Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Tarii yommuu namni du’ee reeffa isaa awwaalle deebinu, gaafin kuni sammuu keenya keessa yaa’un hin oolu, “Namni du’e kuni garamitti oofamaa? Du’ee achumaan biyyee ta’ee ni hafaa?” Eeti, kuni gaafi baay’ee barbaachisa namni deebii quubsa itti barbaadachuu qabuudha. Gaafi kanaaf deebii quubsaa suuratu Al-Qiyaamaa gara dhumaatti ni arganna. Mee har’a suuratu al-Qiyaamah irraa ibsa keeyyattoota muraasaa haa ilaallu:

(22)-Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu. (23)-Gara Gooftaa isaanii ilaalu. (24)-Fuulli [gariin] immoo Guyyaa san ni sunturu. (25)-Balaa guddaa isaanitti raawwatamu yaadu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:22-25

Darsi kana keessatti Guyyaa Qiyaamaa haala namootaa mul’isa. Guyyaa Qiyaamaa fuulli namootaa bakka lamatti ramadamu:
Ramaddi 1ffaan: Fuula mu’mintootaa (warra dhugaan amananii) ifuu fi gara Gooftaa isaanii ilaalaniidha.
Ramaddi 2ffaan:  Fuula kaafirotaa sunturaa, dukkanaa’a ta’ee fi azaaba (adabbii) Rabbii sodaataniidha.
Namni gubbaa irraa namoota ilaaluf iddoo walitti qabamaa yoo ilaale danda’e, ramaddi fuula lamaan kana ni arga.

Mallattoon fuula mu’mintootaa, fuulli isaanii ni ifa, gara Gooftaa isaanii ilaalu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu.”  Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa fuulli mu’mintootaa ni ifa, ni cululuqa, gammachuu fi bareedinni irraa mul’ata. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah biraa keessatti jedhe:

Fuulli [gariin] guyyaa san (Guyyaa Qiyaamaa) ni ifu. Kan kolfanii fi gammadaniidha” Suuratu Abasa 80:38-39

Ibidda jalaa nagaha bahuu fi Jannata qananiitiin milkaa’u isaanitiif kolfanii garmalee gammadu. Fuulli isaanii gammachuu fi qananiin ifa.

“Gara Gooftaa isaanii ilaalu” Kana jechuun Aakhiratti mu’mintoonni (warri dhagaan amanan) Rabbii olta’aa ija isaaniitiin ni arguu. Kana ilaalchisee hadiisonni sahiih ta’an Ergamaa Rabbii (SAW) irraa dhufanii jiru. Mee isaan keessaa muraasaa haa eerru:
Abu Hureyraan akka gabaasetti, namoonni akkana jechuun Nabiyyii (SAW) gaafatan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Guyyaa Qiyaamaa Rabbii keenya ni ilaallaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Ji’a yommuu guutuu ta’uu ilaaluuf ni rakkattuu?” Namoonnis ni jedhan, “Lakki Yaa Ergamaa Rabbii (SAW).” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: “Aduu duumessi ishii gadi hin jirre ilaaluuf ni rakkattuu?” Namoonnis ni jedhan: “Lakkii! Yaa Ergamaa Rabbii.” Nabiyyinis ni jedhan, “Dhugumatti akkuma san isin Isa ilaaltu.” (Sahiih Al-Bukhaari 7437, Sahiih Muslim 182)

Ammas, hadiisa biraa keessatti:
Jariir ibn Abdullah akkana jechuun gabaase: Gaafa tokko osoo Ergamaa Rabbii (SAW) bira teenyu gara ji’a (baatii) guutuu ta’ee ilaalee akkana jedhe: “Dhugumatti isin akkuma ji’a kana ilaaltan Rabbii keessan ni ilaaltu. Isa ilaalu keessatti hin rakkattan.Sahiih Al-Bukhaari 374, Sahiih Muslim 633

Aakhiratti Rabbii olta’aa ilaaluun qananii hundarra guddaa warri Jannataa argatuudha. Guyyaa Qiyaamaa kaafirran immoo Rabbii olta’aa arguu irraa ni haguuggamu:

83:15

Haa dhorgaman! Dhugumatti isaan Guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguuggamoodha.” Suuratu Al-Muxafiffiin 83:15

Haa dhorgaman!” kana jechuun dhimmi akka warri Guyyaa Murtii kijibsiisan jedhanii miti. Namoonni kunniin Rabbiin biratti sadarkaa qabna jechuun odeessu. Dhimmi akka isaan jedhan kanaa miti. Isaan Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa isaanii ilaalu irraa ni haguuggamu.[1] Akkuma isaan addunyaa irratti qalbii isaanii Rabbii olta’aatti amanuu fi Isaaf ajajamu irraa haguugan, Guyyaa Qiyaamaas Isa ilaalu irraa ni haguuggamu.

Guyyaa Qiyaamaa mallattoon fuula kaafirtoota immoo sunturuu, gurraachaa’u fi sodaachudha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
“Fuulli [gariin] immoo Guyyaa san ni sunturu. Balaa guddaa isaanitti raawwatamu yaadu.”
Baasirah jechuun fuulli guuramu, sunturuu, dukkanaa’u fi gurraacha’udha. Akka lugaatti ni jedhama: “Basara rajulu.” Kana jechuun wanta tokko garmalee jibbuu irraa kan ka’e “namtichi fuula guure, fuulli isaa dukkanaa’e, sunture.”[2]

Hiika kana Qur’aanni bakka biraatti haala kanaan ifa nuuf godha:

Fuulli [gariin] immoo Guyyaa san dhukkeetu irra jira. Gurraachinni isaan haguuga. Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessaa guddaa hojjataniidha.” Suuratu Abasa 80:41-42

“Balaa guddaa isaanitti raawwatamu yaadu.” Kana jechuun Kaafirran Guyyaa Qiyaamaa iddoo wal gahii osoo jiranuu balaa fi sharrii guddaa, adabbii laalessaa isaanitti akka hojjatamu ni yaadu. Sababni isaas, kufriii fi badii gurguddaa addunyaa keessatti hojjataa turan sirritti beeku.[3] Adabbii ibiddaa guddaa san waan arganiif fuulli isaanii jijjiramee suntura.

Rabbiin subhaanahu rahmataa fi tola Isaatiin Guyyaa san warra fuulli isaanii ifuu fi gara Isaa ilaalan keessaa nu haa taasisu. Warra fuulli isaanii dukkanaa’u fi adabbiin guddaan isaanitti bu’u ta’uu irraa nu haa baraaru. 

Amma itti aanse du’a tarkaanfi jalqabaa ta’e kan gara dhimmoota armaan oliitti nama geessu ilaalchise dubbata:

“(26)-Kallaa! Yeroo [lubbuun bahuuf] at-taraaqiya geesse. (27)-[Yeroo], “Eenyutu isa fayyisaa?” jedhame. (28)-Inni (Namni du’uu hedu) ‘kuni addaan bahiinsa’ ta’uu ni yaada. (29)-[Yeroo] mogoleen mogoletti maxxante. (30)-Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiti.” (Suuratu Al-Qiyaamah 75:26-30)

Aayaata tannin keessatti, oofaminsi gara guutumaan guututti baduu osoo hin ta’in gara murtii Gooftaa isaa akka ta’e itti beeksiisuu waliin haala namaa yeroo du’uu ibsa. Ruuhin qaama irraa addaan bahuun duuti namatti dhufuu jechuun guutumaan guututti badiinsa jechuu miti. Kana irra, duuti namatti dhufuu jechuun marsaa jireenyaa tokko irraa gara marsaa biraatti darbuudha. Kunis, marsaa jireenya addunyaa irraa gara marsaa jireenya barzakhatti darbuudha. Barzakha jechuun wanta du’aa fi kaafama jidduu jiruudha. Namni erga du’ee hanga kaafamu barzakha keessa tura.

Gareen keeyyattoota kunniin “Kallaa!” jechuun jalqabu. Arabiffa keessatti, jechi “kallaa” jedhu hiika baay’ee qaba. Hiika kallaa keessaa, “Dhorgamaa” jechuun yoo fudhanne, hiikni aayah “Kallaa! Yeroo [lubbuun bahuuf] at-taraaqiya geesse”: Yaa ilma Aadam! Wanta Ani sitti beeksise yeroo du’aa kijibsiisu hin dandeessu. Kana irra, [yeroo du’aa] wanta ija keetin argitu ta’a.[4]

At-taraaqiya (التراقى) jecha heddumminna (plural) kan agarsiisu yommuu ta’u, tokkeen (singular) isaa tarquwata (ترقوة) ta’a. At-taraaqiya ykn tarquwata jechuun lafee ceeku fi hundee mormaa wal qabsiiftudha. Ingiliffaan Collarbones ykn clavicles jedhama. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama.

Hiika “kallaa” jedhu “dhugumatti” jedhuun yoo fudhannee immoo, hiikni aayah: “Kallaa, yeroo [lubbuun bahuuf] at-taraaqiya geesse”: Dhugumatti yommuu nafseen at-taraaqiya [yookiin kokkee] geesse, oofamiinsi gara Rabbiiti.[5]

Suurah biraa keessatti ibsa biraatin akkana jechuun du’a namaa ibsa:

56:83

Yeroo [nafseen] kokkee geessu,[maaliif hin deebifnee?]” SuuratuAl-Waaqi’a 56:83
Ruuhin at-taraaqiya yookiin kokkee gahuun kan agarsiisu, ruuhi butuun ykn luqqisuun fiixee fagoo qaamaa irraa jalqabuun gara olii ol deema. Jalqaba irratti miilli ykn lukti ni qorriti. Ergasii itti aanse wanti ishii ol jiru qorruu fi ligidaa’u itti fufa.

[Yeroo], “Eenyutu isa fayyisaa?” jedhame.
Kana jechuun warri nama du’uu heduu fi hiriyyoonni isaa ni jedhu:” eenyutu isa fayyisee du’a irraa isa baraaraa? Doktorri ykn ogeessi fayyaa isa fayyisu jiraa?” Ogeessa fayyaa barbaadanii ajaja Rabbii isatti bu’e irraa isa eegu hin dandeenye.[6]

Akka waan akkana jedhameeti: Umriin isaaf murteefame dhumatee jira. Nama jaallattan irratti balaan du’aa bu’e. Marsaan barzakha jalqabame. Barzakha kana duuba immoo qorannoo, murtii fi jazaaf kaafamutu jira.

“Inni (Namni du’uu hedu) ‘kuni addaan bahiinsa’ ta’uu ni yaada.”
Kana jechuun namni lubbuun isaa bahuuf kokkee geesse dhimmi isarratti bu’e addunyaa irraa addaan bahuu, maatii, qabeenya, ijoollee isaati fi wantoota biroo inni jaallatu irraa addaan bahuu akka ta’e ni yaada.[7] Jecha gabaabaan, namni duuti isatti dhuftee lubbuun kokkee geesse, addunyaa, maatii, qabeenyaa fi ijoollee irraa addaan bahaa akka jiru ni mirkaneefata.

 “[Yeroo] mogoleen mogoleetti maxxante.” Aayah tana ilaalchisee mufassiroonni ibsa lama itti kennanii jiru:
1ffaa-Namni kuni yeroo du’u, mogoleen mogoletti maxxanti. Keefanamee uffataan marama.[8]
2ffaa-Rakkoon rakkoo irratti, balaan balaa irratti, ciminni ciminna irratti maxxane. Kana jechuun rakkoon, balaa fi ciminni addunyaa fi rakkoon, balaa fi ciminni jalqaba Aakhirah nama du’aa jiru kanarratti wal qunnamu. Rakkoon, balaa fi ciminni addunyaa: qananii fi maatii isaa hunda irraa addaan bahuu, ruuhin isaa yommuu baatu garmalee cinqamuudha. Rakkoon, balaa fi ciminni jalqaba Aakhirah immoo: namni du’u kuni kaafira ykn badii gurguddaa kan hojjatu yoo ta’e, Malaykoota azaabatin qabamee gara Aakhiraatti fudhatamuudha.[9]

Araboonni dhimmaa fi balaa garmalee ulfaata ta’e ibsuuf jecha “saaq (mogolee)” jedhu fayyadamu. Fkn, Qaamatil harbu ala saaqi (Lolli mogolee irra dhaabbate). Kana jechuun lolli ykn wal waraanuun garmalee cime. 

Namni nama du’e san arguu, haala nama du’e kanaa fi mogooleen isaa walitti maxxante ilaalchisee akkana jechuun gaafachuu danda’a: Namni du’e kuni gara eessaatti oofamaa? Sila gara guutumaan guututti baduu moo gara qorannoo, murtii fi jazaa Rabbiitti oofamaa?” Gaafi kanaaf deebiin Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) akkana jechuun dhufe:

“Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiti.”
Oofamiinsa jechuun wanta tokko gara fuunduraatti akka deemu gochuu, gahuumsa akka gahuu oofudha.
Qaamni gara Murtii Rabbiitti oofama. Takkaa gara biyyeetti akka deebi’uu ykn jijjiramu taasisa, takkaa immoo akka eeggamu taasisa.
Ruuhin immoo gara Murtii Rabbii iddoo itti turtuutti oofamti.

Kana booda Guyyaa Qiyaamaa kaafamuun gara walitti qabamuutti oofamuutu dhufa. Ergasii gara iddoo qorannoo fi murtiitti oofamudha. Itti aanse gara jazaatti oofamuudha. (Takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam oofamuudha.) Kana hunda keessatti murtiin gara Gooftaa keeti qofaati, Inni shariika hin qabu. Murtii Isaa kan deebisuu fi dhoowwu hin jiru.[10]

Aayah keessatti “Ilaa Rabbika (gara Gooftaa keeti)” jechuun, maqaalee Rabbii keessaa maqaan “Rabb (Gooftaa)” jedhu ni filatame. Kunis dhageefataa ykn dubbisaa gara hiika Gooftummaa Rabbiitti qajeelchuufi. Gooftaan kan uumuu, jiraachisuu, kunuunsu, ajjeessu, kaasu, qoratuu, murtii dabarsuu fi mindeessu ykn adabuudha. Nama dhabama irraa Kan argamsiise, ergasii hanga marsaa guutuu irra gahuu kunuunsu fi jiraachisu ergasii ajjeesu Rabbii olta’aadha. Ammas, Gooftummaa Isaatiin yeroo fedhetti kaasun qoratee takkaa tola Isaatiin nama waan gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf, takkaa immoo nama waan badaa hojjate haqummaa Isaatiin ni adaba. Kanaafu, namni addunyaa tana keessa too’annaa tokko malee kan jiraatu osoo hin ta’in gubbaa irraa Kan isa too’atu, jiraachisu, ajjeesu fi Guyyaa Qiyaamaa isa kaasu akka jiru “Gooftaa kee” jechuun isatti beeksiisa. Aayah armaan olii keessatti gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e ni baranna. Namni erga du’ee badee achumaan kan hafuu osoo hin ta’in, Guyyaa Qiyaamaa kaafamuun gara qorannoo, murtii fi jazaa Gooftaa isaatti oofama. Gooftaan isaa akkuma jalqaba isa uume, qorannoo fi jazaaf lamuu isa deebisuu irratti Danda’aa waan ta’eef.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-24/204[2] Ma’aariju tafakkuri-2/504[3] Madda olii[4] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/438[5] Tafsiiru Qurxubii-21/433[6] Tafsiiru Xabarii-23/512-513[7] Ma’aariju tafakkuri-2/508[8] Maddoota olii[9] Tafsiiru Qurxubii-21/435-436, https://www.englishtafsir.com/Quran/75/index.html#sdfootnote20sym [10] Ma’aariju tafakkuri-2/509

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 6
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply