Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Bismillah rahmaani rahiim (Maqaa Rabbii rahmaan, rahiim ta’een jalqaba) Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Wanta Qoma keessa jiruuf Qoricha kan ta’e Gooftaa keessan irraa isinitti dhufe
Dhugumatti jireenya namaa hundee irraa kitaabni jijjiruu danda’u Qur’aana. Tarii kitaabonni biroo jijjirama fiduu danda’u. Garuu jijjiramni kunniin gadi dhaabbataa fi itti fufaa miti. Jijjiramni Qur’aaanni jireenya namaa keessatti fidu gadi dhaabbataa fi turaadha. Tarii namni fedhii lubbuu isa moo’attu fi dhukkuba qalbii isaa fayyisuuf wanta baay’ee hojjata. Garuu yoo Qur’aana qajeelcha hin godhatin, tooftaaleen hundi ni fashalaa’u. Kanaafi, Qur’aanni dhibee qalbii fi fedhii lubbuutif qoricha. Dhibeen qalbii kanneen akka shakkii, kufrii, of tuuluu, hinaaffi, haafayuu fi kkf. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

10:57

“Yaa namoota!, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee, waan qoma keessa jiruf qoricha, mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.” Suuraa Yuunus 10:57

Gorsi kuni Qur’aana. Qur’aanni wanta qoma keessa jiruuf qoricha. Warroota amananiif qajeelfamaa fi rahmata. Qur’aanni qoricha, qajeelfamaa fi rahmata kan ta’u yoo isa baratan, hubatanii fi hojii irra oolchaniidha. Sababa adda addaa irraa kan ka’e, namoonni baay’een Qur’aana osoo hin baratin hafuu danda’u. Bakka duwwaa kana dhiphisuuf Sammubani.com irratti barruulee barraa’an keessatti aayata Qur’aana hanga danda’ame kitaabban tafsiira beekkamoo irraa ibsaa turreera. Mee ammas, Suurah Qur’aanaa keessaa ibsa suurah muraasaa haa ilaallu. Suurawwan tunniin dhimma Guyyaa Qiyaamaatin waan wal-qabataniif iimaana namaa ni jabeessu. Laa hawla walaa quwwata illa billah

Qiyaamaan Dhufuun Haqa

(1)-Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin; (2)-Humnaan bubbisuu bubbisaniin; (3)-Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha; (4)-Adda baastota adda baasaniin, (5)-Yaadannoo darbitootaan nan kakadha, (6)- sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisaaf. (7)- Dhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni argama.” Suuratu Al-Mursalaat 77:1-7

Jecha “mursalaat” jedhu ilaalchise hayyoonni hiikota beekkamo lama kennanii jiru. Isaanis, bubbee fi malaykoota. Garuu harki caalaan hayyootaa, “bubbee” jedhanii jiru.[1] Kanaafu, nutis gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu bubbee jechuun fayyadamne jirra.

Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin” Kana jechuun bubbee wal duraa duubaan qananii fi rahmataan ergamaniin Nan kakadha. Bubbeen tuni rooba rahmata Rabbii ta’een nama gammachiisti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:“Inni bubbee gammachiisa taasisee rahmata Isaa dura Kan erguudha.” Suuratu Al-A’araaf 7:57 (Asitti rahmanni Isaa rooba)

“Humnaan bubbisuu bubbisaniin” Ammas bubbee humnaan bubbistuun Nan kakadhaa. Aayaata keessatti jecha heddumminna agarsiisu waan fayyadameef akkuma jiruutti gara Afaan Oromootti deebise. Garuu ibsa keessatti akka namaaf galuuf jecha tokke (singular) fayyadame. Bubbeen humnaan bubbistu tuni wanta dachi irra jiru fuutee bakka tokko irraa bakka biraatti geessun hojii adda addaa hojjatti. Hojii kana keessaa namoota kan fayyadu jira, ammas isaaniif qormaata kan ta’uu fi isaan adabuufis kan ta’u jira. Bubbeen humnaan bubbistu tan adabbii fiddu akka aadaa fi seeraa Rabbiitti bubbee rahmataa fi qananiin ergamtu booda dhufti.

“Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha” Kana jechuun bubbee faffacaastu taaten nan kakadha. Bubbeen tuni hurka bishaani ni faffacaasti. Hurka kanarraayis duumessi ni uumama. Akkasumas, bubbeen tuni sanyii biqiltootaa fi daakuu habaaboo bakka tokko irraa bakka biraatti faffaacasun biqiltoonni akka bilchaatanii fi wal horan gahee taphatti. Ammas, bubbeen tuni gaazi fi wantoota nama ukkaamsan ni faffaasti.[2]  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haqa guddaa gara fuunduraatti dhufu tokko mirkaneessuf bubbeewwan faayda guddaa fi baay’ee qaban tanniinin kakate.

“Adda baastota adda baasaniin” Kana jechuun Malaaykota wanta dhugaa fi soba addaan baasu fidaniin nan kakadha.[3]

“Yaadannoo darbitootaan nan kakadha” Kana jechuun Malaykoota ergaa fi beeksisa (wahyii) Rabbii gara Ergamtootatti geessaniin kakadha.[4] Wahyiin (ergaa fi beeksisni) Rabbiin irraa gabrootatti dhufu isaaniif yaadannoo ta’a. Wahyi kana keessatti faayda isaanii isaan yaadachiisa.

 “sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisuuf.” Ergaa fi beeksisni Rabbiin irraa gara namootaa dhufe kuni wantoota sodaachisoo gara fuunduraatti isaanitti dhufu akeekachiisu, ammas, sababa isaan dhiyeefatan dhabamsiisu. Kanaafu, Rabbiin biratti ragaa ittiin mormatan hin qaban.[5] Guyyaa Qiyaamaa, “Rabbiin irraa ergaan nutti hin dhufne” jechuun akka sababa hin dhiyeefanneef Rabbiin subhaanahu kitaabban ni buuse, ergamtoota ni erge. Keeyyattoonni Rabbii erga isaaf ibsamanii booda namni kafaruun adabbiif of saaxile, sababa dhiyeefatu hin qabu. Mataa ofii malee eenyullee hin komatu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota armaan oliitin kan kakatuuf haqa shakkiin keessa hin jirre namootaaf mirkaneessu fi isaan amansiisuufi. Haqa kanas akkana jechuun ibse: “Dhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni argama.” Kana jechuun “Guyyaa Qiyaamaa xurunbaan ni afuufama, qaamonni du’an ni kaafamu, namoota jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran dirree tokko irratti walitti qaba, hunda isaanitiifu jazaa Nan kafala” jechuun waadaan Ani isiniif gale ni argama. “ni argama” kana jechuun wanti waadaa galame kuni dirqamaan ni ta’a, shakkii hin qabu.

Taatewwan Gurguddaa Addunyaa Keessatti adeemsifaman

Wanti Guyyaa Qiyaamaa waadaa galame kuni yommuu argamu, addunyaa keessatti jijjiramni guddaa fi haalonni garmalee ciccimoo nama rifachiisan ni uumamu. Mee haalota kanniin haa ilaallu: 

(8)-Yeroo urjiileen ifti isaanii haaqame. (9)-Yeroo samiinis babbanamte; (10)-Yeroo gaarreenis bubbuqifaman; (11)-Yeroo Ergamtoonnis beellamaan walitti qabaman; (12)-Guyyaa kamiif tursiifame? (13)-Guyyaa Addaan bahiinsaatif. (14)-Guyyaan addaan bahiinsa maal akka ta’e maaltu si beeksisee? (15)-Guyyaa san kijibsiiftootaaf ee badii isaanii!” (Suuratu al-Mursalaat 77:8-15)

Aayaata tanniin keessatti Guyyaan Qiyaamaa kuni addunyaa keessa jiraannu tana keessatti jijjiramni akkami yoo adeemsifame akka dhufu himu. Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun murtiin isaan jidduutti darbee takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam itti deemaniidha.

Yeroo akkamii Guyyaan Qiyaamaa kuni dhufaa? Yeroo urjiileen sarara irra naanna’an (orbiiti isaanii) gadi furanii, ifti isaanii haaqamuun harca’anii fi bittinnaa’an. Qur’aana keessatti iddoo biraatti Guyyaa Qiyaamaa haala urjiilee ni dubbata:

81:2

Yeroo Urjiileen harca’an” Suuratu At-Takwiir 81:2
Urjiileen ifa dhabuu fi harca’uun wantoota gurguddaa Guyyaa Qiyaamaa adeemsifaman keessaa tokko. Wanti rifachisaan biroo Guyyaa san adeemsifamu, samiin har’a wal-qixxooftu taatee fi qawwaa fi baqaqiinsa homaatu hin qabne dhodhoo’u fi banamuudha. Guyyaa san samiin tuni dhodho’uu fi babbaquun banamtu taati. Namni tokko, “Urjiileen erga harca’anii fi samiin dhodhoote banamte, aduu fi jiiyni hoo maal ta’uu?” jedhee gaafachu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa wanta aduun taatu ilaalchise ni jedha:

81:1

“Yeroo aduun maramte.” Suuratu At-Takwiir 81:1
Akkuma beekkamu hammii aduu hamma dachii caala. Garuu waan nurraa fagaatteef xiqqoo fakkaatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, akkuma amaamaan maramu aduunis ni maramti. Aduun yoo walitti maramte, ifni ishii ni badaa jechuudha.

Jiiynis ifa dhabuun aduun akka walitti makamu Suuratu Al-Qiyaamah keessatti ni dubbata:

“[Yeroo] Jiiyni dukkanaa’u (ifa dhabu), Aduu fi jiiyni walitti qabaman.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:8-9
Aduun ji’a liqimsuun bakka tokkotti walitti qabamu.

Wantoonni armaan olitti kaasne wantoota nu olitti adeemsifamaniidha. Samii fi wantoota ishii keessa jiranitti taatewwan gurguddaan kunniin ni adeemsifamu. Dachii irratti hoo maaltu adeemsifamaa? Itti aansun ni dubbata: “Yeroo gaarreenis bubbuqifaman”

Gaarreen gurguddaa fi dhedheeron arginu kunniin bakka isaaniiti bubbuqifamuun daaraa ta’u. Dachii irratti wanti gaara jedhamu hin mul’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Waa’ee gaarreenii si gaafatu. “Gooftaan kiyya faffacaasu isaan faffacaasa.” jedhiin.” (Suuratu Xaahaa 20:105) Kana jechuun gaarreen bakka isaaniitii isaan deemsiisuu fi bubbuqisuun akka jibrii iddamtee ykn akka ashawaa taasisa. Ergasii waliin dhawuun akka awwaara ykn dhukkee bunnisuu godha. Dachiin hoo akkam taati? Gaarreen erga irraa buqqa’anii daaraa ta’anii booda dachiin dirree wal qixxooftu bu’aa bayii homaatu hin qabne taati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Lafa wal qixxaataa biqilaa hin qabne taasisee dachii dhiisa. Ishii keessattis bu’aa bahii homaa hin agartu.” Suuratu Xaahaa 106-107

Dachii fi samii keessatti jijjiramni hangana hin jedhamne ni adeemsifama. Itti aanse haala namoota dubbata: “Yeroo Ergamtoonnis beellamaan walitti qabaman”

Beellamni (qaxaroon) kuni “Guyyaa kamiif tursifamee?” Kuni gaafi guddinna Guyyaa kanaa agarsiisudha. Ergasii akkana jechuun deebise, “Guyyaa Addaan bahiinsaatif” Kana jechuun Guyyaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aala uumamtoota jidduutti murteessuf tursifame. Guyyaa kana keessa ilmaan namaa hojii isaanii irratti hundaa’e gara Jannataa fi ibiddaatti addaan baafamu (fooyamu). 

Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Ergamtoonni walitti qabamuun isaanii fi ummata isaanii jiddutti murteefamuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

39:69

“Dachiinis ifa Gooftaa ishiitin ni ifti. Galmeenis ni kaa’ama. Nabiyyoonni fi ragooleen ni fidamu. Gidduu isaanitti haqaan murteefama, isaan homaa hin miidhaman” Suuratu Az-Zumar 39:69

Guyyaa Qiyaamaa ifti amma jiru ni bada. Akkuma irranatti ilaalle, aduun ni maramti, jiiyni ifa dhaba, urjiileenis ifni isaanii haaqamun harca’u. Kanaafu, namoonni dukkana keessa ta’u. Yeroo kanatti “dachiin ifa Gooftaa ishiitin ni ifti.” Yommuu Rabbiin guddaan olta’ee namoota jidduutti murteessuf dhufu, dachiin ifa Isaatin ifti. “Galmeenis ni kaa’ama.” Kana jechuun kitaabni hojiin namootaa keessatti galmeefame ni dhiyeefama. Namni hundi wanta gaarii fi badaa hojjate kitaaba kana keessatti ni argata. Akkana isaan jedhama: “Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14

Nabiyyoonni fi ragooleen ni fidamu.” Ummata isaanitti ergaa geessu isaanii gaafatamuf, isaan irratti ragaa bahuuf Nabiyyoonnis ni fidamu. Ragooleenis ni fidamu. Ragooleen kunniin, malaaykoota, kutaalee qaamaa, hordoftoota Nabiyyootaa namoota waan gaariitti ajajanii fi waan badaa irraa dhoowwaniidha.

 “Gidduu isaanitti haqaan murteefama” Kana jechuun haqa guutuun namoota jidduutti murteefama. Sababni isaas, qorannoon Rabbii nama hin miine, wantoota hundaa takka takkaan beeku irraa kan baheedha. Ammas, wanti isaan hojjatan hundi Malaykoota kabajamoo ajaja Isaa gonkumaa hin faallessineen kan galmaa’edha. Ammas, ragooleen isaan irratti ragaa bahu. Kanaafu, osoo homaa hin miidhamin haqaan isaan jidduutti murteefama.[6] Hojii isaa irratti hundaa’e kan badhaafamu qabu ni badhaafama, kan adabamu qabu ni adabama.

Itti aanse Guyyaa Guddaa uumamtoota jidduutti murteefamu kana nama kijibsiise, akkana jechuun akeekachiisa: “Guyyaa san kijibsiiftootaaf ee badii isaanii!” Kijibsiiftoota jechuun namoota Guyyaan Qiyaamaa soba akka ta’etti yaadaniidha. Namoonni du’an lamuu hin kaafaman jechuun yaadu. Namoota wanta akkanaa yaadanii fi amananiif ee badii isaanii. Guyyaa san yaa gaabbii fi ciminna adabbii isaanii! Rabbiin subhaanahu waa’ee Guyyaa kanaa isaanitti beeksisee fi kakachuun akka dhufu mirkaneesseefi jira. Garuu isaan kana hin dhugoomsine. Kanaafu, adabbii isaaniif malu argatu.[7] Akeekachisni jabaan kuni suurah tana keessatti irra deddeebi’uun dhufe. Kunis, karaa nafsee kijibsiisuu fi shakkiin dhukkubsatte ittiin fayyisaniidha. Qorichi akkuma irra deddeebi’anii dhuganiin ykn liqimsaniin fayyaa namaaf ta’aa miti ree?

Itti fufa….


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii-21/494
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/555-557
[3] Zaadul Masiir-1503, Tafsiiru Xabarii-23/587-588
[4] Tafsiiru ibn Kasiir-7/454 fi maddoota armaan olii
[5] Tafsiiru Sa’dii-1066
[6] Tafsiiru sa’adii-858, Ma’aarij-12/278-279
[7] Tafsiiru Sa’dii-1066

Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 2
Mormii Mushrikootaa-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply