Ibsa Suuratu An-Naba’i-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Ajaa’iba Qur’aanaa ilaaltee ni fixxaa?
Yeroo garii adabbiin si akeekachisaa,
Yeroo biraa mindaan si gammachiisaa
Akkana gochuun isaa
Badii irraa si deebisuuf
Karaa qajeelaatti si qajeelchuf
Gahuumsa dhumaa kee tolchuuf
Keessaa alli kee tole Jannata akka seentuf
Kuni Jecha fakkaataa hin qabnee
Rabbal aalamina irraa kan dhufee
Sirritti qoradhu ni argitaa ajaa’iba baay’ee

(31)-Warra Rabbiin sodaataniif milkaa’innatu jira. (32)-Ashaakiltiwwanii fi inaba. (33)-Dubartoota harma guntuttuu hiriyyaa ta’antu jira. (34)-Geeba (xoofoo) guutamtuu. (35)-Achi keessatti dubbii faaydi hin qabnee fi kijibsiisuu hin dhagahan. (36)-Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e, kennaa gahaa.” Suuratu An-Naba’i 78:31-36

Warra Rabbiin sodaataniif milkaa’innatu jira.” kana jechuun imala qormaataa tan taate jireenya addunyaa keessatti namoonni Rabbiin sodaatan (muttaquun) Guyyaa Qiyaamaa injifannoo, bu’aa fi sharrii irraa nagaha bahuu argatu.

Muttaquun (muttaqoota) jechuun: namoota wanta Rabbiin dirqama isaanirratti godhee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eeganiidha. Wanti guddaan dirqama isaan irratti godhee keessaa iimaana, Isa qofa gabbaruu fi hojii gaggaarii akka salaata, sooma fi kkf. Wantoota Inni dhoowwe keessaa kufrii, shirkii fi hojii babbadoo biroo kan qaamaan, qalbii fi arrabaan wal qabatan.

Milkaa’u jechuun wanta badaa jibban jalaa nagaha bahuu fi wanta gaarii jaallatan argachuudha. Warri Rabbiin sodaatan (muttaqoonni) ibidda jalaa nagaha bahuun Jannata waan seenaniif warra milkaa’edha. Itti aanse iddoo milkaa’innaatti (Jannata keessatti) maal fa’a akka argatan tarreessa:

Ashaakiltiwwanii fi inaba. Dubartoota harma guntuttuu hiriyyaa ta’antu jira. Geeba (xoofoo) guutamtuu.
Ashaakilti jechuun lafa mukkeen firii buusan qabdu kan dallaan (haxiriin) itti haxirameedha.
Inaba jechuun firaafiree baay’ee mi’aayudha. Amaariffaan wayn, ingiliffaan grape jedhama. Bifa adda addaa qaba. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama:

Kawaa’ib heddumminnaa “kaa’iba” ti. Kaa’iba jechuun dubara harmii ishii guuttamee geengawaa (naannawaa) ta’ee fi olbahe.

Atraab jechuun immoo umriin wal qixa kanneen ta’aniidha. Kanaafu, “wa kawaa’iba atraabaa” jechuun shamarran harmi isaanii guuttamee geengawa (naannawaa) ta’uun olbahee fi umriin isaanii wal-qixa kan ta’eedha. Jannata qananii keessatti Rabbul aalamiina warra Isa sodaataniif uume.

Ka’as jechuun geeba (meeshaa dhugaati) khamriin (farshoon, daadhiin) keessa jiruudha. Kanaafu, ka’asan dihaaqaa jechuun geeba khamriin guuttamee fi nama dhuguuf wal duraa duubaan dhangala’uudha.[1]

Achi keessatti dubbii faaydi hin qabnee fi kijibsiisuu hin dhagahan.” Kana jechuun Jannata keessatti dubbii faaydi hin qabne fi sobaa hin dhagahan. Akkasumas, tokko kan biraa hin kijibsiisu. Warri addunyaa tanaa khamrii (farsoo) yoo dhugan dubbii faaydi hin qabne fi badaa dubbatu. Garuu Jannata keessatti khamriin qulqulluu nama hin macheessine waan taatef warri Jannataa dubbii faaydi hin qabnee fi soba hin dubbatan, hin dhagahanis. Jannani ganda qananii faalama hundarraa qulqulluu waan taateef, dubbiin faayda hin qabnee fi tokko kan biraa kijibsiisun achi keessatti hin malu (hin ta’u). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Achi keessatti dubbii faaydi hin qabnee fi wal yakkuu hin dhagahan, nagaha nagahaa waliin jechuu malee.” Suuratu Al-Waaqi’a 56:25-26

Jannata keessatti eenyullee badii hin hojjatu. Kanaafu, wal yakkuun hin jiru. Akkasumas, Jannata seenun dura qalbii isaanii keessaa jibbaan, wal hinaafu fi amaloonii badaan hundi ni qulqullaa’a. Kanaafu, wal arrabsuun, wal hamachuu fi soba dubbachuun hin jiru. Hundi isaanitu obboleeyyan wal jaallattanii fi wal kabajan ta’anii jiraatu.

Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e, kennaa gahaa [mindeefamu].” Asitti jechoota sadii haala badhaasa warra Rabbiin sodaatanii ibsan haa ilaallu: Jazaa’an (mindaa), Axaa’an (kennaa), hisaaban (gahaa, herregamaa)

Mindaa jechuun sababa hojii tokko hojjataniif wanta namaaf kennamuudha. Kennaan immoo wanta dabalata fi akkanumatti namaaf kennamuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota Isa sodaataniif hojii hojjataniif mindaa ni kennaaf. Garuu hojiin isaanii qofti Jannata waan isaan hin seensifneef mindaa isaanii isaaniif baay’isuun tola Isaatiin kennaa guddaa isaaniif kenna. Wanti Inni isaaniif kennu, jireenya isaanii keessatti isaan kan gahuudha. Kanaafu, sababa hojii isaanitiif mindaa ni kenneef. Tolaa fi rahmata Isaatiin mindaa kana isaaniif guddisuu fi baay’isuun kennaa ni kenneef. Hojii gaarii takka isaaniif baay’isuun mindaa kudhan ykn dhibba torba ykn san caalu kennaaf. Tola Rabbiitiin hojii takkaaf mindaa kudhan ykn dhibba torba ykn san caaluu argachuun niyyaa fi qulqullinna hojii irratti hundaa’a. Namni hojii isaa keessatti niyyaan isaa qulqulluu ta’ee fi haala guutuu fi sirrii ta’een hojjate, mindaan isaa akkasuma guddaadha. Kanaafu qananiin Jannataa isaaniif mindaa, kennaa fi gahaadha.

(37)Gooftaa samii, dachii fi waan jidduu isaanii jiru, mararfataa Kan ta’e [irraa mindeefaman]. Isatti dubbachuu hin danda’an. (38)-Guyyaa Ruuhi fi Malaaykonni hiriiran dhaabbatan, kan Rabbiin isaaf hayyamee fi wanta sirrii dubbate malee isaan hin dubbatan. (39)-Suni Guyyaa Haqaati. Kanaafu, namni fedhe gara Gooftaa Isaatti [karaa] deebii qabata. (40)-Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne, Guyyaa namni waan harki isaa lamaan dabarsan argu fi kaafirri, “Yaa hawwii kiyya! Osoo biyyee ta’ee [hafee] maal qabaa!” jedhuudha.” Suuratu An-Naba’i 78:37-40

“Gooftaa samii, dachii fi waan jidduu isaanii jiru, mararfataa Kan ta’e [irraa mindeefaman].” Kana jechuun kennaa guddaa kana Kan isaaniif kenne Gooftaa isaanii kan ta’e samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uumee fi qindeessedha. Akkasumas, Inni Ar-Rahmaan kan ta’ee, rahmanni Isaa waan hundaa dhaqqabee fi haguugeedha. Hanga qananii guddaa argatan kana argatanitti isaan kunuunsun ni guddise, isaaniif ni mararfate.

Itti aanse Guyyaa Qiyaamaa Guddinna Isaatii fi guddinna aangoo Isaa ni ibse. Guyyaa san uumamtoonni hunduu ni cal’isuu, homaa hin dubbatan. “Isatti dubbachuu hin danda’an.” Kana jechuun hayyama Isaatiin ala eenyullee dubbii Isa waliin jalqabuu hin danda’u.

“Guyyaa Ruuhi fi Malaaykonni hiriiran dhaabbatan, kan Rabbiin isaaf hayyamee fi wanta sirrii dubbate malee isaan hin dubbatan.” Wantoota Guyyaa Murtii adeemsifaman keessaa tokko Ruuhi (Malaykaan Jibriili) fi Malaaykonni biroo cal’isanii fi hiriira galanii Rabbiin fuundura dhaabbatu.  Rabbiin azza wa jalla gabroota Isaa jireenya addunyaa iddoo qormaataa kaa’amanii turan ilaalchisee qorannoo akka dhaabuu fi murtii akka dabarsuuf hirira galanii dhaabbatu. Guyyaa san eenyullee nafsee ofiitif ykn nama biraatiif jedhee Rabbiitti waa dubbachuu hin danda’u, akka dubbatu yoo isaaf hayyamee fi dubbii sirrii dubbate malee. Ulaagaalee lamaan kanaan malee eenyullee dubbachuu hin danda’u:

1ffaa-Akka dubbatu Rabbiin isaaf hayyamuu
2ffaa-Wanti inni dubbatu sirrii ykn dhugaa ta’uudha.

“Suni Guyyaa Haqaati.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa wanta argamuudha, shakkii hin qabu.[2] Hiikni biraa, Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa dhugaa sobni itti hin makamneedha. Sababni isaas, Gaafa san dhimmoonni hundi harka Rabbii jiru. Rabbiin irraa dhugaa malee wanti biraa hin ta’u. Faallaa kanaa, guyyaa jireenya addunyaa keessatti namoota iddoo qormaataa kaa’aman irraa sobni baay’een ni argama. Jireenya tana keessatti Rabbiin isaan qoruuf fedhii bilisaa waan isaaniif kenneef, fedhii qullaa dhugaan wal faalleessu qabu.[3] Garuu Guyyaa Qiyaamaa haqa ykn dhugaa malee homtu hin ta’u. Namoota hunda jidduutti haqaan murteefama.

“Kanaafu, namni fedhe gara Gooftaa Isaatti [karaa] deebii qabata.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa fi wanti isa keessatti adeemsifamu haqa ykn dhugaa ta’uu erga beektanii, namni fedhe dhugaan amanuun, tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun karaa Gooftaa isaatti isa geessu qabata. Ibsi biraa, dhugaan amanuun, tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun Gooftaa isaa biratti iddoo deebii haa qabatu. Iddoon deebiin kuni Jannata qananii yeroo hundaa keessatti gammaduudha. Kheeyri fi sharrii irraa wanti Guyyaa Guddaa kana adeemsifamu isiniif ifa ta’ee jira. Kanaafu, namni fedhii qabuu iddoo gahuumsa isaa haa filatu.[4]

 (Akka lugaatti, ma’aab-hiika, “deebii, iddoo deebii” qaba. Akkuma beekkamu Aakhiraan du’aan booda gara itti deebi’aniidha.)

“Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne, Guyyaa namni waan harki isaa lamaan dabarsan argu fi kaafirri, “Yaa hawwii kiyya! Osoo biyyee ta’ee [hafee] maal qabaa!” jedhuudha.”

“Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne,” Yaa namoota azaaba Guyyaa Qiyaamaa kalaaye fi dhiyaate isin akeekachiisna. Guyyaan Qiyaamaa dhufuun isaa waan mirkanaa’ef dhiyoodha. Wanti dhufu hundi dhiyoo waan ta’eef.[5] “Kullu maa huwa aati fahuwa qariibun” jedhama. Kana jechuun “Wanti ni dhufa jedhame hundi dhiyoodha.”

Akeekachisuu jechuun wanta sodaachisaa beeksisuudha. Rabbiin warroota daangaa darbanii fi kijibsiisan akeekachisuu irraa wanti hubatamu, yakka isaanitiif du’aan dura yoo hin tawbatin, adabbii cimaa fi laaleessaa isaaniif qopheesse beeksisuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbiin kuni du’aan booda erga kaafamanii Guyyaa Qiyaamaa haa ta’uu malee dhiyoo akka ta’e ibse. Sababni isaas, nama hundaafu jireenyi addunyaa gabaabdudha. Namoonni erga du’anii booda nafsee isaanii keessaa hamma yeroo hubachuun ni haaqama. Yommuu kaafaman, du’aa fi kaafama jidduu guyyaa ykn cinaa guyyaa malee akka hin turree isaanitti dhagahama.[6] (Namni du’e akka nama rafee waan ta’eef hamma qabrii keessa ture hin beeku. Namni hirriba cimaa sa’aati dheeraaf rafe, hangam akka rafe hin beeku. Sa’aati saddeet osoo rafeellee sa’aati takka waan rafe isatti fakkaata. Namni du’es osoo waggaa miliyoona tureellee yommuu kaafamu qabrii keessa yeroo gabaabaf waan ture isatti fakkaata.)

“Guyyaa namni waan harki isaa lamaan dabarsan argu…” kana jechuun adabbiin dhiyoon kan ta’u Guyyaa namni addunyaa qormaataa keessatti wanta hojjatee dabarse arguudha. Gaariis ta’ee badaa, wanta duraanis ta’ee kan boodaa hundi isaaf dhiyaata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Guyyaa lubbuun hundii toltuu irraa waan hojjattee fi hamtuu irraa waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaatee argitu [yaadadhu]. Osoo jidduu ishiitii fi jidduu isaa (hamtuu hojjattee) fageenyi dheeran jiraate jaallatti. Rabbiin Of irraa isin akeekachiisa. Rabbiin gabrootaaf mararfataadha.” (Suuratu Aali-Imraan 3:30)

Guyyaa Murtii namni badii hojjate dabarseef garmalee gaabbuun, “Osoo anaa fi badii kana jidduu fageenyi dheeraan jiraate ykn garmalee osoo badii kanarraa fagaadhe maal qaba!” jechuun hawwa. “Rabbiin Of irraa isin akeekachiisa” kana jechuun adabbii Isaa isin sodaachisa. (Tafsiir ibn kasiir-2/336)

Namni wanta hojjate, dubbatee fi itti amane hunda galmaa’e ni argata. Wanta jireenya isaa keessatti hojjatu guutuu galmeessun salphaadha. Yeroo ammayyaa kana keessatti viidiyoo fi oodiyoon namni hojjate, hojii fi gocha namni waggaa baay’ee dura hojjate galmeessanii kaa’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa uume, hojii ilmaan Aadam hunda galmeessu irratti danda’aadha. Kanaafu, Guyyaa Murtii namoonni hundiinu wanta hojjatanii dabarsan ni argu.

“kaafirri, “Yaa hawwii kiyya! Osoo biyyee ta’ee [hafee] maal qabaa!” jedhuudha.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa kaafirri “Osoo kaafamu baadhee fi zalaalamii biyyee ta’ee hafee maal qaba” jechuun hawwuudha. Namni addunyaa keessatti Rabbii olta’aatti hin amannee fi Isaaf hin ajajamnee yommuu adabbii cimaa arguu, osoo biyyee ta’ee fi uumamuu baatee hawwa.

Wanti kaafironni addunyaa irratti ittiin qoosan, Guyyaa Murtii immoo wanta ittiin gaabban ta’a. Addunyaa irratti akkana jechaa turan, “Sila nuti duunee biyyee fi lafee erga taane ni kaafamnaa?” (Suuratu As-Saaffaat 37:16) Guyyaa Qiyaamaa immoo “osoo biyyee ta’e hafe maal qabaa!” jechuun gaabbu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kufrii, shirkii, shakkii, nifaaqa fi sharrii hundarraa akka nu eegu kadhanna. Alhamdulillah Rabbil aalamiin tafsiirri suuratu An-Naba’i asirratti xumuramee jira.


[1] Ma’aariju tafakkuri-15/27,  Tafsiiru Ibn Kasiir 7/466[2] Tafsiiru Xabarii-24/52[3] Ma’aariju tafakkuri-15/30[4] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-30/54-55, akkasumas tafsiiru xabarii-24/53[5] Tafsiiru xabarii-24/53, Tafsiiru ibn kasiir 7/468[6] Ma’aariju tafakkuri-15/31

Qiyaamaan Yoomi?
Ibsa Suuratu An-Naba'i-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply