Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 3

Suuratu Al-Mursalaat suurah waa’ee Guyyaa Qiyaamaa fi haala namootaa dubbattuudha. Dhugumatti, Suurah tana keessa ragaalee amansiisoo Qiyaamaan haqa ta’uu agarsiisanii fi wanta Guyyaa san raawwatamantu jira. Kanaafu, eenyutu ragaalee kanniinitti xinxalluun amanee Guyyaa san adabbii ibsame jalaa nagaha bahaa? Kutaa darbe irraa itti haa fufnu…

(25)-Sila Nuti dachii walitti qabattuu hin taasifnee? (26)-Jiraa fi du’aas [tan walitti qabdu]? (27)-Gaarreen ragga’oo dhedheeroo ishii keessatti goone. Bishaan mi’aawas isin obaafne. (28)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:25-28

Arabiffa keessatti guddinnaa fi aangoo agarsiisuuf maq-dhaala“nuti” jedhu fayyadamuun wanta baratamee fi beekkameedha. Kanaafu, keeyyattoota Qur’aanaa keessatti Rabbiin “Nuti” jedhe yommuu fayyadamu, Guddinnaa fi Aangoo Isaa agarsiisuufi. Asitti “Nuti” baay’inna hin agarsiisu. Rabbiin olta’e Tokkicha waan ta’eef.

“Sila Nuti dachii walitti qabattuu hin taasifnee? Jiraa fi du’aas [tan walitti qabdu]?”  Kana jechuun dachii jiraataa keessanii fi du’aa keessan tan walitti qabduu hin goonee? Iddoo jireenyaa fi mana keessatti jiraattota ofirratti qabdi. Warroota du’an immoo qabrii keessatti of keessatti qabatti.[1] Garaa dachii keessa du’aatu jiraata. Gubbaa dachii keessa immoo lubbu-qabeenyitu jiraata. Kanaafu, dachiin jiraa fi du’aa tan walitti qabattee fi sassaabdeedha.

Wanti bu’uuraa dachii “biyyee fi bishaani.” Dachiin qabee jireenyaati malee mataa ofiitin lubbuu tana qabduu miti. Lubbuun wanta ishii irraa adda baheedha. Kana jechuun lubbuun tuni gara biraati ishii keessatti seensifamti. Lubbu-qabeenyitti lubbuu kan seensisu dachii osoo hin ta’in, Rabbii olta’aadha.

Hammaarri biyyeetti lubbuun yoo seensifamte, hammaarriin kuni qabee lubbuu of keessatti qabatu ta’a. Yeroo du’aa lubbuun tuni qaama hundeen isaa biyyee ta’ee irraa fudhatamti. Ergasii qaamni gara biyyeetti deebi’a. Lubbuun itti seenun dura haala duraan turetti deebi’a.

Dachiinis qaama du’e hanga nyaatte balleesisutti of keessatti qabatti. Ergasii biyyema dachii tanarraa jireenyi biraa ni uumamti. Tarii qaama duraan du’ee biyyetti deebi’e irraa wanti tokko ijaarsa qaamaa haarawaa kana keessa seenu danda’a. Haala kanaan du’aa fi jireenyi dachii tana keessatti irra deddeebi’u.

 Akkuma mul’atu, dachiin qabee guddaa murtii fi uuminsa Rabbiitin lubbu-qabeenyin keessaa ol yaa’aniidha. Ammas, murtii, uumiinsaa fi too’annaa Rabbiitin wantoonni du’an dachitti deebi’u. Tarii hammaarrin biyyee fi bishaan dachii, jireenya fi du’a jidduu si’a baay’ee deddeebi’an.[2] (Kana jechuun wanti tokko yommuu du’u gara biyyeetti jijjirama. Biyyee tana irraa biqiltoonni ni biqilu. Biqiltoota kana irraa lubbu-qabeenyin ni nyaatu. Nyaanni kuni gariin qaama keessa deemun gara dhangala’aa salaatti jjjirama. Dhangala’aa saalaa kanarraa namni ykn lubbu-qabeessi ni uumama. Ammas, lubbu-qabeessi kuni guddatee ni du’a. Ergasii qaamni isaa gara biyyeetti jijjirama. Biqiltoonni biyyee kanarratti ni guddatu. Ergasii lubbu-qabeessi biroo biqiltoota kanarraa ni nyaata. Nyaanni kuni gara dhangala’aa saalaatitti jijjirama. Haala kanaan jiruu fi duuti si’a baay’eef deddeebi’u. Wanti asitti hubatamu qabu, biyyee fi bishaan hundee ykn bu’uura qaamni namaa irraa ijaarramuudha. Garuu lubbuun alarraa qaama biyyee fi bishaan irraa ijaarrame kanatti seenti. Qaama kanatti lubbuu Kan seensisu Rabbii olta’aadha.)

Kanaafu, maaltu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa namoota kaasu akka hin danda’amnetti akka ilaalan nama taasisa ree? Jecha biraatin, maaltu, “Namoonni erga du’anii booda hin kaafaman” jedhanii akka yaadan nama taasisa ree? Dachiin tuni qabee waa of keessatti qabattu malee lubbuu tan uumtu miti. Bu’uurri qaama lubbu-qabeenyi biyyee fi bishaani jennee jirra. Qaama biyyee fi bishaan irraa erga walitti qabee booda lubbuu itti seensisuun nama Kan taasise, erga du’anii booda biyyee fi bishaan irraa walitti isaan qabuun lubbuu itti seensisee lamuu isaan hin kaasu? Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa irratti danda’aadha. Suuratu Xaaha keessatti dhugaa kana akkana jechuun ifa baasa:

20:55

“Ishii irraa isin uumne, ishii keessatti isin deebifna. Yeroo biraas ishii keessaa isin baafna.” Suuratu Xaahaa 20:55

Dachii irraa isin uumne. Kana jechuun biyyee fi bishaan ishii irraa qaama keessan uumne. Du’aan boodas gara dachiitti isin deebisna. Biyyee keessa taatu. Yeroo biraa dachima tanarraa isin baafna. Qorannoof, murtiif,  ergasii mindaa kafaluuf, adabuuf yeroo lammataaf gara jireenyaatti isin deebisna.[3] Kuni Guyyaa Qiyaamaa ta’a.

Isin homaa kan hin turree taatanii osoo jirtanuu dachii irraa isin uumne. Akkuma yeroo jalqabaa isin baasne du’aan boodas dachiima irraa isin baasna.[4] Kanaafu, lamuu kaafamu akka waan hin danda’amneetti hin ilaalinaa. Rabbiin biyyema irraa isin uume, biyyeematti isin deebisa, lamuus biyyema irraa isin kaasa.

Gaarreen ragga’oo dhedheeroo ishii keessatti goone.” Kana jechuun dachii keessatti gaarreen sirritti gadi dhaabbatan, lafa qabatanii fi dhedheeroo taasifne jirra. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gaarreen ibsa lamaan ibse: gadi dhaabbatoo fi dhedheeroo. Ibsa lamaan kana dubbachuun xiyyeefannoo fi kunuunsa Rabbiin gabroota Isaa dachii keessa jiraataniif kenne agarsiisa. Gaarreen dachii keessatti gadi dhaabbachuu fi sirritti hidda qabachuun dachii tasgabbeessa. Yeroo hundaa dhiibbaa keessaa fi kirkiraaf akka hin saaxilamne eega.

Ammas, gaarreen dhedheeroo ta’uun namoota fi wantoota birootiif faayda baay’ee fidaaf. Gaarreen kana keessa bishaan mi’aawan ni kuufama. Dhagaa isaanii irraayis namoonni ijaarsaaf itti fayyadamu. Yeroo duulaas gaarreen keessatti dhokachuun of eegu.[5]

“Bishaan mi’aawas isin obaafne.” Kana jechuun bishaan mi’aawa dhugaatif ta’u duumessaa irraa buusun isin obaafne. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila bishaan dhugdan san argitanii? Isintu duumessa irraa buuse moo Kan buuse Nuhi? Osoo feene ashaboo [kuraawaa] isa taasifna. Kanaafu, maaliif [Rabbiin] hin galateefannee?” Suuratu Al-Waaqi’a 56:68-70
Yaa namoota! Bishaan dhugaatii namatti tolu, kuraawaa fi hadhaawaa kan hin taane san itti xinxallitanii? Isintu duumessa irraa buusee moo Nutu buusee?” Osoo Rabbiin subhaanahu wa ta’aala duumessa irraa bishaan dhugaatiif namatti tolu buusu baate, eenyutu buusaa? Ilmaan namaa guutuun osoo walitti qabamanii copha bishaani takka buusu hin danda’an. Rabbii olta’aa malee bishaan qulqulluu duumessa irraa kan buusu hin jiru. Kana hubachuuf mee yeroo hoonge haala namootaa ilaali. Yeroo hoongee roobni dhabamu san namni hunduu gara Rabbii olta’aa fiiga. Osoo namoonni ofii kan buusan ta’anii, silaa duumessa irraa bishaan ni buusu turan. Garuu, Rabbii Tokkicha malee eenyullee bishaan kana hin buusu.

Gaarreen gurguddaa fi dhedheeroo kanniin uumuu fi bishaan mi’aawa duumessa irraa buusun namoota obaasun wantoota guddinna dandeetti Rabbii fi ogummaa Isaa agarsiisaniidha. Kunis du’aan booda jireenya lammataaf kaafamuun haqa akka ta’ee ragaa amansiisaa namaaf dhiyeessa. Jireenya lammataa kana keessatti qorannoon, murtii fi jazaan ni adeemsifama. Kanaafu, ragaalee nama amansiisan booda nama Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisuu, “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” jedhee akeekachisuun wanta maluudha.

Asi olitti ragaalee nama amansiisan Qiyaamaan haqa ta’uu agarsiisan erga dhiyeesse booda, namoota Qiyaamaa kijibsiisaniif adabbii isaan eeggatu hima:

(29)-Gara waan sobsiisaa turtanii deemaa. (30)-Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa.” [jedhamu]. (31)-Gaaddisa qabbanaa’as miti, laboobaa irraas nama hin eegu. (32)-Dhugumatti ishiin qaanqeewwan akka gamoo darbiti. (33)-Inni (qaanqichi) gaalota sufr fakkaata. (34)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:29-34

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyattoota tanniin warroota Guyyaa Murtii kijibsiisan dubbisuun jalqaba. Dubbiin kuni Guyyaa Murtii wanta isaanitti qajeelfamu keessaa fakkii murameedha. Gara Jahannam akka deeman yommuu ajajaman dubbiin kuni sammuu keessatti fakkii kaasa.

Rabbiin subhaanahu kijibsiiftota irratti erga murteesse booda Guyyaa Qiyaamaa maal akka isaaniin jedhamu jireenya addunyaa keessatti namootaaf hima. Qur’aanni wanta gara fuunduraatti raawwatamu akka waan raawwatametti kan ibsuuf, gara fuunduraatti wanti suni dirqamaan akka raawwatamu namootatti beeksiisuufi. Wanta gara fuunduraatti raawwatamu akka waan raawwatameetti ibsuun yeroo Qur’aanni bu’utti Araboota biratti sirna dubbii beekkamaa hin turre. Yeroo ammaa keenya kana keessatti, namoonni filmi hojjatan kanneen taatee (gocha) wanta tokkoo odeessan sirna dubbii kana argatanii jiru. Filmi hojjachuun dura, wanta gara fuunduraatti raawwatamu qabu ni odeessu ykn ni barreessu. Ergasii wanta odeessan ykn barreessan kana filmi keessatti hojii irra oolchu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa beeku, Guyyaa Qiyaamaa haqa ta’uu ilaalchise ragaalee amansiisoo erga dhiyeesse booda gara wanta Guyyaa san kijibsiiftootaan jedhamutti darbe. Kijibsiiftoonni akka waan amma tanatti Guyyaa Murtii keessa jiranitti isaan dubbise:

“Gara waan sobsiisaa turtanii deemaa.” Kana jechuun yeroo addunyaa keessa turtan sanitti gara wanta sobsiiftaniitti deemaa. Wanti isaan sobsisaa turan kuni ibidda Jahannami. Kaafironni addunyaa irratti, “Adabbiin ibiddaa hin jiru” jechuun yaadaa turan. Adabbii Jahannam ilaalchise wanti Ergamtoonni fi hordoftoonni ergamtootaa isaanitti himan akka sobaatti ilaalaa turan. Guyyaa Qiyaamaa adabbii Jahannam kana ijaan argu. Akkana isaaniin jedhama:

“Tuni ibidda isin sobsiisaa turtaniidha. Sila kuni sihriidha moo isin hin agartanii?” Suuratu Ax-Xuur 52:14-15

 Ibiddi kuni sihrii (falfala) sobaati moo isintu hin arginee? Kuni isaan gaafachuuf osoo hin ta’in isaan waqqasuufi. Nama tokko yommuu waqqasnu, akka gaafatti dubbii keenya dhiyeessinaaf. Guyyaa Murtii ibiddi Jahannam haqa ta’ee waan arganiif jalaa dheessu hin danda’an. Kanaafu, “Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa.” isaaniin jedhama. Kana jechuun gara aara Jahannam bakka sadiitti qoodametti deemaa. Aarri Jahannam yommuu olka’uu bakka saditti qoodama. Haaluma kanaan aarri ibidda guddaa yommuu olka’u ni qoqqodama. Aarri kuni gaaddisa qaba. Ergasi gaaddisa aaraa kanaa maal akka ta’e ni ibse: “Gaaddisa qabbanaa’as miti, laboobaa irraas nama hin eegu.” Kana jechuun gaaddisa kana keessa boqonnaa fi tasgabbiin hin jiru. Yommuu isa keessa turanis laboobaa ibiddaa irraa isaan hin eegu. Kana irra laboobaan ibiddaa bitaa mirgaa fi gara hundaan isaan marsa. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“Gubbaa isaanitii haguuggi ibiddaatu isaaniif jira, jala isaanitiis haguuggi [ibiddaatu] jira.” Suuratu Az-Zumar 39:16

Ergasii itti aanse guddinna qaanqewwan ibiddaa dubbite: “Dhugumatti ishiin qaanqeewwan akka gamoo darbiti.”  Kana jechuun qaanqeen ibiddi Jahannam darbitu guddinni ishii akka gamoo guddaati. Qaanqee jechuun ibidda irraa qilleensa keessatti wanta faffaca’uudha. Gamoon immoo ijaarsa (mana) guddaa ta’eedha.[6] Ergasii itti aanse bifa qaanqe ibse:  “Inni (qaanqichi) gaalota sufr fakkaata.” Kana jechuun bifti qaanqe kanaa akka gaalota gurraacha gara booraatti dhiyaatan fakkaata. Gaalota sufr jechuun gaalota gurraacha gara bifa booraatti dhiyaataniidha. Kuni kan agarsiisu ibiddi Jahannam, barbadaan ishii, laboobaa fi qaanqen ishii gurraacha, bifti ishii jibbisiisadha. Garmalee hoo’iti. Rabbiin ibidda Jahannam irraa nagaha akka nu godhu kadhanna.[7]  

Adabbii cimaa kana erga ibsee booda namoota Guyyaa kana kijibsisan, “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” jechuun akeekachiisa.  

Itti fufa…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-23/596
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/579-586
[3] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 8/146
[4] Tafsiiru Xabarii-16/87
[5] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -2/582-583
[6] Fatihu Qadiir-1571, Shawkaani, Daarul Ma’arifa
[7] Tafsiiru Sa’dii-1067, Tafsiiru Muyassar-581

Print Friendly, PDF & Email
Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa Dhumaa
Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 2

Leave a Reply