Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti mindaa namoota Rabbitti amanani, Isaaf ajajamanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatanii ilaaluf jalqabne turre. Har’as itti fufuun hojiiwwanii fi amaloota mindaa guddaa sanitti isaan geesse fi qananii Jannata keessatti argatan ni ilaalla.

(7)-Isaan nazrii isaanii ni guutuu, Guyyaa sharriin isaa babal’atus ni sodaatu. (8)-Nyaatas ofii jaallachuu waliin hiyyeessa, yatiimaa fi booji’amaa ni nyaachisu.(9)- [Ni jedhus,] “Nuti Fuula Rabbii qofaaf isin nyaachifna, mindaas ta’i galata isin irraa hin barbaannu. (10)-Dhugumatti nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa hammaataa [fuula] suntursu sodaanna.” Suuratu Al-Insaan 76:7-10

Nazrii (qodhaa)- jechuun namni hojii tokko hojjachuuf wanta nafsee ofii irratti dirqama godheedha.[1] Amaariffaan “silat”, Ingiliffaan “vow” jedhama. 

“Isaan nazrii isaanii ni guutuu” kana jechuun abraar (warri gaggaariin Rabbiin sodaatanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan) hojii tokko hojjachuuf nazrii yoo seenan, hin faallessan, ni guutu. Fakkeenyaf, Rabbiif jedhe akkas nan godha jedhanii waadaa yoo seenan, waadaa kana ni guutu. Ammas hiikni biraa, wanta Rabbiin isaan irratti dirqama godhe ni guutu. Kan akka salaataa, zakaa, sooma, hajji fi dirqamoota biroo. Sababni kanaa, ajaja Rabbii irraa wanti namni sababa iimaana isaatiin qabate nazrii jala gala.[2] Namni dhugaan Islaama yommuu labsu, wanta Rabbiin dirqama narratti godhe nan hojjadha jedhee waadaa galaa jira.

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Namni Rabbiif ajajamuuf nazrii seene, Isaaf haa ajajamu. Namni Rabbiin faallessuuf nazrii seene, Isa hin faallessin (badii hin hojjatin).” Sahiih Al-Bukhaari 6700

“Guyyaa sharriin isaa babal’atus ni sodaatu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa hamtuun isaa babal’atu ni sodaatan. Qataadan ni jedha: Rabbiin kakadhe! hanga sharriin Guyyaa kanaa samii fi dachii guututti ni babal’ata.  Muqaatilis ni jedha: sharriin Guyyaa kanaa samiiwwan keessatti babal’achuun samiin ni tarsaati, urjiileen ni harca’u, malaaykonni ni rifatu, dachii keessattis gaarreen ni bubbuqifamu, bishaan ni xuxuma.[3]

Ammas abraar, “Nyaatas ofii jaallachuu waliin hiyyeessa, yatiimaa fi booji’amaa ni nyaachisu.” Kana jechuun nyaata osoo ofii itti hajamanuu fi jaallatanu, hiyyeessa waa hin qabne, yatiimaa fi booji’amaa ni nyaachisu. Yatiima jechuun ijoollee umrii saalfannaa gahuun dura abbaan irraa du’eedha. Booji’amaan immoo nama yeroo waraanaa qabamuun hidhameedha. Mufassiroonni akka jedhanitti aayah keessatti, jechi “asiir” jedhu booji’amaa fi sababa adda addaatin nama hidhame of keessatti qabata.[4]

“Nuti Fuula Rabbii qofaaf isin nyaachifna” kana jechuun Jaalala Rabbii fi mindaa Isaa kajeellee isin nyaachifna. “mindaas ta’i galata isin irraa hin barbaannu.” Kana jechuun mindaa ittiin nuuf deebistan isin irraa hin barbaannu, ammas, namoota biratti akka nu galateefattan hin barbaannu. Mujaahidi fi Sa’iid ibn Jubeeyr akkana jedhu: wallaahi, arraba isaanitiin kana hin dubbanne. Garuu Rabbiin qalbii isaanii irraa kana ni beeke. Nama waan gaarii hojjachuuf kajeelu kajeelchisuuf dubbii kanaan isaan faarse.”[5]

Kuni kan agarsiisu ikhlaasa isaaniti. Ikhlaasa waan qabaniif namoota irraa mindaa fi galata hin barbaadan. Namoonni akka isaan faarsan hin fedhan. Wanta garmalee jaallatan keessaa “nyaata” yommuu namaaf kennan, mindaa fi galata kan hin barbaanne yoo ta’e, toltuu biraa namaaf olan irrattis mindaa fi galata hin barbaadanii jechuudha. Kan akka beekumsa nama barsiisu, humnaan nama dadhabaa gargaaru fi kkf.

Itti fufuun ni jedhu, “Dhugumatti nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa hammaataa [fuula] suntursu sodaanna.” Kana jechuun akka Rabbiin Guyyaa garmalee hammaataa (cimaa) fuulli itti dukkanaa’u fi sunturu san nuuf rahmata godhuuf kana hojjanna.[6]

Guyyaan Qiyaamaa guyyaa garmalee hammaataa fi balaan isaa dheeraa fuulli kaafiraa itti kontoonfatuudha. Guyyaan kuni garmalee kan nama dhiphisu ta’uu irraa kan ka’e dafqii akka reenjii irraa gadi bubbu’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

25:26

“Guyyaa san Mootummaan Haqaa kan Rahmaani. Kaafirota irratti Guyyaa garmalee cimaa ta’eedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:26

Guyyaa garmalee hammaataa fi cimaa kana irraa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota amananii hojii gaggaarii baay’ee hojjatanii fi badii irraa fagaatan ni baraara. Itti aanse ni jedha:

76:11

“Rabbiinis sharrii Guyyaa sanii irraa isaan eega, ifaa fi gammachuu isaan qunnamsiisa.” Suuratu Al-Insaan 76:11

Kana jechuun addunyaa keessatti wanta Rabbiin isaanii jaallatu sababa hojjataa turaniif sharrii guyyaa hammaataa fuulli itti sunturu sodaataa turan san isaan irraa deebisa. Fuula isaanitiif cululuqaa fi nuura (ifa), qalbii isaanii keessatti gammachuu kennaaf.[7] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra Guyyaa Qiyaamaa nagaha ta’an ilaalchise ni jedha:

21:103

“Naasun guddaan isaan hin gaddisisu. Malaaykonnis isaan qunnamuun “Kuni Guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha.” [jedhuun].” Suuratu Al-Anbiyah 21:103

Naasuu jechuun sodaa fi rifannaa bu’aan isaa sochii qaamaa irratti mul’atuudha. Naasun hundarra guddaan (al-Faza’ul Akbar) namoonni wanta Guyyaa Murtii adeemsifamu qunnamuuf akkuma kaafamaniin itti aanse kan ta’uudha. Kaafironni fi namoonni badii gurguddaa hojjatan adabbii qunnamuu hedaniif garmalee nayuu (rifatu). Warroonni hojii gaggaarii hojjachuu hanqisaniis yommuu mindaa guddaa of jala akka dabarsan argan ni gaddu. Garuu namoonni Rabbiin irraa gammachiisni darbeef, tasgabbii guutuu keessa ta’u. Naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu. Malaaykonni kabajaan isaan qunnamuun, “Kuni Guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha.” [jedhuun]. Kana jechuun Kuni Guyyaa Guddaa keessan kan isin Jannata qananii keessatti warra garmalee gammadanii fi milkaa’an itti taataniidha. Inni Guyyaa addunyaa keessatti beellamamaa turtaniidha.[8]

Bal’innaan mindaa fi badhaasa muraasa abraar Jannata keessatti argatan

(12)Sababa obsaniif Jannataa fi hariira isaan badhaasa. (13)-Ishii keessatti sireewwan faayaman irratti hirkattoota ta’u. Aduus ta’e qorra cimaas hin argan. (14)-Gaaddisni ishii isaanitti dhiyoo, firiiwwan ishiis laaffifamu laaffifaman.” Suuratu Al-Insaan 76:12-14

“Sababa obsaniif Jannataa fi hariira isaan badhaasa.” Guyyaa Qiyaamaa warroota amanan gaggaarii kanniin Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sababa isaan Isaaf ajajamuu irratti obsanii fi Isa faallessuu irraa of qabaniin, Jannata qananii hundaan guuttamte fi uffata hariiraatin isaan badhaasa. Jecha biraatin, Jannata isaan seensisa, uffata hariiraa isaan uwwisa. Uffanni hariiraa uffata baay’ee laafaa (lislis) ta’ee fi baay’ee namatti toluudha. Jannata keessatti sireewwan garmalee faayamanii fi saaphana (agoobarii) ofirraa qaban irratti hirkatanii tasgabbiin taa’u.  Achi keessatti hoo’a aduu fi qorra cimaa isaan rakkisu hin argan. Kana irra, isaan yeroo hundaa gaaddisa qabbanaa keessaa ta’u. Hoo’aa fi qorri hin jiru.

“Gaaddisni ishii isaanitti dhiyoo” Kana jechuun gaddisni mukkeen Jannataa isaanitti dhiyoodha.  

“firiiwwan ishiis laaffifamu laaffifaman.” Kana jechuun taa’anii, dhaabbatanii, hirkatanii, akka fedhanitti, mukkeen Jannataa irraa firii funaannachuun isaaniif laaffifamee jira.[9]Ibsi biraa: namni tokko Jannata keessatti firaafire barbaade argachuuf yoo yaale, firaafireen isatti dhiyoo ta’a. Akka waan dhagayuutti damee ol fagoo irraa isatti gadi dhufa.[10] Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:

69:23

“Firiiwwan ishii (Jannataa) dhiyoodha.” Suuratu Al-Haaqqah 69:23

Akka addunyaa tanaatti firii guurrachuuf mukarra bayanii hin rakkatan. Firiin isaaniif dhiyoodha. Taa’anii, dhaabbatanii, ciisanii bakka barbaadanitti isaaniif dhufa.

Mee itti xinxalli qananii akkanaa, fuula isaanii ni ibse, keessa isaanii gammachuun guute. Qaama isaanii immoo hoo’aa fi qorri akka hin tuqne godhe. Uffata baay’ee laafaa qaamatti tolu isaanitti uwwise. Gaaddisa qabbanaa keessa jiraatu. Yeroo barbaadanitti dhugaati fi firaafiree fedhan sooratu. Subhaanallah!!! Qananii akkam namatti tolu! Asirratti waan dhaabbatu sitti fakkaataa? In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti qananii dabalataa ilaalu itti fufna…


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Xabarii-23/542[2] Tafsiiru Qurxubii-21/457-458[3] Madda olii[4] Tafsiiru Xabarii-23/544[5] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/447[6] Madda olii[7] Tafsiiru Xabarii-23/550[8] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-14/377-378[9] Tafsiiru Xabarii-23/553[10] Tafsiiru Ibn kasiir-7/448

Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 3
Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply