Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa-1

Offline dubbisuf

Suuratu Al-Qiyaamaan addunyaa fi ilmi namaa kuni eessa deemaa akka jiran ni himti. “Yaa namana eessa deemaa jirtaa? Duutee achumaan biyyee taate ni haftaa?” jechuun gaafatti. Suuratu Al-Qiyaamaan boqonnaa ajaa’ibaa nama ishii qorateef gahuumsa isaa itti himtuudha. Ajaa’iba kana hanga kutaa dhumaatti osoo hin jarjarin obsaan mee walumaan haa ilaallu. Nama gahuumsa dhumaa ofii beeku barbaaduf kunoo Suuratu Al-Qiyaamah:

(1)-Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiin kakadha. (2)-Lubbuu of ajiifattuunis Nan kakadha. (3)Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? (4)-Eeyyen [walitti ni qabna]. Nuti fiixee qubbiin isaatu [akka turanitti deebifnee] sirreessu irratti Danda’oodha. (5)-Garuu, namni badii isaa itti fufuu fedha. (6)-“Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” [jedhee] gaafata.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:1-6

“Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiin kakadha.”
Kuni warra du’aan boodaa kaafamu kijibsiisaniif deebii kennamee fi Guyyaa Qiyaamaa mirkaneessu of keessatti qabateedha. Warroonni Qiyaamaa kijibsiisan, “Du’aan booda kaafamuun hin jiru.” jechuun dubbatu.  

Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun qoratamanii takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam deemun jireenyaa abadii itti jiraataniidha. Guyyaa Qiyaamaa kan jedhameef sababa sadiif:
1ffaa-Namoonni qabrii (awwaalcha) isaanii keessaa waan ka’aniif
2ffaa-Haqummaan (justice) waan dhaabbatuuf- namoota jidduutti guyyaa san haqaan murteefama. Dhadachi haqummaa ni dhaabbata.
3ffaa-Ragaa fi warri ragaa bahan ni dhaabbatu ykn ni dhiyeefamu- murtii haqaa dabarsuuf ragaa waan barbaachisuuf Guyyaa san ragaaleen ni dhiyeefamu. Qur’aana keessatti, “Guyyaa ragoonni dhaabbatan” (Suuratu Ghaafir 40:51) Malaykoonni, Ergamtoonni fi ummattoonni ragaa bahu.[1]

Aayah keessatti harfii, “Laa (Lakki)” jettuuf ibsi filatamaan, namoota du’aan booda kaafamu kijibsiisan irratti tan deebistuudha. Hiika kana qabdi: “Dhimmi akka isin jettanii miti.” Arabiffaan ni jedhama, “Laa uqsimu billaahi laa fa’altu kazaa.” (Lakki! Rabbiin kakadhe akkas hin hojjanne.)[2] Kana jechuun “Dhimmi akka ati jettu miti. Rabbiin kakadhe ani akkas hin hojjanne.” Kuni deebii nama wanta nuti hin hojjanneen nu yakke irratti deebisnu miti ree?

Kanaafu, Laa uqsimu biyawmil Qiyaamah (Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiin kakadha) jechuun “Dhimmi akka isin, ‘du’aan booda kaafamuun hin jiru’ jettanii miti. Guyyaa Qiyaamaatin kakadha! Du’aan booda kaafamun haqa.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta fedheen kakata. Guyyaa Qiyaamaatin kakachuun guddinna Guyyaa sanii agarsiisa.

“Lubbuu of ajiifattuunis Nan kakadha.” Kana jechuun nafsee of ajiifattunis Nan kakadha! Dhugumatti isin du’aan booda ni kaafamtu.

Of ajiifachuu jechuun wanta gaarii nama jala darbeef ykn badii hojjataniif ykn balaa namatti bu’eef of waqqasuudha.
Mufassiroonni “nafseen (lubbuun) of ajiifattu tuni tamiidha?” gaafi jedhu ilaalchise yaada walitti dhiyaatu kennanii jiru. Gariin nafsee mu’minaa, ‘Yommuu badii hojjattu maalif hojjadhe, maaliif kana godhe? Yommuu hojii gaarii dhiistu, maaliif dhiise?’ jettee of ajiifattuudha.” Jedhan. Gariin immoo nafsee kaafiraati jedhan. Kaafirri Guyyaa Qiyaaama yeroo of ajiifachuun hin fayyanne san of ajiifata. Haala wali galaatin wanta Ibn Jariir Xabarii jedhe dhiyeessu dandeenya: Jechoonni kunniin hiikaan walitti dhiyoodha. Wanti zaahira aayaatin wal fakkaatu [nafseen of ajiifattu] nafsee kheeyri fi sharrii irratti of waqqastuu fi wanta jala darbeef gaabbituudha.[3]

Ibn Abbaas ni jedha: Nafseen hundi Guyyaa Qiyaamaa of ajiifatti. Namni toltuu hojjatu, toltuu baay’ifachu dhabuu isaatiif of ajiifata. Namni badii hojjatu, badii isaatirraa deebi’uu dhabuu isaatiif of ajiifata. Hayyuun Al-Farraa’a jedhamus ni jedha: “Nafseen gaariis taate badduun hin jirtu tan of ajiifattu yoo taate malee. Wanta gaarii tan hojjattu yoo taate, “Osoo waan gaarii dabaladhee maal qaba!” jetti. Waan badaa tan hojjattu yoo taate, “Maal qaba osoo hojjachuu baadhe!” jetti.”

Nafseen hunduu of ajiifattuudha. Nafseen gammadduun badii hojjattee fi waan gaarii dhiisteef of ajiifattee gara tawbaa fiigdi. Nafseen shaqiyy taate (gammachu dhabde) immoo faallaa kanaati.[4]  

Guyyaa Qiyaamaa of ajiifachuun kuni sirritti ifa baha. Keessumaayyu kaafirri fi namni badii gurguddaa hojjataa ture Guyyaa san garmalee gaabbun of ajiifata.

“Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa?” Kana jechuun sila ilmi namaa Guyyaa Qiyaamaa lafee isaa bututte deebisuu fi bakka adda addaatti facaate walitti qabuu irratti Nuti kan hin dandeenye godhee ni yaadaa?[5] Jecha biraatin: Namni du’aan booda kaafamutti hin amanne Gooftaan yeroo jalqabaa isa uume du’aan booda lafee isaa bututtee fi facaate walitti qabuu hin danda’u jedhee ni yaadaa? Itti aanse gaafi kanaaf akkana jechuun deebii kenna:

“Eeyyen [walitti ni qabna]. Nuti fiixee qubbiin isaatu [akka turanitti deebifnee] sirreessu irratti Danda’oodha.”
Dhimmichi akka inni yaadu miti. Kana irra, lafee isaa hundaa walitti ni qabna. Dandeetti guutuu dadhabbiin keessa hin jirreen akka duraan turtetti ni deebisna. Inumaa fiixee qubbiin isaatu akkuma duraan turanitti deebisnee sirreessu ni dandeenya.

“Fiixeen qubbiinii fiixee qaamaa fi wanta dhumaa qaamni ittiin guuttamuudha. Fiixee qaamaa baay’ee xixxiqoo fi haphii ta’an walitti qabuu Kan danda’u, wanta kanaa gadi jiru irratti caalaatti Danda’aadha.  Namoonni yommuu lafee bututtee walitti qabuu akka hin danda’amneetti ilaalan, akkaan isaaniin jedhame: Lafee kanniin caalaa wanta garmalee bittinnaa’e, haphii fi xiqqaa ta’e, fiixee qaamaa irratti kan argamu lafee fiixee qubbiinitu walitti ni qabna.”[6]

Namoonni lafeen gurguddoon qaamaa erga bututtee fi faffacaatee booda walitti qabuun hin danda’amu jechuun yaadan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, lafee gurguddoo tana dhiisati lafee xixiqqoo fiixee qaama irratti argamtu walitti qabne sirreessu ni dandeenye jechuun isaanitti deebisa. Namni kutaalee baay’ee xixiqoo kompiyutara keessatti argaman walitti qabuun kompiyutara hojjachuu yoo danda’e, kutaa gurguddaa akka iskiriinii fi kiboordi kompiyutara irratti maxxansuun isa hin dhibu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti Danda’aa fakkaataa hin qabneedha.

“Garuu, namni badii isaa itti fufuu fedha. “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” [jedhee] gaafata.”
As keessatti sababa guddaa fi dhukkuba cimaa Guyyaa Qiyaamaatti akka hin amanne nama taasisu ifa baasa. Namni du’aan booda kaafamutti hin amanne kuni ragaa du’aan booda kaafamu dhabee osoo hin ta’in, umrii isaa hafee keessatti badii hojjachuu itti fufuu waan barbaadufi. Guyyaa Qiyaamaatti amanuun badii isaa irraa akka buqqa’uu fi fedhii isaa akka lugaamu isa taasisa. Garuu namni kuni badii irraa buqqa’uu waan hin barbaanneef Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisa.[7]

“Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haala badaa namaa fi badii isaa itti fufuu ilaalchisee ni beeksisa. Badii, cubbuu, dilii fi ma’asiyaa irraa of hin qusatu, Guyyaa Rabbiin lafee isaa walitti qabuu fi jiraataa godhee isa kaasu hin sodaatu. Kana irra, inni hanga lubbuun jiruu badii hojjachu fedha. Amma badii hojjata, boruu fi guyyaa itti aanus badii hojjachuu fedha. Kuni faallaa nama Rabbii fi ganda Aakhirah sodaatuti. Namni badii hojjachuu fedhu, wanta darbeef hin gaabbu, ammattis badii irraa hin buqqa’u, gara fuunduraattis dhiisuuf ijjannoo hin qabu. Kana irra, itti fufuuf ijjannoo qaba. Kuni faallaa nama tawbatuu fi gara Rabbii deebi’uuti.”[8]  

Namoonni badii gurguddaa akka shirkii, namoota cunqursuu, zinaa, qabeenya karaa haraamatin walitti haruu fi kkf hojjatan Qiyaamaa fi adabbii Rabbiin qopheesseetti yoo amanan, badii gurguddaa kanarraa akka of qusatan isaan irraa eeggama. Garuu isaan badii kanniin irraa buqqa’u waan hin barbaanneef, du’aan booda kaafamu fi adabbii Guyyaa Qiyaamaatti amanu didu. Kanaafi, Qiyaamaa kijibsiisuuf “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” jechuun gaafatu.  Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa yoom ta’aa? Gaafin isaa kuni gaafi argamuu Qiyaamaa fageessu fi jiraachu isaatiif kijibsiisuudha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

 “Dhugaa kan dubbattan yoo taatan waadaan kuni yoomi?” jedhu. “Beellama Guyyaa Tokkoo kan isin sa’aati tokkoof duubatti hin hafnee fi duras hin darbinetu isiniif jira.” jedhiin.” Suuratu Saba 34:29-30

Guyyaan Qiyaamaa beellama Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo isaa murteessee lafa kaa’edha. Kaafironni waan jarjaranii fi kijibsiisaniif Guyyaan Qiyaamaa yeroo isaa dursee hin dhufu. Ammas, yommuu yeroon isaa gahetti kaafironni fi warra badii gurgudaa hojjatan akka tawbatanii fi haala ofii sirreessaniif duubatti hin hafu. Guyyaan Qiyaamaa yeroo isaa keessatti sa’aati, daqiiqaa fi sakandii eeggate dhufa. Yeroon Qiyaaman dhaabbattu yeroo wantoonni kunniin adeemsifamiidha:

(7)-[Guyyaan suni] yeroo ijji dhamaatudha. (8)- Jiiyni ifa dhabuudha. (9)-Aduu fi jiiynis walitti qabamaniidha. (10)-Guyyaa san namni “Dheessi eessa?” jedha. (11)-Haa dhorgamu! Iddoon itti baqatan hin jiru. (12)-Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti. (13)-Namni Guyyaa san wanti inni dabarfatee fi duubatti dhiise itti himama. (14)-Dhugumatti namni of irratti ragaa bahaadha. (15)-Osoo sababoota isaa dhiyeefateyyuu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:7-15

Dhimmi keeyyattoonni kunniin agarsiisan dhimma walitti hidhata qabaniidha. Dhimmi kuni wanta gara fuunduratti adeemsifamu keessaa muraasa sammuu keessatti fakkii kaasun kan mul’isuudha. Mee wantoota gurguddoo Guyyaa san adeemsifaman haa ilaallu:

“[Guyyaan suni] yeroo ijji dhamaatudha.” Kana jechuun yommuu Qiyaamaan dhaabbattu ulfaatinnaa fi sodaa irraa kan ka’e asi achi ilaalu. Ijji isaanii wanta tokko irratti hin xiyyeefattu.[9] Rifannaa irraa kan ka’e bobaasun garaa garana mil’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

14:42

Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.” Suuratu Ibraahim 14:42

[Yeroo] Jiiyni ifa dhabuudha. Aduu fi jiiynis walitti qabamaniidha.”
Kuni beeksisa waa’ee Qiyaamaati fi haala nama Qiyaamaa kijibsiisaa ture ibsuudha. Namni Qiyaamaa kijibsiisaa ture yommuu wanta kijibsiisa ture san arguu ijji isaa ni bobaasti. Jiiynis ifni isaa ni bada. Aduu fi jiiyni duraan walitti dhufanii fi walitti bu’anii hin beekne, yeroo Qiyaamaan dhabbattu bakka tokkotti walitti qabamu. Rabbii lafee ilma namaa erga bututtee fi fafacaate booda bakka tokkotti walitti qabutu aduu fi ji’as walitti qaba. Guyyaa san gaarii fi badaa irraa wanta namni dabarsee fi duubatti dhiisee hunda walitti isaaf qaba. Qoma Rasuulaa (SAW) keessatti Qur’aana Kan walitti qabe, hojii namootas walitti ni qaba. Ganda kabajaa (Jannata) Isaa keessatti warroota amanan (mu’mintoota) walitti qaba. Gara Isaa ilaalun fuula isaanii kabaja. Warra kijibsiisan immoo ganda salphinnaa keessatti walitti qaba. Akkuma copha bishaan saalaa qaama namaa keessa faffaca’e walitti qabuun nama guutuu uume, kanneen armaan olii walitti qabuu irrattis Danda’aadha.

Kanaafu, namni kuni akkamitti isa, hojii fi jazaa isaa walitti akka hin finne, akkasumas, Guyyaa Qiyaamaa isaa fi namoota akka isaatiin walitti akka hin finne godhee yaada ree?…

Suuran tuni haala bareedaan hiika “Jam’i (walitti qabuu)”jedhu of keessatti qabatte. Guyyaa Qiyaamaa kan Rabbiin namoota jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran keessatti walitti qabuun kakachuun ni banamte. Akkasumas, nafsee of ajiifattuu yaaddoon, gaddi, fedhii fi amantin ishii keessatti walitti qabamaniinis kakachuun suuran tuni ni banamte. Jalqabaa fi gahuumsa (Aakhirah), Qiyaamaa xiqqoo (du’aa) fi Qiyaama guddoo, Aakhiratti haala namoota gosa lamaa- fuulli gosa tokkoo ifuu fi fuulli gosa biraa immoo dukkanaa’u of keessatti qabatte.[10] 

“Guyyaa san namni “Dheessi eessa?” jedha.” Kana jechuun ilmi namaa yommuu haala Qiyaamaa cimaa san argu, garamitti dheessan? Bakki itti dheessan eessa?  Rakkoo kana jalaa bakki itti jalaa bahan jiraa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:   

“Haa dhorgamu!” kana jechuun dheessuu fi baqachuun hin jiru. Sababni isaas, har’a dheessun nama hin baraaru.

  “Iddoon itti baqatan hin jiru.” kana jechuun ajaja Rabbii dhiyaate kanarraa mooraan, gaarri fi iddoon eeggumsaa itti baqatan hin jiru.[11] (Wazar jechuun badii irraa of eeguf iddoo itti baqataniidha. Kanneen akka gaaraa, mooraa fi kkf. Guyyaa Qiyaamaa kaafirri iddoo adabbii irraa ittiin of eegu hin argatu.) Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

42:47

“Rabbiin irraa Guyyaan deebisaan isaaf hin jirre dhufuun dura Gooftaa keessaniif awwaadhaa. Guyyaa san isiniif iddoon itti baqatan hin jiru. Mormiinis isiniif hin jiru.” Suuratu Shuuraa 42:47

Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa eenyullee deebisuu hin dandeenye Rabbiin irraa isinitti dhufuun dura, Gooftaa keessaniif ajajama. Isaaf ajajamuun kan ta’u: Rabbii olta’aatti amanu, hundeewwan iimaanaa biroottis amanuu, wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachudha. Guyyaa san iddoon itti baqattanii azaaba irraa isin eegu hin jiru. Akkasumas, badii hojjattanii dabarsitaniif mormu hin dandeessan. Wanti isin hojjattan hundi kitaaba keessatti barraa’e waan jiruuf.

Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiti.” Kana jechuun iddoon deebii fi gahuumsi dhumaa gara Gooftaa keetiti. Bakka kana irraa eenyullee of dhoksuu fi dheessu hin danda’u. Kana irra, hojii isaatiif mindeefamuuf ykn adabamuuf iddoo kana isa dhaabun waan hin hafneedha.[12] Qorannoo fi murtii booda iddoon qubannaa dhumaa takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam ta’a.


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Tafsiiru Suuratu Furqaan, Ibn Useymiin, fuula- 293[2] Tafsiiru Xabarii-23/468, Tafsiiru Qurxubii-21/405[3] Tafsiiru Xabarii-23/470-471, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/432[4] Bidaa’u Tafsiir-3/224-225[5] Tafsiiru ibn Kasiir-7/432[6] Bidaa’u Tafsiir-3/226[7] Ma’aariju tafakkuri-2/474-475, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-29/342, https://www.englishtafsir.com/Quran/75/index.html#sdfootnote5sym[8] Bidaa’u Tafsiiru 3/227[9] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/433[10] Bidaa’u Tafsiir-3/229-330[11] Tafsiiru Xabarii-23/484, Tafsiiru Qurxubii-21/414[12] Tafsiiru Ibn Kasiir- 7/434, Tafsiiru Sa’dii-1061

Ibsa Suuratu Qiyaamaa-Kutaa 2
Ibsa Suuratu An-Naazi'aat-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply