Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 1

Namni jireenya keessatti “Eessaa dhufe? Garam deemaa jiraa? Gahuumsi namaa eessa ta’uu danda’aa? Du’ee achumaan ni badaa?” jechuun of gaafachu hin oolu. Dhugumatti gaafilee kanniinif deebii gaha argachuun tasgabbii argachuudha. Namoonni baay’een sababa adda addaa irraa kan ka’e gaafilee kanniiniif deebii gahaa hin argatan. Sababni guddaan deebii gahaa akka hin arganne isaan taasise, madda sirrii deebii kana isaaniif deebisu barbaadu dhiisudha. Dhugumatti, maddi sirriin deebii gahaa itti argatan, Rabbii olta’aa irraayyi. Sababni isaas, Inni Uumaa (Khaaliqa) waa hundaa waan ta’eef, maaliif namoota akka uume, gahuumsi isaanii eessa akka ta’e sirritti beeka. Kanaafi Ergamtoota ni erge, kitaabban ni buuse. Kanaafu, dirqamni nurra jiru gara Kitaaba Rabbiitti deebinee qo’achuudha. Har’as gaafilee armaan oliitiif suurah deebii gaha deebistu ibsa waliin ni ilaalla. Haa jalqabnu:

(1)Yommuu inni wanta dubbatamaa hin turretti baroota irraa yeroon namatti hin dhufnee? (2)-Dhugumatti, Nuti isa qoruuf jecha copha bishaan saalaa walitti makamaa ta’e irraa nama uumne. Dhaga’aa fi argaas isa goone. (3)-Galateefataa ta’i mormaa ta’i karaa isa qajeelchine.” Suuratu Al-Insaan 76:1-3

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah kabajamtu tana keessatti haala jalqaba namaa, walakkaa fi dhuma isaa dubbata. “Yommuu inni wanta dubbatamaa hin turretti baroota irraa yeroon namatti hin dhufnee?” Kana jechuun namni argamuun ykn uumamuun dura yeroon dheeraan isarra darbee jira. Jecha biraatin, namni yeroo dheeraaf kan hin jirre ture. Dhabamaa waan ta’eef, wanta dubbatamu miti. Kana jechuun maqaan isaa hin kaafamu, eenyummaan isaas hin dubbatamu. [1]

Namni garaa haadhaa keessatti uumamuun dura maqaan isaa ni dubbatamaa? Eenyummaa fi amalli isaa ni beekkamaa? Namni yeroo dheeraaf dhabamaa hin yaadatamne erga ture eenyutu isa argamsiise ree? Akkuma beekkamu, dhangala’aan saalaa ofiin of uumuu waan hin dandeenyef, Kan isa qindeessu, too’atu, qajeelchu fi hanga nama guutuu ta’utti marsaa tokko irraa marsa biraatti kan dabarsu jiraachu qaba. Namni garaa haadhaa keessatti dhangala’aa kana qindeessu, too’atu fi qajeelchu hin danda’u. Kanaafu, Gooftaa ogeessa ta’etu dhangala’aa saalaa kana irraa ilma namaa uume. Kanaaf ni jedha: “Dhugumatti, Nuti isa qoruuf jecha copha bishaan saalaa walitti makamaa ta’e irraa nama uumne.” Kana jechuun kheeyri fi sharriin isa qormaatuf copha bishaan saalaa dhiiraa fi dubartii walitti makame irraa isa uumne.[2] Kaayyoon qormaata kanaa ibaadaa isarraa barbaadamu galmaan akka gahuuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e akka mindeefamufi. Qormaata kana qorame ibaadaa isarraa barbaadamu akka hojjatuuf, humna keessaa fi alaa ni kenneef. Ni jedha, “Dhaga’aa fi argaas isa goone.” Kana jechuun dhageetti fi argituu ajajamuu fi faallessuu ittiin danda’u isaaf goone.[3] Beelladoota caalaa namni dhageetti fi argituun wanta dhagahamuu fi mul’atu addaan baafata. Dhageettin keeyyattoota Rabbii ni dhagaha, argituun immoo ragaalee gara Rabbii akeekan arga.

Galateefataa ta’i mormaa ta’i karaa isa qajeelchine.” Kana jechuun takkaa yoo fedhe nama amanee galata galchuu haa ta’u, takkaa immoo yoo fedhe nama kaafira waakkatu haa ta’u, karaa qajeelinnaa fi jallinnaa, gaarii fi badaa ergamtoota erguu fi kitaabban buusun isaaf ibsinee jirra.[4] (Dabalataan suuratu Al-Kahf 18:29 ilaali)

Nama amanee galata galcheefis jazaatu jira, nama kafaree waakkateefis jazaatu jira. Namni amanee Rabbiif galata galche, Gooftaa isaa biraatti mindaa fi badhaasa guddaa argata. Namni kafaree waakkate immoo adabbii guddaatu isaaf jira. Kafaru jechuun Rabbiitti fi wantoota Inni beeksisetti amanuu diduu fi qananii Isaa waakkachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota Isatti hin amanne, Isaaf ajajamuu fi Isa qofaaf gadi jechuun galata Isaaf hin galchine, adabbii akkami Aakhiratti akka qopheessef akkana jechuun dubbata:

76:4

“Nuti kaafirotaaf sansalata, sakaallawwanii fi ibidda bobo’aa qopheessinee jirra.” Suuratu Al-Insaan 76:4

Namoota Rabbitti kafaran, Ergamtoota Isaa kijibsiisanii fi badii keessatti lixaniif, Ibidda Jahannam keessatti sansalata ittiin hidhaman, sakaallaa harki isaanii mormatti sakaallamuun, ibidda isaanitti boba’u fi qaama isaanii gubuu isaaniif qopheessine jirra.

Waa’ee sansalata kanaa ilaalchise, suurah biraa keessatti akkana jedha:

“Isa qabaati hidhaa. Ergasii Jahiim keessa isa seensisaa. Ergasii sansalata dheerinni isaa ciqilee torbaatama ta’e seensisaa. Dhugumatti, inni Rabbii Guddaatti hin amanuu ture.” Suuratu Al-Haaqqah 69:31-33

Guyyaa Qiyaamaa Malaaykota waardiyaa ibiddaa ta’aniin ni jedhama: nama yakkamaa badii hojjataa ture kana qabaa. Harka isaa lamaan gara mormaatti dachaasun sakaallaan hidhaa. Ergasii akka gubatuuf Jahiim (ibidda) keessa seensiisaa. San booda, sansalata sibiilaa dheerinni isaa ciqilee torbaatama ta’e keessa galchaa. Dhugumatti, inni jireenya addunyaa keessatti Rabbii Tokkichatti hin amanuu ture. Qajeelcha Isaas hin hordofu ture. Kanatu adabbii guddaa kana akka adabamu isa taasise.

Kuni jazaa nama kafareeti. Jazaan nama amanee fi galata galchee hoo maal ta’inna laata? Itti aanse jazaa namoota amananii fi galata galchanii dubbata:

 “(5)-Dhugumatti, Abraar qabee [khamrii] makaan ishii Kaafuur ta’e irraa dhugu. (6)Burqaa gabroonni Rabbii irraa dhugaaniidha. [Gara fedhanitti] dhangalaafachu ishii dhangalaafatu. ” Suuratu Al-Insaan 76:5-6

Abraar jechuun namoota amananii wanta Rabbiin itti ajaje hojjatan, wanta Inni dhoowwe dhiisanii fi hojii gaggaarii dabalataa baay’ee hojjataniidha. Ka’as jechuun qabee (qodaa) khamriin keessa jiruudha. Khamrii jechuun farshoo ykn daadhiidha. Khamriin Jannataa khamrii addunyaa irraa adda tan taatedha. Baay’ee tan mi’ooftu fi sammuu tan nama hin tuqneedha.

Kana booda ibsi aayah: Dhugumatti, warri Rabbiif ajajaman, ikhlaasa qabanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan, Guyyaa Qiyaamaa qabee khamriin keessa jiru irraa dhugu.  Khamriin tuni wanta garmalee urgaa’aa fi adii ta’ee maqaan isaa Kaafuur jedhamuun walitti tan makamtedha.[5]

“Dhugumatti, Abraar qabee [khamrii] makaan ishii Kaafuur ta’e irraa dhugu. Burqaa gabroonni Rabbii irraa dhugaaniidha.” jedhu sirritti hubachuuf gara suuratu al-muxafifiin haa deebinu:

Dhugumatti, Abraar qananii keessa ta’u. Sireewwan faayaman irra [taa’anii] ilaalu. Fuula isaanii keessatti ifa qananii ni beekta. Khamrii qadaadamaa irraa obaafamu. Dhumti isaa miskiidha. Kana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman. Makaan isaa Tasniim irraayyi. [Tasniim] burqaa warri Rabbitti dhiyeefaman irraa dhuganiidha.” Suuratu Al-Muxaffiifiin 83:22-28

Mee ibsa keeyyattoota tanniini gabaabbinnan haa ilaallu: Dhugumatti, Abraar (warri Rabbiif ajajaman, ikhlaasa qabanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan), Jannata keessatti gara hundaan qananiin kan marfamaniidha. Teessowwan garmalee faayamanii fi miidhagan irra taa’anii Jannata keessatti wanta isaan gammachiisu hunda ilaalu. Guyyaa san namoota fuula abraar argan keessaa yoo taate, fuula isaanii keessatti miidhaginnaa, cululuqaa fi nuura (ifa) ni argita. Miidhaginni fi ifni isaan irraa mul’atu kuni sababa qananii keessa jiraniitin. Qananiin gara hundaan waan isaan marseef bareedinni fi ifni isaan irraa mul’ata.

Khamrii nama hin bowwaafichisne, hin macheessinee fi wanti ishii balleessu keessa hin jirre irraa obaafamu. Khamriin kuni akka hin bannee fi mi’aan isaa akka hin jijjiramneef qadaada qaba.  “Dhumti isaa miskiidha.” Kana jechuun namni khamrii tana dhugu, dhugaati isaa dhumarratti fooli miskii argata. Miskii jechuun shittoo garmalee urgaa’udha. Qananii turaa kanaaf warroonni wal dorgoman wal haa dorgoman. Dhugaatin abraar dhugan makaan isaa Tasniim irraayyi. Tasniim jechuun burqaa ol’aanaa ta’e warroonni namoota hundarra Rabbitti dhiyoo ta’an (muqarrabuun) irraa dhuganiidha.[6]

Abdullah ibn Abbaasi fi kan biroo akka jedhanitti: Muqarrabuun (warroonni hundarra gara Rabbitti dhiyoo ta’an) dhugaati qulqulluu makaan homaatu keessa hin jirre dhugu. Warroonni mirgaa biroo immoo dhugaati makaa qabu dhugu.” Kunis kan ta’e mindaan hojiidhaan kan wal simatuudha. Akkuma muqarrabuun hojii isaanii hunda Rabbiif qulqulleessan, dhugaatiin isaaniis qulqulluu ta’e. Akkuma abraar hojii isaanii wantoota hayyamamoon walitti makaniin, dhugaatinis isaaniif makamaa ta’ee. Namni hojii qulqulleesse, dhugaatin isaa ni qulqullaa’a. Namni hojii wanta biraatin walitti make, dhugaatin isaas makama ta’a.[7]

“[Gara fedhanitti] dhangalaafachu ishii dhangalaafatu.” Kana jechuun gabroonni Rabbii burqaa kana yeroo barbaadanitti gara fedhanitti fi akka fedhanitti dhangalaafatu. Namni qananii fi milkaa’inna guddaaf dharra’u tokko yommuu badhaasa kana hunda dhagahuu, “Hojii fi amalli kanatti isaan geesse maalidhaa? Tarii anillee hojii akka isaanii hojjadhee bakka isaan gara fuunduraatti gahu hedan kana gahuu danda’a.” jedhee iyyaafachuun isaa hin oolu. Kanaafu, deebiin kanaa kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii- 1063, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-29/372
[2] Tafsiir Qurxubii-21/448
[3] Tafsiir ibn Kasiir-7/443
[4] Tafsiir Qurxubii-21/449-450
[5] Tafsiiru Muyassar-594, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-29/380
[6] Ma’aariju tafakkuri-15/329-331, Tafsiiru Muyassar-604
[7] Bidaa’u tafsiir-3/271

Print Friendly, PDF & Email
Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 2
IBsa Suuratu Al-Mursalaat-Guutuu

Leave a Reply