Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Wantoota gurguddaa namni jireenya keessatti hawwuu keessaa tokko, qananii guutuu yeroo hundaa gammachuun guuttame argachuudha. Akkuma beekkamu addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, qananiin akkanaa yeroo hundaa turu hin argamu. Kanaafu, qananii yeroo hundaa turaa addaan hin cinne, halkanii guyyaa gammachuun kan guuttame eessatti argatuu? Dhugumatti, riqicha jireenya addunyaa tana irra ce’uun Aakhiratti erga darbanii booda qananii kana argatu. Garuu qananii kana argachuuf Rabbii olta’aatti amanuu, wantoota Inni beeksisetti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuu barbaachisa. Namoonni amanuun hojii gaggaarii baay’ee hojjatan qananii akkami Aakhiratti akka argatan yeroo darbe ilaaluuf jalqabne jirra. Har’as qananii dabalata kana ilaalu itti haa fufnu…

(15)Meeshaalee meeta irraa ta’anii fi kubbaayyawan bilillee ta’aniin isaan irra naannawama. (16)-Bilillee meeta irraa ta’an, hamma ishii ni murteessu. (17)-Ishii keessatti khamrii makaan ishii zanjabiila ta’e obaafamu.(18)- Burqaa ishii keessa jirtu “Salsabil” jedhamtu [irraa obaafamu]“ Suuratu Al-Insaan 76:15-18

“Meeshaalee meeta irraa ta’anii fi kubbaayyawan bilillee ta’aniin isaan irra naannawama.” Kana jechuun tajaajiltoonni meeshaalee nyaataatiinii fi dhugaatitiin warroota Jannataa irra naanna’u. Meeshaaleen nyaataa kuni meetaa (ziqiyaa) irraa kan hojjatameedha.

“kubbaayyawan bilillee ta’an…, bilillee meeta irraa ta’an,” Kubbaayyaan kunniin bilillee (birciqqoodha). Bililleen (birciqqoon) kuni immoo meeta irraa hojjatame.[1]

Mufassiroonni akka jedhanitti, kubbaayyan kuni qulqullinni isaa akka qulqullinna birciqooti. Kana jechuun wanti keessa jiruu duubaa yommuu ilaalan ni mul’ata. Ammas addeenyi isaa akka addeenya meetaati.[2] Kuni wanta ajaa’ibaa addunyaa keessa hin jirredha. Addunyaa keessatti kubbaayyan meeta irraa hojjatame akka birciqoo duubaa yommuu ilaalan wanta keessa jiru hin argan. Garuu kubbaayyan Jannataa duubaa yommuu ilaalan wanta keessa jiru ni argu.

“hamma ishii ni murteessu.” Kana jechuu hamma dheebuu isaan baasun hanga meeshaa dhugaati ni murteessu. Hanga itti hajamanii fi dheebu isaan baasu ol hin dabalu, hin hir’atus.  Sababni isaas, osoo hammi dabalee, mi’aan dhugaati ni hir’ata. Osoo hir’ate immoo dheebu isaan hin baasu. Tarii safara meeshaa kanaa warri Jannataa hamma isaan gahuu fi mi’aa isaanitiin walitti galuun mataa ofiiti murteessan.[3]

Dhugumatti, kuni kabaja fi qananii guddaadha. Namni fedhii garagaraa qaba. Osoo meeshaan dhugaati hundi isaanitu wal-qixa ta’e, tarii nama garii dheebu hin baasu. Yookiin dhugaatin achi keessa jiru mi’aa inni barbaaden walitti hin galu. Garuu hamma barbaadanii fi mi’aa isaanitiin walitti galuun murteefachuun kabajaa fi bilisummaa guddaa isaaniif kenname agarsiisa. Wanti asirra barannu, namni har’a addunyaa irratti Rabbiif jedhe wantoota dhoowwaman irraa of hidhe, Guyyaa Qiyaamaa bilisaan wanta barbaade hojjata.

“Ishii keessatti khamrii makaan ishii zanjabiila ta’e obaafamu.” Kana jechuun warroonni gaggaarin dhugaan amananii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan, Jannata keessatti farshoo makaan isaa zanjabiila ta’e obaafamu. Yeroo garii dhugaatin isaanii Kaafuuran walitti makamaaf, yeroo garii immoo zanjabilaan walitti makamaaf.  Kaafuur qorraadha. Zanjabiil immoo hoo’adha.  Yeroo garii kanaan walitti makuun, yeroo biraa saniin walitti makuun dhimmi isaanii madaallamaa akka ta’uufi.[4]

 “Burqaa ishii keessa jirtu “Salsabil” jedhamtu [irraa obaafamu]” Abraar Jannata keessatti burqitu maqaan ishii “Salsabil” jedhamtu irraa obaafamu.[5]

(19)Ijoollee mukhalladuun ta’antu isaan irra naanna’a. Yommuu isaan argitu lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu. (20)-Yeroo achi keessa ilaaltes Qananii fi Mootummaa Guddaa argita. (21)-Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira haphii fi hariira furdaatu jira. Gumeelee meeta irraa ta’eenis ni faayamu. Gooftaan isaaniis dhugaati qulqulluu isaan obaasa. (22)- “Dhugumatti, kuni mindaa isiniif ta’eera. Carraaqqin keessanis galateeffamaadha.” [Isaaniin jedhama.]” Suuratu Al-Insaan 76:19-22

Mukhalladuun jechuun yeroo hunda haala tokko irra jiraatu, haala kana irraa hin jijjiraman. Waggaa irra jiran irratti umriin isaanii hin dabalu. Yeroo hundaa ijoollee fi garmalee kan miidhagan ta’anii Jannata keessa turu, hin dullooman. Jechi Mukhalladuun jedhu “Ijoollee” irratti maxxanfamuun, yaada “Ijoolleen tuni guddatanii hin dullomanii?” Jedhu hanbisa.[6]

Kana booda ibsi:“Ijoollee mukhalladuun ta’antu isaan irra naanna’a.”, Jannata keessatti warroota amananii Rabbiif ajajamanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan (abraar) tajaajiluuf ijoollee haala isaanii irraa hin jijjiramnetu isaanirra naanna’a.[7]

Itti aanse miidhaginna ijoollee tanaa ni ibse: “Yommuu isaan argitu lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu.”

Jechi, “lu’lu’a” jedhu afaan Oromootin hangas mara beekkamaa miti. Ingiliffaan Pearls, Amaariffaan immoo “Lul” jedhama. Galmee Jechootaa “Hirkoo” jedhamu keessatti, jecha pearl jedhu “Ardoo/somboo” jechuun hiika. Akkaaf akka marattu, “lu’lu’a” wanta akka callee adii fakkaatu beelladota bishaan keessa jiraatan keessaa baafamuudha. Baay’ee bareedaa waan ta’eef yeroo baay’ee faayaf itti fayyadaman. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.

“Yommuu isaan argitu lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu.” Kana jechuun ijoolleen tunniin warroota Jannataa tajaajiluuf yeroo bittinnaa’an, baay’inna lakkoofsa isaanii, bareedinna fuulaa isaanii, miidhaginna bifaa, uffataa fi faaya isaanii yommuu argitu, lu’lu’a bakka gaariitti bittinneefame sitti fakkaatu. [8] Jecha gabaaban: bareedinnaa fi baay’inna isaanii irraa kan ka’e yommuu isaan argitu, lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu.

Dhugumatti, kuni warra Jannataatiif qananii fi mi’aan guuttamuu irraayyi. Ijoollen isaan tajaajiltu (kaddamtu) yeroo hundaa haala tokko irra turuun, yommuu ilaalan garmalee isaan gammachiisuun, yommuu isaanitti seenan nagahaan isaanitti seenun, wanta barbaadan isaaniif fiduun, qananii fi mi’aan isaaniif guuttamuu agarsiisa.[9]

“Yeroo achi keessa ilaaltes Qananii fi Mootummaa Guddaa argita.” Kana jechuun yommuu Jannata keessa ilaalte qananii ibsuun hin danda’amnee fi mootummaa garmalee guddaa daangaa hin qabne argita.[10] Mootummaa jechuun wanta tokko qabaachu fi too’annaa irratti argachuudha. Warri Jannata seenan wanti isaan qabanii fi dhuunfatan hangana hin jedhamu.

Warra Jannataa keessaa nama tokko biratti gamoowwan, manneeni fi goloota faayaman namni ibsuu hin dandeenye argita. Isa biratti ashaakilti, firaafiree dhiyoo fi mi’aawo ta’an, laggeen yaa’an, sinbirroowwan sagalee bareedaa qalbii hawwatu fi nafsee gammachisu fiiksantu jira. Isa bira niitiwwan keessaa fi alaan garmalee miidhagan, amalli isaanii garmalee gaarii qalbii gammachuu fi mi’aan guututu jira. Naannawa isaa ijoollee mukhalladiin isa tajaajilantu jira. Kuni hundi gammachuu, qananii fi mi’aa jireenyaa guuta. Wanti guddaan kana caalu immoo Rabbii olta’aa ilaalu, dubbii Isaa dhagahuu, Isatti dhiyaachu, jaalala Isaatiin gammaduudha. Yeroo hundaa gammachuu fi qananiin isaaniif dabalama. Rabbiin Mootii Qabaataa ta’e, Haqa ifa bahaa ta’e, Kan kuusaan Isaa hin dhumne, tolli Isaa hin xiqqaanne qulqullaa’e. Akkuma sifaanni (amaloonni) Isaa dhuma hin qabne, tolli Isaas dhuma hin qabu.[11]

“Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira haphii fi hariira furdaatu jira.” Kana jechuun qaama isaanii irra kan jiruu fi miidhagsu uffata magariisa keessi isaa hariira haphii, alli isaa immoo hariira furdaa ta’eedha. Wanti qaama isaanitti aanu-uffanni jalaa (wusxilibs)- hariira haphiidha. Hariira haphii kanarraan immoo hariira furdaatu jira. [12] 

“Gumeewwan meeta irraa ta’eenis ni faayamu.” Gumeewwan jechuun faaya harka irratti godhatamuudha. Warri Jannataa dhiiraa fi dubartiin harka isaanii irratti faaya meetatiin ni faayamu. Akkasumas, faaya warqii fi lu’lu’aatinis ni faayamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gubbaa isaanii hariiraa fi faayan akka isaan miidhagse erga dubbate, itti aanse ni jedhe, “Gooftaan isaaniis dhugaati qulqulluu isaan obaasa.” Kana jechuun dhugaati qulqulluu xuriin homaatu keessa hin jirre obaasa. Akkasumas, azaa fi xurii garaa isaanii keessa jiru hunda qulqulleessa.

Mindaa fi badhaasa kana hunda akkanumatti kan argatan osoo hin ta’in, carraaqqin isaan godhan jiraachu qaba. Kanaafi, itti aanse ni jedha: “Dhugumatti, kuni mindaa isiniif ta’eera.” Kana jechuun mindaa fi kennaan bareedaan kuni wanta hojjataa turtaniif jazaa (mindaa) isiniif ta’e. “Carraaqqin keessanis galateeffamaadha.” Hojiin isin addunyaa keessatti hojjataa turtan Rabbiin biratti jaallatamaa fi fudhatamaa ta’eera. Kanaafu, hojii xiqqoo irratti Rabbiin waan guddaa fi baay’een mindaa isiniif kenne.[13] Galata jechuun hojii gaarii wanta nama gammachiisuun deebisuudha. Jecha biraatiin, nama hojii gaarii hojjate wanta isa gammachiisu isaaf gochuudha. Rabbiin warra abraar hojii xiqqoo addunyaa irratti Isaaf jedhanii hojjataniif, mindaa guddaa isaaniif kennuun isaan gammachiise.

50:32

Nama gara Rabbii deebi’aa, tiiksaa ta’e hundaaf, ‘Kuni waan waadaa galamtaniidha.'” Suuratu Qaaf 50:32

Kana jechuun Jannani tuni fi wanti ishii keessa jiru, waadaa Rabbiin nama yeroo hundaa gara Isaa zikriin, Jaalala Isaatiin, Isa gargaasifachuun, Isa kadhachuun, Isa sodaachuni fi Isa kajeelun deebi’uuf waadaa galeedha. “Tiiksaa” kana jechuun wanta Rabbiin itti ajaje ikhlaasa fi haala guutuu ta’een hojjachuun kan eegudha. Akkasumas, daangaalee Isaa kan eegudha. (Wantoota Inni dhoowwe hojjachuu irraa of eega/eegdi.)*

38:53

Kuni wanta Guyyaa Qorannoo waadaa galamtaniidha.” (Suuratu Saad 38:53)
Kana jechuun yaa warra Rabbiin sodaattan! Jannanii fi qananiin ishii kuni wanta Rabbiin azza wa jalla Guyyaa Qiyaamaa waadaa isiniif galeedha. Waadaan Rabbii ni dhufa, shakkii hin qabu. Sababni isaas, Inni dhugaa dubbataa, wantoota hundaa beekaa fi wantoota hundaa irratti danda’aa waan ta’eef waadaa Isaa hin diigu. Namni waadaa kan diiguf takkaa dhugaa dubbachu dhiisu, takkaa beekumsa fi dandeetti dhabuudha. Beekumsa fi dandeetti yommuu dhabu waadaa san guutuu hin danda’u. Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa irratti Danda’a waan ta’eef, wanta waadaa galee ni hojjata.


[1] Tafsiiru muyassar-595[2] Tafsiir ibn Kasiir-7/449, Zaadul Masiir-1499[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 1064[4] Tafsiir ibn Kasiir-7/449-450[5] Tafsiiru muyassar-595[6] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/450, Tafsiiru Qurxubii-21/479, Tafsiiru At-Tahriir wa tanwiir 29/397[7] Tafsiiru Muyassar-595[8] Tafsiiru Ibn Kasiir 7/450[9] Tafsiiru Sa’adii-1064[10] Tafsiiru Muyassar-595, Zaadul Masiir-1500[11] Tafsiiru Sa’adii-1065[12] Tafsiiru Muyyasar-595, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/451[13] Maddoota olii *Tafsiiru Sa’dii-fuula 951

Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa Dhumaa
Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 2
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply