Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Yeroo darbe haala nama du’ee ilaalle turre. Har’as itti fufuun du’aan dura hojii fi amala nama kaafiraa qorannoo fi jazaatti isa geessu ni ilaalla.

(31)Hin dhugoomsine, hin salaanne. (32)-Garuu kijibsiisee garagalee. (33)-Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme. (34) Badin siif haa ta’u! Ammas badiin! (35)-San boodas badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!” Suuratu Al-Qiyaamah 75:31-35

Aayaata tanniin keessatti haala nama kaafira badii isaa itti fufee fi Guyyyaa murtii dhuma isaa haala gabaaban ibsa. Nama kana irratti murtii dabarsuuf ragaaleen gahaan ni ibsaman. Namni yakka hojjatee yommuu mana murtiitti dhiyaatu, keewwata kamii fi adabbii akkamittiin akka adabamu ni ilaallamaa miti ree? Guyyaa Qiyaamaa murtiin nama kaafiraa kana irratti darbu keewwattoota lama of keessaa qaba:

Keewwata (Article) tokkoffaa:
Keewwanni tuni seera inni cabsee fi badii inni hojjatee ittiin adabamu of keessatti qabatti. Aayaata armaan olii keessaa keewwata tana kan agarsiisu: “Hin dhugoomsine, hin salaanne. Garuu kijibsiisee garagalee. Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme.”

Qorannoo isarratti adeemsifame, wanta kitaabni hojii isaa mirkaneesse, ragaa kutaaleen qaama isaatii fi Malaykoonni kabajamoon dhiyeessan irratti hundaa’e, wantoonni armaan gadii isarratti mirkanaa’anii jiru:

1ffaa-Gooftaa isaa irraa Ergamaan mu’jizaa (raajii) fi mallattoolee ifaatiin gargaarsifamuun isatti dhufee jira. Akkasumas, Ergamaan Qur’aana ragaalee dhugaa eenyullee jalaa dheessu hin dandeenyee of keessatti qabate isatti fidee jira.
-Garuu namni kuni waamicha Rabbii fi Ergamaa Isaatiif hin awwaanne (deebii hin laanne). Waamichi kuni waamicha namni kufrii keessaa gara iimaanatti bahuun qalbiin isaa ittiin jiraattu fi azaaba jalaa nagaha ittiin bahuudha.
-Ammas namni kuni Rasuula (Ergamaa) hin dhugoomsine, Qur’aanaa fi ragaalee of keessatti qabates hin dhugoomsine. Oduu Guyyaa Murtii, du’aan booda kaafamu, qorannoo fi jazaa hin dhugoomsine. (Asitti “hin dhugoomsine” jechuun “hin amanne” jechuudha.)

“Hin dhugoomsine” kana jechuun waamicha amanti haqaa (Islaamaatiif) hin awwaanne,  wanta Ergamaan Rabbii (SAW) fidetti hin amanne. (Qur’aanaa fi Guyyaa Qiyaamaa ilaalchisee odeefannoo Qur’aanni of keessaa qabutti hin amanne.)

2ffaa- Gooftaa isa uumee fi kunuunsuuf, jireenya addunyaa keessatti wanta inni barbaadu hunda kan isaaf dhiyeessu fi laaffiseefif “Hin salaanne.” Isaaf salaatu fi Guddinna Isaatiif gadi jechuun Gooftaa isaa gabbarrii (ibaadaa) shirkii irraa qulqulluu taate hin gabbarre. Mindaa guddaa fi gammachuu zalaalamii argachuuf gabbarrii galataa Gooftaa isaa hin gabbarre. Ammas, adabbii ibidda Jahannam sodaachuun Gooftaa isaa hin gabbarre.

3ffaa-Erga hin dhugoomsinee fi hin salaanne, yoo dhama’ee fi shakkiin isa bira jiraate, gadi dhaabbachuun shakkii kana oofuuf ragaalee hin barbaanne. Kana irra, faallaa kana hordofe. (Takkamaan kijibsiisee garagalee deeme.)

Yaada kamiyyuu ilaalchisee dhaabbata sadiitu jiru, lamaa miti.
1-Dhugoomsu (itti amanuu), 2-Kijibsiisu, 3-osoo hin dhugoomsini fi hin kijibsiisin dhaabbachu (hin dhugoomsanis, hin kijibsiisaniis)

Namni tokko osoo itti hin xinxallin “Yaada” tokko na biratti fudhatama hin qabu jechuun kijibsiisun isarra hin jiru, hanga ragaa qabatamaa fi fudhatama qabu barbaade yaanni kuni soba ta’uu mirkaneessutti malee. Dirqamni isarra jiru, hanga isa biratti takkaa ragaan mirkaneessu madaala kaasu takkaa immoo ragaan dhabamsiisu madaala kaasu mul’atutti dhaabbachuu fi ragaa barbaadudha.

Garuu kaafirri of tuulu, badii hojjatu fi fedhii lubbuu hordofu kuni faallaa wanta Ergamaan Gooftaa isaa ittiin dhufe qabate. Wanta itti amane ilaalchise ragaa Gooftaa isaa biratti akka uzrii (sababaatti) dhiyeefatu osoo isa bira hin jiraatin Ergamaa Gooftaa isaa faallesse.

Kanaafu, Ergamaa Rabbii ni kijibsiise, Qur’aana Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e irraa bu’es ni kijibsiise. Odeefannoo Guyyaa Murtii fi wanta Ergamaan Gooftaa isaa irraa fide hunda ni kijibsiise. Adabbii akeekachiifame akka salphaatti ilaale.

Haala isaa fincilaa kana ilaalchise jechi Rabbii olta’aa ni agarsiisa: “Garuu kijibsiisee garagalee.”
Kuni kan agarsiisu namni kuni gadi dhaabbannaa jiddu-galeessaa gadi dhaabbachuun haqa hin qoranne. Kana irra, faallaa kana hordofuun takkamaan kijibsiise garagalee deeme. Ergaa Gooftaa isaa irraa dhufe yoo shakke dirqamni isarra jiru gadi dhaabbate itti yaadu fi ragaa barbaadudha. Garuu inni kijibsiisee garagalee deeme.

kijibsiisee” kana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) ni kijibsiise, wanta Gooftaa isaa irraa fide hunda akka kijibaatti ilaale.
“Garagalee” haqa irraa wanta isatti dhufe fudhachuu dide, dugdan naanna’uun garagalee deeme, ni fagaate. Amanuu waan dideef, kufrii waan fudhateef, fedhii qullaa fi hasaasa sheyxaanaa waan hordofeef Gooftaa isaa faallessuun garagalee deeme.

4ffaa- Erga kijibsiisee fi garagalee deeme of tuuluun isaa qoma isaa keessa guute. Of jajaa fi boonaa gara maatii fi namoota isaa deeme.
Yatamaxxaa- kana jechuun kan of jajuu, of tuuluu, haqa faallessuu fi mormuu isaatiif of ol guddisu, nafsee fi sammuu isaa kan dinqiisifatu ta’e harka isaa lamaan diriirsa. (Jecha gabaaban yatamaxxaa jechuun of jajuu fi boonudha. Jechi yatamaxxaa jedhu, hundeen isaa “ceem’uu irraa kan ka’e diriirfachuudha.” Namni kuni nama gara haqaatti isa waamu irraa ni ceem’a. Of jajuu irraa kan ka’e akka waan dugda isaa diriirsuu fi micciiruti.)[1]

Keewwata (article) lammaffaa:
Keewwanni tuni immoo adabbii isarratti murteefamu of keessatti qabatti. Kana aayan tunniin lamaan ni agarsiisti: “Badin siif haa ta’u, ammas badiin! San boodas badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!”
Keewwata tokkoffaa keessatti nama kaafiraa fi faajira (badii gurguddaa hojjatu) irratti murteessuuf wanta barbaachisu erga dubbate booda keewwanni lammaffaan jecha ajaa’ibaatiin murtii isatti dabarsuuf ni dhufti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana isaan jedha:

Badiin siif haa ta’u, ammas badiin! San boodas badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!”

Kana jechuun osoo lubbuun jirtuu badiin siif haa ta’u, yommuu duutus badiin siif haa ta’u. San booda Guyyaa kaafamtus badiin siif haa ta’u, yeroo ibidda seentus badiin siif haa ta’u.[2] (Asitti jechi“awlaa” hiika “badii” jedhu qaba.)

Hiikni biraa aayah tanaa: azaaba (adabbii) zalaalamitiin murtiin si irratti mirkanaa’e. Murtii kana hojii irra oolchun sitti dhiyaate.[3] (Asitti jechi “awlaa” jedhu hiika “dhiyaachu” qaba.)

Guduunfaa
Namni kaafirri haqa Gooftaa isaa fudhachuuf fedhii hin qabne, amaloonni fi hojiiwwan armaan gadii irraa mul’atu
✏Qalbiin haqa Gooftaa isaa irraa dhufetti hin amanu.
✏Gooftaa isaatiif gadi hin jedhu. Kana irra,
✏Haqa ni kijibsiisa
✏Osoo haqatti hin xinxalliin takkamaan qaaman garagalee deema. Sababni kanatti isa geesse,
☛Gooftaa isaatiif gadi jechuu fi Ergamaa hordofu irraa of tuuluu, nafsee fi sammuu ofii dinqisiifachu, abboota wallaalummaa fi jallinna irra jiran akkeessudha. Kanaafu, namni yakki armaan olii irratti mirkanaa’e, adabbii Gooftaa isaatiif of saaxila.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii-21/431
[2] Madda olii fuula 439
[3] Ma’aariju tafakkuri-2/511-514 (aayaata tanniin ibsuuf barreefamni baay’een kitaaba kanarraa fudhatame)

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa Dhumaa
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply