Ibsa Suuratu An-Naazi’aat-Kutaa 3

Kutaa dhumaa suuratu An-Naazi’at keessatti waa’ee Guyyaa Qiyaamaa fi wantoota sodaachisoo guyyaa san adeemsifaman ni ilaalla. Qiyaamaa jecha ajaa’ibaa takkaan ibsuun dhugaa ishii ifa baasa. Jechi tunis, “Mursaahaa” Addunyaan garamitti deemaa akka jirtu jecha takkatti tanaan sammuu namaa keessatti fakkii kaasun ibsa. Dhugumatti Qur’aanni kitaaba ajaa’ibaa Rabbii olta’aa irraa malee eenyurraallee ta’uu kan hin dandeenyedha.

(34)-Yeroo balaan guddoon dhufte, (35)-Guyyaa namni wanta hojjate yaadatu. (36)-Jahiimis nama ilaaluuf ifa baafamte, (37)-Namni daangaa darbee fi (38)-Jireenya addunyaa tanaa filate, (39)-dhugumatti Jahiim teessoo [isaati]. (40)Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, (41)-dhugumatti Jannani teessoo [isaati].” (suurat An-Naazi’aat 79:34-41)

“Yeroo balaan guddoon dhufte, Guyyaa namni wanta hojjate yaadatu.”
Araboota biratti “Xaammatu” jechuun balaa garmalee ulfaataa hin danda’amnee fi wanta hundaa haguugudha. Jecha “Xaammatu” jedhu wanta baay’ee guddaa fi bishaan baay’eef itti fayyadamu. Yommuu bishaan laga guutu “Xammal maa’u” jedhama.[1] Ingiliffaan jecha Xaammatu jedhu, “Overwhelming Calamity” Amaariffaan immoo “መዐት” jechuun hiikan.

Kanaafu, Qiyaamaa fi wanta ishii keessatti adeemsifamu, “Balaa guddoo waan hundaa haguugdu (Xaammatul Kubraa)” jedhamte waamamuun sirritti kan ishiif maluudha. Yommuu Qiyaamaan guddoon balaan ishii wanta hundaa haguugu dhuftuu fi Guyyaa san keessa namoonni qorannoo fi murtiif dhaabbatan, sharrii fi keeyri irraa wanta addunyaa keessatti hojjate namni hunduu ni yaadata. Wanti kitaaba hojiin isaa itti galmaa’u keessatti barraa’e wanta addunyaa irratti hojjateen walitti kan galu ta’ee argata.

“Jahiimis nama ilaaluuf ifa baafamte,” kana jechuun nama haala ishii ilaalu danda’u hundaaf Guyyaa san Jahiim ni mul’ifamti. Jahiim: maqaa ibiddaati, Jahannam

Namni daangaa darbee fi Jireenya addunyaa tanaa filate, dhugumatti Jahiim teessoo [isaati].” Kana jechuun namni badii gurguddaa hojjachuun daangaa Rabbiin kaa’e darbee fi Aakhirah guutumatti dhiisee jireenya addunyaa filate, gahuumsi fi iddoon jireenya isaa Jahannami.

Jecha biraatin, namni kafaruun, of tuuluu fi badii gurguddaa hojjachuun daangaa Rabbiin kaa’e darbee fi Aakhirah guutumaan guututti dhiisee jireenya addunyaa tanaa filate, dhugumatti Jahannam iddoo jireenya yeroo hundaa keessa jiraatu fi turuudha.  Asitti jireenya addunyaa jechuun qananii fi faaya ishiiti.

 “Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannani teessoo [isaati].” Kana jechuun namni qorannoof Rabbiin fuundura dhaabbachuu sodaatee fi wanta badaa nafseen hawwitu irraa dhoowwe, Jannani iddoo jireenya isaati.[2]

Wanti nafseen jaallattuu fi hawwitu baay’eedha. Aaya keessatti “….lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge…” jedhu yommuu dubbisnu, wantoota sammuu keenya keessatti dhufan keessaa gurguddoon, hawwii badaa akka zinaa, hannaa fi kkf. Eeti, wantoonni kunniin aayah tana keessa ni seenu. Garuu wanti kana caalu maal akka ta’e beektu? Wanti kana caalu “shirkii fi of tuuludha.” Nafseen namaa tuni “Of ol guddisuu fi of dinqisiifachuu” jaallatti. Ammas, hojii gaarii namootatti agarsiifachuun ykn dhageessisuun namoonni akka faarsan jaallatti. Hojii gaarii na argaaf hojjachuun riyaa dha miti ree? Riyaan immoo gosa shirkii keessaa tokko. Kanaafu, namni Rabbii isaa fuundura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii of ol guddisuu, of tuuluu, of dinqiisifachuu, kufrii, shirkii, na argaa, zinaa, hanna, namoota irratti daangaa darbuu fi kkf irraa dhoorge, Jannani iddoo jireenya isaa yeroo hundaa keessa turuudha. Akkuma Hadiisa keessatti dhufe, namni of tuulu Jannata hin seenu jedhame jira. Namni of hin tuulle immoo Jannata ni seenaa jechuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

28:83

“Ganda Aakhiraa san warra dachii keessatti ol’aantummaa fi badii [raawwachuu] hin feenef goona. Boodden [gaariin] warra Rabbiin sodaataniifi.” Suuratu Al-Qasas 28:83

Warra dachii keessatti ol’aantummaa… hin feenef” yommuu jedhu, haqa ykn namoota irratti kanneen of hin tuulle jechuudha. Namoonni kunnin gadi of qabu. Haqa irratti of hin tuulan. (Kana jechuun haqni (ergaan Islaamaa) yoo isaanitti dhufe, fudhatanii hordofu.) Dachii keessatti badii raawwachu jechuun immoo dachii ma’asiyaadhaan (ajaja Rabbii faallessu fi Isaaf buluu diduun) balleessudha.”[3]


(42)-Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Geenyi (dhufaatin) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu. (43)-Ati ishii dubbachuu irraa maal keessa jirtaa? (44)-Dhumti ishii garuma Gooftaa keetiti. (45)-Ati akeekachiisaa nama ishii sodaatuti. (46)-Guyyaa ishii argan akka waan waaree booda yookiin waaree dura malee homaa hin turre [isaanitti fakkaata].” Suuratu An-Naazi’aat 79:42-46

“Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Geenyi ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu.”
Aayah keessatti “Mursaahaa?” jechuun maal jechuudhaa? Maxxantuun “-haa” maq-dhaala, “ishii” jedhu bakka bu’a. Amma wanti beeku barbaannu jecha “mursaa” jedhuudha. Jechi “mursaa” jedhuu xumura, “arsaa” jedhu irraa kan horsifameedha. Hiika “Arsaa” keessaa tokko, “Irraa bu’uuf dooni buufata ishii (galaana daarii) geessudha.” Kanaafu, mursaa jechuun, “geenyi, gahiinsi, dhufaati (arrival)” ta’a.  Hiikni biraa, “Arsaa” gadi dhaabudha. Hiikni lamaan kunniin Qiyaamaaf kan ta’uudha.[4]

Jechi “Mursaahaa” jedhu “argamuu” Qiyaamaa agarsiisuuf itti fayyadamame. Kanaafu, “Geenyi (dhufaatin) ishii yoomi?” jechuun “Qiyaamaan yoom dhaabbatti? Yookiin yoom argamtii?” Hiikni biraa, “mursaa” galaana daarii iddoo (buufata) dooniin itti dhaabbattuudha. [5]

Jecha Mursaahaa fayyadamuun dubbii bareechisuuf qofa osoo hin ta’in, wanta barbaachisaa ta’ee wal fakkeessun ibsuu fi haqa Qiyaamaa akka namoonni hubatan taasisuufi.

Yunivarsin erga uumame irraa kaasee tartiiba isaa eeggate yeroo yeroon wal hordofe deemuun doonii galaana irra deemtuun wal fakkaata. Dooniin tuni adeemsa ishii keessatti iddoo adda addaatti jijjiramaa fi sochii haarawa horatti. Wanti samii fi dachii keessa jiraniis socho’uu fi jijjiramu itti fufuu. Sochiin kuni hin dhaabbatu hanga Qiyaamaan dhaabbattutti malee. Dubbii akkanatti ifaa haa goonu: addunyaan dooni galaana keessa deemtun wal fakkaatti. Qiyaamaan immoo iddoo fi yeroo dooniin itti dhaabbattuun wal fakkaatti. Akkuma dooniin galaana bishaanii keessatti sochii itti fuftuun, addunyaan tunis galaana yeroo keessa sochii ishii itti fufti. Fkn, aduun, jiiyni fi urjiileen sochii fi naanna’uu isaanii itti fufu. Doonin erga deemte booda buufata dhumaa itti dhaabbattu qabdi, addunyaan tunis yeroo itti dhaabbattu qabdi. Yeroo kanaan Guyyaa Qiyaamaa jennaan.[6]  Kanaafu, akkuma dooniin deemte deemtee buufata ishiitti dhaabbattu, addunyaan tuniis deemte deemtee Qiyaamaa biratti ni dhaabbatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, addunyaan guutuun baduun jireenyi lammataa jalqabama.   

Mushrikoonni Nabiyyii (SAW) yeroo Qiyaamaa ilaalchisee itti deddeebi’uun “Qiyaamaan yoom dhufti?” jechuun gaafatan. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyattota taniin buuse.

“Ati ishii dubbachuu irraa maal keessa jirtaa?” Kana jechuun Yaa Muhammad! Yeroo Qiyaamaan itti dhuftu kan hin beekne taatee osoo jirtuu yeroo Qiyaamaa dubbachuuf wanta akkami keessa jirtaa? Beekumsa ishii irraa ati homaa keessa hin jirtu. Kana jechuun yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu hin beektu.

Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa hundarraa waan dhokseef, yeroo ishii beekuuf nafsee tee hin ko’oomsin. Namoota Qiyaamaan yoom akka dhuftu si gaafataniif deebii deebisuuf hin dhiphatin. Yeroo ishii beeku keessa faaydan jiru maalidhaa? Kana keessa bu’aan homaatu hin jiru. kanaafi, yeroo ishii beeku keessa namootaaf faaydan homaatu waan hin jirreef, inumaa ishii dhoksuun isaaniif faaydaa fi fooyya’iinsa waan ta’uuf, beekumsi yeroon Qiyaaman itti dhuftu uumamtoota hundarraa ni dhokfame. Itti aanse ni jedha:

 “Dhumti ishii garuma Gooftaa keetiti.” Kana jechuun beekumsi yeroon adeemsi jireenyaa addunyaa tanaa itti dhumatu fi haala addunyaa tanaa xumuraan gahuuf Qiyaamaan itti dhaabbattu gara Rabbii kee qofaati. Jecha gabaaban, Qiyaamaan yoom akka dhaabbattu Kan beeku Rabbiin qofa. Qur’aana keessatti ni jedha:

“Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Geenyi (dhufaatin) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Gooftaa kiyya bira qofa. Yeroo ishiitti ishii ifatti kan baasu Isa malee hin jiru. Samiiwwanii fi dachii keessatti ulfaatte. Tasa malee isinitti hin dhuftu.” Akka waan ati ishii sirritti beektuutti si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Rabbiin qofa bira jira. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Al-A’araaf 7:187

Ibsa aayah tanaa ilaaluf as tuqaa https://www.sammubani.com/2019/12/20/qiyaamaan-yoomi/#.XgIu5Uf7TIU

Ati akeekachiisaa nama ishii sodaatuti.” Itti gaafatamummaan kee yeroo Qiyaaman dhaabbattu namootaaf ibsuu miti. Gooftaan kee yeroo kana namoota, Malaykoota fi jinnoota irraa dhoksee jira. Itti-gaafatamummaan kee nama Qiyaamaa fi adabbii Guyyaa san kaafirootaa fi namoota badii gurguddaa hojjataniif qophaa’e sodaatu akeekachiisudha.

Ergamaan Rabbii (SAW) nama hundaafu akeekachisaadha. Garuu wanti asitti barbaadame: akeekachisatti kan fayyadamu nama Qiyaamaa sodaatu qofa. Namni ishiitti hin amannee fi hin sodaanne immoo akeekachisni gurra irra darba, xiyyefannoo itti hin kennu.

“Guyyaa ishii argan akka waan waaree booda yookiin waaree dura malee homaa hin turre [isaanitti fakkaata].”
Waaree booda jechuun laaqana ykn zuhrii boodarraa kaase hanga aduun seentu waqtii jiruudha. Waaree dura (duhaa) jechuun immoo ganama irraa kaasee hanga aduun walakkaa samii geessu waqtii jiruudha. Namoonni Guyyaa Qiyaamaa yommuu kaafaman, addunyaa keessa waaree dura yookiin waaree booda malee homaayyu akka hin turre isaanitti fakkaata. Guddinni fi ulfaatinna Guyyaa sanii yommuu argan jireenyi addunyaa garmalee isaanitti gabaabbatti.

Hiikni biraa aayah tanaa akkana ta’a: Guyyaa Qiyaamaa yommuu qabrii isaanii keessaa kaafaman qabrii keessa waaree dura yk waaree boodaa malee akka homaa hin turretti isaanitti dhagahama. Yeroo qabrii keessa turan sanitti yeroo dheeraan hanga fedhe isaan irraa haa darbu, hammam qabrii keessaa akka turan hin beekan.[7] Namni du’e akka nama rafee waan ta’eef hamma qabrii keessa ture hin beeku. Namni hirriba cimaa sa’aati dheeraaf rafe, hangam akka rafe hin beeku. Sa’aati saddeet osoo rafeellee sa’aati takka waan rafe isatti fakkaata. Namni du’es osoo waggaa miliyoona tureellee yommuu kaafamu qabrii keessa yeroo gabaabaf waan ture isatti fakkaata. Namoonni du’an qabrii keessa ciisun yommuu kaafaman akka nama hirribaa dammaqe, eenyutu nu kaase jedhu. Kana ilaalchisee Suuratu Yaasin keessatti ni jedha:

Xurumbaan ni afuuffama, yoosu isaan awwaalcha keessaa gara Gooftaa isaanii ariitiin bahuu. Ni jedhu, ‘Yaa badii keenya! Iddoo hirribaa keenya irraa eenyutu nu dammaqsee?’  ‘Kuni waan Rahmaan waadaa galeedha, Ergamtoonnis dhugaa dubbatanii jiru.’ [jedhama].” (suuratu Yaasin 36:51-52)
Namoonni du’an hamma yeroo isaan irra darbee akka hin beekne In sha Allaah caalatti ragaa waliin ibsa suuratu Al-Qiyaamaa jalatti ni ilaalla.

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin, Tafsiirri suuratu An-Naazi’aat asirratti xumuramee jira.


[1] Ma’aariju tafakkuri-15/60, Tafsiiru Qurxubii 22/62[2] Tafsiiru muyassar-584[3] Sharih Riyaadu saalihin- jildii 3 fuula 539 irra fudhatame.[4] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-30/95, Tafsiiru Qurxubii-9/405[5] Ma’aariju tafakkuri-15/63[6] Gabaabbinnaan Ma’aariju tafakkuri-5/81[7] Ma’aariju tafakkuri-15/64, 5/87-88, Tafsiiru Qurxubii-22/67

Print Friendly, PDF & Email
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa-1
Ibsa Suuratu An-Naazi'aat-Kutaa 2

Leave a Reply