Ibsa Suuratu An-Naba’i-kutaa 1

Offline dubbisuf

Namni jireenya tana keessatti rakkoon guddaan isatti dhufuun dura, waa’ee rakkoo fi balaa gara fuunduraatti isa qunnamu beeke yoo of qopheesse, dhiphinna baay’ee jala baha. Sababni isaas, waa’ee rakkoo fi balaa kanaa beekun hojiiwwan dhiphinna jala akka bahaniif sababa ta’an hojjata. Qiyaamaan rakkoo fi balaa guddaa gara fuunduraatti addunyaa guutuu muudatuudha. Namni dursee odeefannoo Qiyaamaa walitti funaannachuun qophii gahaa taasise, dhiphinna jalaa nagaha baha. Qophiin Qiyaamaaf taasisan waa sadii: qalbiin dhugaan amanuu, hojii gaggaari hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachudha. Suuratu An-Naba’i odeefannoo Guyyaa Qiyaamaati fi ragaalee du’aan booda kaafamu agarsiisan tan of keessatti qabatteedha. Mee haa ilaallu:

(1)-Waa’ee maalii wal gaafatuu? (2)-Waa’ee oduu guddaa, (3)– Kan isaan keessatti wal dhaban. (4)-Haa dhoorgaman! gara fuunduraatti ni beeku. (5)-Ammas haa dhoorgaman! gara fuunduraatti ni beeku.” Suuratu An-Naba’i 78:1-5

Waa’ee maalii wal gaafatuu?” kana jechuun namoonni keeyyattootaa fi ragaalee Rabbitti hin amannee fi kijibsiisan waa’ee maali ilaalchisee wal gaafatu? Ergasii wanta wal gaafatan itti aanse ni ibse: “Waa’ee oduu guddaa,” kana jechuun oduu guddaa kan ta’e “du’aan booda kaafamuu fi wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu” ilaalchisee wal gaafatu.

Kan isaan keessatti wal dhaban.” Oduun Guddaan kuni (Qiyaamaan) haqa gara fuunduraatti dhufu ta’ee osoo jiru, isa ilaalchise gargar ta’an. Isaan keessaa Qiyaamatti kan amanutu jira, isaan keessaa kan shakkuutu jira, isaan keessaa immoo guutumaan guututti kan itti hin amannee fi kijibsiisutu jira.

Haa dhoorgaman! gara fuunduraatti ni beeku. Ammas haa dhoorgaman! gara fuunduraatti ni beeku.”
Haa dhoorgaman!” Dhimmichi akka warroonni du’aan booda kaafamutti hin amanne odeessanii miti. Du’aan booda kaafamuun haqa dirqamaan gara fuunduraatti dhufuudha. Yommuu du’an waa’ee Aakhirah ilaalchise haqa ta’uu ni beeku. Sababni isaas, teesson isaanii Jahannam keessatti isaanitti mul’ifama. Du’aan boodas erga kaafamanii Qiyaamaa ilaalchisee wanti isaan kijibsisaa turan haqa shakkiin keessa hin jirre ta’uu ni beeku. Sababni isaas, erga kijibsiisaa turanii booda haala Aakhirah ijaan ni argu. Wanta argan kana immoo gonkumaa kijibsiisu hin danda’an.[1] Ergasii adabbii (azaaba) kijibsiisaa turanitti humnaan oofamuun achi keessatti azzabamu (adabamu). Itti aanse ragaalee du’aan booda kaafamu agarsiisanii fi qananiiwwan namoota irratti oole ibsa:

(6)-Sila Nuti dachii afaa hin goonee? (7)-Gaarreenis shikaali [hin goonee]? (8)-Cimdiis goonee isin uumne. (9)-Hirriba keessanis boqonnaa goone. (10)-Halkanis uffata goone. (11)-Guyyaas yeroo jireenyaa goone. (12)-Gubbaa keessanittis [samiiwwan] jajjaboo torba ijaarre. (13)-Duungoo boba’aas uumne. (14)-Duumessa irraas bishaan dhangala’aa baay’ee buufne. (15)-Isaan (bishaan kanaan) midhaanii fi biqiltoota baasuf [roobsine]. (16)-Ashaakiltiwwan damee wal-keessa seensifatanis.” Suuratu An-Naba’i 78:6-16

Aayaata tanniin keessatti mallattoolee yuniversii (kawn) keessaa mallattoolee sagal guddinna dandeetti Rabbii, ogummaa fi beekumsa Isaa agarsiisaniin namoota yaadachiisa. Nama dhugaa kana hubate, waa’ee du’aan booda kaafamu ilaalchise oduun guddaan Ergamaan Rabbii (SAW) Rabbii olta’aa irraa beeksise haqa shakkiin keessa hin jirre ta’uu ni beeka. Khaaliqni beekaan, ogeessi fi danda’aa ta’e jireenya addunyaa tanaa uume, osoo isaan hin mindeessinii fi hin adabin namoota akkanumaan hin uumu. Mindaa fi adabbiin guutuun jireenya jalqabaa tana keessatti guutumaan guututti waan hin raawwatamneef, jireenyi lammataa mindaa fi adabbiin guutuun itti raawwatamu jiraachun dirqama.

Asi gaditti ibsa mallattoolee saglan guddinna dandeetti Rabbii, ol’aantummaa ogummaa Isaatii fi beekumsaan waan hundaa akka marse agarsiisan, kanaafu Qiyaamaan akka dhaabbattu mul’isan ilaalchise ni ilaalla:

Mallattoo 1ffaa-Sila Nuti dachii afaa hin goonee?” Kuni gaafi warra Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisan irraa mirkaneefannaa ittiin barbaadaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dachii afaa (minxaafii) jireenya namootaatiif gaarii taate godhe. Namoonni haala salphaan ishii keessa jiraatu, haajaa isaanii guuttatu. Dachiin faayda fi bu’aa baay’ee lakkawwame hin xumuramne qabdi. Dachii garmalee bal’attuu fi jireenya lubbu-qabeenyitiif kan mijeesse, jireenya lammataa keessatti namoota du’an kaasu irratti danda’aadha. Sababni isaas, dachiin garmalee guddoo fi bal’oodha. Namoonni immoo xixxiqooleedha. Wanta garmalee guddaa kan uumee wanta xiqqaa uumun isatti ni ulfaataa?

Mallattoo 2ffaa-Gaarreenis shikaali [hin goonee]?” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dachiin akka hin sochoone fi hin kirkirre gaarreen shikaali tasgabbeessu godhe. Shikaali jechuun muka xiqqaa jalli isaa xiloo horii itti hidhuuf gara lafaatti gadi suuqamudha. Akkasumas, yeroo cidhaa ykn du’aa dukkaana yommuu dhaaban caafi isaa shikaalitti hidhan. Shikaalin kuni dukkaanni akka hin daaqne ykn hin sochoone eega. Haaluma kanaan, gaarreenis dachii daaqu fi socho’uu irraa eegu.

Mallattoo 3ffaa– “Cimdiis goonee isin uumne.” Kana jechuun tokko kan biraatti akka tasgabbaa’uu fi horteen itti fuftuuf dhiiraa fi dubartii gochuun isin uumne. Akkasumas, tokko kan biraatti dabalamuun mi’aa qunnamti walirraa argatu. Kuni qananii guddaa Rabbii kana godhe galateefachu barbaachisuudha. Isa galateefachu keessaa tokko wanta Inni beeksiseetti amanuu fi ajaja Isaatti buluudha. Akkasumas, cimdii gochuun uumuu kana keessa mallattoo du’aan booda kaafamuun akka jiru agarsiisutu jira. Humna wal hormaataatiin uumama namaa ajaa’ibaa kana Kan argamsiise, wantuma uumama kana fakkaatu argamsiisuu irratti danda’aadha. Akkuma garaa haadhaa keessatti nama uumee gara addunyaa tanaatti baase, Guyyaa Qiyaamaas garaa dachii keessatti nama uumuun kaasuu irratti danda’aadha.

Mallattoo 4ffaa- “Hirriba keessanis boqonnaa goone.” Kana jechuun hirriba keessan isiniif boqonnaa goone. Kana keessa qananii hirribaatu jira. Guyyaa yommuu ifaajaa fi carraaqaa oolan qaamni isaanii ni dadhaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa filannoo namaatin ala hirribni akka isatti dhufu gochuun dadhabbii kana irraa oofa. Ergasii namni kuni boqonnaa argata. Sababa hirribaatin anniisaa fi humna haarawa horata. Namni halkan guutuu hojjachuuf jecha hirriba malee buluuf osoo yaale, dirqamaan hirribni isatti dhufuun isa kuffisa. Kunis boqonnaa akka argatuuf rahmata Rabbiin irraa isaaf ta’eedha. Gama biraatin, namoonni yommuu badii hojjatanii fi Rabbiin faalleessan, halkan guutuu yeroo hirriba itti dhabantu jira. Sababa kanaan, guyyaa boqonnaa fi tasgabbii hin argatan. Kanaafu, hirribni qananii guddaa galata barbaachisuudha. Galanni kunis kan ta’u, Rabbii olta’aa hirriba kana boqonna namaaf godhetti amanuu, wanta Inni beeksisetti amanuu fi Isaaf ajajamuudha.

Ammas, hirriba keessa ragaa du’aan booda kaafamu agarsiisutu jira. Akkuma jedhamu, hirribni obbolleessa du’aati. Namni rafe hanga dammaquutti akka nama du’eeti. Akkuma nama du’ee wanta naannoo isaatti raawwatamu hin beeku. Yommuu hirribaa dammaqu nama jiraa ta’ee deema. Namni du’ees qabrii keessa akkuma nama rafuu yeroo dheeraaf tura. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa lubbuun isatti deebi’uun ni kaafama.  Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa yommuu kaafaman,

36:52

Ni jedhu, ‘Yaa badii keenya! Iddoo hirribaa keenya irraa eenyutu nu dammaqsee?’  ‘Kuni waan Rahmaan waadaa galeedha, Ergamtoonnis dhugaa dubbatanii jiru.’ [jedhama].” (suuratu Yaasin 36:52)

Mallattoo 5ffaa-“Halkanis uffata goone.” Kana jechuun akkuma uffanni qaama haguugu halkanis kan waa haguugu goone.  Akkuma uffanni qaama haguugu, halkanis nama haguuga. Namni wanta guyyaa hojjachuu hin barbaanne halkan addatti bahee hojjata. Sababni isaas, guyyaa akka ijji namaa isa argitu hin barbaadu. Garuu halkan akka uffataatti waan nama haguuguuf, ijji namaa wanta inni hojjatu hin agartu. Ammas, akkuma uffanni qaamaaf mijaawaa ta’e, halkanis boqonnaaf mijaawadha- uffata gaarii yommuu uffatan mijaa’inni fi boqonnaan namatti dhagahama. Haaluma kanaan halkan gara hundaan nama marsuun boqonnaa namaaf ta’a. Guyyaa caalaa hirriba rafuuf halkan mijaawadha.

Mallattoo 6ffaa– “Guyyaas yeroo jireenyaa goone.”-kana jechuun akka namoonni galii jireenyaa argachuuf, daldalaa fi haajaa adda addaatiif bakkaa bakkatti socho’aniif guyyaa ibsaa goone. Halkan caalaa guyyaan yeroo mijaawaa namoonni soorataa fi galii isaanii argachuuf itti hojjataniidha. Guyyaa  jireenya itti fufsiisuuf akka hojjatan, halkan immoo boqonna akka argataniif gochuun dhugumatti qananii guddaa galata barbaachisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

28:73

Akka isa keessatti boqattanii fi tola Isaa irraa akka barbaaddattaniif, akkasumas akka Isa galateefattaniif rahmata Isaa irraa halkanii fi guyyaa isiniif godhe.” Suuratu Al-Qasas 28:73

Rahmata isiniif gochuu irraa kan ka’e, halkan keessatti boqattanii fi tasgabbooftan, guyyaa keessatti tola Isaa irraa itti barbaadattanii fi dalagattan isiniif godhe. Ammas kana keessa ragaa gara Qiyaamaa akeekutu jira. Akkuma Guyyaa oofee halkan fidu ykn halkan oofee guyyaa fidu, jireenya addunyaa tanaa guutumaan guututti jijjiree jireenya lammataa fiduu irratti danda’aadha.

Mallattoo 7ffaa– “Gubbaa keessanittis [samiiwwan] jajjaboo torba ijaarre.” Isinii olitti samiwwan torba garmalee bal’atan, olfaagatan ijaarsa cimaa fi jabaan ijaarre. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii dachiif xaaraa gochuun dandeetti Isaatin bakkatti qabee. Ishii keessa faayda baay’etu jira. Isaan keessaa urjiileen, jiiyni fi aduun ishii keessa naanna’uun lubbu-qabeenyiif ifa kennu. Osoo ifni aduu jiraachu baate silaa lubbu qabeenyin hin jiraatanu turan. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Duungoo boba’aas uumne.

Mallattoo 8ffaa “Duungoo boba’aas uumne.”
Aduu tana “Siraajan wahhaajaa” jechuun ibse. Siraaj jechuun duungoo ifaa fi hoo’insa kennuudha. Wahhaaj jechuun immoo baay’innaan kan boba’uudha. Kanaafu, aduun duungoo boba’aa ifaa fi hoo’insa kennituudha. Lubbuu qabeenyi dachii irra jiraataniif ifaa fi hoo’insa kennuun tajaajilti.

Mallattoo 9ffaa “Duumessa irraas bishaan dhangala’aa baay’ee buufne. Isaan (bishaan kanaan) midhaanii fi biqiltoota baasuf [roobsine]. Ashaakiltiwwan damee wal-keessa seensifattanis [baasuf].”

Duumessa irraa bokkaa wal duraa duubaan buusun lafa keessaa midhaan, biqiltootaa fi jannata mukkeen ishii wal keessa seenanii fi rukkatan baasne.
“Midhaan” kanneen akka qamadii, garbuu, xaafii, boqqoolloo fi kkf dha. Asitti “Biqiltoonni” wanta magariisa haala jiidhaa ta’een nyaatamaniidha. Kanneen akka margaa, baala, ukaa’a fi kkf.
Jecha “Jannata” jedhu, wanta mukkeen, midhaan, firaafiree, laggeen, gamoowwanii fi wanta nafsee gammachisu biroo of keessatti qabateef jecha itti fayyadamaniidha. Asitti jannata jechuun ashaakilti mukkeeni fi firaafiree adda addaa of keessaa qabduudha.[3] Kunis ragaa cimaa du’aan booda kaafamu agarsiisuudha.

Firii fi sanyii gogaa bishaan itti roobsun lafa keessaa baasu kan danda’e, namootas erga du’anii biyyee ta’anii booda, lafee gogdu irraa lamuu isaan uumuu irratti danda’aadha. Abu Hureeyran akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Afuuffi xurumbaa lamaan jidduu afurtama jira.” [Namoonni Abu Hureeyraa marsan] ni jedhan, “Yaa Abu Hureyraa, guyyaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, “Homaa jechuu hin danda’u”, Ni jedhan, “Ji’a afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’ Isaanis ni jedhan, “Waggaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’ ‘San booda Rabbiin bishaan samii irraa ni buusa. Ergasii akkuma kuduraan (baaqelan, atarri) biqilu isaanis (namoonnis) ni biqilu.  Nama irraa wanti hin tortorre hin jiru lafee takkatti malee. Lafeen sunis Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamti. Guyyaa Qiyaamaa lafee tana irraa uumamni namaa ni ijaarrama.’” Sahih Muslim 2955 a (Lafeen eegee tuni lafee gara taa’a irratti argamtuudha.)
Qananiiwwanii fi mallattooleen armaan olii dandeetti, ogummaa fi beekumsa Rabbii subhaanahu hubatanii Qiyaamaatti akka amananii fi Isaaf galata galchan nama taasisa.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-1068-1069, ma’aariju tafakkuri-15/11-13, Tafsiiru Xabarii-24/7-8
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir 7/44, Ma’aariju tafakkuri-14/580-582
[3] Ma’aariju tafakkuri-15/13-19, tafsiiru tahriir wa tanwiir-30/14-…, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/459-…, Tafsiiru Sa’dii-1069

Ibsa Suuratu An-Naba'i-Kutaa 2
Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa Dhumaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply