Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 10.2

Offline dubbisuf

B-Bu’aa namni maqaa Rabbii olta’aa, “Al-Haadi” jedhutti amanuun argatu
Kutaalee darban keessatti maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessaa tokko Al-Haadi kan jedhu ilaalle turre. Al-Haadi jechuun Kan uumamtoota hundaa wanta isaan fayyadutti qajeelchuudha. Uumamtoota keessaa uumamtoota muraasa qajeelcha Rabbii olta’aa agarsiisan ilaalle turre. Kanneen akka kannisa, sinbira halkanii, pengu’ini fi qurxummii. Dhugumatti, umamtoonni kunniin Rabbiin olta’aan waan hundaa irratti danda’aa ta’e akkamitti akka isaan qajeelche nutti mul’isu.

Ilmi namaa wantoota uumaman baay’ee caalaa kan kabajameedha. Kanaafu, qajeelchi namni argatu, qajeelcha uumamtoota biroo caala. Kanaafi, caalatti isa qajeelchuuf kitaabban ni buufaman, ergamtoonni ni ergaman, sammuun waa hubatu isaaf ni kenname. Garuu namni qajeelcha isaaf dhufe kana fudhachuu yoo dide, jallachuun umamtoota isaa gadiitin wal qixxaata ykn san caalaa badaa ta’a. Mee amma, bu’aa namni maqaa Rabbii olta’aa, “Al-Haadi” jedhutti amanuun argatu muraasa isaa haa ilaallu:

1-Rabbiin irratti hirkachuu fi abdachuu Rabbiin irratti hirkachuu jechuun wanta namarraa eeggamu hojjachaa Isaaf harka kennu, wanta abdatan akka namaaf guutuu fi qindeessu Isaaf dhiisudha.[1]  Namni Rabbii olta’aa irratti hirkatu, Isaaf harka waan kenneef, wanta Rabbiin isaaf filate fi murteesse gammachuun fudhata. Ammas, hanga danda’e hojjachaa, wanta san akka isaaf guutuu fi galmaan gahuu Gooftaa isaa ni abdata. Kanaafu, namni yommuu Rabbiin irratti hirkatu, wanta isarraa eeggamu hojjachuu qaba. Namni qajeelcha barbaadus, wanta isarraa barbaadamu yoo hojjate, Rabbiin subhaanahu isa qajeelcha. Qajeelcha sirrii argachuuf ulaagaan jalqabaa erga beekanii booda amanuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan gara karaa sirrii Kan qajeelchudha.” Suuratu Al-Hajj 22:54

Beekumsi fi amanuun (iimaanni) tarkaanfi jalqabaa gara qajeelinnaa nama fudhataniidha. Namni Rabbitti fi wanta Isarraa dhufetti yoo amanee, ergasii caalatti beekumsa yoo barbaade fi wanta beeke hojii irra oolche, suutuma suuta qajeelinni isaaf dabalamaa adeemun daandii bal’aa fi sirrii ta’etti baha. Jireenya dukkanaa keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal’innaatti, yaaddoo fi gadda keessaa gara tasgabbii fi gammachuutti baha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

“Yaa warra sammuu qabdan kanneen amantan! Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin gara keessaniitti Zikrii buusee jira. Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan dukkana keessaa gara ifaatti baasuuf Ergamaa keeyyattoota Rabbii ifa ta’an isin irratti dubbisu [ergee jira]. Namni Rabbitti amanee fi hojii gaarii hojjate, Inni (Rabbiin) Jannata jala ishii laggeen yaa’an kan yeroo hundaa achi keessatti abadii hafan isa seensisa. Dhugumatti Rabbiin isaaf rizqii bareechisee jira.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:10-11

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayaata tannin dura waa’ee namoota Isa faallessanii fi ajaja Isaatti bulu didanii ergasii adabbii cimaan isaan adabe ilaalchise dubbata. Kanaafi, itti aansun akkana jedhe, “Yaa warra sammuu qabdan kanneen amantan! Rabbiin sodaadhaa.” Yaa warra sammuu qajeeltu waa hubattuu qabdanii fi amantan, “Rabbiin sodaadhaa.” Kana jechuun wanta dirqama isin irratti godhamee hojjachuu fi wanta dhoowwaman dhiisun dallansuu fi adabbii Isaa irraa of eegaa.

Dhugumatti, Rabbiin gara keessaniitti Zikrii buusee jira.” Asitti Zikriin (yaadannoon)- Qur’aana. Rabbiin subhaanahu Qur’aana yaadannoo (zikrii) jechuun ibse. Qur’aanni wanta gabroota irraa barbaadamuu fi jazaa isaanii kan of keessatti qabateedha. Kanaafu, dirqamni gabroota irra jiru Qur’aana kana fudhachuu, jechaa fi keeyyattoota isaa hundaaf gurraa fi qalbii itti kennu fi hiika isaa hubachuudha. Amantii fi addunyaa isaanitiin wanta wal qabate Qur’aana irraa ni yaadatu. Ammas, Qur’aanni ummattoota darban irraa namoota dachii irraa xuruuraman (badan), sababa maalitiin akka badan nama yaadachiisa. Kanaafu, akka isaanii hin ta’inaa jechuun nama gorsa. Akkasumas, namoota gaggaarii fi badhaasa isaanii nama yaadachiisa. Gara fuunduraattis mindaa namoota gaggaarii fi adabbii namoota badii hojjatanii ni ibsa. Kanaafu, Qur’aanni namootaaf yaadannoo fi gorsa ta’a. Gabaabumatti, namoonni jireenya keessatti hojii hojjatamu qabu, hojii dhiifamu qabu, mindaa hojii gaarii fi adabbii hojii badaa ammaa amma Qur’aana irraa yaadachuu fi yaadachisuun hojii irra oolchuf carraaqu qabu.

Itti aanse, “Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan dukkana keessaa gara ifaatti baasuuf Ergamaa keeyyattoota Rabbii ifa ta’an isin irratti dubbisu [ergee jira].”  Kana jechuun warroota dhugaan Rabbitti amanan, Ergamaa Isaatti fi hundeewwan iimaana birootti amananii hojii gaggaarii hojjatan, dukkana kufrii, shirkii fi wallaalummaa keessaa gara ifa iimaanaa fi beekumsaa baasuuf Ergamaa erge jira. Ergamaan kuni Nabii Muhammad (SAW) yommuu ta’uu, keeyyattootaa Qur’aanaa ifa ta’an isin irratti dubbisa.[2]  

Nabiyyiin (SAW) Qur’aana Rabbiin irraa namootatti erga geessanii booda haa du’aniyyuu malee, Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaatti jijjiramuu fi baduu irraa ni eeggama. Kanaafu, yeroo fi bakka kamittu Qur’aanni namootaaf ibsaa dukkana keessaa gara ifaatti ittiin bahan ta’a.

Ergasii itti aanse mindaa nama amanee fi hojii gaggaarii hojjatu dubbata: Namni Rabbitti amanee fi hojii gaarii hojjate, Inni (Rabbiin) Jannata jala ishii laggeen yaa’an kan yeroo hundaa achi keessatti abadii hafan isa seensisa. Dhugumatti Rabbiin isaaf rizqii bareechisee jira.”

Dhugumatti Rabbiin isaaf rizqii bareechisee jira.” Jannata keessatti rizqii isaaf bal’isa. Rizqiin kunis qananii nyaatamu, dhugamu fi qananii biroo warroota Isatti amananii fi sodaataniif qopheessedha.

Gabaabumatti, namni dhugaan yoo amane, hojii gaggaarii hojjatee fi hojii badaa dhiise, dukkana keessaa gara ifaatti baha. Daandii sirriitti qajeela. Dhugaa fi soba waan addaan baafatuuf jireenya keessatti hin dhama’u. Qur’aana keessatti,

8:29

Yaa warra amantan! Rabbiin yoo sodaattan, Inni furqaan isiniif godha. Badii keessan isin irraa harcaasa. Isiniif ni araaramas. Rabbiin abbaa tola guddaati.” Suuratu Al-Anfaal 8:29

Furqaan jechuun dhugaa fi soba kan addaan baasu. Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Isaaf ajajamuun, dirqamoota Inni isin irra godhee hojjachuu fi Isa faallessuu irraa fagaachuun Rabbiin yoo sodaattan, furqaan dhugaa fi soba, qajeelinnaa fi jallinna, haraamaa fi halaala ittiin adda baastan isiniif godha. Amma wal haa gaafannu, “Wanti dhugaa fi soba, qajeelinna fi jallinna, haraamaa fi halaala addaan baasu (furqaan) kuni maalidhaa?” Deebiin isaa “Beekumsaa fi qajeelcha”[3]

Namni Rabbii olta’aa irraa beekumsaa fi qajeelcha yoo argate, dhugaa fi soba, halaala fi haraama, qajeelinnaa fi jallinna, hojii gaarii fi badaa addaan baasa. Kanaafu, jireenya keessatti dukkana keessaa bahuun ifa keessa jiraata. Keeyyattoota armaan oliiti fi mata-duree keenya yommuu wal qabsiisnu, namni hundeewwan iimaanatti amanuun, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun Rabbiin olta’aan akka isa qajeelchu yoo abdate, karaa sirriitti ni qajeelfama.

2-Qajeelcha Isarraa barbaadu- namni tattaafachuu waliin akka Rabbiin isa qajeelchu yoo abdate, qajeelinna argachuuf Isa kadhachuu qabaa miti ree? Jireenyi tuni iddoo qormaataan guuttamte waan taateef tarkaanfi hunda keessatti qajeelcha nama barbaachisa. Namni qajeelcha kana yoo hin argatin dukkana jireenyaa keessatti kufee bada. Qajeelinni sadarkaa qaba. Haala wali galaatin wanta tokkotti qajeelu. Ergasii, wanta walii galaa fi dimshaashaa ta’e kana keessatti dhimmoota tokkoon tokkoonitti qajeelu. Fkn, Namni yommuu Islaamatti seenu haala wali galaatin iimaanni arkaana jaha akka qabu fi Islaamni arkaana shan akka qabu ni beeka. Kuni qajeelcha jalqabaatin.

Arkaana iimaanaa jahan kanniin takka takkaan itti lixanii beekuun karaa sirrii qabachuun qajeelinna kan duraa caaludha. Ammas, boqonnaa iimaanaa keessatti wantoota dhokatoo namoonni baay’een hin beekne fi hojjachuun isaanitti ulfaatu beekanii hojii irra oolchun qajeelinna guddaadha. Fkn, hojii qalbii kan akka ikhlaasa, obsa, of gadi qabuu, tawakkula fi kkf. Kanaafi, yeroo hundaa salaata keessatti, “Karaa sirrii nu qajeelchi” jechuun kadhanna. Namni haala wali galaatin Islaamatti haa qajeelu malee, sadarkaa tokko irra gara sadarkaa ol’aanutti darbuuf qajeelinna isa barbaachisa. Namni barataa irraa gara sadarkaa aalimatti darbuuf qajeelcha isa barbaachisa. Ammas, muttaqoonni gara sadarka abraarotatti, abraaronnis gara sadarkaa muhsintootatti darbuuf qajeelcha guddaa isaan barbaachisa. Muhsintoonnis karaa qajeela itti fufanii Jannata gahuuf qajeelcha isaan barbaachisa.  

Muttaqoota jechuun warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Abraaronnis warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha. Garuu hojii gaggaarii baay’ee hojjachuu fi wantoota makruh (jibbamaa) dhiisun sadarkaan isaanii muttaqoota ol ta’a. Muhsinoonnis warra amanee wanta Rabbiin itti ajaje hojjatanii fi wanta Inni dhoowwe dhiisaniidha.  Garuu Rabbiin osoo arguu baataniyyu akka waan Isa arganiitti gabbaruun sadarkaan isaanii sadarkaa abraarotaa fi muttaqootaa ol ta’a. Muhsinoonni sadarkaa ol’aanaa irratti argamu.

Ammas, waa’ee amantii ilaalchise namoonni wal dhabu. Yaanni fi amantiin isaanii garagara. Haala kana keessatti, namni tokko “Isaan keessaa eenyutu karaa qajeela irra jiraa?” jechuun ni dhama’a. Kamiin hordofuu akka qabu hin beeku. Yeroo kanatti qajeelcha isa barbaachisa miti ree? Kanaafu, Rabbiin karaa qajeelatti akka isa qajeelchu kadhachuu qaba. Haati manaa Nabiyyii (SAW) Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jetti: Nabiyyiin (SAW) halkan yommuu ka’an, du’aayi tanaan salaata banu:

 اللَّهُمَّ رَبَّ جِبْرِيلَ وَمِيكَائِيلَ وَإِسْرَافِيلَ فَاطِرَ السَّمَوَاتِ وَالأَرْضِ عَالِمَ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ أَنْتَ تَحْكُمُ بَيْنَ عِبَادِكَ فِيمَا كَانُوا فِيهِ يَخْتَلِفُونَ اللَّهُمَّ اهْدِنِي لِمَا اخْتُلِفَ فِيهِ مِنَ الْحَقِّ إِنَّكَ تَهْدِي مَنْ تَشَاءُ إِلَى صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ

Yaa Rabbii! Gooftaa Jibriil, Mikaa’iili fi Israafiil, Uumaa samiwwanii fi dachii, Beekaa wanta hin mul’anne fi mul’atu [taate]; wanta isaan keessatti wal dhabaa turan ilaalchise gabroota Kee jidduutti Ati ni murteessita. Yaa Rabbii! Wanta isaan irratti wal-dhaban irraa gara haqaa na qajeelchi.  Dhugumatti, Ati nama feete gara daandii sirriitti qajeelchita.” Sunan Nisaa’i 1625, Sahiih Muslim 770

Gabaabumatti namni, dhimmoota ifaa fi gurguddaa irraa kaasee hanga dhimmoota dhokatoo fi xixxiqootti kan nama qajeelchu Rabbiin ta’uu yoo beeke, akka isa qajeelchuuf garmalee qajeelinna Isa kadhata. Yoo Rabbiin nama hin qajeelchin eenyullee nama qajeelchu hin danda’u. Sababni isaas, qalbii kan harkaa qabu Rabbii tokkicha. Yoo fedhe ni qajeelcha, yoo fedhe immoo ni dabsa. Beekumsi namaa hanquudha. Namni dhimmoota hunda keessatti mataa ofii qofaan qajeelu hin danda’u.

Du’aayi gabaabaa namni hundi itti fayyadamu danda’u tanaan mata-duree kana haa xumurru:
‏ اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْهُدَى وَالتُّقَى وَالْعَفَافَ وَالْغِنَى ‏”‏ ‏.‏
Allaahumma inni as’alukal-hudaa wat-tuqaa wal-afaafa wal-ghinaa.Sahiih Muslim 2721

Hiika jechootaa: Allaahumma-Yaa Rabbii, innii-dhugumatti ani, as’aluka-Si kadha, hudaa-qajeelinna, tuqaa-badii irraa eeggamu, afaafa-wanta hin hayyamamne fi hin bareenne irraa of qusachu (fkn, zinaa irraa of qusachu, maallaqa namoota kadhachuu irraa of qusachu), ghinaa-durummaa, namootatti hajamuu irraa bilisa ta’u. (wa-fi)

Hiika himaa: Yaa Rabbii! Dhugumatti ani qajeelinna, badii irraa eeggamu, afaafa fi durummaa Si kadha.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 8/722
[2] Tafsiiru Xabarii-23/75-76[3] Tafsiiru Sa’dii-362, Tafsiiru Xabarii-11/127
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.65; AbdulAziz bin Naasir Jaliil

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 10.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply