Ibsa Suuratu An-Naba’i-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Hundeewwan iimaanaa keessaa tokko du’aan booda kaafamuu fi wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamutti amanuudha. Dhugumatti, du’aan booda kaafamutti, qorannoo, mindaa fi adabbii Guyyaa san adeemsifamutti amanuun jireenya namaa karaa sirrii qabsiisa. Faallaa kanaa, du’aan booda kaafamutti, qorannoo, mindaa fi adabbii Guyyaa sanitti yoo hin amaniin, jireenyi karaa irraa goruun namatti dukkanoofti. Namni Qiyaamatti hin amanne, badii adda addaatti lixuun miidhaa guddaaf of saaxila. Mee har’a Suuratu An-Naba’i irraa wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu irraa muraasaa fi miidhaa nama Qiyaamatti hin amannee haa ilaallu:

(17)-Dhugumatti, Guyyaan Addaan Baasu yeroo beellamamaa ta’eedha. (18)-Guyyaa Xurunbaan afuufamee isin garee gareen dhuftaniidha. (19)-Samiinis banamtee hulaawwan taatudha. (20)-Gaarreenis deemsifamanii siribdu ta’aniidha.” Suuratu An-Naba’i 78:17-20

Guyyaan Addaan baasu (Yawm al-Fasl)-Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin gabroota isaa, gaarii fi badaa addaan baasu fi isaaniif ykn isaan irratti murteessudha.[1]

Akka lugaatti, Al-Fasl jechuun wantoota lama ykn sani ol walitti makaman addaan baasuu fi fooyudha. Jecha Al-Fasl jedhu, yeroo baay’ee wanta hiikni isaa wal fakkaatuu fi wal makateef waan itti fayyadamaniif, jecha “murtii” jedhu bakka bu’a. Akkana ni jedhama, “Fasala al-haakimu baynal khasmayn” kana jechuun “Abbaan murtii wal-mormitoota lama jidduutti murteesse.” Abbaan murtii haqaan yoo murteesse haqaa fi soba addaan baasa.

Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Addaan Baasu kan jedhameef wantoota lama mirkaneessufi:
1ffaa-Kaafamu fi jazaa ilaalchisee wanta namoonni Qiyaamatti hin amanne morman ni mirkaneessa. Kunis dhugaa fi soba addaan baasudha. Warri har’a addunyaa keessatti, “Du’aan booda kaafamuun hin jiru.” jedhan, Guyyaa Qiyaamaa, oduun isaanii kuni soba akka ta’e ni mirkanaa’a.
2ffaa-Wanta namoonni keessatti wal dhaban ilaalchisee isaan jidduutti murteessu. Akkasumas, tokko kan biraa irratti waan daangaa darbeef isaan jidduutti murteessun haqa dhaabu.[2] Namoota jidduutti erga murteesse booda gariin gara Jannataa, gariin immoo gara Jahannam deemun addaan baafamu. Kanaafu, Rabbiin azza wa jalla, Guyyaa Qiyaamaa Muslimaa fi kaafira, mu’minaa fi munaafiqa, nama dhugaati fi nama kijibaa, haqaa fi soba addaan baasa.

Miiqaat jechuun wanta tokko hojjachuuf waqtii murteefamaa fi beellama yeroon isaaf godhameedha. Guyyaan Qiyaamaa yeroo beellamama akka ta’e ibsuun namoota waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise, “Maaliif dafee hin dhufne? Maaltu tursiisee?” jechuun gaafatanii fi odeefannoo isaatti qoosan irratti deebii deebisa. Sababni isaas, osoo duubatti hafee fi tureellee beellamni (qaxaroon) yeroo isaaf murteefameen alatti hin ta’u.

Hiikni kanaa: Guyyaa Qiyaamaa tursiisuu jechuun hin argamu jechuu miti. Jecha biraatin, Guyyaan Qiyaamaa yeroon isaa waan tureef Qiyaamaan hin dhaabbatu jechu miti. Ammas, Qiyaamaa kijibsiisuun keessan yeroo isaaf murteefame akka jijjiru wanta Nu taasisuu miti. Garuu Rabbiin suutuma suutaan yeroo isinitti fida. Kana keessa warroota Qiyaamaa kijibsiisaniif akeekachiisatu jira. Sababni isaas, tarii dhiyootti dhufuu danda’a, hin beekkamu.[3] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“[Qiyaamaan] tasa malee isinitti hin dhuftu.” Suuratu Al-A’araaf 7:187

As-Suur (Xurunbaa) jechuun wanta akka gaafa horii fakkaatu gama tokkon geengoo dhiphoo, gama biraatin immoo geengoo bal’aa kan ta’eedha. Keessi isaa immoo qullaa keessaan afuufun danda’amuudha. Gama dhiphaa ta’een yommuu afuufan gama bal’aa ta’een sagalee baasa. Guddinna xurunbaa Guyyaa Qiyaamaa afuufamu Rabbiitu beeka. Xurunbaan kuni addunyaan tuni akka xumuramtuuf, ergasii namoonni du’an kaafamaniif Malaaykaa isa afuufu qaba. 

Saraabaa (siribduu) jechuun walakkaa guyyaa keessatti aduun garmalee hoo’u irraa kan ka’ee dirree ykn asfaalti irratti fagoorraa yommuu ilaalan bishaan fakkaate wanta mul’atuudha. Garuu yommuu bira gahanii ilaalan bishaani miti.

Kana booda ibsi keeyyattotaa: Dhugumatti Guyyaan addaan baasu Guyyaa Qiyaamaa kan isa keessa Rabbiin azza wa jalla gabroota jidduutti murteessudha. Tola Isaatiin warroota toltuu hojjataniif mindaa guddaa murteessaf, warra hamtuu hojjatan immoo adlii (haqummaa) Isaatiin isaan irratti adabbii cimaa murteessa. Guyyaan Qiyaamaa murtii Rabbiitiin yeroon isaa kan murtaa’ee fi beekkameedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

11:104

“[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.” Suuratu Huud 11:104

Guyyaan kuni yoo dhufe, waadaan Rabbiin olta’aan galee isa keessatti ni raawwatama. Guyyaan kuni kan jalqabu yommuu malaaykan guddaan kan Rabbiin itti gaafatamummaa afuuffi itti kenne xurunbaa afuufudha. Yommuu Malaykaan kuni xurunbaa si’a lammataaf kaafamaaf afuufu, namoonni addunyaa keessatti iddoo qormaataa kaa’amanii turan qabrii isaanii keessaa yaa’un garee gareen hatamtamaan gara iddoo murtiitti dhufu.

Samiinis babbanamuun hulaa fi karaa malaaykonni iddoo murtiitti argamuuf ittiin gadi bubbu’an taati. Gaarreenis hiddarraa bubbuqifamanii awwaara ta’uun qilleensa keessa bittinaa’u. Bakki gaarreen kuni irraa bubbuqifaman akka siribdu ta’a. Kana jechuun bakka gaarreeni ni mul’ata, garuu gaarreen bakka kana dhugaan hin jiran. Sababni isaas, daaraa ta’uun waan bittinaa’aniif.[4]

(21)-Dhugumatti Jahannam riphxuu taate. (22)-Daangaa darbitootaaf iddoo deebiti. (23)-Bara baraan ishii keessa turu. (24)-Ishii keessatti qabbanas ta’ee dhugaati hin dhandhaman. (25)-Bishaan akkaan danfaa fi malaa malee. (26)-Jazaa wal madaalu. (27)-Dhugumatti, isaan qorannoo hin sodaatanu turan. (28)-Aayaata Keenyas kijibsiisuu ni kijibsiisan. (29)-Wanta hundaa barreefamaan walitti qabne. (30)-“Dhandhamaa! Azaaba malee isiniif hin daballu.” [Isaaniin jedhama].” Suuratu An-Naba’i 78:21-30

Riphuu jechuun diina haleeluf ykn wanta tokko tasa qabuuf dhokatanii eegudha. Malaa (ghassaaq)– jechuun sababa gubataniif qaama warra ibiddaa irraa dhangala’aa boora gadi jiguudha.

“Dhugumatti Jahannam riphxuu taate.” Kana jechuun dhugumatti Jahannam warroota kafaranii fi daangaa darban riphxee eegdi.[5] Ergasii, nama Rabbiin achi keessa akka seenu murteesse of keessatti butti.  

“Daangaa darbitootaaf iddoo deebiti” kana jechuun Gooftaa isaanii irratti boonun warroota daangaa Rabbii darbaniif Jahannam mana, iddoo itti deebi’anii fi iddoo gahuumsa dhumaa keessa jiraataniidha.[6] Warra kafaruun, shirkii hojjachuu fi badii gurguddaa adda addaa raawwachuun daangaa darban, du’aan booda erga kaafamanii booda iddoon isaan itti deebi’anii fi gahuumsi isaanii Jahannam ta’a. “Bara baraan ishii keessa turu.” Kana jechuun yeroo dheeraa dhuma hin qabne Jahannam keessa jiraatu. Sababni isaas, kaafirota waan turaniif.[7] Adabbiin isaan irraa addaan hin citu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namni Rabbii fi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda Jahannam abadi yeroo hundaaf keessa jiraatantu isaaf jira.” Suuratu Al-Jinn 72:23 (Kana jechuun namni wanta Rabbiin itti ajajee fi dhoowwe keessatti Isa faallesse, Ergamtoota Isaa kijibsiisee, ergaa Isaatti amanuu dide, Jahannami Guyyaa Qiyaamaa seenutu isaaf jira. Yeroo hundaa achi keessa jiraata.[8] Ma’asiyaan yeroo hundaaf Jahannam keessa akka jiraatan nama taasisuu Islaama keessa seenu diduu fi hundeewwan iimaanatti amanuu diduudha. Gabaabumatti kufriidha. Namni kafare kana jechuun Rabbitti, malaykota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Qiyaamaatti amanuu dide, yeroo hundaa abadii Jahannam keessa jiraata.)

“Ishii keessatti qabbanas ta’ee dhugaati hin dhandhaman. Bishaan akkaan danfaa fi malaa malee.” Kana jechuun daangaa darbitoonni Jahannam keessatti wanta qaamaa fi qalbii isaanii qabbaneessus ta’ee, dhugaati dheebu isaanii irraa kutu hin argatan.[9] Kana irra, bishaan garmalee danfaa fi malaa dhandhamu. Azaaba (adabbii) kanaan kan adabamaniif sababa jireenya addunyaa keessatti badii fi yakka gurguddaa akka kufrii, shirkii, wanta Ergamaan Gooftaa isaanii itti geesse kijibsiisuu hojjata turaniifi. Kanaaf ni jedhe, “Jazaa wal madaalu” kana jechuun adabbii hojiiwwan isaanitiin wal gituu fi walitti galu adabamu. Kuni adabbii haqummaan (Justice) ta’eedha.[10] Akkuma isaan badii gurguddaa fi hojii fokkuu hojjatan, adabbiin isaaniis akkasuma guddaa fi badaa ta’a.

Hojiiwwan badaa adabbii guddaa kanatti isaan geessu itti aansun ni dubbata: “Dhugumatti, isaan qorannoo hin sodaatanu turan.” Kana jechuun isaan du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef “gara fuunduraatti hojii badaa hojjannuuf ni qoratamna, Guyyaa Murtii hojii badaa kanaaf ni adabamna” jechuun hin sodaatan. Kanaafi, fedhiin qullaan isaaniiti fi sheyxaanni jinni fi namaa suuta suutaan badii Jahannam keessatti yeroo hundaaf akka turan isaan taasisutti dabarsan.[11]

Osoo qorannoo fi adabbii Guyyaa murtii sodaatanii silaa kufrii, shirkii fi badii gurguddaa hin hojjatu turan. Qiyaamatti amanu dhabuun isaanii badii gurguddaatti akka lixan isaan taasise. Kanaafi, namni Qiyaamaatti yoo hin amaniin, karaa qajeelaa irraa jallachuun badii gurguddaatti lixa. Ergasii yoo hin tawbatin, jazaa (adabbii) badii isaa ni argata. Qur’aana keessatti ni jedha:

23:74

Dhugumatti isaan Aakhiratti hin amanne karaa [qajeelaa] irraa kanneen jallataniidha.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:74

 “Aayaata Keenyas kijibsiisuu ni kijibsiisan.” Kana jechuun keeyyattootaa fi ragaalee ergamtoota Keenya irratti buusne kijibsiisa cimaa ni kijibsiisan.[12] Kijibsiisu jechuun wanta tokko soba akka ta’etti yaadudha. Keeyyattooni fi ragaaleen Rabbii olta’aa irraa dhufan haqaa fi akka aduutti ifa ta’anii osoo jiranu, daangaa darbitoonni ni kijibsiisan. Kunis sababa lammataa adabbii cimaatti Guyyaa Qiyaamaa isaan geessudha. Osoo keeyyattootaa fi ragaalee kanniinitti amananii, silaa ni hordofu turan. Ajajoota keeyyattoonni kunniin of keessaa qaban yoo itti bulan, adabbii jalaa ni bahuu jechuudha. Isaan kana hundaa waan hin hojjanneef adabbiif of saaxilan.  

 “Wanta hundaa barreefamaan walitti qabne.” Kana jechuun xiqqaa fi guddaa, gaarii fi badaa hundaa Kitaaba keessatti galmeessinee jirra. Yakkamtoonni badii isaan hin hojjanneen adabamu hin sodaatin, hojii isaanii irraa “waa ni badaa ykn ni dagatama” jedhaniis akka hin yaanne. Wanti isaan hojjatan hundi gonkumaa hin badu ykn hin dagatamu. Kana irra, kitaaba keessatti galmaa’e walitti qabama. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa galmeen hojiin isaanii itti galmaa’e kunis isaaniif dhiyeefama. Akkuma Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) jedhe:

18:49

Galmeenis ni kaa’ama. Yoma san yakkamtoota waan isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii argita. Ni jedhus, “Yaa badii keeenya! Kuni kitaaba akkamii, xiqqaas guddaas walitti qabu malee hin dhiifne!” Wanta hojjatan dhiyaataa ta’ee argatu. Gooftaan kee eenyullee hin miidhu.” (Suuratu al-Kahf 18:49 )

“Dhandhamaa! Azaaba malee isiniif hin daballu.” [Isaaniin jedhama]. Kuni wanta Guyyaa Qiyaamaa warroota Jahannam keessa seenaniin jedhamuudha. Hiikni isaas: Adabbii kana dhandhamaa, adabbii malee homaa isiniif hin daballu. Yeroo yeroon adabbiin isaanii ni dabala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

16:88

“Warroota kafaranii fi karaa Rabbii irraa [namoota] dhoowwan, sababa isaan balleessaa turaniif adabbii irratti adabbii isaaniif daballa.” Suuratu An-Nahl 16:88

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata fi tola Isaatin adabbii cimaa kanarraa nu haa eegu.


[1] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/20[2] tafsiiru tahriir wa tanwiir-30/29[3] Madda olii[4] Ma’aariju tafakkuri-15/21-22[5] Tafsiiru Qurxubii-22/15[6] Tafsiiru Xabarii-24/21[7] Ma’aariju tafakkuri-15/23, Tafsiiru Qurxubii-22/15-16[8] Tafsiiru xabarii-23/350[9] Tafsiiru Sa’dii-1070, Tafsiiru ibn Kasiir-7/464[10] Ma’aariju Tafakkuri-15/24[11] Ma’aariju tafakkuri-15/24-25 [12] Madda olii

Ibsa Suuratu An-Naba'i-Kutaa 3
Ibsa Suuratu An-Naba'i-kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply