Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti Qiyaamaan haqa akka taate ilaalle turre. Akkasumas, wantoota rifachisoo Guyyaa san adeemsifaman ilaalle jira. Har’as itti fufuun ragaalee ifaa Guyyaan Qiyaamaa akka dhuftu agarsiisan ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun qoratamanii fi murtiin isaan jidduutti darbee takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam itti deemaniidha.

Namoonni Sababa kufrii fi badii gurguddaa biroo hojjataniin lafarraa xuruuramu

(16)-Sila Nuti warra duraani hin balleessinee? (17)-Ergasii warra boodaa isaan hordofsiifna. (18)-Akka kanatti yakkamtootatti hojjanna. (19)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:16-19

Arabiffa keessatti guddinnaa fi aangoo agarsiisuuf maq-dhaala“nuti” jedhu fayyadamuun wanta baratamee fi beekkameedha. Kanaafu, keeyyattoota Qur’aanaa keessatti Rabbiin “Nuti” jedhe yommuu fayyadamu, Guddinnaa fi Aangoo Isaa agarsiisuufi. Asitti “Nuti” baay’inna hin agarsiisu. Rabbiin olta’e Tokkicha waan ta’eef.

“Sila Nuti warra duraani hin balleessinee?” Wanta Seera Jazaa Rabbii agarsiisu keessaa tokko Rabbiin azza wa jalla yakkamtoota duraanii ergamtoota Gooftaa isaanii fi Guyyaaa Murtii kijibsiisan balleessudha. Yakkamtoota kanniin keessaa ummata Nuuh, ummattoota Samuudi fi Aad ni eeramu.

Rabbiin yakkamtoota duraanii balleessun seenaa beekkamaadha. Hafteen isaanii gariin ni mul’ata. Gooftaan hakiim (ogeessa), rahiim ta’e isaan hin balleessu sababa badii gurguddaa isaan keessa turaniif malee. Kanaafu, badii hojjachuu yoo itti fufan, ogummaa irraa yakkamtoota kanniin balleessun dachii qulqulleessudha. Rabbiin arraba ergamtootatin balleessaa guutuu akka isaan balleessu akeekachiise jira. Garuu isaan akeekachisa Rabbii akka salphaatti ilaalan. Wanta Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwetti xiyyeefannoo itti hin kennine. Dachii keessatti badii ni baay’isan. Kanaafu, Gooftaan isaanii isaan balleesse.

Yakkamtoonni darban sababa badii isaanitiin akka lafarraa xuruuraman mirkaneessuuf haala gaafitiin dhufe: “Sila Nuti warra duraani hin balleessinee?” Seenaan yakkamtoota darbanii lafarraa xuruuraman beekkamaa fi hafteen isaanii iddoo adda addaatti kan mul’atu waan ta’eef, namni gaafi kanaaf, “Eenyen, Rabbiin isaan balleesse jira” jechuun mirkaneessa.  

Ergasii warra boodaa isaan hordofsiifna.” Yeroo dheeraa booda yakkamtoonni biroo yakkamtoota jalqabaatin wal fakkaatan yommuu argaman, balleessaa guutuu isaan balleessina.[1] Jecha biraatin, akkuma yakkamtoota darban sababa kufrii fi badii isaaniitiif balleessine, yakkamtoota isaan booda dhufanii akkuma isaanii kafaranii fi badii hojjatanis ni balleessina.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ummata Nuuh, ummattoota Aadi fi samuud sababa kufrii fi badii isaanitiin isaan balleesse jira. Ummattoota isaan booda dhufaniis kanneen akka ummata Luux, Madiyan, Fira’awna fi ummata isaa akkuma yakkamtoota durii badii waan hojjataniif ni balleesse. Kuni seeraa Rabbii hin jijjiramneedha. Rabbiin subhaanahu yakkamtoota yeroo kennaaf. Garuu akkanumatti osoo hin qabinii fi hin adabin hin dhiisu. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Akka kanatti yakkamtootatti hojjanna.” Kana jechuun akkuma yakkamtoota darban kanniin sababa kufrii fi kijibsiisuu isaanitiif balleessine, akkuma kana seerri Kiyya ummattoota kaafira isaan fakkaatan keessatti hojii irra oola. Kanaafu, yakkamtoota sababa yakka isaaniitiif yommuu daangaa darban isaan balleessina.[2]

Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Keeyyattoota, ragaalee, mallattoolee ifaa fi adabbii fakkeenyaa erga arganii booda warra Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisaniif ee badii isaanii![3]

Ragaalee Kaafamuun Haqa ta’uu agarsiisan keessaa

(20)-Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee? (21)-Iddoo qubanna tasgabbaa’a ta’e keessas isa goone. (22)-Hanga yeroo beekkamaatti. (23)-Ni safarres, Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle. (24)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:20-24

Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee?” Aayah keessatti, mahiin jechuun xiqqaa, dadhabaa, tuffatamaa jechuudha. “maa’a” jechuun immoo bishaani. Bishaan dadhabaan, xiqqaan, tufatamaan kuni dhangala’aa saalati. Yaa namoota! Du’aan booda Guyyaa Qiyaamaa kaafamu yoo shakkitan, sila Nuti dhangalaa’a saalaa dadhabaa, xiqqaa fi tufatamaa ta’e irraa isin hin uumnee? Bishaan dadhabaa, xiqqaa fi tufatamaa kanarraa Kan isin uumee, akkamitti lamuu isin deebisee uumuu dadhabaa? Akkuma isinu beektan, jalqaba irratti uumuu kan danda’e lamuu deebisuun isa hin dhibu. Inumaa lamu deebisuun Isaaf salphaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Inni uuminsa Kan jalqabu, ergasii deebisuudha. Suni (deebisuun) Isa irratti baay’ee salphaadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:27

Uumamtoota uumuu Kan jalqabu Rabbiin qofa. Isaan ala eenyullee uumamtoota uumuu hin danda’u. Akkuma jalqaba irratti isaan uume, yommuu du’an Kan deebisu Rabbuma. Erga du’anii booda uumamtoota deebisuun ykn kaasun Isarratti baay’ee salphaadha. Kanaafu, Qiyaamaa hin shakkinaa.

 “Iddoo qubannaa tasgabbaa’a ta’e keessas isa goone.” Kana jechuun dhangala’aa saalaa kana gadaamessa haadhaa keessa goone. Gadaamessi haadhaa iddoo qubannaa guddinnaa fi dagaaginna bishaan saalaa kanaaf mijaa’aa fi tasgabbaa’a ta’eedha. Achi keessatti maxxanuun hanga nama guutuu ta’e bahuu guddachu itti fufa. Bakka kana (gadaameessa) Kan mijeesse fi achi keessatti dhangala’aa kana Kan qubsiise Rabbii olta’aadha. “Hanga yeroo beekkamaatti.” Hamma yeroo beekkamaa fi murtaa’atti dhangala’aan saalaa kuni gadaamessa keessatti hanga nama guutuu ta’u guddachuu fi dagaagu itti fufa. Ergasii ni dhalata.

“Ni safarres” Kana jechuun Uuminsa ulfaa (daa’imaa) keessatti safara fi hamma wanta hundaa murteessinee fi daangaa goonefi jirra. [4] Fakkeenyaf hanga, dheerinna, bocaa fi amala kutaalee qaama hunda safaruu fi murteessu.

Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle.” Eenyullee akka Rabbiin safaruu fi murteessutti safaruu fi murteessu hin danda’u. Kanaafu, warroota waa safaranii fi murteessan caalaa wantoota hundaa dogongora tokko malee kan safaruu fi murteessu Rabbii olta’aaf faarun hundi haa ta’u.

Copha bishaanii irraa ilma namaa kana kan akkanatti uume du’aan booda deebisuun Isatti ulfaataa? Rabbiin dadhabbinna irraa olta’e qulqullaa’e. Rabbiin namoota du’an akka deebisuu danda’u ragaan ifaa fi shakkii hin qabne erga dhiyaate booda, nama Qiyaamatti hin amanneef akeekachisni ta’uu, “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!

Qiyaamaan haqaa hin kijibsiisin, ni baddaati
Yaa nama Guyyaa Qiyaamatti hin amanne! Mee wanta irraa uumamte ilaali. Dhangala’aa saalaa dadhabaa, xiqqaa fi tuffatamaa irraa uumamte. Dhangala’aan saalaa kuni dadhabaa fedhii, beekumsaa fi dandeetti waan hin qabneef ofiin of uumuu hin danda’u. Kanaafu, dhangala’aa kanarraa kan si uumee Rabbii olta’aa waan hundaa irratti danda’aa ta’eedha. Jalqaba irratti dhangala’aa kanarraa si uumuu Kan danda’e, erga duutee biyyee taates lamuu si uumuu irratti danda’aadha. Sababni isaas, jalqabarratti wanta tokko hojjachuu kan danda’e, lamuu wanta san hojjachuun itti hin ulfaatu. Kanaafu, ragaa ifaa kana booda Qiyaamaa hin kijibsiisni ni baddaati. “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Ishii dhoksuutti dhiyaadha. Akka lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni dhufti]. Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa si hin garagalchin, ni baddaati.” Suuratu Xaahaa 20:15-16

“Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha” kana jechuun Yeroon namoonni du’an jireenya lammataatif itti kaafaman ni dhufti, shakkii hin qabu. Sababni isaas, karoora uuminsaa keessaa tokko waan taateef. Karoorri jalqabaa addunyaa tana keessatti namoota qormaatu yoo ta’u, karoorri kunis raawwatamaa jira. Karoorri lammataa immoo qorannoo, murtii dabarsuu fi jazaadha. Kuni immoo jireenyi addunyaa tanaa erga xumurame booda Guyyaa Qiyaamaa raawwatama. Kanaafu, Qiyaamaan dhufuun dirqama.

 “Ishii dhoksuutti dhiyaadha.” Of irraayyu dhoksuutti dhiyaadha. Akkamitti akka isin beektan taasisaa?  Kanaafu, Ana malee yeroo Qiyaamaan itti dhuftu kan beeku hin jiru.[5] Akka aadaa Arabootaatti yommuu wanta tokko garmalee dhoksan ni jedhu, “Of irraayyu dhokse.” Kana jechuun wanta dhokse kana eenyuttillee hin beeksisu.[6]

Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbiin malee kan beeku hin jiru. Faaydan akkanatti ishii dhoksuu keessa jiru, akeekachisuu fi namoonni hojii gaggaarii hojjachuun akka of qopheessanii fi of eeggataniifi. Namni yoom diinni isatti akka dhufu yoo hin beekne, garmalee of eeggata.[7]

“Akka lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni dhufti].”
Jazaa jechuun gaaris ta’ee badaa irraa wanta hojii saniif maluun deebisuudha. Jazaan kuni mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Namni waan gaarii hojjate mindaa gaarii akka argatuuf, namni waan badaa hojjate adabbii isaaf maluu akka adabamuuf Qiyaamaan ni dhaabbatti. “Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa si hin garagalchin,” Kana jechuun namni Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofu, Qiyaamatti amanuu fi Jannata qananii keessatti mindaa guddaa Guyyaa san argataniif hojjachuu irraa si hin garagalchin, si hin ko’oomsin. Namni Qiyaamatti hin amanne, shakkuu fi shakkisisuuf carraaqa. Namni kuni fedhii lubbuu kan hordofu yommuu ta’u, fedhiin isaa hundi faayaa fi miidhaginna addunyaatti tan rarraatedha. Tarii fedhii lubbuu hordofuu isaatu argituu beekumsaa balleesse. Kanaafu, Qiyaamaa fi jazaaf kaafamutti ni kafare. “ni baddaati.” Kana jechuun karaa nama Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu hordofu duuka bu’uun Qiyaamatti amanuu yoo didde fi ishiif hojjachuu irraa yoo garagalte, ni badda. Qilee badiitti kuftee dallansuu fi adabbiin Rabbii sitti bu’a.[8]


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/573
[2] Tafsiiru Xabarii-23/594
[3] Tafsiiru Sa’dii-1067,
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -2/577
[5] Tafsiiru Xabarii,16/35 Tafsiir ibn Kasiir-5/274, Zaadul Masiir-fuula 901
[6] Zaadul Masiir-fuula 901, ibn Al-Jawzi
[7] Madda olii
[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-8/57-58, Tafsiiru Sa’dii-586

Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 3
Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply