Ibsa Suuratu Qiyaamaa-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe irraa ibsa suuratu Al-Qiyaamaa itti haa fufnuu.
Namni wanta hojjatee dabarsee fi wanta dirqamaa osoo hin hojjatin dhiise hundi isatti himama

75:13

(13)-Namni Guyyaa san wanti inni dabarfatee fi duubatti dhiise itti himama.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:13

Wanti inni dabarfatee jechuun gaariis ta’ee badaa irraa wanta hojjatee dabarse. Wanti inni duubatti dhiise immoo wanta dirqama isatti ta’ee osoo hin hojjatin kan dhiisedha. Fkn, salaata, zakaa, sooma fi kkf.

Kana booda hiikni aayah: Guyyaa Qiyaamaa jireenya addunyaa jireenya qormaata tan taate keessatti wanta hojjateef yommuu qoratamu, gaariis ta’e badaa hojiin inni hojjatee dabarse hundi isatti himama. Ammas, wanta duubatti dhiisee fi tursiise, kana jechuun wanta isarratti dirqama ta’ee osoo hin hojjatin dhiise hundi isatti himama.

Hojiin namni jireenya addunyaa keessatti hojjate jecha “qaddama (fuunduratti dabarfate)” jedhuun ibsame. Sababni isaas, hojiin inni hojjate isa dursuun galmee hojii keessatti galmaa’a.

Hojiin dirqamaa namni jireenya addunyaa keessatti hin hojjanne immoo jecha, “Akkara (duubatti dhiise)” jedhuun ibsame. Sababni isaas, namni Guyyaa Qiyaamaa yommuu iddoo qorannoo dhufu, hojiin dirqamaa inni hin hojjanne isa waliin hin dhufu. Yeroo jireenya addunyaa keessatti osoo hin hojjatin akka dhiise ni hubata. Adeemsa jireenya isaa keessatti hojii isarratti dirqama ta’e duubatti kan hafuu taasise. Isatti gonkumaa deebi’u akka hin dandeenye ni hubata. Umrii wanta isa jala darbe itti dhaqqabu danda’u jiraate ture. Garuu inni hanga duuti isatti dhuftutti kana hin hojjanne. Guyyaa Qiyaamaa marsaan qormaata isaa dhumachuun marsaan qorannoo, murtii fi jazaa ni jalqabama. [1]  

(14)-Dhugumatti namni of irratti ragaa bahaadha. (15)-Osoo sababoota isaa dhiyeefateyyuu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:14-15

Qur’aana gara afaan biraatti dhibbaan dhibbatti hiikun waan ulfaatuf, wanti armaan olitti hiikame akka tafsiiraa (ibsaati) malee guutumaan guututti aayah Qur’aana bakka hin bu’u. Mee ibsa armaan olitti kenname waliin ibsa dabalataa ilaalun aayah tana ifa haa goonu.

As keessatti jechoota ijoo lama hiika guddaa qaban haa ilaallu:
Basiirah– kana jechuun sochii nafsee isaa, fedhii isaa, niyyaa isaa, hojii gaarii fi badaa isaa sirritti kan arguu fi beekuudha.[2]

Namni hundu wanta hojjate sirritti beeka. Namni kijibu addunyaa guutuu gowwoomsu danda’a, garuu mataa ofiiti kijibaa akka ta’ee ni beeka. Namni hatu tooftaa kuma yakka isaa itti dhoksu baasu danda’a, garuu hattuu akka ta’e of beeka. Namni kufrii, eetizimi (atheism) fi shirkiitti lixuun namoota amansiisuuf ragaalee sobaa dhiyeessu, kufriin, eetizimin fi shirkiin dogongora akka ta’e nafsee isaa keessatti ni beeka. Namni zaalimni haqaa fi mirga namootaa sarbuu fi nyaatu hojiin isaa kuni badaa akka ta’e sirritti beeka. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa yommuu dadhacha qorannootti dhiyaatu, kaafirri hundi, munaafiqni hundi, namni badaa fi yakkamaan hundi wanta addunyaa keessatti hojjate takka takkaan beeka.[3] Kanaafu, namni hundi wanta hojjate sirritti waan beeku fi arguuf nafsee ofii irratti ragaa bahaadha.

75:15

“Osoo ma’aaziira isaa dhiyeefateyyuu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:15

Kana jechuun osoo nafsee isaa qulqulleessuuf sababoota sobaa uumuuf yaaleyyu namni wanta fokkuu nafsee isaa, yakka ishii, dogongora ifatti bahee fi dhoksaa guutumaan guututti beeka.[4]

Ma’aaziira jechuun nafsee ofii badii irraa ykn hanqinna irraa qulqulleessuf ragaalee, sababoota fi rakkoolee namni dhiyeefatuudha. Amaariffaan, “ምክንያቶቹን”, Ingiliffaan “excuses” jechuun hiikan.  Fakkeenyaaf, mana barnoota ykn qormaata irraa yoo hafte, ragaa, sababa ykn rakkoo itti hafteef ni dhiyeefatta. Ammas, namni badiin yakkame, nafsee ofii yakkaa irraa qulqulleessuuf ragaa, sababa fi rakkoo ni dhiyeefata.

Yeroo baay’ee ma’aazirri sobaan kan walitti makameedha. Akka lugaa Yamaniitti ma’aazir hiika, “haguuggi” jedhu qaba. Ma’aazir hiika “ragaalee fi sababootatin” yoo ta’e, hugugggi namni hanqinnaa fi badii isaa ittiin haguugu fakkaata.

Namni ragaalee fi sababoota sobaa dhiyeefatu badii isaa ittiin dhoksuuf carraaqa. Kan kana godhuuf nama qulqulluu ta’uu akka isaaf murtaa’ufi. Garuu Guyyaa Qorannoo ragaalee fi sababoonni sobaa inni dhiyeefatu Rabbiin biratti homaa isa hin fayyadan. Rabbiin isaa fi wanta dhoksaa nafsee isaa sirritti beeka waan ta’eef. Wanti dhokatu tokkollee Isarraa hin dhokatu.

Guyyaa Qiyaamaa namni wanta addunyaa keessatti hojjataa ture takka takkaan yaadata. Kanarratti dabalatee, galmeen hojii isaa xiqqaa fi guddaas walitti qabu malee hin dhiifne isaaf dhiyaata. Galmeen kuni wanti inni hojjate, dubbate, itti amanee fi niyyaa isaa hunda kan of keessatti qabateedha.

Ammas, kanarratti dabalatee, gogan isaatii fi kutaaleen qaamaa badii ittiin hojjate isa irratti ragaa bahu. Kana hunda Qur’aanni fi hadiisonni Nabiyyii ni agarsiisu.

Namni Guyyaa san wanta hojjatee dabarsee fi osoo hin hojjatin dhiise isatti himama. Garuu inni badii hojjate kana ni morma, mirkaneessu ni dida. Ragaalee fi sababoota sobaa isaa dhiyeefachuuf yaala. Ragaalee fi sababoota kanniin dhiyeefachuuf osoo yaaleyyu nafsee ofii keessatti wanta hojjate fi dhiise sirritti beeka.[5] Qaamoleen isaa isarratti ragaa bahu. 

 “Ragaalee fi sababoonni sobaa isaan dhiyeefatan maalidha?” jedhe namni gaafachu danda’a. Qur’aanni iddoo adda addaatti kana ibse jira. Isaan keessaa:

23:106

Gooftaa keenya! Shiqwaan keenya nu injifate, nutis ummata jallatan taane.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:106
Shiqwaa jechuun rakkinna cimaa, dararaa, jallinna. Shiqwaan faallaa gammachuuti. Inni shaqiyy yommuu jedhamu, “Inni nama rakkinna cimaa keessa jiru gammachuu kan hin qabne jechuudha. “Shiqwaan keenya nu injifate” jechuun jallinni nuti fedhii lubbuu, hawwii qullaa fi faaya addunyaa irraa faayda gabaabdu ittiin hordofne kunoo nu moo’achuun rakkinna cimaa amma keessa jirru kana nutti fidee jira.[6] Fedhiin lubbuu isaan hordofan isaan moo’achuun rakkoo cimaa kanatti isaan geesse. “Fedhii lubbuutu nu moo’ate” jechuun Guyyaa Qorannoo sababa dhiyeefatu. Garuu kuni isaan irraa hin fuudhamu. Osoo qajeelcha Gooftaa isaanii irraa dhufe hordofanii silaa fedhiin lubbuu isaan hin moo’atu ture.

Ammas sababni biraa dhiyeefatan:

33:67

Ni jedhu, “Gooftaa keenya! Matooti keenyaa fi gurguddoota keenyaaf ajajamnee karaa [qajeelaa] irraa nu jallisan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:67

Sababni dhiyeefatan kunis isaan hin fayyadu. Matootin (hoggantoonni) fi warroonni gurguddoon isaanii qalbii isaanii irratti aangoo hin qaban. Isaan faallessun karaa qajeelaa Gooftaa isaanii hordofuu ni danda’u turan.

Kutaaleen Qaamaa Nama irratti ragaa bahuu

Qur’aana irraa Guyyaa Qiyaamaa kutaalee qaamaa namarratti ragaa bahuu mee haa ilaallu:

(20)-Yeroo ishii bira dhufan dhageettin, argituu fi gogaawwan isaanii waan isaan dalagaa turaniin ragaa isaan irratti bahu. (21)-Gogaawwan isaanitiin, “Maaliif ragaa nurratti baatuu?” Jedhu. [Gogaawwanis] ni jedhu, “Rabbii wanta hundaa dubbachiisetu nu dubbachiise.” Inni yeroo jalqabaa isin uume. Garuma Isaatti deebifamtu. (22)-Dhageettin, argituu fi gogaawwan keessan isin irratti ragaa bahuu irraa of hin dhoksitanu turtan. Garuu Rabbiin wanta hojjattan baay’ee kan hin beekne ta’uu yaaddan. (23)-Suni yaadaa keessan kan isin Gooftaa keessan ilaalchise yaaddantu isin balleesse. Kanaafu, warra kasaaran keessaa taatan.” Suuratu Fussilat 41:20-23

Guyyaa Qiyaamaa warri kafaran hiriiraan walitti qabamanii gara Jahannam oofamu. “Yeroo Jahannam bira gahan, dhageettin, argituu fi gogaawwan isaanii waan isaan dalagaa turaniin ragaa isaan irratti bahu.

Kana jechuun jireenya addunyaa imala qormaataa taate keessatti wanta hojjataa turaniif ni qoratamu. Kanneen akka kufrii, shirkii fi badii gurguddaa birootiif ni qoratamu. Garuu isaan kana ni mormu. “Nuti warra shirkii hojjatan hin turre” jechuun mormu. Badii isaanii kana ragaa isaan irraa ta’een malee hin amanan. Kanaafu, Rabbiin kutaalee qaamaa isaanii dubbachiisuun isaan irratti ragaa taasisa.

Gurri isaanii wanta badaa dhagayeen ragaa isaan irratti baha. Ijji isaaniis wanta badaa argiteen ragaa isaan irratti baati. Gogaan isaaniis wanta isaan tuqaniin ragaa isaan irratti baha. (Fakkeenyaf, fedhii fooni karaa haraamaatin guuttachuu, harkaan badii hojjachuu…)

“Gogaawwan isaanitiin, “Maaliif ragaa nurratti baatu?” Jedhu.” Kana jechuun azaaba (adabbii) Gooftaa keessanii akka hin qunnamneef isin irraa falmina, isin immoo akkamitti nurratti ragaa baatuu? Asitti ijaa fi gurra hin kaasne. Sababni isaas, ragaan gogaa guddaa fi waan hundaa kan haguugudha. Gogaan ijaa fi gurra dabalatee qaama guutuu haguuga.

Gogaanis ni jedha, “Rabbii wanta hundaa dubbachiisetu nu dubbachiise.” Kana jechuun kan isin irratti ragaa baaneef Rabbiin waan nu dubbachiisefi. Rabbiin dandeetti Isaatiin akka dubbannu nu taasise. Nuti dubbachuu malee homaa gochuu hin dandeenyu. Akkuma wanta hundaa Isa faarsun dubbachiise nulle akka dubbannu nu taasise.

Guyyaa Qiyaamaa akkuma kaassettiin dubbatu, gogaan ilma namaas dubbata. Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa waan ta’eef ijji, gurri fi gogaan akka dubbatan ni taasisa. Kuni Isa irratti salphaadha. Jirbiin (kirriin) kaasseetti wanta ishii keessatti waraabbameen ni dubbatti miti ree? Gogaanis hojii isaanii irraa wanta isa keessatti galmeefameen ni dubbata.

“Inni yeroo jalqabaa isin uume. Garuma Isaatti deebifamtu.” Kana jechuun Rabbiin wantoota hundaa akka dubbatan taasise, si’a jalqabaa irratti wanta lubbuu fi beekumsa hin qabne fi dubbachuu hin dandeenye irraa Kan isin uumedha. Lubbu-qabeenyi beekumsa qaban, dubbattanii fi dubbii isinitti qajeelu hubattan isin taasise. Jireenya addunyaa keessatti warra qoramanii fi dirqamni irra kaa’ame, dhumarratti immoo warra qorannoo, murtii fi jazaa qunnaman isin taasise. Karoora Isaa keessatti imala qormaataa booda akka duutanii ergasii kaayyoo qormaata keessanii akka guuttaniif Guyyaa Qiyaamaa isin kaasuuf ni qindeesse. Erga duutanii booda gara jireenyaa kaafamuun gara Rabbii deebitu. Isin qorachuuf, isin jidduutti murtii dabarsuuf, wanta imala qormaataa keessatti dabarsitaniif jazaa isiniif kafaluuf gara Isaatti ni deebitu.

“Dhageettin, argituu fi gogaan keessan isin irratti ragaa bahuu irraa of hin dhoksitanu turtan.”
Kana jechuun hojii akka kufrii, shirkii fi badii gurguddaa birootiin gurra, ijaa fi gogaa keessan irraa of dhoksuu hin dandeessan. Gurri, ijji fi gogaan kutaa qaama keessanii waan ta’aniif isaan irraa badii keessan dhoksuu hin dandeessan. Ammas, “gurrii, ijji fi gogaan keenya nurratti ragaa bahu” jettanii sodaachuun badii hojjachuu hin dhiistan.

Kaafirranii fi warri badii hojjatan yeroo garii badii hojjachuuf namoota biroo irraa of dhoksu. Garuu gurrii, ijji fi gogaan keenya nurratti ragaa bahu” jedhanii sodaachuun kutaalee qaamaa kanniin irraa of dhoksuu hin danda’an. Wantoonni kunniin kutaalee qaama namaa waan ta’aniif irraa of dhoksuun hin danda’amu. Akkasumas, Guyyoota keessaa guyyaa tokko gurri, ijji fi gogaan isaanii isaan irratti akka ragaa bahan hin amanan. Sababni isaas, du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef.

“Garuu Rabbiin wanta hojjattan baay’ee kan hin beekne ta’uu yaaddan.”
Rabbiin wantoota isin hojjattan irraa baay’ee isaa kan hin beekne gootanii yaaddan. Kuni yaada badaa Rabbiif qabaniidha. Yommuu badii isaanii namoota irraa dhoksan, “Rabbiin irraayis ni dhoksina, wanta nuti addattii fi dhoksaatti hojjannu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin beeku.” jedhanii yaadan.

“Suni yaadaa keessan kan isin Gooftaa keessan ilaalchise yaaddantu isin balleesse. Kanaafu, warra kasaaran keessaa taatan.”
Yaanni isin addunyaa irratti “Rabbiin wanta nuti hojjannu baay’ee hin beeku” jettanii yaaddantu isin balleesse. Kana jechuun yaanni badaan keessan kuni sulula badii, yakkaa fi kufriitti isin kuffise. “Kanaafu, warra kasaaran keessaa taatan.”  Kasaaraan faallaa bu’aa buufachuuti. Namoonni kunniin waan kafaraniif, du’aan booda kaafamutti waan hin amannee fi badii gurguddaa hojjataniif, Guyyaa Qiyaamaa Jannata dhabuun ibiddatti kufu. Dhugumatti kuni kasaaraa guddaadha. Kasaaraa isaanii akkana jechuun ibsa:

“Yoo obsaniis ibiddi teessoo isaaniiti. Yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefaman irraayyi miti.” Suuratu Fussilat 41:24

Kaafironni diinota Rabbii ta’an qorannoo isaanii booda murtiin Rabbiin Jahannamiin akka seenan isaan irratti dabarse hojii irra akka oolu eeggatu. Yeroo kanatti dhimmoota lama jidduutti ta’u:
Takkaa murtii Rabbiin azza wa jalla isaan irratti dabarsee obsaan fudhachuudha.
“Yoo obsaniis ibiddi teessoo isaaniiti.” Kana jechuun abdi kutanii, gaabbanii fi obsanii yoo cal’isan, ibidda iddoo turtii fi qubannaa zalaalamiif keessa turaniidha.

Takkaa immoo tawbaa fi gaabbi isaanii labsuun kufrii fi yakka isaanitiif Rabbiin akka isaaniif araaramu kadhachuudha. Garuu isaan jireenya qormaataa osoo hin ta’in jireenya jazaa keessa waan jiraniif kuni isaan irraa hin fuudhamu (hin qeebalamu). Kana jechi Rabbii olta’aa ni agarsiisa: “Yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefaman irraayyi miti.” kana jechuun osoo waqqasaa fi adabbii badii isaanitiif malu isaan irratti murteefame akka isaan irraa kaasuuf Rabbiin kadhatanii, isaan warra Rabbiin kadhaa kana irraa fuudhu keessaa miti. Sababni isaas, isaan diinota Rabbiiti. Jireenya qormaataa keessatti Isatti kan kafaranii fi Ergamtoota Isaa kan kijibsiisan turan.[7]

Hima “Yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefaman irraayyi miti.” ilaalchise mufassiroonni ibsa dabalataa walitti dhiyaatu haala kanaan kennanii jiru:
-Osoo Rabbiin gammachiisuu fi sababoota dhiyeefachuuf yaalanii, homtu isaan irraa hin fuudhamu.
– Hojii gaggaarii hojjachuuf addunyatti deebi’uuf osoo kadhatanii, kadhaan kuni isaan irraa hin fuudhamu (hin qeebalamu).[8] Namni addunyaa keessa osoo jiruu Rabbiin gammachiisuuf yoo carraaqe fi sababoota dhiyeefachuun araarama yoo Isa kadhate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isatti gammada, ni araaramaaf. Garuu Guyyaan Qiyaamaa yeroo jazaa waan ta’eef Isa gammachiisuf carraaqu fi sababoota dhiyeefachuun nama hin fayyadu.


Kitaabban wabii
1] Ma’aariju tafakkuri-2/484-485[2] Ma’aariju tafakkuri-2/485[3] https://www.englishtafsir.com/Quran/75/index.html#sdfootnote10sym[4] Ma’aariju tafakkuri-2/486[5] Madda olii[6] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-14/505-506[7] Ma’aariju tafakkuri-12/490-494, akkasumas, hamma ta’e Tafsiiru Qur’aanil kariim-Tafsiiru Suuratu Fussilat, Ibn Useymiin, fuula-119-120, 123[8] Tafsiiru Ibn Kasiir-6/522

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 3
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply