Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa Dhumaa

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti wanta Guyyaa Murtii taasifamu muraasa isaa ilaalle turre. Har’as itti fufuun kutaa xumuraa suuratu Al-Mursalaat ni ilaalla.

(35)-Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha. (36)-Uzrii akka himatan isaaniif hin hayyamamu. (37)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (38)-Kuni Guyyaa addaan bahiinsaati; isinii fi warra duraanii walitti qabne. (39)-Yoo tooftaa wayii qabaattan, tooftaa Natti baafadhaa. (40)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:35-40

“Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha.”  Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa kuni Guyyaa guddaa kaafiroota irratti cimaa ta’e kan isaan hin dubbanneedha.[1] Uzriis akka himatan isaaniif hin hayyamamu. Uzrii himachuu jechuun akka dhiifamni namaaf godhamuu fi hin adabamneef sababa, rakkoo fi ragaa dhiyeefachuudha. Guyyaa Qiyaamaa namoonni Rabbiitti, Ergamtootatti fi Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne, sababa, rakkoo fi ragaa dhiyeefachu hin danda’an. Osoo sababa, rakkoo fi ragaa dhiyeefataniyyuu, isaan irraa hin fuudhamu. “Yaa Rabbii sababa kanaaf amanu dadhabne, rakkoo akkanaatiif hojii gaggaarii hojjachuu dadhabne, yaa Rabbii dhiifama nuuf godhi” yoo jedhan, kuni isaan irraa hin fuudhamu.  

 “Kuni Guyyaa isaan hin dubbanneedha” yommuu jedhu Guyyaa Qiyaamaa guutumaan guututti hin dubbatan jechuu miti. Dhugumatti, Guyyaan Qiyaamaa iddoo fi waqtii qaba. Kuni waqtii isaan hin dubbannee fi uzrii akka himatan isaaniif hin hayyamamneedha.[2]

Guyyaan kuni Guyyaa cimaa rakkoo fi sababaa osoo dhiyeefatanii namarraa hin fuudhamneedha. Kanaafu, namoota Qiyaamatti amanuu diduun badii hojjachuu itti fufan, tarii akeekachiisni kuni isaan dammaqsu danda’a “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Kana jechuun warra Guyyaa Qiyaamaa kana soba akka ta’etti ilaalaniif Guyyaa san badii fi adabbii cimaatu jira. 

“Kuni Guyyaa addaan bahiinsaati;” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa, “Kuni Guyyaa Rabbiin uumamtoota jidduutti murteessudha.” Jedhama. Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa addaan bahiinsaa kan jedhameef, Rabbiin uumamtoota jidduutti murteessun warri Jannataa fi warra Jahannam addaan baafamu. “isinii fi warra duraanii walitti qabne.” Addunyaa keessatti “Guyyaa Qiyaamaa isinii fi namoota darban hunda walitti ni qabna” jennee waadaa galaa turre. Kunoo har’a isinii fi warra darban walitti sassaabne. Kanaafu, har’a “Yoo tooftaa wayii qabaattan, tooftaa Natti baafadhaa.” Kana jechuun adabbii irraa tooftaa ittiin baatan yoo qabaattan, tooftaa baafadhaa.  Qabaa Rabbii irraa of baraaraa.[3]

Guyyaa kana tooftaa fi malli isaanii ni bada, shirri isaanii ni dhabama. Azaaba (adabbii) Rabbiitiif harka kennu. Wanta isaan kijibsiisan isaaniif ifa godha. Amma dubbiin kan duraa caala. Duratti dubbachuu fi uzrii himachuu irraa ni dhoowwaman. Amma immoo murtiin isaan jidduutti waan murtaa’uf adabbii jalaa bahuu hin danda’an. Kanaafu, nama Guyyaa Qiyaamaa tooftaa fedhe osoo baase adabbii jala bahuu kan hin dandeenye ta’ee osoo jiru Guyyaa Guddaa kana akka sobaatti ilaaluf, akeekachisni ta’uu, “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”

Kuni adabbii nama Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisee osoo hin tawbatin du’eefi. Garuu du’aan dura tawbachuun, amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun yoo of dhaqqabe, adabbi kana jalaa ni baha. Muttaqoota keessaa ta’uun Guyyaa san mindaa guddaa argata. Mee amma mindaa warra Guyyaa kanatti amananii hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachuun of qopheessan haa ilaallu:

(41)-Dhugumatti, Muttaqoonni gaaddisootaa fi burqaawwan keessa ta’u. (42)-Wanta fedhan irraa fuduraalee [keessa ta’u]. (43)-“Sababa waan dalaga turtaniitif gammachuun nyaadhaa dhugaa.” [jedhamu]. (44)-Dhugumatti, Nuti akka kanatti toltu hojjattoota mindeessina. (45)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:41-45

“Dhugumatti, Muttaqoonni gaaddisootaa fi burqaawwan keessa ta’u.”
Muttaqoota jechuun namoota dhugaan Rabbii fi odeefannoo Isarraa dhufetti amanan, hojii gaggaarii itti ajajaman hojjatanii fi hojii irraa dhoowwaman dhiisaniidha. Kanaafu ibsi aayah: dhugumatti namoonni addunyaa keessatti dirqamoota Islaamaa hojjachuu fi badii irraa fagaachuun adabbii Rabbii irraa of eegan, gaaddisoota qabbanaa keessa ta’u. Azaan hoo’aa fi qorraa isaan hin tuqu. Fuggisoo kanaa, namoonni Rabbitti kafaran, gaaddisaa aaraa qabbana hin qabnee fi laboobaa ibiddaa irraa nama hin eegne keessa ta’u.[4]

Asitti “Gaaddisoota” jechuun jecha hedduminna agarsiisutti fayyadame. Sababni isaas, Jannata keessa gaaddisa baay’eetu jira. Gaaddisa mukkeeni, gaaddisa gamoowwanii fi kan biroo. Kanaafu, warri Jannataa gaaddisa qabbanaa keessa jiraatu. Qur’aana keessatti:

36:56

“Isaanii fi niitiwwan isaanii gaaddisa keessatti sireewwan irratti hirkatu.” Suuratu Yaasin 36:56
Warri Jannataa fi niitiwwan isaanii gaaddisa jalatti sireewwan garmalee faayaman irratti tasgabbiin hirkatu. Kuni tola akkami! Qananii akkam namatti tolu!

Ammas qananiin kanarratti hin dhaabbatu, “burqaawwan keessa ta’u” Jannata keessa burqaawwan laggeen gosa garagaraa irraa dhangala’antu jira. Jannata keessa burqaawwan, “Tasniim, Salsabiil” jedhamantu jiru. Muttaqoonni burqaawwan kanniin irraa dhangala’aa isaanitti toluu fi garmalee mi’aawu dhugu. Qabbanaa fi dhugaati argachuun qananii keessa ta’anii jiru. Nyaanni isaanii hoo yoo maal ta’e qananiin isaaniif guuttamtii? “Wanta fedhan irraa fuduraalee [keessa ta’u].” Kana jechuun Jannata keessatti wanta fedhan keessaa tokko fuduraalee fedhan nyaachudha. Fuduraalee jechuun firaafiree akka muuzi, burtukaana, teemira fi kkf.

“Wanta fedhan irraa” kana jechuun wanta guutuu fedhan keessaa tokko fuduraalee kanaan Jannata keessatti qanani’uudha. Kuni Jannata keessa wantoonni barbaadaman baay’een lakkoofsi isaanii hin daangefamne akka jiru agarsiisa.[5]

“Sababa waan dalaga turtaniitif gammachuun nyaadhaa dhugaa.” [jedhamu]. Kana jechuun, addunyaa irratti iimaana irratti hundaa’u fi jaalala Gooftaa keessanii barbaaduun sababa hojii gaggaarii hojjattaniif, fuduraalee kanniin irraa wanta feetan nyaadhaa, burqaawwan kanniin irraas wanta isinitti mi’aayee dhugaa. Hayyama guutuun nyaadhaa dhugaa, dhoowwaa fi hudhamuun hin jiru.[6] Nyaataa fi dhugaati kana keessa wanta namatti toluu fi mi’aawu malee wanti hadhaawaa fi nama jeequ hin jiru. Kanaafi, “gammachuun nyaadhaa dhugaa” jedha.

Yaa nama qananii fi gammachuu guutuu barbaadu! Eessatti qananii fi gammachuu guutuu argatta ree? Addunyaan tuni iddoo qormaataa fi ifaajee waan taateef qananii fi gammachuu guutuu jeequmsa irraa bilisa ta’e hin argatan. Qananii fi gammachuun guutuun jeequmsaa fi gadda irraa bilisa ta’e Jannata qofa keessatti argama. Garuu kana argachuuf dhugaan amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuu barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan Jannataa fi qananii ishiitin isaan badhaasa. “Dhugumatti, Nuti akka kanatti toltu hojjattoota mindeessina.” Mindeessu jechuun mindaa isaaniif kennuudha. Toltu hojjattoota jechuun warra ibaadaa isaanii bareechisanii fi sirnaan hojjatan, namootaafis tola oolaniidha. Sababa kijibsiisanii fi hojii gaarii qananii guddaa kanatti nama geessu hojjatu dhiisaniif yaa badii namoota mindaa fi qananii guddaa kana dhabanii! “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”

(46)-[Yaa warra kafare] nyaadhaa, xiqqoo qanani’aa dhugumatti isin yakkamtoota. (47)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (48)-Yommuu “Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an. (49)-Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! (50)-Isa booda dubbii kamitti amanuu?” Suuratu Al-Mursalaat 77:46-50

“[Yaa warra kafare] nyaadhaa, xiqqoo qanani’aa dhugumatti isin yakkamtoota.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota kaafamu kijibsiisaniin ni jedha: jireenya addunyaa ganda qormaataa taate keessatti soorata Ani namootaaf dachii keessatti uume irraa nyaadhaa, dhugaati irraa wanta namootaaf taasise irraa dhugaa. Fedhii addunyaa, mi’aa ishii, bashannana, tapha, ishii baay’ifachuu, ittiin of dhaadachuu fi faaya addunyaatiin qananii xiqqoo qanani’aa. Qananiin kuni hammaa fi akkaataan baay’ee xiqqaa kan ta’eedha. Sababni isaas, qananiin kuni yeroo gabaabaf tura, yoosu bada. Hammi isaas xiqqaadha.

 “Yommuu “Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an. Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! Isa booda dubbii kamitti amanuu?”

Ruku’a jechuun akka lugaatti gadi jechuudha. Akka shari’aatti immoo salaata keessatti erga dhaabbatanii booda harkaan jilba qabachuun gadi jechuudha.

“Yommuu “Ruku’a bu’aa” isaaniin jedhamu, ruku’a hin bu’an.” As keessa of tuulinsa isaanii wanta agarsiisutu jira. Inumaa hanga Khaaliqa isaan uume, isaan nyaachisu fi obaasu, jireenya isaanii harkaa qabu irratti of tuulu gahan. Isaan fedhii lubbuu fi hawwii ofii hordofuu irraa of hin qusatan. Badii gurguddaa hojjatu. Inumaa, Gooftaa isaanii irratti boonu. Osoo fedhii garaa, saalaa, beekkamtii, tapha, miidhaginna addunyaatti rarra’uu, dhaadannoo fi baay’ifachuu jaallachuun isaan keessa jiraachu baateyyu, Gooftaa isaanitiif xiqqoollee taatu gadi hin jedhan. Sababni isaas, nafsee isaanii keessatti isaan of tuultotaa. Of tuulu fi boonun isaanii gowwummaa fokkuutti akka taran isaan taasise.[7] Boonu fi of tuulun isaanii Gooftaa isaanitiif akka gadi hin jenne isaan taasise.

Gabaabumatti, namoonni Guyyaa Qiyaamaa fi wanta Rabbiin irraa dhufe kijibsiisan kunniin yommuu “salaataa” jedhaman, hin salaatan.[8]

Guyyaa Qiyaamaa akka sujuuda bu’aniif yommuu ajajaman, sujuuda bu’uu hin danda’an. Dugdi isaanii akka xawlaa gogee hafa. Qur’aana keessatti ni jedha:

“Guyyaa mogolee irraa saaqamuu fi gara sujuudaa waamamanii isaan sujuudu hin dandeenye [yaadadhu]. Ijji isaanii sodaattu taate xiqqeenyis isaan haguuga. Osoo fayyaa qabanuu gara sujuudaatti waamamaa turan.” Suuratu Al-Qalam 68:42-43

Guyyaa Qiyaamaa yommuu jeequmsi, sochii fi haalli garmalee cimaan saaqame, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jidduutti murteessuf dhufe, Isaaf akka sujuudan ni waamamu. Mu’mintoonni (warri amanan) Rabbiif addunyaa keessatti filannoo fi fedhiin sujuudaa turan, Guyyaa kana ni sujuudu. Garuu munaafiqonni fi kaafirran sujuuduf ni tattaafatu, haa ta’u malee sujuudu hin danda’an. Dugdi isaanii akka gaafa horii gogee hafa. Gadi jechuu hin danda’an. “Ijji isaanii sodaattu taate xiqqeenyis isaan haguuga.” Kana jechuun sababa isaan addunyaa keessatti badii gurguddaa hojjatanii fi of tuulaniif Guyyaa Qiyaamaa ijji isaanii sodaattu taati. Salphinni isaan haguuga. Faallaa wanta isaan irra turaniitin adabaman. Osoo fayyaa qabanuu yommuu addunyaa irratti gara sujuudaa waamaman, ni didan. Haaluma kanaan, Aakhiratti yommuu Rabbiin azza wa jalla ifatti bahee mu’mintoonni sujuudan, isaan immoo sujuuda dadhabuun adabamu.[9] Akkuma isaan addunyaa irratti of tuulanii fi of guddisan, Aakhiratti salphinni fi xiqqeenyi isaan haguuga.

Akkuma hubatamu, wanti sujuuda kanarraa barbaadame, warra dhugaan amananii fi munaafiqota addaan baasufi. Warroonni amanan (mu’mintoonni) gama mirgaa adeemsi isaa gara Jannataa ta’e akka fudhatamaniif,  munaafiqonnis gama bitaa adeemsi isaa gara ibiddaa ta’e akka oofamaniif, sujuuda kanaan addaan baafamu.[10]

Kana keessa nama salaata dhiisu fi na argaaf salaatuf akeekachiisa cimaatu jira. Kanaafu, nama Guyyaa garmalee cimaa kanatti amanuu dide, hojii gaarii dirqamaa Rabbiin itti ajaje hojjachuu didee fi hojii badaa hojjachuu itti fufeef akeekachisni ta’u “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!”

 “Isa booda dubbii kamitti amanuu?” Kana jechuun Qur’aana kanatti yoo hin amananiin, dubbii fi kitaaba kamitti amanuu? Qur’aanni kuni ragaaleen, murtiwwanii fi odeefannoon isaa hundi ifa. Jechoonni isaas ifa namaaf galaniidha.

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin, ibsi suuratu Al-Mursalaat asirratti xumurame jira.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-1067
[2] Tafsiiru Qurxubii-21/513
[3] Tafsiiru Muyassar-581
[4] Tafsiiru Xabarii-23/611
[5] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/606
[6] Madda olii
[7] Ma’aariju tafakkuri-2/609-614
[8] Tafsiiru Qurxubii-21/516-517
[9] Tafsiiru sa’dii-1039, Tafsiiru ibn Kasiir 7/353
[10] Ma’aariju tafakkuri-1/255

IBsa Suuratu Al-Mursalaat-Guutuu
Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply