Ibsa Suuratu An-Naazi’aat-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Qiyaamaan haqa wali galaa hin jijjiramne keessaa isa tokkoodha. Zulmii ykn cunqursaa addunyaa keessatti bakka adda addaatti raawwatamu yommuu arginu, hidda sammuu keenya jalaa yaanni kuni ni xiixa, “Guyyaa dhadachi haqummaa itti dhaabbatu jiraachu qaba. Zaalimni har’a dachii badiin balleessu Guyyaan adabbii isaaf malu itti argatu jiraachun dirqama.” Suuratu An-Naazi’at dhugaa wali galaa (Universal Truth) kana ifatti baasti. Hogganaa zaalimota kan ta’e Fira’awna ibsuun dhadachi haqummaa dirqamaan akka barbaachisu namaaf himti. Mee ibsa suuratu An-Naazi’aata haa jalqabnu:

(1)-[Malaaykota] humnaan butaniin, (2)-luqqistoota suuta luqqisaniin, (3)-daaktota daakaniin, (4)-dursitoota dursaniin, (5)-ajaja kanneen bakkaan gahaniin Nan kakadha!” Suuratu An-Naazi’aat 79:1-5

“[Malaaykota] humnaan butaniin, luqqistoota suuta luqqisaniin”

Rabbiin azza wa jalla amaloota malaykoota namoota keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabaniin kakate. Itti gaafatamummaan kunis, kaafironni yommuu du’an nafsee isaanii humnaan keessaa butuu fi baasudha. “[Malaaykota] humnaan butaniin.” Kana jechuun malaykoota  nafsee kaafiraa humnaan butaniin Nan kakadha. Malaykoota irraa ramaddiin biraa immoo nafsee warra amananii (mu’mintoota) suutaa fi haala salphaan luqqisu ykn baasu. “luqqistoota suuta luqqisaniin” Kana jechuun Malaykoota suuta fi haala salphaan nafsee mu’mintoota luqqisaniin ykn baasaniin Nan kakadha.

Garee malaykootaa nafsee kaafiraa baasaniin, “kanneen butan (naazi’aat)” jechuun ibse. Garee malaykoota nafsee mu’mintoota baasan immoo, “luqqistoota (naashixaax)” jechuun ibse. Maqaan “naazi’aat” jedhu jecha, “naz’a” jedhu irraa kan fudhatameedha. Hiika “Naz’a” keessaa tokko, “wanta tokko butuu fi bakka isaatii buqqisuudha.” Maqaan “naashixaax” jedhu immoo jecha “nashx” jedhu irraa fudhatame. Hiika “Nashx” keessaa tokko, “wanta tokko suuta baasu fi luqqisuudha.”[1]

 “daaktota daakaniin, dursitoota dursaniin, ajaja kanneen bakkaan gahaniin Nan kakadha!”
Rabbiin azza wa jalla garee malaykoota keessaa malaykoota qilleensa keessa daakaniin kakata. Itti gaafatamummaa isaanii wanta Inni qindeessee fi murteesse hojii irra akka oolchanii fi bakkaan gahan taasise.

Maqaan, “Saabihaat” jedhu, jecha “sabh” jedhu irraa fudhatame. Sabh jechuun bishaan ykn qilleessa keessa “daaku” dha. Kanaafu, “daaktota daakaniin” jechuun malaykoota samii irraa bu’uu fi gara samii ol bahuuf qilleensa keessa daakaniin Nan kakadha.

“dursitoota dursaniin” kana jechuun ajajoota Rabbii hojii irra oolchuuf malaaykota gara fuunduraatti dursanii fi ariitin deemaniin kakadha. Malaykoonni ajajoota Rabbii hojii irra oolchuuf namootaa fi jinnoota ni dursu. Ariitin wanta ajajaman ni hojjatu.

 “ajaja kanneen bakkaan gahaniin” kana jechuun dhimma addunyaa ilaalchise malaykoota ajaja Rabbii isaanii bakkaan gahaniin kakadha.[2]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gosoota malaykoota kanniinitiin kakachuun du’aan booda kaafamu fi wanti Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu haqa akka ta’an mirkaneessa.

Itti aanse, wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu hima:

(6)-Guyyaa sochootun sochootu,(7)– Itti aantun ni hordofti. (8)-Guyyaa san qalbiiwwan [sodaan] hollatu. (9)-Ijji isaanii salphattuudha. (10)-Ni jedhu, “Sila nuti haala duraanitti ni deebifamnaa? (11)-Sila erga lafee bututte taanee moo? (12)-Yoo akkas ta’e suni deebii hoongoti (kasaaraati).” Jedhu. (13)-Ishiin iyyansa takka qofa. (14)-Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta’u.” Suuratu An-Naazi’aat 79:6-14

Guyyaa sochootun sochootu.” (ተርገፍጋፊይቱ (ምድር) በምትርገፈገፍበት ቀን፤)
Akka lugaatti rajf jechuun sochii cimaa, hurguffii fi jeequmsa cimaadha. Rajafatil ardu jechuun dachiin sochii cimaa sochoote.

Kanaafu, Raajifatu jechuun sababa sagalee cimaatiin sochootu fi hurgufamtu tan taatedha. “Guyyaa sochootun sochootu” jechuun guyyaa dachiin sababa afuuffi xurunbaa tokkoffaatin sochii cimaa sochootu fi jeeqamtuudha.

Ammas sababa sagalee cimaatin dachiin waan sochootuf,” Raajifatu” – afuuffi jalqabaa xurunbaadhaan afuufamu jedhamee jira. Guyyaa Qiyaamaa xurunbaan si’a lama afuuffama. Si’a tokkoffaaf yommuu afuufamu, addunyaan guutuun ni baddi, dachii fi gaarreen sochii cimaa ni socho’u, lubbu-qabeenyin hundi ni dhumu. Yeroo murtaa’en booda afuuffin xurunbaa lamattaa itti aana. Kanaafi ni jedha, “Itti aantun ni hordofti” Kana jechuun afuuffi xurunbaa tokkoffaa booda afuuffin xurunbaa lammataa itti aane dhufa. Afuuffi xurunbaa lammataa kana keessatti uumamtoonni du’an hundi qorannoo fi murtiif ni kaafamu. Afuuffin jalqabaa uumamtoota fixuudha, kan lammataa immoo kaasu ykn jiraachisuudha.[3] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa afuuffi lamaan kana ilaalchise ni jedha:

39:68

Xurumbaan ni afuufama. Warrii samiiwwan keessaatii fi warri dachii keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee. Ergasii yeroo lammataas ni afuufama, yeroma san isaan dhaabbatanii kan ilaalan ta’u.” (Suuratu az-Zumar 39:68)

“yeroma san isaan dhaabbatanii kan ilaalan ta’u.” kana jechuun afuuffin lammataa akkuma afuufameen qabrii isaanii keessaa ka’anii dirree wal-qixxaa’a irra dhaabbachuun wanta Rabbiin isaanitti hojjatu ilaalu.

Guyyaa san qalbiiwwan [sodaan] hollatu. Ijji isaanii salphattuudha.” Kana jechuun yommuu afuuffin lamaan afuufamanii lubbu-qabeenyin kaafamuun haala iddoo walitti qabamaa ilaalan, qalbiin namoota kafaranii fi badii gurguddaa hojjatanii sodaa, rifannaa fi jeequmsa cimaan guuttamti. Ciminna Guyyaa sanii fi adabbii itti deemaa jiran yommuu argan, qalbiin isaanii sodaa cimaa irraa kan ka’e garmalee ariitin dhikkisti. Dhiphinnaa fi jeequmsaan guuttamti.   

Guyyaa san ijji namoota kanniinii salphinnaa fi sodaa isaanii irraa kan ka’e gara lafaa ilaalti. Sodaan qalbii isaanii waan guutuuf, naasun waan isaan dhamaasef, gaabbin waan isaan haguugeef ijji isaanii salphattuu taati.[4]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti aanse haala namoota addunyaa keessatti du’aan booda kaafamu kijibsiisan dubbachuutti darba: Ni jedhu, “Sila nuti haala duraanitti ni deebifamnaa? Sila erga lafee bututte taanee moo?” Kana jechuun kaafironni du’aan booda ni kaafamtu yommuu jedhaman, “Erga duunee booda gara jireenyaatti ni deebinaa? Duunee lafee bututte erga taanee boodaa gara jireenyaa ni deebinaa??! Oduun kuni fagoodha. Hin dhugoomsinu.” Jedhu. Gaafin isaan gaafatan kuni dhugaa beeku fi dhugoomsuf osoo hin ta’in kijibsiisuu fi itti qoosufi.

“Du’aan booda kaafamuun hin jiru” jechuun yommuu kijibsiisan, ragaa qabatamaa sammuun fudhattu ittiin morman hin qaban. Garuu ragaaleen Rabbii qabatamaa ta’an hidda sammuu fi wiirtuu yaadaa isaanii keessatti aangoo haqaatiin kan lixuudha. Garaa haadha keessatti uumamuun dura dhabama turan. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan argamsiise. Kanaafu, akkuma jalqaba isaan uume, erga du’anii lafeen isaanii bututtee biyyee dachiitiin walitti makamtee boodas isaan deebisuu irratti Danda’aadha.  

Kutaalee qaamaa xixxiqoo hunda dachii keessa badan tokkoon tokkoon qaamatti deebisee qaama guutuu ijaarun akka ulaagaatti hin kaa’amu. Kana irra, qaama isaanii irraa haftee hin banne “Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamtu gahaadha. Lafee xiqqoo tana irraa qaama guutuu ijaara. Akkasumas, wanta isaan irra turan ilaalchise beekumsi Rabbii gahaadha. Lafeen isaanii tokkoon tokkoon eessa akka jirtu sirritti beeka. Kanaafu, “ta’aa” yoo isaaniin jedhe, akkuma yeroo jalqabaa isaan uumee ta’u.[5]

“Yoo akkas ta’e suni deebii hoongoti (kasaaraati).” Jedhu. kana jechuun du’aan booda kaafamuun yoo deebinee, kasaaraa guddaa kasaarra. Kan akkana jedhaniif, azaaba (adabbii) Aakhiraatin waan akeekachiifamaniifi. Gahuumsi namaa ibidda ta’uu caalaa kasaaraan guddaan hin jiru. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aan booda kaafamuun iyyansa takka qofan akka ta’u ni beeksise:

“Ishiin iyyansa takka qofa. Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta’u.” Du’aan booda kaasuu fi deebisuun homattu hin hajamuu iyyansa takkatti xurunbaan afuufamu malee. Rabbiin akka kaafaman ajaja yoo dabarse, isaan yoosu kaafamuun gubbaa dachii irratti mul’atu. Malaykaan Israafil afuufama ka’uumsaa xurunbaan yommuu afuufu, namoonni jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran kaafamuun dirree bal’aa wal qixxaa’a ta’ee irratti walitti qabamu. Sagaleen xurunbaa keessaa bahuu kuni sagalee ykn iyyansa cimaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

36:51

Xurumbaan ni afuuffama, yoosu isaan awwaalcha keessaa gara Gooftaa isaanii ariitiin bahu.” (suuratu Yaasin 36:51)

(42)-Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan, suni Guyyaa [qabrii keessaa] bahiinsaati. (43)-Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa garuma Keenya. (44)-Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.” Suuratu Qaaf 50:42-44

Guyyaa san namoonni hundu dhugaadhaan iyyansa ni dhagahu. Akkuma namni rafee hirriba keessaa dammaqu, isaaniis iyyansa kana dhagahuun ni jiraatu. Ergasii qabrii keessaa ol yaa’u.

“Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa garuma Keenya.” Aayata tana keessaa maq-dhaala guddinna agarsiisu fayyadamuun mirkaneessu fi jabeessuu cimaa waliin bu’uuraalee (عنصرين) iimaanaa lama yaadachiisa:

العُنْصُرُ (Bu’uura) 1ffaa: Kan jiraachisuu fi ajjeessu Rabbiin qofa, kana keessatti Isa waliin kan hirmaatu hin jiru. Jalqaba kan jiraachisee ergasii ajjeese, jireenya biraatiif qorannoo fi hojii dabarseef namni murtii akka argatuuf lamuu deebisuun nama hin ajaa’ibsiisu. (Namni garaa haadhaa keessatti ruuhin itti afuufamuun dura du’aa ture. Garaa haadhaa keessatti qaama isaa uumuu fi ruuhi itti afuufuun kan jiraachisu Rabbiin qofa. Ammas, yeroo du’aa kan ruuhi tana keessaa baasu Isuma. Ammas, garaa dachii keessatti qaama lamuu uumuun ruuhi Kan itti deebisee kaasu Rabbuma. Kanaafu, du’aan booda kaafamu ilaalchise wanti akka ajaa’ibaa fi ulfaatatti ilaalan hin jiru. Du’aan booda kaafamuun haqa sammuun fudhattuudha.)

العُنْصُرُ (Bu’uura) 2ffaa- jireenya addunyaa keessatti erga qoramanii booda gahuumsi ykn deebiin dhumaa gara Rabbii olta’aati. Osoo fedhiin uumamtoota keessa hin seenin Guyyaa san deebiin dhumaa gara Rabbii qofa ta’a. Gara Rabbii deebiin kan jalqabamuu du’aan imalli qormaataa erga xumuramee fi jireenyi barzakha du’aa fi kaafama jidduu jiruu erga jalqabame irraayyi.[6] (Kanaafu, deebiin dhumaa gara Rabbii erga ta’e, yeroo fedhetti namoota kaasu danda’aa jechuudha. Eenyullee, “Lakki ani lamuu gara jireenyaatti kaafamu hin barbaadu” jechuu hin danda’u. Sababni isaas, inni fi dhimmi isaa guutuun harka Rabbii olta’aa waan jiruuf, Guyyaa Qiyaamaa dirqamaan isa kaasun qorannoo fi murtii irratti dabarsa.)    

“Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.” Aayah tana keessatti wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu sadiitu jira:

1ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii irraa rooba roobsun qaamni ilmaan namaa guutuun bishaan roobaa kanaan qabrii isaanii keessatti akka margu taasisa. Erga qaamni isaanii guutuu ta’ee booda Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Israafil xurunbaa akka afuufu ni ajaja. Afuuffi kanaan ruuhiin namoota hundaa qaama isaaniitti deebiti. San booda dachiin isaan irraa babbaqaqxi (dhodhooti).[7]
2ffaa-Osoo homaa hin turin dachii keessaa ariitiin ol yaa’u.
3ffaa-Erga dachii keessaa ol yaa’ani fi kaafamanii booda walitti qabamu. Isaan qorachuuf, murtii dabarsuu fi jazaa isaaniif kafaluuf, Rabbiin azza wa jalla dirree wal-qixxaa’a irratti walitti isaan sassaaba. Bakkaa fi yeroo fedhanitti haa du’an namoota jalqaba irraa kaase hanga dhumaa jiran kaasuun bakka tokkotti walitti qabuun Rabbii olta’aa irratti salphaadha. Kanaafi maq-dhaala guddinna agarsiisu fayyadamuun ni jedha, “Suni walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.”


[1] Ma’aariju tafakkuri-15/45, Tafsiiru Qurxubii-22/40[2] Maddoota olii, Tafsiiru muyassar-fuula 583[3] Ma’aariju tafakkuri-15/48-49, Tafsiiru Muyassar-583, Tafsiiru xabarii-24/66[4] Ma’aariju tafakkuri-15/49, tafsiiru Sa’dii-1072[5] Ma’aariju tafakkuri-15/50[6] Ma’aariju tafakkuri-3/135-136[7] Gabaabbinnan tafsiiru ibn Kasiir-7/24

Ibsa Suuratu An-Naazi'aat-Kutaa 2
Qiyaamaan Yoomi?
Offline dubbisuf

Leave a Reply