaas, Rabbiin wanta uumu hamma, bocaa fi safaraa isaa ni murteesse. Ergasii dhabama irraa ni argamsiisa.  

ergasii sirreesse.” Uumamtoota erga uumee booda suutuma suutan kuutaalee qaamaa isaaniif sirreessee guute. Tartiiba qabsiisee madaallamaa isaan taasise. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota yommuu uumuu suuta suutaa fi tartiiban uuma. Fkn, nama yommuu uumu, marsaalee adda addaa keessa dabarsa. Copha bishaan saalaa irraa jalqabuun wanta akka itita dhiigaa uuma. Ergasii itita dhiigaa kanarraa muraa fooni. Muraa fooni kanarraa lafee. Ergasii lafee tana foon uwwisa. San booda suuta suutaan kutaalee qaamaa uuma. Dhumarratti nama guutuu godhee sirreessa.

Kan murteesse qajeelche.”
Taqdiir (murteessun)- addunyaa keessatti hojiin wanta tokkoo maal ta’uu akka qabu, kaayyoo kana galmaan gahuuf hammi, bocni, amalli isaa, iddoon isaatii fi jiraachuuf wanta isaaf dhiyeefamuu qabu, yoom addunyaatti dhufuu akka qabu, hojii isaa erga xumuree booda yoomi fi akkamitti akka jireenyi isaa xumuramu murteessu of keessatti qabata.[4]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota hundaa boca, hamma, suuraa, amaloota isaanii, iddoo keessa jiraatanii fi itti du’an, yeroo isaan addunyatti bahanii fi umrii isaanii hunda murteesse jira. Addunyaa tana keessatti wanti tasa uumame tokkollee hin jiru. Samii fi dachiin hammii fi umriin isaanii Rabbiin biratti kan beekkameedha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota kanniin erga uume, qajeelcha malee akkanumatti hin dhiisne. Kana irra, hojii tokko akka hojjataniif wantoota uume hunda ni qajeelche. Tooftaa hojii san itti hojjatan ni barsiise. Karaa fi mala hordofuu qaban itti agarsiise.

Mata-duree qabannee fi aayaata tannin yommuu wal-qabsiisnu, qurxummii tana killee keessatti kan uumee. Ergasii killee keessaa baasee guutuu taasisee. San booda gara karaa duraan deemtee hin beeknetti kan qajeelchu, Rabbii waan hundaa uumee qajeelchudha. Kuni hundi Isatti akka amananii fi Guddinnaa fi aangoo Isaatiif akka of gadi qaban nama taasisa. Eenyullee taanan, aangoo fi too’annaa Isaa jalaa bahuu hin danda’u. Of tuuluun Isaaf ajajamu diduun adabbii Isaatiif of saaxiluudha. Qur’aana keessatti:

Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.” Suuratu Ghaafir 40:60

Kana jechuun Ani Gooftaa isaanii qananii adda addaatiin isaan qananiisu ta’ee osoo jiru, namoonni of tuuluu isaanii keessatti lixuun Anaaf of gadi qabuu fi ajajamu didan, Guyyaa Qiyaamaa xiqqaattoota fi salphattoota ta’anii Jahannamiin ni seenu.[5] Faallaa kanaa, warroonni Rabbii olta’aatti amanan, Isaaf of gadi qabanii fi sodaatan, mindaan isaanii Jannata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

11:23

Dhugumatti, isaan amanan, hojiwwan gaggaarii hojjatanii fi Gooftaa isaanitiif gadi jedhan, isaan suni warra Jannataati. Isaan achi keessa yeroo hundaa jiraatu. ” Suuratu Huud 11:23

Namni garee kamiin keessaa ta’uu akka qabu haa filatu. Of tuultoota keessaa moo warra amananii hojii gaggaarii hojjatanii fi Rabbii isaaniitiif of gadi qaban keessaa? Garee lamaanifu jazaan akka jiru haa yaadatu.


Kitaabban wabii:
* Baraa’hiin wa adillatul Iimaaniyyata-fuula 405-407, Abdurahmaan Hasan Habanka, https://www.britannica.com/science/migration-animal/Fish
[1] Bidaa’u Tafsiir-3/293, Imaamu ibn Al-Qayyim
[2] Tafsiiru Sa’dii-1086, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-1/443
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 1/444-446
[4] ABUL ALA MAUDUDI(WITH TAFSIR), www.quran.com
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -12/403

Sila ITti Hin Xinxallanii?-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply