Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa Dhumaa

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti Jannataa fi qananii ishii ilaalaa turreera. Jannanni fi qananiin ishiin of keessaa qabdu haqa shakkii wayitu hin qabne, namoonni amanan gaggaariin gara fuunduraatti seenaniidha. Sababni isaas, odeefannoon waa’ee Jannataa fi haala namoota ishii keessa seenanii Rabbul aalamiin waan hundaa uumee fi Jannata qopheesse irraa kan dhufeedha. Qur’aanni Isarraa waan bu’eef odeefannoo Jannataa fi ibiddaa bal’innaan of keessatti kan qabateedha. Kanaafi, itti aansee ni jedha:

(23)Dhugumatti, Nuti Qur’aana buusinsa sirratti buusnee jirra. (24)-Murtii Gooftaa keetitiifis obsi. Isaan keessaa nama badii hojjatuuf yookiin kafaraa ta’eef hin ajajamin. (25)-Ganamaa fi galgala maqaa Gooftaa keeti faarsi. (26)-Halkan irraallee Isaaf sujuudi, halkan dheeraa Isa qulqulleessi.” Suuratu Al-Insaan 76:23-26

Suurah tana keessatti adabbii kaafirootaaf qopheessee fi qananii warra Isatti amananiif qopheesse erga tarreesse booda, waa’ee Qur’aanaa odeefannoo kana of keessatti qabatee ni dubbate. “Dhugumatti, Nuti Qur’aana buusinsa sirratti buusnee jirra.” Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) Qur’aana kana suuta suutaa fi sadarka sadarkaan addaan qoqqoodun sirratti buusne. Qur’aana kana kan buuse Nuhi. Ati nafsee kee irraa fuutee hin dubbanne. Ibn Abbaas akka jedhetti, “Qur’aanni aayah aayan addaan qoqqodame bu’e. Altokkotti jumlaan hin buune.”[1] Kanaafu, waa’ee azaabaa (adabbii) fi Jannataa ilaalchisee odeefannoon armaan olitti tarreefame hundi haqa gara fuunduraatti argamuudha. Sababni isaas, odeefannoo Rabbiin olta’aan waan hundaa beeku beeksiiseedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

17:105

Haqaan isa buusne, haqaan bu’ees. Gammachiisaa fi akeekachisaa goonee malee si hin erginee.” Suuratu Al-Israa 17:105

Haqaan isa buusne” kana jechuun Qur’aana kana taphaaf osoo hin ta’in haqaan buusne. Gabroota ajajuuf, isaan waan badaa irraa dhoowwuf, mindeessufi adabuuf buusne.[2]haqaan bu’ees” kana jechuun Qur’aanni kuni haqa of keessatti qabate bu’e.[3] Wanti Qur’aanni of keessatti qabate hundi haqa ykn dhibbaan dhibbatti dhugaadha. Hiikni biraa: Yaa Muhammad! Qur’aanni kuni kan eeggamuu ta’ee osoo wanta biraatin walitti hin makamin, itti hin dabalamin, irraa hin hir’atin haqaan si bira gahe. Malaykaan Jibriil Amiinul Wahyi jedhamuun waamamu, akkuma Rabbii olta’aa irraa dhagaheen qubee qubeen, jecha jechaan, hima himaan Nabii Muhammaditti geesse.[4] Amiinul wahyi jechuun beeksisa ykn ergaa itti kenname irratti amanamaa kan ta’eedha. Osoo homaa itti hin dabalin, irraa hin hir’isin akkuma ajajametti ergaa geessa.

Yaa Muhammad (SAW)! nama Rabbiif ajajame mindaa hatamtamaa fi Aakhiratti argatuun akka gammachiistu, nama Isa faallesse immoo adabbii dhiyootti dhufuu fi Aakhiratti isa qunnamuun akka akeekachistu goone si ergine.

Qur’aanni haqaan erga bu’ee, namni akka salphaatti ilaalu hin qabu. Wanti isa keessa jiru haqaa fi cimaa (siiriyees) kan ta’eedha. Sirritti qabachuun nama barbaachisa. Yommuu Qur’aana kana qabatanii fi hordofan rakkoolee fi qormaanni adda addaa nama qunnamu. Kanaafu, “Murtii Gooftaa keetitiifis obsi. Isaan keessaa nama badii hojjatuuf yookiin kafaraa ta’eef hin ajajamin.”

Murtiin Rabbii takkaa qormaata fi balaa namatti bu’u ta’a, takkaa immoo murtiwwan (hukmiwwan) shari’aa ta’a. Qormaata si tuqee fi balaa sitti bu’eef obsi, hin dallanin. Sababni isaas, balaa fi qormaanni kuni wanta Rabbiin murteessedha. Kuni wanta Rabbiin murteesse jechuun yoo obsitee fi mindaa Isarraa abdatte, qalbii tee ni qajeelcha, mindaa guddaa siif kenna.

Murtiwwan shari’aa irrattis obsuun mindaa guddaa argamsiisa. Murtiwwan shari’aa irratti obsuu jechuun wantoota itti ajajaman hojjachuu, wanta irraa dhoowwaman dhiisu, hojiiwwan jaallatamo fedhii ofiitiin hojjachuu irratti obsuudha.

“Isaan keessaa nama badii hojjatuuf yookiin kafaraa ta’eef hin ajajamin.” Of tuultotaa Rabbiif ajajamu didan keessaa nama badii hojjatuu ykn kaafira Islaama hordofuu irraa si dhoowwu barbaadaniif hin ajajamin. Dhugumatti kaafirootaa fi namoota badii hojjataniif ajajamuun ma’asiyaa (badii) keessatti malee hin ta’u. Sababni isaas, isaan wanta badaa nafseen isaanii hawwitutti malee hin ajajan.[5]

Obsuu fi zikrii baay’isuun itti gaafatamummaa Islaamni namarra kaa’e akka bahan waan nama gargaaraniif, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa obsaa fi zikrii baay’isutti ajaje. Zikriitti akkana jechuun ajaje:

“Ganamaa fi galgala maqaa Gooftaa keeti faarsi.” Kana jechuun jalqaba guyyaati fi dhuma guyyaa keessatti Rabbii kee faarsi. Kana keessa salaanni dirqama ta’an kanneen akka salaata subih, zuhri fi Asri ni seenu. Akkasumas, salaanni sunnaa, zikriin, “subhaanallah, Laa ilaah illa Allah, Allahuakbar” jechuun waqtiilee kana keessa ni seenu.[6] 

Halkan irraallee Isaaf sujuudi” kana jechuun yeroo halkanis salaata keessatti Rabbii keetiif sujuudi. Kuni salaata maghribaa fi Ishaa’i of keessatti hammata. “halkan dheeraa Isa qulqulleessi.” Kana jechuun halkan irraa yeroo dheeraa salaata halkanii (salaatu leyl) salaatuun Isa qulqulleessi. Yeroo jalqabaa irratti, salaanni halkanii Nabiyyii (SAW) irratti dirqama ture.[7] Ergasii ni laafifameef (Ilaali suuratu Al-Israa 17:79) Ummataa isaa keessaa immoo namni hanga danda’u salaata halkanii akka salaatu ni jajjabeefama. (Ilaali suuratu al-Muzzammil 73:20)

Aakhirah Dagatanii Qananii Addunyaa Jaallachuu

(27)Dhugumatti warri kuni [addunyaa] ariifattu jaallatu, Guyyaa ulfaataas of duubatti dhiisu. (28)-Nuti isaan uumnee qaama isaanis jabeessinee jirra. Yeroo feenetti fakkaattota isaanii bakka buusu guutuu bakka buusna. (29)-Dhugumatti tuni gorsa. Namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa qabata. (30)-Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetan. Dhugumatti, Rabbiin Beekaa Ogeessa ta’eera. (31)-Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisa. Miidhaa raawwattota (zaalimtoota) immoo adabbii laalessaa qopheessefi jira.” Suuratu Al-Insaan 76:27-31

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jaalala addunyaa, ishitti garagaluu fi ganda Aakhira dagachuu keessatti kaafirootaa fi warroota isaan fakkaatan irratti jibbuun akkana jedhe:

“Dhugumatti warri kuni [addunyaa] ariifattu jaallatu, Guyyaa ulfaataas of duubatti dhiisu.” Kaafironni fi munaafiqonni Aakhiratti hin amanne, addunyaa ariifattu tana jaallatu. Kana jechuun qananii fi faayda addunyaa yeroo gabaabaf turu jaallatu. Addunyaan iddoo qormaataa waan taatef qananii fi faydan ishii yeroo gabaabaf turuun ergasii ni bada. Aakhiraan immoo iddoo jazaa waan taateef, yeroo dheeraaf tan turtuudha.

Akkuma beekkamu, barataan yommuu qoramu yeroon qormaata isaa yeroo gabaabadha. San booda ni xumurama. Addunyaanis nama hundaafu iddoo qormaataa waan taatef, namni hundu hanga du’aa ni qorama. Umriin isaa yeroo gabaaba addunya tana keessatti qoramudha. Namoonni dhumaa addunyaa tana irra dhufan erga qoramanii booda, addunyaan tuni guutumaan guututti baduun Guyyaan Qiyaamaa ni dhufa. Kanaafu, Guyyaan jazaa (mindeessu fi adabuun) ni jalqabama. Dhugumatti namoonni Guyyaa kanatti hin amanne qananii fi faayda addunyaa jaallachuun, “Guyyaa ulfaataa of duubatti dhiisu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa garmalee cimaa ta’eef hojjachuu ni dhiisan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa hundaa beeku wanta Guyyaa san kaafironni jedhan akkana jechuun beeksisa:

[Guyyaa san] ijji isaanii sodaan guuttamtee awwaalcha (qabrii) keessaa bahuun akka hawwaannisa faca’ee fakkaatu. Gara Lallabaatti fiigu. Kaafironni ni jedhu, “Kuni Guyyaa garmalee ulfaataa ta’eedha.” Suuratu Al-Qamar 54:7-8

Akka waan addunyaa fi ishii keessa yeroo hundaa turuuf uumaman isaanitti fakkaata.

Sababni Guyyaa Qiyaamaa akka dagatanii fi dhiisan isaan taasise du’aan booda kaafamutti waan hin amanneefi. Shakkii kana oofuuf, ragaa sammuun fudhattu isaaniif dhiyeesse: “Nuti isaan uumnee qaama isaanis jabeessinee jirra.” Kana jechuun dhabama irraa isaan argamsiisnee jirra. Qaama isaanii walitti hidhaan (joint), hidda dhiigaatin, ribuun, humna keessaa fi alaatin jabeessinee jirra. Haala kana irratti Kan isaan argamsiise, du’aan booda jazaaf isaan deebisuu irratti danda’aadha. Ganda addunyaa tana keessatti marsaa kanatti Kan isaan dabarse, osoo isaan hin ajajin, hin dhoowwin, hin mindeessin, hin adabin akkanumatti isaan dhiisun Isaaf hin malu.[8]Yeroo feenetti fakkaattota isaanii bakka buusu guutuu bakka buusna. Kana jechuun yeroo feenetti isaan balleessinee namoota isaan fakkaatan finna.[9] Namoonni haarawa dhufan kunniin bakka isaanii bu’u. Altokkotti isin balleesse namootuma isin fakkaatan fidu Kan danda’u, isin erga duutanii boodas qaama keessan haala duraan turetti deebisuu ni danda’a.

“Dhugumatti tuni gorsa. Namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa qabata.” Kana jechuun suuran (boqonnaan) tuni sababa kajeelchisuu fi sodaachisu,  gammachiisu fi akeekachiisu of keessatti qabatteef namootaaf gorsaa fi yaadannoodha. Namni nafsee ofiitiif addunyaa fi Aakhiratti waan gaarii barbaade, amanuun, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa dhiisun karaa araaramaa fi jaalala Rabbitti isa geessu qabata[10] ykn hordofa.   

“Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetan.” Dhimmoota keessaa dhimma homaatu hin barbaaddan fedhii fi murtii Rabbiitiin yoo ta’e malee.  

 “Rabbiin Beekaa Ogeessa ta’eera. Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisa. Miidhaa raawwattota (zaalimtoota) immoo adabbii laalessaa qopheessefi jira.” Dhugumatti Rabbiin haala uumamtootaa sirritti Kan beekudha, dhimmoota qindeessu keessattis ogeessa. Gabroota Isaa keessaa nama fedhe rahmataa Isaa keessa seensisa. Isaan kuni mu’mintoota (warra dhugaan amanan). Zaalimtootaa daangaa Isaa darban immoo azaaba (adabbii) dhukkubsaa fi rakkisaa qopheessefi jira.[11]

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Ibsi (Tafsiirri) Suuratu Al-Insaan asirratti xumuramee jira.


[1] Tafsiiru Qurxubii 21/487[2] Tafsiiru sa’dii-544[3] Tafsiiru Qurxubii-13/186[4] Tafsiiru Ibn Kasiir-5/127, Ma’aariju tafakkuri-9/750[5] Tafsiiru-Sa’dii-1065[6] Madda olii[7] Tafsiiru Xabarii-23/573-574[8] Tafsiiru-Sa’dii-1065[9] Zaadul Masiir-1501[10] Tafsiiru Muyassar-596[11] Madda olii

Ibsa Suuratu An-Naba'i-kutaa 1
Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply